Dargaggootaa—Dhiibbaa Hiriyaa Moʼaa
Dargaggootaa—Dhiibbaa Hiriyaa Moʼaa
‘Haasaan keessan akka soogiddaa miyaaʼaa haa taʼu; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun taʼu beekaa!ʼ—QOL. 4:6.
1, 2. Dargaggoonni hedduun warra kaanirraa adda taʼuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? Maaliif?
JECHA “dhiibbaa hiriyaa” jedhu dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin, wanta dhuunfaatti isin mudaterraa jechi kun maal jechuu akka taʼes akka beektan hin shakkisiisu. Tarii yeroo taʼe tokkootti, namni tokko wanta dogoggora akka taʼe beektan akka raawwattan dhiibbaa isinirraan gaʼeera taʼa. Yeroo kanatti maaltu isinitti dhagaʼamee ture? Kiristoofar inni umriinsaa waggaa 14 taʼe, “Yeroo tokko tokko achii baduu ykn ijoolleen wajjin baradhurraa adda taʼuu mannaa akkumasaanii taʼuun barbaada” jedheera.
2 Hiriyoonni keessan dhiibbaa guddaa isinirra geessisuu? Taanaan, maaliif? Isaan biratti fudhatama argachuu waan barbaaddaniif taʼinnaa? Fedhiin akkasii yeroo hundumaa dogoggoradha jechuu miti. Namoonni gaʼeessota taʼanis hiriyootasaanii biratti fudhatama argachuu barbaadu. Dargaggeessas taʼe gaʼeessa, namni kamiyyuu warra kaan biratti fudhatama dhabuu hin barbaadu. Haataʼu malee, wanta sirrii taʼe raawwachuun yeroo hunda warra kaan biratti fudhatama akka nuu hin argamsiisne beekamaadha. Yesusiyyuu haalli akkasii isa mudatee ture. Taʼus yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwateera. Namoonni tokko tokko isa duukaa buʼuudhaan bartootasaa taʼanis, namoonni kaan garuu Ilma Waaqayyoo kan tuffatan taʼuusaanirrayyuu, “homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.”—Isa. 53:3.
Hiriyoota Keessan Fakkaachuuf Dhiibbaan Isinirra Gaʼu Hangam Cimaadha?
3. Ulaagaa hiriyoota keessanii wajjin walsimuun dogoggora kan taʼe maaliifi?
3 Al tokko tokko isaan biratti fudhatama akka hin dhabneef jecha, ulaagaa hiriyoota keessanii wajjin walsimuuf qoramuu dandeessu taʼa. Kun dogoggoradha. Kiristiyaanonni “ijoollee dhaʼaan asii fi achi rukutu” taʼuu hin qaban. (Efe. 4:14) Ijoollee xixinnoon salphaadhumatti dhiibbaa warra kaaniitiif moʼamuu dandaʼu. Haataʼu malee, dargaggoota waan taataniif, gara gaʼeessummaatti deemaa jirtu. Kanaaf, seerawwan buʼuuraa Yihowaa faayidaa keessaniif kan kennaman taʼuusaanii kan amantan yoo taʼe, amantii keessanii wajjin haala walsimuun jiraachuuf itti gaafatamummaan isinirra jira. (Kes. 10:12, 13) Kana gochuu dhiisuun jireenya keessan toʼachuu dhiisuu jechuudha. Dhiibbaa namootaatiif moʼamtan jechuun warri kaan gara barbaadanitti akka isin oofan heyyamtan jechuudha.—2 Phexros 2:19 dubbisi.
4, 5. (a) Aaron dhiibbaa hiriyaatiif kan moʼame akkamitti? Isinoo kanarraa barumsa maalii argachuu dandeessu? (b) Hiriyoonni keessan dhiibbaa isinirratti gochuuf malawwan akkamiitti fayyadamuu dandaʼu?
