Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa—Jireenya Keessaniin Maal Gochuu Yaaddu?

Dargaggootaa—Jireenya Keessaniin Maal Gochuu Yaaddu?

Dargaggootaa—Jireenya Keessaniin Maal Gochuu Yaaddu?

“Abootuun koos akka nama akeeka isaa dhabee qilleensa rukutuu hin taʼu.” —1 QOR. 9:26.

1, 2. Gara gaʼeessummaatti guddachaa yeroo deemtan milkaaʼina argachuuf maal qabaachuutu isin barbaachisa?

BAKKA kanaan dura hin beekne deemuu yommuu yaaddan, kaartaafi koompaasii qabachuun keessan hin oolu. Kaartaan bakka amma jirtan adda baastanii beekuufi karaa sirrii irra deemuu qabdan filachuuf, koompaasiinimmoo, karaan irra jirtan sirrii taʼuusaa mirkaneessuuf isin gargaara. Haataʼu malee, bakka adeemaa jirtan hin beektan taanaan, kaartaanis taʼe koompaasiin faayidaa tokkoyyuu hin qabu. Kaayyoo tokko malee asiifi achi jooruurraa ooluuf, eessa akka deemtan sirriitti beekuun isin barbaachisa.

2 Haalli yommuu gara gaʼeessummaatti guddachaa adeemtan isin mudatus kanaa wajjin wal fakkaata. Kaartaafi koompaasii amansiisaa taʼe qabdu. Macaafni Qulqulluun kaartaa karaa kam filachuu akka qabdan beekuuf isin gargaaruu dandaʼudha. (Fak. 3:5, 6) Yaanni garaa keessaniis sirriitti yoo leenjifame, karaa sirrii taʼerra adeemuu keessan akka itti fuftaniif gargaarsa guddaa isinii gochuu dandaʼa. (Rom. 2:15) Akka koompaasiitti isin gargaaruu dandaʼa. Jireenya keessan keessatti milkaaʼina argachuuf garuu, eessa akka deemtan beekuunis isin barbaachisa. Galmawwan ifaafi qabatamaa taʼan qabaachuun isin barbaachisa.

3. Phaawulos 1 Qorontos 9:26⁠rratti galma qabaachuun faayidaa akkamii akka qabu dubbateera?

3 Phaawulos ergamaan faayidaa galma baafachuufi galma kanarra gaʼuuf carraaquun qabu yommuu ibsu, “Akkuma kanatti akeeka koo bira gaʼuudhaaf nan fiiga; abootuun koos akka nama akeeka isaa dhabee qilleensa rukutuu hin taʼu” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 9:26) Galma kan qabdan yoo taʼe, fiigdanii eessa akka geessan beektu jechuudha. Yeroo dhihootti, waaqeffannaa, hojii, gaaʼelaafi maatii dabalatee murtoowwan gurguddaa gochuu isin barbaachisa. Al tokko tokko, filannaan nama burjaajessu hedduun akka isinii dhihaate isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haataʼu malee, dhugaafi seera buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessa jirurratti hundaaʼuudhaan maal akka gootan dursitanii yoo yaaddan, kallattii dogoggoraarra deemuuf hin qoramtan.—2 Xim. 4:4, 5.

4, 5. (a) Ofii keessaniif galma kan hin baafanne yoo taʼe maaltu uumamuu dandaʼa? (b) Filannoon gootan fedhii Waaqayyoon gammachiisuuf qabdanirratti hundaaʼuu kan qabu maaliifi?

4 Isin ofii keessanii galma baafattan hin qabdan taanaan, hiriyoonniifi barsiisonni keessan wanta ofiisaaniitii sirrii akka taʼe yaadan akka raawwattan dhiibbaa isinirratti gochuunsaanii hin oolu. Galma ifa taʼe yoo qabaattanis, namoonni tokko tokko filannoosaanii akka fudhattan akka isin jajjabeessan beekamaadha. Gorsa isaan isinii kennan yommuu dhaggeeffattan, ‘Galmi isaan caqasan kun, yeroo dargaggummaa kootti Uumaakoo akkan yaadadhu na godhamoo, kana gochuurraa duubatti akkan jedhu na godha?’ jedhaa of gaafadhaa.—Lallaba 12:1 dubbisi.

