Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Nuyi Fuula Waaqayyoo Duratti Wanta Arganne Haa Fidnu’

‘Nuyi Fuula Waaqayyoo Duratti Wanta Arganne Haa Fidnu’

‘Nuyi Fuula Waaqayyoo Duratti Wanta Arganne Haa Fidnu’

NAMNI tokko waan gaarii yommuu sii godhu, dinqisiifannaakee akkamitti ibsita? Angafoonni loltoota Israaʼel warra Miidiyaan wajjin erga wal waraananii booda, dinqisiifannaasaanii akkamitti akka ibsan ilaali. Waraanichi kan geggeeffame Israaʼeloonni Baʼaal isa Pheʼor wajjin haala wal qabateen cubbuu erga raawwatanii booda ture. Waaqayyo sabasaatiif injifannoo kan argamsiise yommuu taʼu, boojuu argames loltoonni 12,000 taʼan suniifi Israaʼeloonni kaan hirataniiru. Akkuma Yihowaan ajaje, loltoonni sun qoodasaanii keessaa hamma tokko lubootaaf kan kennan siʼa taʼu, Israaʼeloonni kaanis hammuma sana Lewwootaaf kennaniiru.—Lak. 31:1-5, 25-30.

Haataʼu malee, angafoonni loltootaa dabalataan kennuu barbaadan. Museedhaan, “Nuyi hojjetoonni kee loltoota abboommii keenya jala jiran lakkoofneerra, nu keessaas namni tokko illee hin dhabamne” jedhaniin. Warqeefi faayaa addaddaa Yihowaadhaaf kennuuf murteessan. Warqeen isaan kennan guutummaansaa kiilogiraama 190 ol ture.—Lak. 31:49-54.

Yeroo harʼaas, namoonni hedduun wanta Yihowaan isaanii godheef dinqisiifannaasaanii ibsuuf kakaʼu. Dinqisiifannaa akkasii kan qaban garuu namoota Waaqayyoof of murteessan qofa miti. Fakkeenyaaf, namni atoobisii konkolaachisu tokko walgaʼii koonyaa biyyoolessaa bara 2009 Bolonyaa, Xaaliyaanitti godhamuuf namoota istaadiyomiitti deddeebisa ture. Of eeggannoofi tasgabbiidhaan konkolaachisaa waan tureef, namoonni atoobisiisaatiin deeman kaardii galateeffannaa, qarshii dabalataafi kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu isaa kennuuf murteessan. Yeroo kanatti konkolaachisaan kun, “Kaardichaafi kitaabicha gammachuudhaan nan fudhadha, qarshicha garuu hojii hojjechaa jirtan akka itti fuftaniif buusii gochuu waanan barbaaduuf nan deebisa. Ani Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu baadhus, kana kan raawwattan jaalalaan kakaatanii akka taʼe waanan argeef buusii kana gochuun barbaada” jedheera.

Wanta Yihowaan isinii godheef dinqisiifannaa yoo qabaattan, karaan galateeffannaa keessan argisiisuu itti dandeessan inni tokko, hojii addunyaa maraa Dhugaa Baatota Yihowaatiif buusii gochuudha. (Mat. 24:14) Karaawwan namoonni tokko tokko kennaa kennuu itti filatan saanduqa waaʼee kanaa dubbaturratti ibsamaniiru.

[Saanduqa fuula 20rra jiru]

Karaawwan Namoonni Tokko Tokko

BUUSII ITTI GODHAN

Obboloonni hedduun saanduqa mallattoon “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuuf qarshii murtaaʼe ramadu.

Gumiiwwanis qarshii achi keessaa argame jiʼa jiʼaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaaniitti ergu. Akkasumas qarshiin fedhiidhaan kennamu kallattiidhaan teessoo Yeyihowa Misikiroch, P.O.Box 5522, Addis Ababa, Ethiopia ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessaniitti erguun ni dandaʼama. (Kennaawwan karaa armaan gadiitiin fedhiidhaan kennamanis waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessanitti argamutti erguun ni dandaʼama.) Cheekiin teessoo armaan oliin ergamu, jaarmiyaa “Yeyihowa Misikiroch” jedhamuuf akka kaffalamu ibsamuu qaba. Faayaa ykn miʼa gati jabeessa garabiraas gumaachuun ni dandaʼama. Xalayaa gabaabaan miʼi kun kennaa taʼuusaa ibsus duukaa ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBIʼU ITTI KENNAMU

Namni tokko Jaarmiyaan Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamu hojii addunyaa maratti geggeeffamu akka ittiin hojjetuuf, qarshii adaraadhaan kennuufi yommuu barbaadutti deebisee fudhachuu dandaʼa. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, teessoo armaan olitti caqasametti barreessuu ykn lakkoofsa bilbilaa 011-6603611 fayyadamuudhaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa gaafachuu dandeessu.