4 Obboleessa Musee kan taʼe Aaron, yeroo tokko dhiibbaa hiriyaatiif moʼamee ture. Israaʼeloonni waaqa tolfamaa akka isaanii hojjetu yommuu dhiibbaa isarratti godhan, dhiibbaa isaaniitiif moʼameera. Aaron nama sodaataa hin turre. Sanaan dura, Faraʼoon isa mootii moototaa Gibxii taʼe dura yeroo dhaabbatanitti Musee deggeree ture. Yeroo sana Aaron ija jabinaan dubbachuudhaan ergaa Waaqayyoo isatti himeera. Israaʼeloonni sabasaa taʼan yommuu dhiibbaa isarraan geessisan garuu Aaron harka kenne. Dhugumayyuu, dhiibbaan hiriyaa humna guddaa qabachuu dandaʼa! Aaron dhiibbaa hiriyaa moʼuurra, mootii Gibxii dura dhaabbachuun isatti salphatee ture.—Bau. 7:1, 2; 32:1-4.
5 Fakkeenya Aaronirraa hubachuun akka dandaʼamutti, dhiibbaan hiriyaa dargaggoota ykn warra wanta dogoggora taʼe hojjechuuf fedhii qaban qofarra kan gaʼu miti. Dhiibbaan hiriyaa isiniin dabalatee, warra garaa qulqulluudhaan wanta sirrii taʼe hojjechuu barbaadan hundaarra gaʼuu dandaʼa. Hiriyoonni keessan, wanta dogoggora taʼe akka raawwattan isin dirqisiisuuf jecha, isin jajjabeessuu, isin hadheessuu ykn isinitti qoosuu yaalu taʼa. Dhiibbaa hiriyaa kamiyyuu dandaʼuunis taʼe moʼuun ulfaataadha. Dhiibbaa kana akka gaariitti moʼuun wanta barattanirratti amanannaa cimaa qabaachuudhaan jalqaba.
“Of Qoraa!”
6, 7. (a) Wanta barattanirratti amanannaa qabaachuun keessan baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Amanannaa kana cimsachuu kan dandeessanoo akkamitti? (b) Amanannaa keessan cimsachuuf gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandeessu?
6 Dhiibbaa hiriyaa moʼuuf, dura amantiin keessaniifi seerri buʼuuraa ittiin geggeeffamtan sirrii taʼuusaa of amansiisuu qabdu. (2 Qorontos 13:5 dubbisi.) Uumama keessaniin ija laafeyyii yoo taatanillee, amanannaa cimaa qabaachuun keessan ija jabina argachuuf isin gargaara. (2 Xim. 1:7, 8) Namni tokko uumama isaatiin ija jabeessa taʼus, wanta garaa guutuudhaan itti hin amanne tokko deggeruun ykn raawwachuun baayʼee isatti ulfaachuu dandaʼa. Kanaaf, wanti Macaafa Qulqulluu keessaa barattan dhugaa taʼuusaa ofii keessaniif maaliif hin mirkaneeffattan? Barumsawwan buʼuura taʼan qoruudhaan jalqabuu dandeessu. Fakkeenyaaf, Waaqayyo jiraachuusaatti ni amantu; warri kaanis sababii Waaqayyo jira jedhanii amananiif yeroo dubbatan dhageessaniittu. Kanaaf, ‘Waaqayyo jiraachuusaa akkan amanu kan na godhu maalidha?’ jedhaa of gaafadhaa. Kaayyoon gaaffii kanaa, shakkii uumuuf utuu hin taʼin amantii keessan jabeessuufidha. Haaluma wal fakkaatuun, ‘Caaffanni Qulqullaaʼoon hafuura Waaqayyootiin akka barreeffaman beekuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhaa of gaafadhaa. (2 Xim. 3:16) ‘“Guyyoota gara dhumaa” keessa akkan jiru kanan amanu maaliifi?’ (2 Xim. 3:1-5) ‘Seerawwan buʼuuraa Yihowaa kan kennaman faayidaa kootiif akka taʼan akkan amanu kan na godhe maalidha?ʼ—Isa. 48:17, 18.