5 Filannoon jireenya keessan keessatti gootan fedhii Waaqayyoon gammachiisuuf qabdanirratti kan hundaaʼe taʼuu kan qabu maaliifi? Sababiin inni tokko waan gaarii qabnu hunda kan nuu kenne Yihowaa waan taʼeefidha. (Yaq. 1:17) Namni hundi Yihowaa galateeffachuuf dirqamni akka isarra jiru beekamaadha. (Mul. 4:11) Yommuu galma baafattan Yihowaa yaadatti qabachuu caalaa, karaa gaariin itti dinqisiifannaa keessan argisiisuu dandeessan gara biraan jiraa? Mee galmawwan irra gaʼuu dandeessaniifi galmawwan kanarra gaʼuuf maal gochuu akka qabdan haa ilaallu.

Galmawwan Akkamii Baafachuu Dandeessu?

6. Galmi guddaan jalqaba baafachuu dandeessan maalidha? Maaliif?

6 Akkuma mataduree darberratti ibsame, galmi guddaan jalqaba baafachuu dandeessan tokko, wanti Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame dhugaa taʼuusaa mirkaneeffachuudha. (Rom. 12:2; 2 Qor. 13:5) Hiriyoonni keessan jijjiirama tirannaatti ykn barumsa amantii sobaa garaagaraatti kan amanan, warri kaan kanatti amanuu akka qaban waan isaanitti himaniif taʼuu dandaʼa. Isin garuu warri kaan akka amantan waan barbaadaniif qofa wanta tokkotti amanuu hin qabdan. Yihowaan yaada keessan guutuu akka isa tajaajiltan akka barbaadu yaadadhaa. (Maatewos 22:36, 37 dubbisi.) Abbaan keenya inni samii amantii ragaarratti hundaaʼe akka qabaattan barbaada.—Ibr. 11:1.

7, 8. (a) Amantii keessan cimsuuf galmawwan yeroo gabaabaa keessatti bira geessan akkamii baafachuutu isin gargaara? (b) Galmawwan yeroo gabaabaa keessatti bira gaʼuuf baafattanirra gaʼuun keessan kan isin gargaaru akkamitti?

7 Amantii keessan jabeeffachuuf akka isin gargaarutti galmawwan yeroo gabaabaa keessatti bira gaʼuu dandeessan maaliif hin baafattan? Galmawwan kana keessaa tokko guyyaa guyyaadhaan kadhannaa gochuu taʼuu dandaʼa. Kadhannaan keessan gammachiisaafi dhimmasaa adda baasee kan caqasu akka taʼu gochuuf, wantoota guyyaa keessatti isin mudataniifi kadhannaa keessanirratti caqasuu barbaaddan sammuutti qabadhaa ykn yaadannoorratti barreeffadhaa. Rakkoowwan isin mudatan qofa utuu hin taʼin, wantoota isin gammachiisanis kadhannaa keessan keessatti caqasuu hin dagatinaa. (Filp. 4:6) Galmi gara biraanimmoo guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuudha. Guyyaa guyyaadhaan fuula afur yoo dubbistan, guutummaa Macaafa Qulqulluu waggaa tokko keessatti xumuruu akka dandeessan beektuu? * Faarfannaan 1:1, 2, ‘Namni seerri Waaqayyoo itti tolu, halkaniifi guyyaa waaʼee seera Waaqayyoo in yaada, [“in dubbisa,” NW]’ jedha.

8 Galmi yeroo gabaabaa keessatti bira gaʼuu dandeessan inni sadaffaanimmoo, walgaʼiiwwan gumii hundarratti yaada kennuuf qophaaʼuudha. Jalqaba deebiisaa ykn caqasa tokko kallattiidhaan dubbisuudhaan deebisuu dandeessu. Yeroo booda garuu jecha mataa keessaniin deebisuuf galma baafachuu dandeessu. Deebii yeroo kennitan hundaatti, kennaa tokko Yihowaadhaaf akka dhiheessitanitti ilaalama. (Ibr. 13:15) Galmawwan kana keessaa tokko tokkorra erga geessanii booda, dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabdan waan guddatuuf, amanannaan ofirratti qabdan ni dabala; kunis galma yeroo dheeraa baafachuuf isin gargaara.

9. Hamma ammaatti babalʼisaa Mootummichaa yoo taʼuu baattan, galma yeroo dheeraa akkamii baafachuu dandeessu?

9 Galmawwan yeroo dheeraa akkamii baafachuu dandeessu? Hamma yoonaatti misiraachicha ifatti lallabuu hin jalqabne taanaan, babalʼisaa Mootummichaa taʼuuf galma yeroo dheeraa baafachuu dandeessu taʼa. Galma iddoo guddaa qabu kanarra takkaa erga geessanii booda, yeroo hundaa hirmaannaa gochuufi buʼa qabeessa taʼuu waan barbaaddaniif, utuu hin tajaajilin jiʼa tokkollee hin dabarsitan. Tajaajilarratti Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu barachuus ni barbaaddu. Kana gochuun hojii lallabaatti caalaatti akka gammaddan kan isin gargaaru akka taʼe hubachuun keessan hin oolu. Achiis, yeroo manaa gara manaatti tajaajiluurratti dabarsitan dabaluu ykn qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf carraaquu dandeessu. Babalʼisaa hin cuuphamne yoo taatan, cuuphamuuf gaʼeessa taʼuu, akkasumas of murteessitanii cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu caalaa galmi guddaan irra gaʼuu dandeessan hin jiru.

