Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Humna Dhugaan Macaafa Qulqulluu Qabu Argeera

Humna Dhugaan Macaafa Qulqulluu Qabu Argeera

Humna Dhugaan Macaafa Qulqulluu Qabu Argeera

Viitoo Firaaʼez akka dubbatetti

MAQAA, Tireentinaaraa jedhu matumaa dhageessee hin beektu taʼa. Tireentinaaraan magaalaa xinnoo kibba Neeppilsi, Xaaliyaaniitti argamtudha. Warrikoofi obboleessikoo angafaa Anjeeloon achitti dhalatan. Erga Anjeeloon dhalatee booda, warrikoo gara Yunaayitid Isteetisitti godaananii, bakka ani bara 1926⁠tti itti dhaladhe, jechuunis Roochistar, Niiwu Yoorki jiraachuu jalqaban. Abbayyeen Barattoota Macaafa Qulqulluu yeroo ammaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhamanii wajjin kan wal arge bara 1922⁠tti ture. Utuu baayʼee hin turin inniifi Aayyoon Barattoota Macaafa Qulqulluu taʼan.

Abbayyeen nama callisaa yaada baayʼisu taʼuyyuu, jalʼinni raawwatamu isa aarsa ture. Geggeessitoonni amantii namoonni wallaalota taʼanii akka jiraatan gochuunsaanii waan isa aarsuuf, dhugaa Macaafa Qulqulluu dubbachuuf carraa argate hundumaatti fayyadama ture. Yeroo soorama baʼu, tajaajila yeroo guutuu kan jalqabe siʼa taʼu, umriisaa waggaa 74⁠tti dhukkubni cimaafi yeroon gannaa ulfaataa taʼe akka dhaabu hamma isa dirqisiisetti tajaajila kana itti fufeera. Yeroo sanattillee, yommuu umriinsaa waggoota 90mman keessa taʼettiyyuu jiʼatti saʼaatii 40 hanga 60 tajaajiluusaa itti fufeera. Fakkeenyi Abbayyeen naaf kaaʼe dhiibbaa guddaa narraan geessiseera. Qoosaa kan jaallatu taʼus, nama waan barbaachisaa taʼeef xiyyeeffannaa kennu ture. “Dhugaan, xiyyeeffannaan kennamuufii kan qabudha” jedha ture.

Abbayyeefi Aayyoon ijoolleesaanii shanan Dubbii Waaqayyoo nu barsiisuuf carraaqqii godhaniiru. Hagayya 23, 1943 cuuphameen, Waxabajjii 1944 qajeelchaa taʼe. Obboleettiinkoo Kaarmeellaan Jeneevaa, Niiwu Yoorki keessatti hidhatashee Farnii wajjin qajeelchituu taatee tajaajilti turte. Farni, intalan gara fuulduraatti wajjin jiraachuu barbaadu taʼuushee hubachuuf yeroo natti hin fudhanne. Kanaafuu, Hagayya 1946⁠tti wal fuune.

Hojii Misiyoonummaa

Bakki jalqaba qajeelchitoota addaa taanee itti ramadamne lamaan, Jeneevaafi Noorwiich, Niiwu Yoorki ture. Hagayya 1948, kutaa 12⁠ffaa Giilʼaadirratti hirmaachuuf mirga guddaa arganne. Achiis, haadha manaafi abbaa manaa Kaarliifi Joʼaan Riijwee jedhamanii wajjin Neeppilsi, Xaaliyaaniitti ergamne. Yeroo sanatti, Neeppilsi badiisa sababa waraanaatiin isheerra gaʼerraa bayyanachuuf tattaafachaa turte. Mana argachuun rakkisaa waan tureef, jiʼoota muraasaaf mana dhiphoo kutaa lama qabdu tokko keessa jiraanne.