KENNAA KAROORAAN GODHAMU

Qarshii akka kennaatti gumaachuudhaan alatti, karaan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruun itti dandaʼamu kan biraanis jira. Isaanis:

Inshuraansii: Namni tokko inshuraansii lubbuudhaaf gale ykn ennaa soorama baʼu isaaf kennamu, Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf akka kaffalamu maqaa jaarmiyaa kanaatti jijjiiruu dandaʼa.

Herrega Baankii: Seerri baankii biyyichaa kan heyyamu taanaan, herrega baankii, ragaa qarshii kuufatanii qaban mirkaneessu ykn herrega soorama itti baʼan adaraadhaan ykn gaafa duʼan Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf akka kennamu gochuun ni dandaʼama.

Aksiyooniifi Boondota: Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf kennuun ni dandaʼama.

Qabeenya Hin Sochoone: Qabeenya hin sochooneefi gurguramuu dandaʼu kennuu ykn bakka jireenyaa yoo taʼemmoo abbaan qabeenyichaa hamma lubbuudhaan jirutti itti fayyadamee yeroo duʼu dhaalchisuu dandaʼa. Namni tokko qabeenya hin sochoone dhaalchisuuf maqaa utuu hin jijjiirsisin dura waajjira damee biyyasaa mariisisuu qaba.

Durgoo Kennaarraa Argamu: Durgoon kennaa kennamerraa argamu namni tokko qarshii ykn sanadii abbaa qabeenyummaa argisiisu, jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa bakka buʼee hojjetutti jijjiirsisuuf qophii inni godhu argisiisa. Haala kanaan namichi kennaa kenne ykn namni inni bakka buuse hamma lubbuudhaan jirutti qarshii murtaaʼe waggaa waggaadhaan akka durgootti fudhata. Namni kennaa kana kenne waggaa durgoo kennuuf itti walii galetti gibirri galiirraa citu ni hirʼifamaaf.

Dhaamsa Dhaalaafi Adaraa: Qabeenyaa ykn qarshii dhaamsa dhaalaa seera duratti fudhatama qabuun Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf dhaalchisuu ykn qabeenyaa adaraadhaan Jaarmiyaan Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamu akka itti fayyadamuuf maqaasaatti jijjiirsisuun ni dandaʼama. Dhaabbanni amantii tokko qabeenyatti akka fayyadamuuf kennuun gama qaraxaatiin buʼaa argamsiisu tokko tokko qaba.

Jechi “kennaa karooraan godhamu” jedhu, namichi kennaa kennu karoora baafachuu akka qabu kan argisiisudha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ifa gochuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaafi afaan Ispaanishiitiin qophaaʼeera. Birooshurri kun namoonni kennaa kennuuf ykn yeroo duʼanitti dhaamsa dhaalaa karaawwan addaddaa gochuuf isaan dandeessisu jiran ilaalchisee ragaa kennuuf yaadamee kan qophaaʼedha. Obboloonni hedduun birooshuricha erga dubbisanii booda, gorsitoota seeraa ykn qaraxaa wajjin mariʼachuudhaan hojii amantiifi gargaarsa namummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti raawwachaa jiran deggeruu caalaas haala qaraxaa wajjin wal qabateen faayidaa guddaa argataniiru. Birooshura kana Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamuufi dhimmi kun ilaallatu gaafachuudhaan argachuun ni dandaʼama.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu teessoo ykn bilbila armaan gadiitiin ykn waajjira damee biyyakeetti argamu gaafachuu dandeessa.

Yeyihowa Misikiroch

P.O.Box 5522

Addis Ababa

Ethiopia

Bilbila: 011-6603611