7 Deebiisaa hin argadhu jettanii sodaachuudhaan gaaffiiwwan akkasii of gaafachuurraa duubatti jettu taʼa. Haataʼu malee, kana gochuun, meeshaan marii konkolaataa keessanii fuuldura jiruufi konkolaataan keessan bobaʼaa qabaachuuf dhiisuusaa argisiisu, bobaʼaan akka “Dhume” argisiisa jettanii sodaachuudhaan garasaa ilaaluu dhiisuu wajjin wal fakkaata. Konkolaaticha keessa bobaʼaan akka hin jirre beekuun keessan waan tokko gochuuf akka kakaatan isin gargaara. Haaluma wal fakkaatuun, amanannaan keessan gama kamiin hirʼuu akka taʼe beekuufi cimsachuuf carraaquun keessan gaariidha.—HoE. 17:11.
8. Abboommii Waaqayyoo isa ogummaarratti hundaaʼeefi halalummaa baqadhaa jedhurratti amanannaa qabdu akkamitti cimsachuu akka dandeessu ibsi.
8 Fakkeenya tokko ilaalaa. Macaafni Qulqulluun, “Halalummaa baqadhaa!” jechuudhaan isin jajjabeessa. ‘Abboommii kana hordofuunkoo ogummaa kan taʼe maaliifi?’ jedhaa of gaafadhaa. Sababiiwwan hiriyoonni keessan gocha akkasiirratti itti hirmaatan hunda yaadaa. Sababiiwwan garagaraa namni ejja raawwatu tokko, ‘dhagna isaatti cubbuu kan hojjetu’ maaliif akka taʼe argisiisanirrattis yaadaa. (1 Qor. 6:18) Achiis sababiiwwan kanarratti yaaduudhaan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Karaa isa kam hordofuutu hunda caalaa gaariidha? Saalqunnamtii seeraan ala taʼe raawwachuun dhugumaan sirriidhaa?’ Dhimma kanarratti dabalataan gad fageenyaan yaaduudhaan, ‘Saalqunnamtii seeraan ala taʼe yoon raawwadhe maaltu natti dhagaʼamuu dandaʼa?’ jedhaa of gaafadhaa. Hiriyoota keessan tokko tokko biratti fudhatama argachuu dandeessu; haataʼu malee, sana booda yommuu warra keessanii wajjin taatan ykn Kiristiyaanota hidhata keessan taʼanii wajjin Galma Mootummaatti argamtan maaltu isinitti dhagaʼama? Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuu yommuu yaaltan maaltu isinitti dhagaʼamuu dandaʼa? Hiriyoota mana barumsaa keessan gammachiisuuf qofa jettanii, ejjennoo gaarii Waaqayyoo duratti qabdan dhabuu barbaadduu?
9, 10. Wanta barattanirratti amanannaa cimaa qabaachuun keessan, yommuu hiriyoota keessanii wajjin taatan caalaatti ofitti amanuuf kan isin gargaaru akkamitti?
9 Umrii dargaggummaarratti kan argamtan yoo taatan, yeroo hubannaan keessan isa duraa caalaa itti guddachaa jiru keessatti argamtu. (Roomaa 12:1, 2 dubbisi.) Yeroo kana Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuu jechuun, isiniif dhuunfaatti hiika maalii akka qabu gad fageenyaan yaaduuf itti fayyadamaa. Akkasitti xiinxaluun keessan wanta barattanirratti amanannaa cimaa qabaachuuf isin gargaara. Akkas kan gootan taanaan, yommuu dhiibbaan hiriyaa isin mudatu, yeruma sana garaa guutuudhaan deebii kennuu dandeessu. Isinis akkuma shamarree Kiristiyaana, “Dhiibbaa hiriyaa yommuun moʼu, warri kaan eenyummaakoo akka beekan gochaan jira. Amantiikoo kanan hordofu maqumaaf miti. Yaanni, kaayyoon, amalliifi guutummaan jireenyakoo amantii koorratti kan hundaaʼedha” jette tokkoo isinitti dhagaʼamuu dandaʼa.