10, 11. Dargaggoonni cuuphaman galmawwan yeroo dheeraa akkamii baafachuu dandaʼu?

10 Cuuphamtanii Yihowaa tajaajilaa kan jirtan yoo taatanimmoo, galmawwan yeroo dheeraa baafachuu dandeessan armaan gaditti dhihaataniiru. Darbee darbee gumiiwwan naannoo yeroo baayʼee itti hin lallabamne qabanitti lallabuudhaan isaan gargaaruu barbaaddu taʼa. Jabinaafi fayyaa gaarii qabdanitti fayyadamtanii qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa taʼuuf filachuus ni dandeessu. Qajeelchitoonni gammadoo taʼaniifi kuma kudhanitti lakkaaʼaman, tajaajilli yeroo guutuu yeroo dargaggummaa keessanitti Uumaa keessan yaadachuuf karaa hunda caalu akka taʼe isinitti himuu dandaʼu. Galmawwan kun utuma mana warra keessanii jirtanii irra gaʼuu kan dandeessanidha. Gumiin keessanis galmawwan kanarra gaʼuu keessaniin faayidaa argata.

11 Galmi yeroo dheeraa baafachuu dandeessan gara biraanimmoo, gumii keessanirra darbitanii gumii gara biraa akka gargaartan kan isin dandeessisudha. Fakkeenyaaf, naannoo ykn biyya gara biraa babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf karoorfachuu dandeessu. Galmawwan Mootummaa ykn gamoo waajjiroota damee biyya alaatti ijaaramanirratti gargaarsa gochuu barbaaddu taʼa. Miseensa maatii Betʼel ykn misiyoonii taʼuus ni dandeessu. Dhugaadha, galmawwan yeroo dheeraa asirratti caqasaman hedduusaanirra gaʼuu keessan dura, galmi guddaan jalqaba irra gaʼuu qabdan cuuphamuudha. Hamma yoonaatti hin cuuphamne taanaan, galma jireenya keessan keessatti iddoo guddaa qabu kanarra gaʼuun maalfaa akka dabalatu yaadaa.

Galma Cuuphamuuf Baafattanirra Gaʼuu

12. Namoonni tokko tokko kan cuuphaman maaliifi? Sababiiwwan kun gaʼaa kan hin taanehoo maaliifi?

12 Kaayyoon cuuphaa maalidha? Namoonni tokko tokko cubbuu akka hin hojjenne kan isaan eegu akka taʼe godhanii yaadu. Warri kaanimmoo hiriyoonnisaanii waan cuuphamaniif cuuphamuu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Dargaggoonni kaanimmoo kan cuuphaman warrasaanii gammachiisuu waan barbaadaniif taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, cuuphaan, waliigaltee wantoota dhoksaatti hojjechuu barbaaddan akka hin hojjenne isin dhowwu miti; kan cuuphamtanis warri kaan waan dhiibbaa isinirratti godhaniif taʼuu hin qabu. Cuuphamuu kan qabdan Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuun maalfaa akka dabalatu guutummaatti yommuu hubattan, akkasumas itti gaafatamummaa fudhachuuf qophiifi fedhii akka qabdan yommuu mirkanaaʼaa taatanittidha.—Lal. 5:4, 5.

13. Cuuphamuu kan qabdan maaliifi?

13 Sababiin cuuphamuun barbaachisaa itti taʼe inni tokko Yesus, “cuuphuudhaan . . . . bartoota koo godhaa!” jechuudhaan duuka buutotasaa waan ajajeefidha. Innis cuuphamuudhaan fakkeenya taʼeera. (Maatewos 28:19, 20; Maarqos 1:9 dubbisi.) Kana malees, cuuphaan tarkaanfii barbaachisaa warri fayyina argachuu barbaadan fudhachuu qabanidha. Phexros, Nohi markaba inniifi maatiinsaa bishaan badiisaarraa itti oolan akka ijaare erga caqasee booda, “Kunis fakkeenya cuuphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; . . . karaa duʼaa kaʼuu Yesus Kristos” jedheera. (1 Phe. 3:20, 21) Kana jechuun garuu, cuuphaan waliigaltee inshuraansii balaan gaʼuu dandaʼa jedhanii yaaduudhaan godhanii wajjin wal fakkaata jechuu miti. Kanaa mannaa, kan cuuphamtan Yihowaa waan jaallattaniifi garaa keessan guutuu, jireenya keessan guutuu, yaada keessan guutuufi humna keessan guutuu isa tajaajiluu waan barbaaddaniifidha.—Mar. 12:29, 30.

