Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Faarfadhaa!

Yihowaa Faarfadhaa!

Yihowaa Faarfadhaa!

“Hamman jirutti jajuu Waaqayyo koo nan faarfadha!”—FAR. 146:2.

1. Daawit yommuu dargaggeessa ture faarfannaawwan tokko tokko akka qindeessu kan isa kakaase maalidha?

DAAWIT yommuu dargaggeessa ture naannoo Betlihemitti hoolota abbaasaa tiksuurratti yeroo dheeraa dabarseera. Yeroo hoolota tiksutti wantoota dinqisiisaa Yihowaan uume, kan akka samii urjiidhaan guutamee, “bineensota caakkaa,” akkasumas “simbirroota qilleensa keessa balaliʼan” hubachuu dandaʼee ture. Wanti inni arge baayʼee waan isa dinqisiiseef, Uumaa wantoota dinqisiisaa taʼan kanaatiif faarfannaawwan galataa garaa namaa tuqan qindeessuuf kakaʼeera. Faarfannaawwan Daawit walitti qindeesse hedduunsaanii macaafa Faarfannaa keessatti argamu. *Faarfannaa 8:3, 4, 7-9 dubbisi.

2. (a) Muuziqaan nama tokkorratti dhibbaa akkamii geessisuu dandaʼa? Fakkeenya kenni. (b) Walitti dhufeenya Daawit Yihowaa wajjin qabu ilaalchisee, Faarfannaa 34:7, 8fi Faarfannaa 139:2-8⁠rraa maal baranna?

2 Daawit dandeettii muuziqaa taphachuu kan guddifate yeroo kanatti taʼuu hin oolu. Muuziqaa taphachuudhaan dandeettii guddaa waan qabuuf, Saaʼol Mootichaaf kiraara akka taphatu gaafatamee ture. (Fak. 22:29) Akkuma yeroo harʼaatti muuziqaa gaariin nama tasgabbeessu, muuziqaan Daawit mootii dhiphate tokko tasgabbeessuu dandaʼeera. Yeroo Daawit kiraarasaa ol kaasu, “Saaʼol yommus aara galfatee in gammada” ture. (1 Sam. 16:23) Faarfannaan namni Waaqayyoon sodaatu, akkasumas muuziqaa beekuufi barreessu kun qindeesse, hanga ammaatti faayidaa kan qabu taʼuunsaa mirkanaaʼeera. Mee yaadaa! Yeroo harʼaa, jechuunis Daawit dhalatee waggoota 3,000 ol boodallee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman, haalawwan garaagaraa keessaa babaʼaniifi bakka kamiyyuu jiraatan, jajjabinaafi abdii argachuuf yeroo hunda faarfannaa Daawit dubbisu.—2 Sen. 7:6; Faarfannaa 34:7, 8; 139:2-8; Amos 6:5 dubbisi.

Iddoo Guddaa Muuziqaan Waaqeffannaa Dhugaa Keessatti Qabu

3, 4. Bara Daawititti muuziqaan waaqeffannaadhaaf tajaajilu kan qindeeffame akkamitti?

3 Daawit nama uumamaan dandeettii guddaa qabu yommuu taʼu, dandeettii kanaanis karaa hundumarra caaluun Yihowaa jajateera. Daawit Mootii Israaʼel erga taʼee booda, tajaajila godoo qulqullaaʼaa keessatti raawwatamutti muuziqaan akka dabalamu qophii godheera. Lewwoota tajaajilaa turan hunda keessaa, kudhan keessaa harka tokkoo ol, jechuunis 4,000 kan taʼan, “galata akka dhiʼeessan” kan ramadaman siʼa taʼu, isaan keessaa 288 kan taʼanimmoo “miʼa faarfannaatiin barsiifamanii qopheeffaman.”—1 Sen. 23:3, 5; 25:7.

4 Daawitumtiyyuu faarfannaa Lewwoonni faarfatan keessaa hedduusaanii qindeesseera. Lammiin Israaʼel yeroo faarfannaan Daawit faarfatamu achitti argamuuf mirga argate kamiyyuu, wanta dhagaʼutti garaansaa baayʼee akka tuqamu hin shakkisiisu. Yeroo booda, ennaa saanduqni kakuu gara Yerusaalemitti geeffamu, “Daawit, dura-buutonni Lewwootaa, namoota miʼa faarfannaatiin, maseenqoodhaan, kiraaraan, sibiila walitti rukutamee sagalee guddaa dhageessisuunis geggeeffamanii, faarfannaa nama gammachiisu faarfatan obboloota isaanii keessaa akka foʼaniif in abboome.”—1 Sen. 15:16.