Yeroon mucaa xinnoo turetti warrikoo loqoda warra Neeppilsi dubbachaa waan turaniif, kana dhagaʼaan guddadhe. Kanaaf, afaan warra Xaaliyaanii akka loqodasaaniitti waanan dubbadhuuf wantin dubbadhu namootaaf ni gala ture. Farni garuu afaanichi ishee rakkisee ture. Haataʼu malee, utuu baayʼee hin turin hammakoo, booddeemmoo ana caalaayyuu dubbachuu dandeesseetti.

Jalqabarratti Neeppilsi keessatti ergaa keenyaaf fedhii kan argisiise maatii miseensota afur qabu tokko qofa ture. Miseensonni maatii kanaa sijaaraa kontirobaandiidhaan gurguru turan. Tereezaa ishee miseensa maatii sanaa taaterratti, guyyaa hojii hundumaatti jijjiiramni guddaan ni mulʼata ture. Ganama ganama, qamisiishee isa kiisii hedduu qabutti sijaaraa waan guuttuuf furdoo fakkaatti. Galgala galgalammoo akka migiraa qallatti. Haataʼu malee, dhugaan maatii kana guutummaatti jijjiireera. Yeroo booda miseensonni maatii kanaa 16 taʼan Dhugaa Baatota taʼaniiru. Amma magaalaa Neeppilsi keessa, Dhugaa Baatota gara 3,700 taʼantu jira.

Mormii Hojii Keenyarratti Kaʼe

Neeppilsi keessa jiʼa sagal qofa erga turree booda, abbootiin taayitaa arfan keenyayyuu magaalattii gadhiisnee akka baanu nu dirqisiisan. Siwiizarlaandi dhaqnee gara jiʼa tokkoo erga turree booda, viizaa tuuristiitiin Xaaliyaaniitti deebine. Aniifi Farni Tuuriinitti ramadamne. Jalqabarratti, dubartiin tokko mana kutaa tokko kan nuu kireessite yommuu taʼu, mana booliifi kushinaasheetti waliin fayyadamna turre. Yeroo Kaarliifi Joʼaan Tuuriin dhufan, waliin taanee appaartaamaa tokko kireeffanne. Yeroo booda mana kana keessa misiyoononni abbaa manaafi haadha manaa taʼan kudhan jiraachuu jalqaban.

Bara 1955⁠tti, yommuu abbootiin taayitaa Tuuriinii akka deemnu nu dirqisiisan, gumiiwwan haaraa afuriif buʼuurri kaaʼamee ture. Amma obboloonni gumiiwwan kana gargaaruuf gaʼumsa qaban jiru. Abbootiin taayitaa, “Isin warri Ameerikaa kun asii deemnaan, wanti isin hundeessitan akka hin jirre akka taʼu ni amanna” nuun jedhan. Guddinni sana booda argame garuu, hojichi milkaaʼina argachuunsaa Waaqayyorratti kan hundaaʼe akka taʼe argisiiseera. Yeroo harʼaa, Tuuriin keessa Dhugaa Baatonni 4,600 ol taʼaniifi gumiiwwan 56 jiru.

Magaalaa Bareedduu Kan Taate Filooreensi

Itti aansuudhaan kan ramadamne Filooreensitti ture. Obboleettiinkoo Kaarmeellaaniifi abbaan manaashee Meerliin Harzilar misiyoonii taʼanii bakka kanatti ramadamanii waan turaniif, waaʼee magaalaa kanaa yeroo baayʼee dhageenyeerra. Magaalaa kana keessa jiraachuun maal akka fakkaatu mee yaadi. Iddoowwan akka Piʼaatisaa deelaa Senyoreʼaa, Poontee Vekiyoo, Piʼaatisaalii Mikelaanjaloo, Paalaatzoo Piitiin jedhaman waan jiraniif, magaalaa bareedduudha! Namoonni Filooreensi misiraachichaaf fedhii qabaachuusaanii arguun baayʼee kan nama gammachiisu ture.