14. Namoonni tokko tokko cuuphamuurraa duubatti kan jedhan maaliif taʼuu dandaʼa? Haataʼu malee, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu?

14 Namoonni tokko tokko, yeroo booda gumiidhaa baafamuu dandeenya jedhanii waan sodaataniif cuuphamuurraa duubatti jedhu taʼa. Atoo sodaa akkasii qabdaa? Taanaan sodaan akkasii mataasaatti dogoggoradha jechuu miti. Kana jechuun itti gaafatamummaa guddaa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu wajjin wal qabatee dhufuuf iddoo guddaa kennita jechuu taʼuu dandaʼa. Sababiin gara biraan jiraachuu dandaʼaa? Tarii seera buʼuuraa Waaqayyootiin jiraachuun karaa jireenyaa hundarra caalu akka taʼe hamma yoonaatti of hin amansiisne taʼa. Gama kanaan, miidhaa namoota seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu cabsanirra gaʼu yaaduun keessan isin gargaaruu dandaʼa. Karaa gara biraammoo, seerawwan buʼuuraa Waaqayyoo kan jaallattan taʼus, seerawwan kana eegdanii jiraachuu dandaʼuu keessan ni shakkitu taʼa. Kun milikkita gaarii amala gad of deebisuu akka qabdan argisiisu taʼuu akka dandaʼu beekamaadha. Hunda caalaammoo, Macaafni Qulqulluun garaan namoota cubbuu dhaalan hundaa jalʼaa akka taʼe dubbata. (Er. 17:9) Haataʼu malee, yeroo hundaa ‘akka Dubbii Waaqayyootti adeemsa keessan qajeelfachuudhaan yoo eeggattan’ faayidaa argachuu dandeessu. (Faarfannaa 119:9 dubbisi.) Sababiin cuuphamuurraa duubatti akka jettan isin taasisu maaliyyuu yoo taʼe, wantoota isin yaaddessan akkasiitiif furmaata kennuu isin barbaachisa.

15, 16. Cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuuf dhiisuu keessan akkamitti beekuu dandeessu?

15 Haataʼu malee, cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuuf dhiisuu keessan akkamitti beekuu dandeessu? Karaan kana itti beekuu dandeessan tokko gaaffiiwwan armaan gadii of gaafachuudha: ‘Barumsawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu warra kaaniif ibsuu nan dandaʼaa? Yeroo warrikoo hin tajaajillettillee tajaajilarratti nan hirmaadhaa? Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa hundarratti argamuuf nan carraaqaa? Yeroon dhiibbaa hiriyaa itti moʼe adda baasee yaadachuu nan dandaʼaa? Warriifi hiriyoonnikoo kana gochuu yoo dhiisanillee Yihowaa tajaajiluukoo ittan fufaa? Walitti dhufeenyan Waaqayyoo wajjin qabu ilaalchisee kadhannaa dhiheesseeraa? Daangaa tokko malee Yihowaadhaaf of murteessuukoo kadhannaadhaan ibseeraa?’

16 Cuuphaan tarkaanfii jireenya keessanirratti jijjiirama fiduufi akka salphaatti ilaalamuu hin qabnedha. Tarkaanfii kana sirriitti hubachuuf gaʼumsa qabdaa? Gaʼumsa qabaachuun, waltajiirraa haasaa gaarii dhiheessuufi walgaʼiirratti deebii nama ajaaʼibsiisu kennuu caalaa waan dabalatu qaba. Kun, beekumsa seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii murtoo gochuu dandaʼuu gaafata. (Ibroota 5:14 dubbisi.) Sadarkaa murtoo akkasii gochuu dandeessanirratti argamtu taanaan, mirgawwan gurguddaa hunda caalan argachuuf abdii qabdu; mirgawwan kunis, garaa keessan guutuu Yihowaa tajaajiluufi dhugumaan Yihowaadhaaf akka of murteessitan karaa argisiisuun jiraachuudha.