5, 6. (a) Bara bulchiinsa Daawititti muuziqaadhaaf xiyyeeffannaa guddaan kan kenname maaliifi? (b) Waaqeffannaa Israaʼel durii keessatti muuziqaan iddoo guddaa akka qabu beekuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Bara Daawititti muuziqaadhaaf xiyyeeffannaa guddaan kan kenname maaliif ture? Mootichi dandeettii muuziqaa waan qabuuf turee? Lakki, Hisqiyaas Mootichi inni nama qajeelaa ture jaarraawwan hedduu booda yommuu tajaajila mana qulqullummaatti raawwatamu deebisee hundeesse sababiin gara biraan mulʼate jira ture. Seenaa Isa Lammaffaa 29:25⁠rratti yaada, “Akkuma dur Daawitiif Gaadi ilaaltuun mootichaa, Naataan raajichis akka Waaqayyo karaa raajota isaatii abboomee turetti hojjechiisaa turan; akkasuma mootichi [Hisqiyaas] Lewwoota warra sibiila walitti rukutamee sagalee dhageessisuun, kiraaraan, maseenqoodhaan faarfatan, mana qulqullummaa keessatti hojii irra in dhaabe” jedhu dubbisna.

6 Eeyyee, Yihowaan karaa raajotasaa namoonni isa waaqeffatan faarfannaadhaan akka isa jajatan qajeelfama kenneera. Faarfattoonni gosa lubaa taʼan, muuziqaa qindeessuufi shaakaluuf yeroo gaʼaa akka argatanitti hojii Lewwoonni kaan hojjechuu qaban akka hin hojjenne godhamu turan.—1 Sen. 9:33.

7, 8. Faarfannaawwan Mootummichaa yommuu faarfannu, wanti dandeettii caalaa bakki guddaan kennamuuf maalidha?

7 Tarii, “Ani akka gaariitti faarfachuu waanan hin dandeenyeef matumaa Lewwoota godoo qullaaʼaa keessatti faarfachuurratti hayyoota turan keessaa tokko taʼuu hin dandaʼun ture!” jettanii yaaddu taʼa. Haataʼu malee, Lewwoonni faarfattoota taʼan hundi hayyoota hin turre. Akka 1 Seenaa 25:8 jedhutti, warri “bartuu” taʼanis jiru turan. Gosoota Israaʼel garabiraa keessaa namoonni muuziqaafi faarfannaadhaan hayyoota taʼan jiraachuu dandaʼaniyyuu, Yihowaan muuziqaa wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaa kan kenne Lewwootaaf akka ture hubachuun barbaachisaadha. ‘Hayyootas’ [NW] taʼan “bartuu,” Lewwoonni amanamoo taʼan hundi hojiisaanii kana garaa guutuudhaan hojjechaa akka turan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

8 Daawit muuziqaa kan jaallatu taʼuusaarrayyuu, gama kanaan dandeettii guddaa qaba ture. Haataʼu malee, wanti Waaqayyo duratti bakka guddaa qabu dandeettii qabaachuu qofadhaa? Daawit Faarfannaa 33:3⁠rratti, “Ribuu miʼichaa baʼeessa godhaa bubbutaa, gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!” jechuudhaan barreesseera. Ergaansaa ifaadha: Wanti bakka guddaa qabu, ‘baʼeessa goonee’ Yihowaa jajachuu keenyadha.

Gaʼee Muuziqaan Bara Daawit Booda Qabu

9. Bara bulchiinsa Solomoonitti, yeroo manni qulqullummaa eebbifametti argamteetta utuu taʼee wanta arguufi dhagaʼuu dandeessu ibsi.

