Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qorumsaafi Abdii Kutachuu Moʼuuf Humna Argachuu

Qorumsaafi Abdii Kutachuu Moʼuuf Humna Argachuu

Qorumsaafi Abdii Kutachuu Moʼuuf Humna Argachuu

“Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra buʼu, humna in godhattu.”—HOE. 1:8.

1, 2. Yesus bartootasaatiif gargaarsa akkamii akka kennu abdachiise? Kun kan isaan barbaachisu maaliif ture?

YESUS, bartoonnisaa dandeettiisaanii qofaan wanta inni isaan ajaje hunda hojjechuu akka hin dandeenye beeka ture. Balʼina hojiisaanii, humna diinonnisaanii qabaniifi foon namaa dadhabaa taʼuusaa yommuu yaannu, humni humna namaatiin ol taʼe akka isaan barbaachisu ifadha. Kanaafuu Yesus gara samiitti utuu ol hin baʼin dura, “Isin garuu, hafuurri qulqulluun yommuu isin irra buʼu, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jechuudhaan bartootasaatiif mirkaneesseera.—HoE. 1:8.

2 Wanti Yesus abdachiise kun, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, yommuu hafuurri qulqulluun duuka buutota Yesus Kiristosirra buʼuudhaan lallabasaaniitiin Yerusaalemiin akka guutan humna isaanii kennetti raawwiisaa argachuu jalqabeera. Mormiin akkamiiyyuu hojii sana dhaabsisuu hin dandeenye. (HoE. 4:20) Nuunis dabalatee, duuka buutota Yesus amanamoo taʼaniif, humni Waaqayyo biraa argamu kun “hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa” baayʼee nu barbaachisa.—Mat. 28:20.

3. (a) Garaagarummaa hafuura qulqulluufi humna gidduu jiru ibsi. (b) Humni Yihowaa biraa argannu maal hojjechuuf nu gargaara?

3 Yesus, bartoonnisaa ‘hafuurri qulqulluun yommuu isaanirra buʼu humna akka godhatan’ isaan abdachiisee ture. Jechoonni “humna” fi ‘hafuura’ jedhan hiika addaddaa qabu. Hafuurri Waaqayyoo, jechuunis humnisaa inni hojiirra jiru, humna namootarra ykn wantootarra buʼee hojiidhaaf kakaasuufi fedhi Waaqayyoo akka raawwatamu godhudha. Jechi humna jedhu garuu, “dandeettii waan tokko hojjechuu ykn buʼaa argamsiisuu” qabaachuu kan argisiisudha. Humni, hamma waa hojjechuuf barbaachisutti nama ykn wanta tokko keessa sochii malee turuu kan dandaʼudha. Kanaafuu, hafuurri qulqulluun humna elektiriikii, baatiriitti guutamaa jiruu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Humni garuu, annisaa baatiricha keessatti kuufamee wajjin wal fakkaata. Humni Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee tajaajiltootasaatiif kennu, hundi keenya itti gaaatamummaa Kiristiyaana taʼuudhaan qabnu akka raawwannu nu dandeessisa; akkasumas yeroo barbaachisaa taʼutti humna miidhaa nurraan geessisu ofirraa ittisuuf nu gargaara.—Miikiyaas 3:8; Qolosaayis 1:29 dubbisi.

4. Mataduree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla? Maaliif?

4 Humni hafuura qulqulluurraa argannu kan mulʼatu akkamitti? Hafuurri qulqulluun haalawwan garaagaraa keessatti waa hojjechuuf ykn deebii taʼe tokko kennuuf kan nu kakaasu akkamitti? Amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluuf yommuu yaallu, karaa Seexanaa ykn biyya lafaa bulchiinsasaa jala jiru ykn cubbuu dhaalleen kan kaʼe rakkoowwan hedduun nu mudatu. Kanaaf, Kiristiyaanota amanamoo taanee jiraachuuf, tajaajilarratti yeroo hunda hirmaachuufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu eeguuf rakkoowwan kana moʼuun keenya barbaachisaadha. Mee hafuurri qulqulluun qorumsa, dadhabbiifi abdii kutachuu moʼuuf akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu.