17. Qorumsa erga cuuphamtanii booda isin mudatu dandaʼuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa?

17 Akkuma cuuphamtaniin, Waaqayyoon tajaajiluuf fedhii guddaa qabaachuu dandeessu taʼa. Haataʼu malee, utuu baayʼee hin turin qorumsi amantii keessaniifi cimina keessan qoru isin mudachuu dandaʼa. (2 Xim. 3:12) Qorumsawwan kana kophaa keessan dandaʼuu akka qabdan isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Warra keessan gorsa gaafadhaa. Warra gumii keessa jiraniifi gaʼumsa qabanis gargaarsa gaafadhaa. Namoota isin deggeruu dandaʼanii wajjin michoomaa. Yihowaan akka isinii yaaduufi haala isin mudatu kamiyyuu dandaʼuuf jabina isin barbaachisu akka isinii kennu matumaa hin irraanfatinaa.—1 Phe. 5:6, 7.

Galma Keessanirra Gaʼuu Kan Dandeessan Akkamitti?

18, 19. Wantoota dursa kennitaniif qoruun isin fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

18 Yaada gaarii kan qabdan yoo taʼeyyuu, wanta raawwachuu barbaaddaniifi hojjechuun isinirra jiru raawwachuuf matumaa yeroo gaʼaa akka hin qabne isinitti dhagaʼamaa? Taanaan, wanta dursa kennitaniif qoruu qabdu. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Baaldii laastikiirraa hojjetame tokko qopheeffadhaatii dhagaa gurguddaa baayʼee keessa naqaa. Achiis baaldichatti cirracha guutaa. Amma baaldichi dhagaafi cirrachaan guutameera. Itti aansuudhaan dhagaafi cirracha sana baaldicha keessaa garagalchaa kaaʼaa malee hin gatinaa. Ammammoo, dura cirracha sana baaldichatti naqaa, isa boodammoo dhagaawwan sana keessa kaaʼuu yaalaa. Iddoon hin gaʼu mitii? Kun kan taʼe baaldichatti dura cirrachicha waan naqxaniifidha.

19 Yeroo keessanitti sirriitti fayyadamuu wajjin haala wal qabateen rakkoon isin mudatus kanaa wajjin wal fakkaata. Wantoota akka bashannanaatiif dursa yoo kennitan, jireenya keessan keessatti wantoota gurguddaa tajaajila Waaqayyoo wajjin wal qabataniif iddoo gaʼaa argachuun rakkisaa isinitti taʼa. Haataʼu malee, gorsa Macaafni Qulqulluun, ‘isa taʼuufi isa hin taane gargar baasnee akka qorru’ nuu kennu yoo hordoftan, dhimmawwan Mootummichaa wajjin wal qabataniifis taʼe hamma tokko bashannanaaf yeroo argachuu dandeessu.—Filp. 1:10.

20. Galma keessanirra gaʼuuf yommuu carraaqxan dhiphinniifi shakkiin yoo isin mudate maal gochuu qabdu?

20 Cuuphamuu dabalatee galmawwan keessanirra gaʼuuf yommuu carraaqxan, yeroo tokko tokko dhiphinniifi shakkiin isin mudachuu dandaʼa. Haalli akkasii yommuu isin mudatu, ‘wanta yaada isinitti taʼu Waaqayyotti gataa dhiisaa, inni akka isin hin kufnetti isin irkisa.’ (Far. 55:22) Yeroo ammaa, seenaa ilmaan namootaa keessatti hojii baayʼee gammachiisaafi iddoo guddaa qabu jechuunis duula addunyaa maratti lallabuufi barsiisuuf godhamurratti hirmaachuuf carraa qabdu. (HoE. 1:8) Warri kaan hojii kana yommuu hojjetan callistanii ilaaluuf filachuu dandeessu. Yookiinimmoo hojii gammachiisaa kanarratti dammaqinaan hirmaachuu dandeessu. Dandeettii keessaniin fayyadamtanii Waaqayyoon tajaajiluufi Mootummaasaa deggeruurraa duubatti hin jedhinaa. Akkas goonaan, ‘bara dargaggummaa keessanitti uumaa keessan’ tajaajiluu keessanitti matumaa hin gaabbitan.—Lal. 12:1.

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2009, fuula 15-18 ilaali. (Amaariffa)

Maal Jettee Deebista?

• Galma baafachuu kan qabdan maaliifi?

• Galmawwan irra gaʼuun barbaachisaa taʼe tokko tokko maalfaʼi?

• Galma cuuphamuuf baafattanirra gaʼuun maalfaa dabalata?

• Wanta dursa kennitaniif qoruun keessan galma keessanirra gaʼuuf kan isin gargaaru akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 31rra jiru13]

Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuuf galma baafatteettaa?

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Galma cuuphamuuf baafatterra gaʼuuf maaltu si gargaara?

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Fakkeenya kanarraa barumsa maalii argatta?