Maatii tokko kan qayyabsiisne yommuu taʼu, isaan keessaa haatiifi abbaan cuuphamaniiru. Abbaan garuu nama tamboo xuuxu ture. Bara 1973⁠tti, Masaraan Eegumsaa tamboo xuuxuun amala gadhee akka taʼe ibsuudhaan, dubbistoonni xuuxuu akka dhaaban gorsa kennee ture. Ijoolleensaa warri angafaa tamboo xuuxuu akka dhaabu isa kadhatanii turan. Innis dhaabuuf waadaa galee kan ture taʼus, akka jedhe hin goone. Gaaf tokko galgala haati manaasaa ijoolleesaanii lakkuu umriinsaanii waggaa sagal taʼe, utuu kadhannaa isaaniif hin godhin akka rafan goote. Booddee, kana utuu hin godhin hafuusheetti gaabbitee gara kutaasaanii dhaqxe. Haataʼu malee, ofumasaaniitiif kadhatanii turan. “Waaʼee maalii kadhattan?” jettee isaan gaafatte. “Yihowaa, maaloo Abbayyeen tamboo xuuxuu akka dhaabu isa gargaari” jennee kadhanne jedhaniin. Haatisaanii abbaa manaashee waamtee, “Kottu kadhannaa ijoollee keetii dhagaʼi” jetteen. Innis maal jedhanii akka kadhatan yommuu dhagaʼu, imimmaansaa toʼachuu kan dadhabe taʼuusaarrayyuu, “Lammata hin xuuxu” jedhe. Akkuma jedhe xuuxuu kan dhaabe siʼa taʼu, amma maatii sana keessaa namoonni 15 ol taʼan Dhugaa Baatota taʼaniiru.

Afriikaa Keessatti Tajaajiluu

Bara 1959⁠tti misiyoonota kan biraa lama, jechuunis Artuuroo Leevarasiifi obboleessakoo Anjeeloo wajjin Moqaadishoo, Somaaliyaatti jijjiiramne. Yeroo achi geenyu haalli siyaasaa biyyattii baayʼee rakkisaa ture. Dhaabbanni Mootummoonni Gamtoomanii, Somaaliyaan bilisummaa akka argattuuf Xaaliyaaniin haala akka mijeessitu yaadee kan ture taʼuyyuu, haallisaa hammaachaa dhufe. Namoonni lammii Xaaliyaanii taʼaniifi qayyabsiisaa turre biyyicha keessaa kan baʼan taʼuusaarrayyuu, biyya sanatti gumii hundeessuun hin dandaʼamne.

Yeroo sanatti daawwataan olaanaa zoonii, gargaartuusaa taʼee akkan tajaajilu yaada dhiheesse. Kanaafuu, biyyoota naannoo Somaaliyaa jiran daawwachuu jalqabne. Namoonni qayyabsiisne guddina kan godhan taʼus, mormiin waan jiruuf biyyasaanii gadhiisanii baʼuu qabu turan. Tokko tokkommoo rakkina guddaa keessa darbuu kan qaban taʼullee biyyumasaanii keessa turaniiru. * Jaalala isaan Yihowaadhaaf qabaniifi amanamoo taʼanii jiraachuuf rakkina isaan keessa darban ennaa yaadannu, ammallee imimmaan ija nu guuta.

Hoʼiifi qilleensi jiidhaan Somaaliyaafi Ertiraa keessa jiru yeroo baayʼee cimaa ture. Nyaanni biyya sanaa tokko tokkommoo caalaatti akka nutti hoʼu kan godhu ture. Mana dubartii Macaafa Qulqulluu qayyabattu tokkotti guyyaa jalqabaatiif nyaata akkasii yommuu nyaannu, haati manaakoo gurrishee akka ibsaa tiraafiikii diimaa akka ife dubbachuudhaan qooste!

Anjeeloofi Artuuroon bakka biraatti ennaa ramadaman, nuyi kophaatti hafne. Nama nu jajjabeessu waan dhabneef baayʼee nutti ulfaatee ture. Haataʼu malee, haalli kun caalaatti Yihowaatti akka dhihaannuufi guutummaatti isatti akka amanamnu nu gargaareera. Daawwannaan biyyoota hojiin keenya itti ittifametti goone, dhugumaan madda jajjabinaa nuu taʼee ture.

