Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyoon Tajaajiluuf Yeroonsaa Hin Dabarre

Waaqayyoon Tajaajiluuf Yeroonsaa Hin Dabarre

Waaqayyoon Tajaajiluuf Yeroonsaa Hin Dabarre

Magaalaa kibba Ispeenitti argamtuufi Maalaagaa jedhamtutti, haatiifi intalli maqaansaanii Aanaa jedhamu Muddee 19, 2009 cuuphaman. Obboleettonni kun, namoota bara 2009 Ispeen keessatti tarkaanfii akkasii fudhataniifi 2,352 taʼan keessaa tokko turan. Haataʼu malee, wanti haadhaafi intala kana adda isaan godhu umriisaaniiti. Umriin haadhaa waggaa 107 siʼa taʼu, kan intalaammoo waggaa 83 ture!

Yihowaadhaaf of murteessanii akka cuuphaman kan isaan kakaase maalidha? Jalqaba bara 1970mmaniitti, dubartiin ollaasaanii Dhugaa Baatuu taate tokko Aanaa ishee xinnoo Qayyabannaa Kitaabaa manasheetti geggeeffamurratti akka argamtu afeeraa turte. Aanaan al tokko tokko walgaʼii kanarratti ni argamti turte. Haataʼu malee, hojiin isheen hojjettu karaa hafuuraa akka hin guddanne gufuu itti taʼee ture.

Gara waggaa kudhanii booda, ijoolleen Aanaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan jalqaban siʼa taʼu, yeroo booda tajaajiltoota Yihowaa taʼaniiru. Isaan keessaa tokko kan taate Maarii Kaarman, haatishee jaalala dhugaa Macaafa Qulqulluutiif qabdu akka haareffattu kan goote siʼa taʼu, qayyabannaa akka jalqabdus ishee gargaarteetti. Achiis, akkoon Maarii Kaarman Aanaa ishee guddoon, ergaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii argisiisuu jalqaban. Yeroo booda, miseensota maatiisaanii keessaa namoonni kudhan cuuphamaniiru.

Aanaa lamaan haadhaafi intala taʼan, gaafa cuuphaman baayʼee gammadanii turan. Aanaa isaan umriinsaanii 107 taʼe, “Akkan isa beekuu waan naa heyyameef, Yihowaan gaarummaa guddaa natti argisiiseera” jedhaniiru. Intallisaaniimmoo itti dabaluudhaan, “Jannanni dhufuusaa dura, fedhasaa raawwachuufi hamman dandaʼe misiraachicha lallabuurratti hirmaachuudhaan Yihowaa tajaajiluun barbaada” jedhaniiru.

Wanti maanguddoota abbootiin manaasaanii irraa duʼan kanaaf gammachuu guddaa argamsiise walgaʼiiwwanirratti argamuusaaniiti. Jaarsi gumiisaanii tokko, “Walgaʼiirraa guyyaa tokkollee hafanii hin beekan. Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti yaada kennuuf yeroo hundumaa qophaaʼoodha” jedheera.

Amanamummaan maanguddoota kanaa, Haannaa ishee abbaan manaa irraa duʼeefi “soomaa, halkanii fi guyyaa kadhachaa, mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin Waaqayyoof sagadaa” turte nu yaadachiisa. Kunis, Yesus isa mucaa xinnoo ture arguuf mirga akka argattu ishee godheera. (Luq. 2:36-38) Haannaan umriinshee waggaa 84 taʼus Yihowaa tajaajiluuf yeroon akkuma itti hin dabarre, Aanaan lamaanis yeroon isaanitti hin dabarre.

Firoota ergaa Macaafa Qulqulluu dhaggeeffachuuf fedhii qaban qabdaa? Yookiin maanguddoo yeroo manasaanii dhaqxu si dhaggeeffachuuf fedhii qaban argatteettaa? Isaanis Yihowaa tajaajiluu jalqabuuf yeroon waan isaanitti hin dabarreef, akkuma Aanaa lamaan muuxannoo kanarratti ibsamanii taʼuu dandaʼu.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 25rra jiru]

“Yihowaan gaarummaa guddaa natti argisiiseera”

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 25rra jiru]

“Jannanni dhufuusaa dura Yihowaa tajaajiluun barbaada”