Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoolleen Keessan Maal Jedhu?

Ijoolleen Keessan Maal Jedhu?

Ijoolleen Keessan Maal Jedhu?

WARRA: Maxxansa barruu kanaa Amajjii 15, 2010, fuula 16-20⁠rratti ijoollee keessaanii wajjin sagantaa shaakalaa akka qabaattan caqasnee turre. Matadureen kun, yaadawwan rakkoo mana barumsaatti ijoollee keessan mudatuuf isaan qopheessuuf isin gargaaran kenna. Waaqeffannaa Maatii Galgalaa keessanirratti yaadawwan kana shaakaluu barbaaddu taʼa.

IJOOLLEEN Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan rakkoowwan hedduutu isaan mudata. Yeroo baayʼee ijoolleen isaanii wajjin baratan, sochiiwwan tokko tokko kan akka alaabaadhaaf ulfina waaqeffannaa wajjin wal gitu kennuu, guyyaa dhalootaafi guyyaa ayyaanaa kabajuurratti maaliif akka hin hirmaanne isaan gaafatu. Ilmi ykn intalli keessan gaaffii akkasii yoo gaafataman deebii akkamii kennu?

Ijoolleen Kiristiyaana taʼan tokko tokko salphaadhumatti, “Kana gochuu hin dandaʼu. Kana gochuuf amantiinkoo naa hin heyyamu” jedhaniiru. Ijoolleen kun ejjennoo cimaa akkasii fudhachuusaaniitiif galateeffamuu qabu. Deebiinsaanii, gaaffii dabalataa akka hin gaafatamne godhee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Macaafni Qulqulluun, “Nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii gaʼu deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaaʼoo taʼaa” jechuudhaan nu gorsa. (1 Phe. 3:15) Kun, “Kana gochuu hin dandaʼu” jechuu caalaa waan dabalatu qaba. Warri kaan yaada keenya kan hin fudhanne yoo taʼeyyuu, warri tokko tokko murtoo akkasii maaliif akka goone beekuu barbaadu taʼa.

Dargaggoonni Dhugaa Baatota taʼan hedduun, barreeffamoota akka Barsiisaa Guddicharraa Baradhaa jedhamutti fayyadamanii seenaa Macaafa Qulqulluu ijoollee isaanii wajjin barataniif ibsaniiru. Seenaawwan kun, ijoolleen Dhugaa Baatota taʼan wantoota tokko tokko kan godhan ykn kan hin goone maaliif akka taʼe ibsuuf gargaaruu dandaʼu. Barattoonni tokko tokko seenaawwan Macaafa Qulqulluu xiyyeeffannaadhaan kan dhaggeeffatan siʼa taʼu, karaa kanaan qayyabannaan Macaafa Qulqulluu hedduun jalqabameera. Barattoonni kaanimmoo, guutummaa seenaa Macaafa Qulqulluu dhaggeeffachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Ibsa gaʼaa utuu hin argatin seenaawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko hubachuun ijoollee kanaaf baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Minheen isheen umriinshee waggaa 11 taʼe, hiriyaanshee afeerrii guyyaa dhalootaa kabajuuf godhamurratti akka ishee wajjin argamtu yommuu ishee gaafattu akkas jetteen: “Macaafni Qulqulluun guyyaa dhalootaa akka kabajnu nu hin ajaju. Yohaannis Cuuphaan inni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame kan ajjeefame yeroo guyyaan dhalootaa kabajamutti ture.” Haataʼu malee, Minheen hiriyaanshee deebii isheen laatteef kana akka hin hubanne yaadatti.

Yeroo tokko tokko fakkii ykn seenaa tokko kitaabota keenyarraa barataa tokkotti argisiisuun gargaaruu dandaʼa. Haataʼu malee, abbootiin taayitaa mana barumsaa, ijoolleen warra isaanii wajjin barataniif barreeffamoota amantii akka kennan akka hin barbaanne yoo dubbatanoo maal gochuutu barbaachisa? Ijoolleen keenya barreeffamoota tokkollee utuu hin qabatin akka gaariitti dhugaa baʼuu dandaʼuu? Ijoolleen keessan amantiisaaniitiif ragaa akka dhiheessan akkamitti gargaaruu dandeessu?

Sagantaa Itti Shaakaltan Qabaadhaa

Warri hiriyoota mana barumsaa bakka buʼanii hojjechuudhaan ijoolleesaanii wajjin manatti yeroo itti shaakalan qabaachuun gargaaruu dandaʼa. Ijoolleen amantiisaanii deggeruudhaan ragaa dhiheessuu yommuu yaalan, warri carraaqqii isaan godhaniif galateeffachuu barbaadu; akkasumas ragaa dhiheessan akkamitti fooyyessuu akka dandaʼaniifi kana gochuun maaliif barbaachisaa akka taʼe isaanitti himu. Fakkeenyaaf, jechoota barattoonni umriisaaniirratti argaman hubachuu dandaʼanitti akka fayyadaman yaada dhiheessaa. Jooshuwaan inni mucaa waggaa sagalii taʼe, ijoolleen isaa wajjin baratan jechoota “dhageettii yaada garaa” akkasumas “amanamummaa” jedhan hubachuu akka hin dandeenye dubbateera. Kanaaf, ibsa yommuu isaanii kennu jechoota salphaa taʼanitti fayyadamuun isa barbaachisee ture.—1 Qor. 14:9.