Somaaliyaa keessa rakkina addaddaatu jira ture. Firiijii waan hin qabneef, nyaata akka gosa qurxummii haamarheed shaarkii jedhamu ykn kuduraa biyya sanaa kan akka maangoo, paappaayyaa, burtukaanii dhangaggaaʼaa, kokonaatii ykn muuzii jiran guyyaa sanaaf qofa binna turre. Ilbiisonni balaliʼan yeroo baayʼee nu rakkisu turan. Al tokko tokko yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu mormarra nu qubatu. Yoo xinnaate doqdoqqee waan qabnuuf, aduu nama gubu sana keessa saʼaatii hedduudhaaf deemuun nu hin barbaachisu ture.

Xaaliyaaniitti Deebiʼuu

Arjooma michoonni keenya nuu godhaniin, doonii muuzii feʼu yaabbannee walgaʼii biyyoolessaa bara 1961 Tuuriinitti godhamurratti argamuuf deebinee gara Xaaliyaanii dhaquu dandeenyeerra. Sana booda bakka biraatti akka ramadamnu dhageenye. Fulbaana 1962, biyyan daawwataa olaanaa aanaa taʼee tajaajiluu itti jalqabe, jechuunis Xaaliyaaniitti deebine. Achiis, konkolaataa xinnoo aanaawwan lama daawwachuuf waggaa shaniif itti fayyadamne bitanne.

Hoʼa Afriikaa keessa erga jiraannee booda, ammammoo qorra dandeenyee jiraachuun nu barbaachise. Ganna jalqabaatti, gumii tulluu Aalpis jala jiru tokko yeroo daawwannu, kutaa wanta mana hoʼisu hin qabne tokko keessa qooxii citaan irra tuulamerra rafne. Baayʼee waan qorruuf akkuma kootii keenya uffannetti rafne. Halkan sana naannoo sanatti indaanqoo dhaltuun afuriifi saroonni lama qorraan duʼaniiru!

Boodammoo, daawwataa olaanaa koonyaas taʼee tajaajileera. Waggoota sanatti guutummaa Xaaliyaanii keessatti tajaajilleerra. Naannoowwan akka Kaalaabriiyaafi Siisiilii jiran al baayʼee daawwanneerra. Dargaggoonni karaa hafuuraa guddina gochuudhaan jaarsolii gumii ykn daawwattoota olaanaa taʼuuf ykn Betʼel galanii tajaajiluuf carraaqqii akka godhan isaan jajjabeessineerra.

Michoota keenya warra amanamoo garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilanirraa waan baayʼee baranneerra. Guutummaatti Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu, arjummaa argisiisuu, obbolootasaanii jaallachuu, haala isaan mudate dandaʼanii jiraachuu, akkasumas fedhii ofii aarsaa gochuu dabalatee amalawwan dinqisiifannu hedduu qabu. Cidhawwan Galma Mootummaa keessatti geggeessanirratti argamneerra. Cidhawwan kana, Dhugaa Baatota Yihowaa mootummaan barsiistota amantii taʼuusaaniitiin isaanii heyyametu geggeesse; kunimmoo waggoota hedduu dura biyya sana keessatti matumaa kan hin yaadamne ture. Kana booda gumiiwwan akka Tuuriin keessatti gochaa turanitti, kushinaa obbolootaa keessatti walgaʼii gochuun ykn xaawulaarra taaʼuun isaan hin barbaachisu. Kanaa mannaa, gumiiwwan hedduun Galmawwan Mootummaa mimmiidhagoo Yihowaadhaaf ulfina argamsiisan qabu. Walgaʼiiwwan aanaafi addaa Galmawwan Walgaʼii keessatti malee, manneen tiyaatirii sadarkaansaanii gad aanaa taʼe keessatti hin godhaman. Kana malees, lakkoofsi babalʼistootaa 243,000 caalaa taʼuusaa arguun baayʼee kan nama gammachiisudha. Yeroo nuyi Xaaliyaanii dhaqne lakkoofsisaanii 490 qofa ture.