10 Eeyyee, wanta sirrii akka taʼe beektan cina jabaattanii dhaabachuun carraaqqii gaafata. (Luq. 13:24) Carraaqqii gochuun hamma kana barbaachisaadhaa? jettanii gaafattu taʼa. Haataʼu malee kana yaadadhaa: Ejjennoo keessanitti akka qaanoftan yoo argisiistan, warri kaan kana waan hubataniif dhiibbaa dabalataa isinirraan geessisuu dandaʼu. Amanannaa cimaa akka qabdan karaa argisiisuun yoo dubbattan garuu, hiriyoonni keessan yeruma sana dhiibbaa isinirratti gochuurraa of qusachuunsaanii isin dinqisiisuu dandaʼa.—Luqaas 4:12, 13 waliin ilaali.
‘Deebii Kennuu Dura Irratti Yaaduu’
11. Dhiibbaa hiriyaa moʼuuf qophaaʼuun faayidaa maalii qaba?
11 Tarkaanfii barbaachisaan dhiibbaa hiriyaa moʼuuf gargaaru kan biraanimmoo of qopheessuu jechuudha. (Fakkeenya 15:28 dubbisi.) Of qopheessuu jechuun haalawwan akkamii uumamuu akka dandaʼan dursanii yaaduu jechuudha. Yeroo tokko tokko haala uumamuu dandaʼuuf dursanii qophaaʼuun rakkoo guddaa hambisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, fuuldura keessanii ijoolleen wajjin barattan dhaabatanii sijaaraa utuu xuuxaa jiranii argitan haa jennu. Carraan isaan sijaaraa isin afeeruuf qaban hangamidha? Rakkoo gaʼuu dandaʼu dursitanii yaaduudhaan maal gochuu dandeessu? Fakkeenyi 22:3, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata” jedha. Isaanirraa gortanii karaa gara biraarra deemuudhaan guutummaatti isaanirraa fagaachuu dandeessu. Kana gochuun sodaachuu utuu hin taʼin, ogummaa kan argisiisudha.
12. Yeroo dhiibbaan hiriyaa isinirra gaʼu haala akkamiitiin deebisuutu gaariidha?
12 Haala olitti ibsame hambisuu kan hin dandeenye yoo taʼehoo maal gochuu qabdu? Hiriyaan keessan tokko ajaaʼibsiifachuudhaan, “Hamma ammaatti saalqunnamtii raawwattee hin beektuu?” jedhee isin gaafate haa jennu. Yeroo kanatti gorsa Qolosaayis 4:6rra jiruufi “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaaʼaa haa taʼu; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun taʼu beekaa!” jedhu hordofuun murteessaadha. Caqasni kun akka ibsutti akkaataan isin gaaffiiwwan akkasiitiif deebii itti kennitan, haalawwan isin mudatanirratti kan hundaaʼedha. Waaʼee Macaafa Qulqulluu ibsa dheeraa kennuun isin hin barbaachisu taʼa. Deebiin cimaafi gabaabaa taʼe gaʼaa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, gaaffii saalqunnamtii raawwattee hin beektuu jedhuuf salphaadhumatti, “Eeyyee, hin beeku” ykn “Kun dhimma dhuunfaati” jechuu dandeessu.