Ijoolleen mana barumsaa gaaffii gaafatan tokko tokko, deebiin kennamuuf dheeraa yoo taʼe fedhiin beekuuf qaban ni qabbanaaʼa. Ijoolleen Dhugaa Baatota taʼan maricharratti isaan hirmaachisuufi ragaa isaanii dhiheessuudhaan fedhiinsaanii akka hin qabbanoofne gochuu dandaʼu taʼa. Haanuʼeel isheen intala waggaa kudhanii taate, “Ijoolleen naa wajjin baratan ibsa isaanii kennamu utuu hin taʼin maree isaanii wajjin godhamu jaallatu” jetteetti. Maree gochuuf, gaaffii gaafadha, achiis ilaalchasaanii yommuu ibsan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa.

Mareen armaan gadi jiru, ijoolleen Kiristiyaana taʼan ijoollee isaanii wajjin barataniif akkamitti ragaa dhiheessuu akka dandaʼan argisiisa. Ijoolleen guutummaatti wal fakkaatan lama kan hin jirre taʼuusaaniirrayyuu, haalli garagaraa deebii garagaraa kennuu waan gaafatuuf maree kana akkuma jirutti sammuutti qabachuun barbaachisaa miti. Kanaaf ijoolleen Dhugaa Baatota taʼan, qabxii maree kanaa hubatanii yaadatti qabachuufi jecha mataasaaniitiin qindeessanii haala yeroo sana jiru akkasumas haala ijoollee isaanii wajjin barataniin walsimuun ibsuu qabu. Ijoollee umriinsaanii barumsaaf gaʼe kan qabdan yoo taʼe, maree kana isaanii wajjin gochuuf yaalii godhaa.

Ijoollee leenjisuun yeroofi carraaqqii gaafata. Kiristiyaanonni warra taʼan, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irra deddeebiʼanii ijoolleesaanii barsiisuufi seerawwan buʼuuraa kanaa wajjin haala walsimuun akka jiraatan isaan amansiisuu barbaadu.—Kes. 6:7; 2 Xim. 3:14.

Waaqeffannaa Maatii galgalaa yeroo itti aanu gootanirratti, ijoollee keessanii wajjin maree asirratti dhihaate gochuudhaan shaakaluuf yaalaa. Kana gochuun akkamitti buʼaa argamsiisuu akka dandaʼu hubadhaa. Kaayyoon maree kanaa deebii ykn jechoota kana akkuma jirutti sammuutti qabachuu akka hin taane yaadadhaa. Deebii garagaraa kennuufi mucaan keessan akkamitti haalasaa wajjin haala walsimuun deebii akka kennu hubachuudhaan irra deebitanii al lama shaakaluu dandeessu. Wanta amantiisaaniitiif buʼuura taʼe ibsuuf yommuu yaalan, sababa qabeeyyiifi mala qabeeyyii akka taʼan isaan gargaaraa. Suutuma suuta, ijoolleen keessan ijoollee kutaa tokkotti isaanii wajjin baratan, ollaawwaniifi barsiisotasaanii duratti akkamitti amantiisaaniitiif ragaa dhiheessuu akka dandaʼan barsiisuu dandeessu.

[Saanduqa/Fakkii fuula 4, 5rra jiru]

GUYYAA DHALOOTAA KABAJUU

Siifan: Jabeessaa, akkam? Afeerrii guyyaa dhalootaakoo kabajuuf qophaaʼerratti akka argamtu si waameera.

Jabeessaa: Na waamuu keetiif sin galateeffadha, Siifan. Sababii guyyaa dhalootaa keetiif afeerriin itti qopheeffame natti himuu dandeessaa?

Siifan: Guyyaa dhalootaakoo kabajuufikaa! Ati guyyaa dhalootaakee hin kabajjuu?

Jabeessaa: Lakki, hin kabaju.

Siifan: Maaliif? Warrikoo yommuun dhaladhe gammadanii turan.

Jabeessaa: Warrikoos akkuma warrakee yeroon dhaladhe gammadanii turan. Taʼus, guyyaa dhalootaakoo waggaa waggaadhaan kabajuuf kun sababa naa taʼa jedhee hin yaadu. Namoonni baayʼeen afeerrii guyyaa dhalootaasaaniirratti nama baayʼee iddoo guddaa qaban akka taʼan itti dhagaʼama. Haataʼu malee hunda caalaa iddoo guddaa kan qabu Waaqayyo si hin fakkaatuu? Jireenya waan nuu kenneefoo isa galateeffachuu hin qabnuu?

Siifan: Guyyaa dhalootaakee kabajuu hin qabdu naan jechaa jirtaa?