Filannaa Sirrii Goone

Maatii ofii yaaduufi dhukkubsachuu dabalatee rakkina hedduu keessa darbineerra. Farni yeroo galaanicha ilaaltu hundaa gara biyyaa yaaddi turte. Yaaliin baqaqsanii hodhuus siʼa sadii godhameeraaf. Yeroo tokko, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf deemaa utuu jirtuu, namni nu mormu tokko qoorbiidhaan rukutee miidhaa isheerra geessise. Yeroo kanattis hospitaala dhaquun ishee barbaachiseera.

Al tokko tokko abdii kan kutannu taʼus, Lallaba 3:24 wajjin haala walsimuun ‘Waaqayyoon abdanneerra.’ Inni waaqa nama jajjabeessudha. Yeroo abdii kutanne tokkotti, Farni obboleessa keenya Naataan Noorirraa xalayaan nama gammachiisu tokko ishee gaʼe. Noor kan dhalate naannoo Betlihem, Pensilvaaniyaa bakka Farni qajeelchaa taatee tajaajiluu jalqabdetti waan taʼeef, dubartoonni akkashee lammii Pensilvaaniyaa, Dach taʼan, cimoofi gara kuteeyyii taʼuusaanii akka gaariitti akka beeku barreesse. Dhugaasaa jedhe. Waggoota hedduudhaaf karaa garaagaraa namoota baayʼeerraa jajjabina arganneerra.

Rakkinni addaddaa nu mudatullee, hinaaffaan tajaajilaaf qabnu akka hin qabbanoofne gochuuf yaalleerra. Farni, hinaaffaa, wayinii miʼaawaa Xaaliyaanii Laambiraskoo jedhamuufi yeroo buqqifamu ol danfuu wajjin wal bira qabuudhaan, “Hinaaffaan keenya danfuusaa akka itti fufu gochuu qabna” jettee qoosti. Waggoota 40 oliif hojii aanaafi koonyaatiif erga naannofnee booda, tuutawwaniifi gumiiwwan afaan Xaaliyaaniitiin utuu hin taʼin kan biraatiin geggeeffaman daawwachuufi gurmeessuuf mirga arganne. Tuutawwan kun, namoota Baangilaadesh, Chaayinaa, Ertiraa, Itoophiyaa, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Filippiinsi, Sirii Laankaafi biyyoota kan biraatii dhufaniif lallabu. Humni Dubbii Waaqayyoo jireenya namoota araara Yihowaa dhandhamatanii karaawwan dinqisiisaa taʼaniin ennaa jijjiiru kan argine yommuu taʼu, kana galmeessuuf kitaabni tokko hin gaʼu.—Mik. 7:18, 19.

Yihowaan jabina miiraafi qaamaa tajaajila keenya raawwachuuf nu dandeessisu akka nuu kennu, guyyuma guyyaadhaan isa kadhanna. Gammachuun Gooftaan nuu kennu humna nuu taʼeera. Gammachuun kun, yeroo dhugaa Macaafa Qulqulluu babalʼisnu iji keenya akka ifu kan godhu taʼuusaarrayyuu, jireenya keenya keessatti filannaa sirrii taʼe akka goone nu amansiisa.—Efe. 3:7; Qol. 1:29.

[Miiljaleewwan]

^ key. 18 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1992, fuula 95-184 ilaali. (Ingiliffa)

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Warrakoo, Roochistar Niiwu Yoorki keessatti

1948

Saawuz Laansiingi keessatti, kutaa 12⁠ffaa Giilʼaadirratti

1949

Farnii wajjin gara Xaaliyaanii deemuu keenya dura

Kaappir, Xaaliyaanii

1952

Misiyoonota kaanii wajjin Tuuriiniifi Neeppilsi keessatti

1963

Farni, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu tokko tokkoo wajjin

“Hinaaffaan keenya danfuusaa akka itti fufu gochuu qabna”