13. Ceephoo hiriyaa tokkorraa namarra gaʼuuf deebii kennuuf, hubannaan gaʼee maalii qabaachuu dandaʼa?
13 Yesus, yeroo waan baayʼee dubbachuun faayidaa akka hin qabne isatti dhagaʼamutti, yeroo baayʼee deebii gabaabaa kenna ture. Yesus yommuu Herodis gaaffii isa gaafate, waan tokkollee hin dubbanne. (Luq. 23:8, 9) Yeroo baayʼee gaaffiiwwan yeellaasisaa taʼaniif deebii kennuu dhiisuun gaariidha. (Fak. 26:4; Lal. 3:1, 7) Karaa biraammoo, fakkeenyaaf namni tokko jalqabarratti tarii waaʼee saalqunnamtii kan isinitti qoose taʼuyyuu, dhugumaan waaʼee amantii keessanii beekuuf akka isin gaafate hubachuu dandeessu. (1 Phe. 4:4) Yeroo kanatti, ejjennoo keessan isa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe caalaatti ibsuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Akkas taanaan, sodaattanii dubbatti hin jedhinaa. “Deebii gaʼu deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaaʼoo taʼaa!”—1 Phe. 3:15.
14. Haala tokko tokko keessatti dhiibbaa hiriyaa malaan garasaaniitti deebisuu kan dandeessan akkamitti?
14 Haalawwan tokko tokko keessatti, dhiibbaa hiriyoonni keessan isinirraan gaʼan gara isaaniitti deebisuu dandeessu. Haataʼu malee, yeroo kana gootan mala qabeeyyii taʼuuf yaaluu qabdu. Fakkeenyaaf, mucaan wajjin barattan tokko sijaaraa akka xuuxxan yoo isin dirqisiise, “Galatoomi, hin xuuxu”; achiis, “Atiyyuu xuuxuunkee gaaffii natti uumeera!” jechuu dandeessu. Dhiibbaa hiriyoonni keessan isinirraan geessisan gara isaanitti deebisuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe hubattanii? Hiriyaan keessan isin maaliif akka hin xuuxne gaafachuu mannaa, ofiisaatii maaliif akka xuuxuu yaaduuf akka dirqamu gochuu dandeessu.
15. Hiriyoota dhiibbaa isinirratti gochuu yaalan dhiistanii adeemuun sirrii kan taʼu yoomi? Maaliif?
15 Carraaqqii gootaniyyuu dhiibbaan hiriyoonni keessan isinirraan geessisan yoo ittuma fufe maal gochuu qabdu? Yeroo kanatti dhiistanii Fak. 27:11.
adeemuun baayʼee gaariidha. Isaan bira baayʼee kan turtan taanaan, carraan karaa taʼe tokkoon ejjennoo keessan laaffisuuf qabdan balʼaa taʼa. Kanaaf, iddoo sana dhiisaa adeemaa. Kana gochuu keessanitti akka moʼamtan isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, haala sana toʼannaa jala oolchitaniittu. Hiriyoonni keessan gara barbaadanitti akka isin oofan kan hin heyyamne taʼuusaarrayyuu, garaa Yihowaa ciibsitaniittu.—‘Karooraa Buʼaa Argamsiisu’ Baafadhaa
16. Dargaggoonni Kiristiyaana ofiin jedhan tokko tokko dhiibbaa namarraan geessisuu kan dandaʼan akkamitti?
16 Yeroo tokko tokko gochawwan gadhee akka raawwattan dhiibbaan kan isinirra gaʼu dargaggoota tajaajiltoota Yihowaa ofiin jedhanirraa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, afeerrii namni akkasii qopheesserratti erga argamtanii booda, namni gaʼumsa qabuufi haalasaa toʼatu akka hin jirre yoo hubattan maal gochuu dandeessu? Yookiinimmoo, dargaggeessi Kiristiyaana ofiin jedhu tokko dhugaatii alkoolii bakka afeerrii sana kan fideefi isinis taatan warri achitti argaman kaan dhuguuf umriin keessan kan isinii hin heyyamne yoo taʼehoo? Haalawwan hedduun yaada garaa keessan isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame akka hordoftan isin dirqisiisan uumamuu dandaʼu. Kiristiyaanni umrii waggoota kurnanii keessatti argamtu tokko akkas jetteetti: “Aniifi obboleettiinkoo fiilmii dubbii yeellaasisaa hedduu of keessaa qabu ilaaluu dhiisnee baane. Warri tuuta sana keessa turan kaan garuu achuma turuuf murteessan. Warri keenya akkas gochuu keenyatti nu galateeffataniiru. Warri tuuta sana keessa turan kaan garuu maqaa gadhee akka qabaatan waan isaan gooneef nutti aaran.”