9 Bara bulchiinsa Solomoonitti, muuziqaan waaqeffannaa dhugaa keessatti bakka guddaa qaba ture. Yeroo manni qulqullummaa eebbifametti, tuutni muuziqaa akka gaariitti gurmaaʼe, akkasumas kutaa meeshaawwan muuziqaa hafuuraan hojjetan keessattillee Lewwoonni 120⁠ni fiingee afuufan ramadamanii turan. (2 Seenaa 5:12 dubbisi.) Macaafni Qulqulluun, “Warri fiingee afuufanii fi [hundisaanii luboota turan] warri faarfattoonni sagalee isaanii wal qixxeessanii walii wajjin in faarfatan, Waaqayyoonis in galateeffatan. . . . ‘Inni gaarii dha, gaarummaan isaas bara baraan in jiraata’ jedhanii Waaqayyoon in galateeffatan” jedha. Akkuma sagaleen gammachuu ol baʼeen, “duumessi manicha qulqullummaa sana keessa in guute”; kunis faarfannichi Yihowaa duratti fudhatama argachuusaa mulʼisa. Sagaleen fiingeefi faarfattoota kumaan lakkaaʼamanii ergaan takkaa yeroo dhagaʼamu, baayʼee kan nama gammachiisuufi kan nama dinqisiisu akka ture beekamaadha!—2 Sen. 5:13.

10, 11. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa waaqeffannaasaanii keessatti muuziqaatti fayyadamaa akka turan kan argisiisu maalidha?

10 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas waaqeffannaasaanii keessatti muuziqaatti fayyadamu turan. Kiristiyaanonni kun, godoo qulqullaaʼaa ykn mana qulqullummaa keessatti utuu hin taʼin, manneen dhuunfaa keessatti walgaʼu turan. Ariʼatamniifi wanti rakkisaa kan biraan waan isaan mudatuuf, haalli itti walgaʼan yeroo baayʼee mijaaʼaa hin turre. Taʼus, faarfannaadhaan Waaqayyoon ni jajatu turan.

11 Phaawulos ergamaan, “Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis . . . Waaqayyoof faarfadhaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota Qolosaayis jiran gorsee ture. (Qol. 3:16) Phaawulosiifi Silaas yeroo hidhaman, kitaaba faarfannaa of harkaa kan hin qabne taʼaniyyuu, “Waaqayyoon kadhatanii faarfatan.” (HoE. 16:25) Utuu mana hidhaa galtanii, faarfannaawwan Mootummichaa keessaa meeqansaanii yaadattanii faarfachuu dandeessu?

12. Dinqisiifannaa faarfannaawwan Mootummichaatiif qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Muuziqaan waaqeffannaa keenya keessatti iddoo guddaa waan qabuuf, akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Dinqisiifannaan muuziqaadhaaf qabu hamman dandaʼe argisiisaan jiraa? Walgaʼii gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti yeroodhaan argamee obbolootakoo wajjin faarfannaa jalqabaarratti hirmaachuuf hamman dandaʼe nan carraaqaa? Akkasumas garaa guutuudhaan nan faarfadhaa? Ijoolleenkoo faarfannaan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiifi Walgaʼii Tajaajilaa, akkasumas haasaa sabaafi Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa gidduutti faarfatamu, akka yeroo boqonnaatti ykn yeroo miilla itti hiikkatanitti ilaaluudhaan utuu hin barbaachisin kaʼanii akka hin deemne isaanitti nan himaa?’ Faarfannaan kutaa waaqeffannaa keenyaati. Eeyyee, ‘hayyootas’ taane “bartuu” hundi keenya sagalee tokkoon Yihowaa jajachuu dandeenya; kanas gochuu qabna.—2 Qorontos 8:12 waliin ilaali.

Yeroon Darbaa Ennaa Deemu Jijjiiramni Ni Barbaachisa

13, 14. Walgaʼiiwwan gumiirratti garaa guutuudhaan faarfachuun buʼaa akkamii qaba? Fakkeenya kenni.

13 Waggaa 100 ol dura, Masaraan Eegumsaa Xiyoon faarfannaawwan keenya maaliif baayʼee barbaachisaa akka taʼan ibsee ture. Barruun kun, “Dhugaa faarfachuun karaa gaarii dhugaan garaafi sammuu saba Waaqayyoo keessa akka galu godhudha” jedheera. Walaloon faarfannaawwan keenyaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti kan hundaaʼe siʼa taʼu, faarfannaawwan tokko tokko keessaa jechoota muraasallee barachuun keenya, karaa dhugaan garaa keenya keessa akka lixu gochuuf nu gargaarudha. Yeroo baayʼee, namoonni yeroo jalqabaatiif walgaʼiiwwan keenyarratti argaman, obboloonni garaadhaa yommuu faarfatan arguunsaanii isaan tuqa.