Jabeessaa: Siifan, kun filannaa keeti. Garuu mee yaadi. Namoonni baayʼeen yommuu guyyaa dhalootaasaanii kabajan kennaa fudhachuu jaallatu; haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun fudhachuu caalaa kennuun gammachuu akka argamsiisu dubbata. Guyyaa dhalootaa keenyatti ofii keenyarratti xiyyeeffachuu mannaa, Waaqayyoon galateeffachuu, warra kaaniif yaaduufi isaaniif waan gaarii gochuun baʼeessa mitii?

Siifan: Waaʼee kana matumaa yaadee hin beeku. Kanaaf, warra keerraa kennaa tokkoyyuu hin argattu jechuudhaa?

Jabeessaa: Nan argadha malee. Taʼus, warrikoo kennaa naa kennuuf hamma guyyaan dhalootaakoo gaʼutti hin eegan. Yeroo dandaʼan hunda naa kennu. Garuu mee Siifan, guyyaa dhalootaa kabajuun akkamitti akka jalqabame beekuu barbaaddaa?

Siifan: Natti himu dandeessaa?

Jabeessaa: Eeyyee nan dandaʼa; bor seenaa guyyaa dhalootaa yeroo dheeraa dura kabajame tokkon sitti hima.

ALAABAADHAAF ULFINA WAAQEFFANNAA WAJJIN WAL GITU KENNUU

Boontuu: Caaltu, ati alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kan hin kennine maaliifi?

Caaltuu: Kana waan na gaafatteef sin galateeffadha, Boontuu. Tarii dura, ati maaliif ulfina adda taʼe akka kennitu natti himuu dandeessaa?

Boontuu: Akkas kanan godhu biyyakoo waanan jaalladhuufi.

Caaltuu: Akka ati haadhakee jaallatu beeka. Haataʼu malee, haadha keetiif ulfina waaqeffannaa wajjin wal gitu hin kennitu, ni kennitaa?

Boontuu: Inni Dhugaadha. Ani alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kanan kennu waanan kabajuufidha. Ati alaabaadhaaf kabaja hin qabduu?

Caaltuu: Kabaja qaba. Haataʼu malee, namootaafi wantoota kabajnu hundaaf ulfina waaqeffannaa wajjin wal gitu hin kenninu, mitii?

Boontuu: Barsiistuu keenya nan kabaja, garuu ulfina waaqeffannaa wajjin wal gitu isheedhaa hin kennu. Dhugumayyuu, alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kanan kennu maaliif akka taʼe waanan beeku natti hin fakkaatu.

Caaltuu: Boontuu, namoonni baayʼeen alaabaan biyyasaanii akka bakka buʼu isaanitti dhagaʼama. Yeroo alaabaadhaaf ulfina adda taʼe kennan, biyyasaaniitiif waan hundaa akka godhan ibsuusaaniiti. Ani garuu akkas natti hin dhagaʼamu. Jireenya kan naa kenne Waaqayyo waan taʼeef, jireenyakoo biyyakootiif kennuu hin dandaʼu. Jireenyakoo Waaqayyoof kennuuf murteesseera. Kanaafuu, alaabaadhaaf kabaja kanan qabu yoo taʼeyyuu, ulfina waaqeffannaa wajjin wal gitu garuu hin kennuuf.

Boontuu: Amma naa gale.

Caaltuu: Waanuma hundumaafuu Boontuu, dhimma kana kaasuu keetti gammadeera. Wantoota tokko tokko maaliif akkan godhu ykn maaliif akkan hin goone beekuu yoo barbaadde na gaafachuurraa duubatti hin jedhin. Macaafni Qulqulluun, waggoota dheeraa dura, mootiin Baabilon tokko namoonni fakkii tokkoof jilbeenfatanii akka sagadan ajajee akka ture dubbata. Namoonni tokko tokko lubbuusaanii kan isaan dhabsiisu yoo taʼellee hin saganne.

Boontuu: Dhugaa jettaa? Maaltu isaanirra gaʼeree?

Caaltuu: Waaʼee kanaa saʼaatii laaqanaattan sitti hima.

KAAWUNSILII BARATTOOTAA

Mootii: Tolaa, geggeessaa kutaa keenyaa taʼuu kan qabu eenyu sitti fakkaata?

Tolaa: Ani warra filatamuuf kaadhimaman kamiiniyyuu hin deggeru.

Mootii: Maaliif?

Tolaa: Ani geggeessaa hunda caalu qaba. Kiristiyaana waanan taʼeef Yesus duukaa buʼuuf waadaa galeera. Kanaaf, geggeessaa gara biraa filachuu hin dandaʼu. Garuu, Yesus Geggeessaa mudaa hin qabne akka taʼetti kanan yaadu maaliif akka taʼe beektaa?

Mootii: Lakki hin beeku, beekuus hin barbaadu.

Tolaa: Tarii gaaf tokko yoo beekuu barbaadde garuu, gammachuudhaanan sitti hima.

[Fakkii fuula 3rra jiru]

“Alaabaadhaaf ulfina adda taʼe maaliif hin kennitu?”

[Fakkii fuula 4rra jiru]

“Jabeessaa akkam. Afeerrii guyyaa dhalootaakoo kabajuuf qophaaʼerratti akka argamtu si waameera”