17. Afeerrii tokkorratti yommuu argamtan, seeraa buʼuuraa Waaqayyoo wajjin haala walsimuun tarkaanfii akkamii fudhachuu dandeessu?
17 Muuxannoon olitti ibsame akka argisiisutti, yaada garaa keessan isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame hordofuun, haala rakkisaa keessa isin galchuu dandaʼa. Haataʼu malee, wanta sirrii akka taʼe amantan raawwadhaa. Qophaaʼoo taʼaa. Afeerrii tokkorratti argamuuf yeroo jettan, haallisaa akka isin eegdan yoo taʼuu baate dhiistanii adeemuuf karoorfadhaa. Dargaggoonni tokko tokko dafanii gara manaatti deebiʼuuf warrisaanii dhufanii akka isaan fudhatan akka bilbilaaniif walii galaniiru. (Far. 26:4, 5) ‘Karoorri akkasii buʼaa argamsiisa.ʼ—Fak. 21:5, NW.
“Dargaggummaa Keetti Gammadi!”
18, 19. (a) Yihowaan akka gammaddan kan barbaadu taʼuusaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeessan maaliifi? (b) Waaqayyo warra dhiibbaa hiriyaa moʼan ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?
18 Yihowaan jireenyatti akka gammaddan godhee kan isin uume taʼuusaarrayyuu, gammachuu akka argattan barbaada. (Lallaba 11:9 dubbisi.) Wanti hiriyoonni keessan argatan, ‘yeroo gabaabaadhaaf cubbuutti gammaduu’ qofa akka taʼe yaadadhaa. (Ibr. 11:25) Waaqni dhugaan wanta kana caalu akka argattan barbaada. Inni barabaraaf gammadoo akka taatan barbaada. Kanaaf, wanta Waaqayyo duratti gadhee taʼuusaa beektan tokko akka raawwattan qorumsi yoo isin mudate, yeroo hunda wanti Yihowaan akka raawwattan isinirraa eegu haa turuyyuu malee, faayidaa akka isiniif argamsiisu yaadadhaa.
19 Dargaggummaa keessanitti hiriyoota keessan biratti fudhatama yoo argattanillee, yeroo booda isaan keessaa baayʼeensaanii maqaa keessanillee akka hin yaadanne hubachuun keessan barbaachisaadha. Faallaa kanaatiinimmoo, dhiibbaa hiriyaa yommuu mootan, Yihowaan waan ilaaluuf isiniinis taʼe amanamummaa keessaan matumaa hin irraanfatu. Inni, ‘ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti ni dhangalaasa!’ (Mil. 3:10) Kana malees, hirʼina yeroo ammaa qabaachuu dandeessan kamiyyuu isinii guutuuf, hafuura qulqulluu arjummaadhaan isinii kenna. Eeyyee, Yihowaan dhiibbaa hiriyaa akka mootan isin gargaaruu dandaʼa.
Ni Yaadattaa?
• Dhiibbaan hiriyaa humna akkamii qabachuu dandaʼa?
• Wanta baratanirratti amanannaa cimaa qabaachuun dhiibbaa hiriyaa moʼuurratti gaʼee maalii qaba?
• Dhiibbaa hiriyaa moʼuuf qophaaʼuu kan dandeessan akkamitti?
• Yihowaan amanamummaa keessaniif bakka guddaa akka kennu akkamitti beekuu dandeessu?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Aaron dibicha warqee tolchuuf kan walii gale maaliif ture?
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Yeroo hunda of qopheessuudhaan, maal akka jettu dursii murteessi