14 Bara 1869 gaaf tokko galgala, Chaarlis Teez Raasil hojiidhaa gara manaasaatti yeroo deebiʼu galma lafa jala jiru tokko keessaa faarfannaa dhagaʼe. Yeroo sanatti waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa beekuu akka hin dandeenye of amansiisee ture. Kanaafuu, karaa hafuuraa namoota gargaaruu waan hin dandeenyeef, daldalasaarratti guutummaatti xiyyeeffachuudhaan qarshii argatee wanta karaa foonii isaan barbaachisu guutuuf murteessee ture. Obboleessi keenya Raasil galma awwaaraafi kosiidhaan guutame sana keessa yeroo seenu achitti walgaʼiin amantii geggeeffamaa ture. Achiis taaʼee dhaggeeffate. Boodas waaʼee kanaa ilaalchisee, ‘Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame taʼuusaa ilaalchisee amantiisaa isa laafee ture gargaarsa Waaqayyootiin jabeessuuf wanti inni gaafas galgala dhagaʼe gaʼaa akka ture’ barreesseera. Obboleessi keenya Raasil gara walgaʼii akka dhaqu jalqaba kan isa kakaase faarfannaa taʼuusaa hubadhaa.

15. Kitaaba faarfannaa keenya haaressuun barbaachisaa akka taʼu kan godhe, hubannaa qabnurratti jijjiiramni akkamii godhamuusaati?

15 Yeroon darbaa ennaa adeemu, hubannaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti qabnurratti sirreeffamni tokko tokko ni godhama. Fakkeenyi 4:18, “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti” jedha. Ifni dabalaa adeemuunsaa, karaa ‘dhugaa itti faarfannurratti’ sirreeffama gochuutti akka geessu beekamaadha. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota hedduu keessa jiraatan waggoota 25 darbaniif kitaaba faarfannaa, Yihowaadhaaf Faarfannaa Galataa Faarfadhaa * jedhamutti fayyadamaa turan. Waggoota kitaabni kun jalqaba itti maxxanfamee kaasee, dhimmoota baayʼeerratti ifni caalaatti waan ifeef, jechoonni kitaaba faarfannaa kana keessatti itti hojjetaman tokko tokko jijjiiramuun isaan barbaachisa ture. Barumsawwan buʼuuraa tokko tokkorratti jijjiiramni godhamuunsaa, kitaaba faarfannaa keenya haaressuun barbaachisaa akka taʼu godheera.

16. Kitaabni faarfannaa inni haaraan gorsa Phaawulos Efesoon 5:19⁠rratti kenne hordofuuf kan nu gargaaru akkamitti?

16 Sababiiwwan kanaafi kan birootiin, Qaamni Olaanaan kitaabni faarfannaa haaraan matadureensaa Yihowaa Faarfadhaa jedhu akka qophaaʼu murteesseera. Lakkoofsi faarfannaa kitaaba haaraa kanarra jiru Ingiliffaan gara 135⁠tti kan hirʼifame yommuu taʼu, afaan Oromootiinimmoo 55 taʼeera. Faarfannaawwan haaraan kun baayʼee waan hin taaneef, yoo xinnaate walaloo faarfannaawwan kanaa tokko tokko yaadatti qabachuun ni dandaʼama. Kunis gorsa Phaawulos Efesoon 5:19rratti kennee wajjin kan walsimudha.—Dubbisi.

Dinqisiifannaa Qabdan Argisiisuu Dandeessu

17. Qaanofnee walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti faarfachuurraa duubatti akka hin jenne maaltu nu gargaara?

17 Qaanofnee walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti faarfachuurraa duubatti jechuu qabnaa? Mee yaadaa! Dubbii wajjin haala wal qabateen yaanni, “Nuyi hundumti keenya baayʼee irraa in kaanna” jedhu dhugaa taʼuusaa yaadachuun gaarii mitii? (Yaq. 3:2) Taʼus, akka gaariitti dubbachuu dadhabuun keenya, mana gara manaatti tajaajiluudhaan Yihowaa jajachuurraa duubatti akka jennu akka nu godhu hin heyyamnu. Maarree, akka gaariitti faarfachuu dadhabuun keenya, sagalee keenyaan Waaqayyoon jajachuurraa duubatti akka jennu nu gochuu qabaa? Yihowaan, inni ‘afaan namaa uume,’ sagalee keenyatti fayyadamnee yeroo isa jajannu dhaggeeffachuun isa gammachiisa.—Bau. 4:11.

