Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Waaqayyo Israaʼeloota Gibxii keessaa yommuu baase, ergamaan inni isaan dura akka deemu erge eenyudha? (Bau. 23:20, 21)

Ergamaan ‘maqaan Waaqayyoo isa keessa jiru’ kun, Ilma Waaqayyoo isa angafaa yeroo booda Yesus jedhamee waamame akka taʼe amanuun ni dandaʼama.—9/15, ful. 21.

• Waaqeffannaa dhugaa ilaalchisee, sababiiwwan Waaqayyo biratti fudhatama hin qabne maalidha?

‘Baayʼee ulfaataadha. Fedhii hin qabu. Hojiin garmalee natti baayʼata. Gaʼumsa hin qabu. Namni tokko na mufachiiseera.’ Yaadawwan kun abboommiiwwan Waaqayyoo eeguu dhiisuuf sababii hin taʼan.—10/15, ful. 12-15.

• Karaa walgaʼiiwwan keenya siinis taʼe warra kaan akka jajjabeessan gochuu itti dandeessu maalfaʼi?

Dursii qophaaʼi. Yeroo hunda argami. Yeroodhaan gaʼi. Barreeffamoota barbaachisan qabadhuu kottu. Wantoota yaadakee hihhiranirraa of qusadhu. Hirmaannaa godhi. Yaada gabaabaa kenni. Kutaa siif kenname qophaaʼi, akkasumas dhiheessi. Warra kutaa dhiheessan galateeffadhu. Obbolootatti makami.—10/15, ful. 22.

• Aaron dhiibbaa hiriyaatiif moʼamuusaarraa barumsa akkamii arganna?

Yeroo tokko Israaʼeloonni bakka Museen hin jirretti Aaron waaqa akka isaanii tolchu isa dirqisiisan. Innis tole jedhee waan isaan gaafatan hojjeteef. Kun, dhiibbaan hiriyaa kan gaʼu dargaggootarra qofa akka hin taane argisiisa. Gaʼeessota wanta gaarii hojjechuu barbaadanirras gaʼuu dandaʼa. Dhiibbaa gadhee karaa hiriyaa nutti dhufu moʼuun nu barbaachisa.—11/15, ful. 8.

• Waaqayyo jalqaba qabaa?

Macaafni Qulqulluun Waaqayyo jalqaba akka hin qabne ibsa. Waaqayyo yoomiyyuu kan jiraatudha. Waaqayyo barabaraan jiraata yaada jedhu hubachuun ulfaataa taʼus, guutummaatti yaadasaa hubachuu waan hin dandeenyeef qofa barabaraan kan jiraatu taʼuusaa mormuu hin qabnu.—7/1, ful. 28.

• Lafti yeroo hundaa nyaataafi qabeenya jireenyaaf barbaachisu argamsiisuu dandeessii?

Pilaaneetiin keenya Lafti, isheen bareedduun wanta jireenyaaf barbaachisu argamsiisuuf dandeettii guddaa qabdi. Abdii Waaqayyo waggaa 4,000 dura maatii ilmaan namootaatiif kennerratti amantaa qabaachuu dandeenya. Abdiin kunis, “Egaa hamma bara lafti kun itti jiraatutti, midhaan facaasuunii fi sassaabuun, dhaamochinii fi hoʼi, bonnii fi ganni, guyyaanii fi halkan ittuma fufu malee hin dhaabatan” kan jedhudha. (Uma. 8:22) Guyyaa hunda aduun baʼuunshee akka hin oolle akkuma beeknu, laftis wanta jireenyaaf barbaachisu argamsiisuushee matumaa akka hin dhiisne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—3/1, ful. 22.