Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yesus namoota isa dhaggeeffachaa turaniin, “Abbaan keessan inni waaqa irraa mudaa malee akkuma taʼe, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa!” jedhee ture. Ilmaan namootaa yeroo harʼaa jiran ‘mudaa kan hin qabne’ taʼuu kan dandaʼan akkamitti?—Mat. 5:48.

Deebiin gaaffii kanaa, jechoonni ‘mudaa kan hin qabne’ jedhan Macaafa Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetame hubachuurratti kan hundaaʼedha. Wantoonni Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti ‘mudaa kan hin qabne’ akka taʼan ibsaman hundi, guutummaatti mudaa kan hin qabne taʼuu dhiisuu dandaʼu. Yihowaan guutummaatti mudaa kan hin qabne akka taʼe beekamaadha. Namoonni ykn wantoonni garuu, mudaa kan hin qabne taʼuu kan dandaʼan hamma tokko qofadha. Jechoonni afaan Ibrootaafi Giriikii “mudaa kan hin qabne” jedhamanii hiikaman, yeroo baayʼee ulaagaa namni aangoo qabu tokko baaseen ennaa madaalaman, “guutuu,” “gaʼaa” ykn “badii malee” taʼuu jechuudha.

Addaamiifi Hewwaan amalaan, karaa hafuuraafi qaamaan mudaa tokkollee kan hin qabne taʼanii uumaman. Ulaagaa Uumaansaanii baaseen yeroo madaalaman mudaa kan hin qabne turan. Haataʼu malee utuu hin abboomamin waan hafaniif, ulaagaa kana utuu hin guutin kan hafan taʼuusaaniirrayyuu, isaanis taʼan sanyiinsaanii mudaa kan qaban taʼaniiru. Kanaaf, karaa Addaam cubbuun, mudaafi duuti ilmaan namootaatti dhufeera.—Rom. 5:12.

Haataʼu malee, Yesus Lallabasaa Isa Gaararratti, namoonni cubbuu dhaalanillee hamma tokko mudaa kan hin qabne taʼuu akka dandaʼan ibseera. Haasaa sanarratti, jaalala mudaa hin qabneef ykn guutuu taʼeef ulaagaa baaseera. Jaalalli kunis, jaalala Waaqayyo ilmaan namootaatti argisiisee wajjin kan wal fakkaatudha. Yesus, “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu; innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jalʼootaaf in roobsa” jedheera. (Mat. 5:44, 45) Bartoonni Yesus diinotasaaniillee jaallachuudhaan, fakkeenya Waaqayyo isa mudaa hin qabnee hordofuu dandaʼu turan.

Yeroo harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa mararra jiran namootaaf jaalala guddaa akkasii qabaachuuf carraaqu. Namoonni akkaataa guddinaa, sanyiifi amantii addaddaa qaban hundi beekumsa dhugaa Macaafa Qulqulluu akka argatan gargaaruu barbaadu. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo ammaatti biyyoota 236⁠tti, namoota fedhii qabaniifi 7,000,000 ol taʼan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jiru.

Yesus namoota isa dhaggeeffachaa turan akkas jedhee gaafateera: “Warra isin jaallatan duwwaa yoo jaallattan gatii maalii argattu ree? Warri sodaa Waaqayyoo hin qabne iyyuu akkanuma in godhu mitii ree? Obboloota keessan duwwaa hoʼiftanii nagaa yoo gaafattan, warra kaan caalaa maalfaa gootu? Warri saba Waaqayyoo hin taʼin iyyuu akkanuma in godhu mitii ree?” (Mat. 5:46, 47) Kiristiyaanonni dhugaan sadarkaa barumsaatiin ykn sanyiidhaan namoota wal hin caalchisan; kan jaallatanis namoota isaan jaallatan qofa miti. Kanaa mannaa, namoota harka qalleeyyii taʼan, dhukkubsatan, ijoollees taʼan maanguddoota ni gargaaru. Karaawwan kanaan, Kiristiyaanonni jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa kan hordofan taʼuusaaniirrayyuu, hamma tokko mudaa kan hin qabne taʼuu dandaʼu.

Akkuma Addaam jalqaba mudaa kan hin qabne ture, nutis gara fuulduraatti warra mudaa hin qabne taʼuu dandeenyaa? Eeyyee, ilmaan namootaa abboomamoo taʼan aarsaa furii Yesusitti amanuudhaan, yeroo ‘Ilmi Waaqayyoo hojii Seexanaa diigutti’ jechuunis, dhuma Bulchiinsa Barkumee Kiristositti guutummaatti warra mudaa hin qabne taʼu.—1 Yoh. 3:8.