18. Yaadawwan walaloo faarfannaawwan kanaa barachuuf gargaaran caqasi.

18 Siidiin, Siingi Tuu Jehoovaa—Piyaanoo Akkampaanimanti jedhamu, obboloonni hedduun faarfannaawwan haaraa kana akka baran isaan gargaareera. Muuziqaawwan meeshaadhaan qindeeffaman dhaggeeffachuun baayʼee nama gammachiisa. Muuziqaawwan kana yeroo baayʼee birooshura faarfannaa keessan qabattanii manatti kan shaakaltan yoo taʼe, walaloowwansaa salphaatti baruufi Galma Mootummaa keessatti sodaa malee faarfachuu dandeessu.

19. Faarfannaawwan Mootummichaa meeshaa muuziqaatiin qindeeffaman qopheessuun maalfaa gochuu gaafata?

19 Muuziqaawwan walgaʼii addaa, aanaafi koonyaarratti dhageenyu akka salphaatti ilaalla taʼa. Haataʼu malee muuziqaa kana qopheessuuf baayʼee dadhabameera. Muuziqaansaa erga filatamee booda, tuutni muuziqaa Masaraa Eegumsaa miseensota 64 qabu muuziqaa kana taphachuu akka dandaʼutti of eeggannoodhaan barreeffamuufii qaba. Achiis hayyoonni muuziqaa kun muuziqicha irra deddeebiʼanii shaakaluurratti saʼaatii hedduu kan dabarsan siʼa taʼu, dhumarrattis istuudiyoo Paatarsan, Niiwu Yoorki jiru keessatti waraabama. Obbolootaafi obboleettota kana keessaa kudhan Yuunaayitid Isteetisii ala jiraatu. Hundisaanii muuziqaa baʼeessa taʼeefi walgaʼiiwwan keenyarratti dhagaʼamu kana qopheessuurratti hirmaachuu akka mirga guddaatti ilaalu. Carraaqqii obboloonni kun jaalalaan kakaʼanii godhaniif dinqisiifannaa qabnu argisiisuu dandeenya. Walgaʼii gurguddaarratti dura taaʼaan waltajjii bakka taaʼumsaa keenya akka qabannu yeroo nu afeeru, yeruma sana iddoo keenya qabannee taaʼuudhaan muuziqaa kana xiyyeeffannaadhaan haa dhaggeeffannu.

20. Maal gochuuf murteessiteetta?

20 Yihowaan faarfannaa isa jajachuuf dhiheessinuuf xiyyeeffannaa kenna. Faarfannaawwan kun isaaf bakka guddaa qabu. Yeroo waaqeffannaadhaaf waltti qabamnu hunda garaa guutuudhaan faarfachuudhaan isa gammachiisuu dandeenya. Eeyyee, hayyootas taane bartuu, ‘Waaqayyoof haa weeddisnuʼ!—Far. 104:33.

[Miiljaleewwan]

^ key. 1 Kan nama dhibu, Daawit duʼee jaarraa kudhan boodaa, tiksitoonni utuu isaan naannoo Betlihemitti hoolotasaanii tiksaa jiranii, macci ergamootaa Masiihichi akka dhalate isaanitti himanii turan.—Luq. 2:4, 8, 13, 14.

^ key. 15 Kitaabni faarfannaawwan 225 qabu kun afaan 100 oliin argama ture.

Maal Jettee Deebista?

• Fakkeenyawwan bara duriitti muuziqaan waaqeffannaa keenya keessatti gaʼee guddaa akka qabu argisiisan kamfaʼi?

• Abboommii Yesus Maatewos 22:37⁠rratti dubbateef ajajamuufi faarfannaawwan Mootummichaa garaa guutuudhaan faarfachuun kan wal qabate akkamitti?

• Karaawwan faarfannaa Mootummichaatiif dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

[Gaaffiiwwan Qayyabanna]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Ijoolleen keessan, yeroo faarfannaan faarfatamu utuu hin barbaachisin kaʼanii akka hin deemne ni dhowwituu?

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Walaloo faarfannaawwan haaraa mana keessanitti shaakalaa jirtuu?