Qorumsa Moʼuuf Humna Argachuu

5. Kadhannaan humna nuu kennuu kan dandaʼu akkamitti?

5 Yesus, “Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee” jechuudhaan akka kadhatan duuka buutotasaa barsiiseera. (Mat. 6:13) Yihowaan kadhannaa tajaajiltoonnisaa amanamoo taʼan dhiheessan akkasii ni dhagaʼa. Yeroo garabiraattimmoo Yesus, “Abbaan keessan inni waaqa irraa, . . . warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!” jechuudhaan dubbateera. (Luq. 11:13) Yihowaan hafuurasaa isa wanta sirrii taʼe hojjechuuf nu gargaaru nuu kennuuf nu abdachiisuunsaa baayʼee kan nama jajjabeessudha! Akkas jechuun garuu, Yihowaan qorumsi akka nurra hin geenye godha jechuu miti. (1 Qor. 10:13) Haataʼu malee, yeroo qorumsi nurra gaʼu isa duraa caalaa cimsinee kadhachuu qabna.—Mat. 26:42.

6. Yesus qorumsa Seexanni dhiheesseefii tureef maalirratti hundaaʼee deebii kenne?

6 Yesus qorumsa Seexanni isaaf dhiheesseef Caaffata Qulqullaaʼoorraa caqasuudhaan deebii kenneera. Yesus yommuu, “Caaffata qulqullaaʼaa keessatti . . . kan jedhu caafameera. . . . kan jedhus immoo caafameera. Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafameera” jedhetti, Dubbiin Waaqayyoo yaadasaa keessa akka jiru argisiiseera. Jaalalli Yesus Yihowaafi Dubbiisaatiif qabu sossobbaa Seexanni dhiheesseefii ture akka didu isa kakaaseera. (Mat. 4:1-10) Seexanni, Yesus qorumsa isaaf dhihaate hundumaa moʼuusaa yeroo argu isa dhiisee biraa adeeme.

7. Macaafni Qulqulluun qorumsa moʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

7 Yesusillee qorumsa Seexanni isaaf dhiheesseef Caaffata Qulqullaaʼoorraa caqasee erga deebii kennee, nuyimmoo Caaffata Qulqullaaʼootti hammam fayyadamuu qabnaree! Seexanaafi bakka buutotasaa moʼuuf humna argachuu barbaannaan, ulaagaawwan Waaqayyo baase beekuufi kanaa wajjin guutummaatti walsimnee jiraachuun barbaachisaa akka taʼe beekamaadha. Namoonni baayʼeen Caaffata Qulqullaaʼoo barachuudhaan, ogummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa erga hubatanii booda, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimanii jiraachuu dandaʼaniiru. Dhugumayyuu, “Dubbiin Waaqayyoo,” ‘yaadaafi akeeka garaa namaa’ qoree bira gaʼuuf humna qaba. (Ibr. 4:12) Namni tokko baayʼinaan Caaffata Qulqullaaʼoo dubbisaafi irratti xiinxalaa yeroo adeemu, ‘Yihowaan dhugaa taʼuusaa gad fageenyaan’ hubachaa adeema. (Dan. 9:13, hiika bara 1899) Kanaaf, caqasoota dadhabina keenyaa wajjin walitti dhufeenya qabanirratti xiinxaluu qabna.

8. Karaawwan hafuura qulqulluu argachuu itti dandeenyu kamfaʼi?

8 Yesus ‘hafuura qulqulluudhaan waan guutameef’ Caaffata Qulqullaaʼoo beekuu malees, qorama isarra gaʼe moʼuu dandaʼee ture. (Luq. 4:1) Humnaafi dandeettii akkasii qabaachuuf, qophiiwwan Waaqayyo qorumsa akka moonuuf karaa hafuura qulqulluu nuu godhetti guutummaatti fayyadamuudhaan, caalaatti Yihowaatti dhihaachuun nu barbaachisa. (Yaq. 4:7, 8) Qophiiwwan kana keessaa tokko tokko, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, kadhannaafi namoota hidhata amantii keenya taʼan michoota godhachuudha. Obboloonni baayʼeen sammuunsaanii sochiiwwan Kiristiyaanaa warra karaa hafuuraa nama ijaaranirratti akka xiyyeeffatu gochuunsaanii faayidaa akka isaanii argamsiise hubataniiru.

9, 10. (a) Qorumsawwan naannoo keetti beekamaa taʼan kamfaʼi? (b) Xiinxaluufi kadhachuun yeroo akka dadhabdan isinitti dhagaʼamuttillee qorumsa moʼuuf humna kan isinii kennu akkamitti?

9 Qorumsa cubbuu akka hojjettan isin godhuufi moʼuu qabdan akkamiitu isin mudata? Nama hiriyaa gaaʼelaa keessan hin taane kolomsuuf qoramtanii beektuu? Gaaʼela hin godhatin jirtu taanaanimmoo, afeerrii namni hidhata amantii keessan hin taane tokko beellamaan akka wajjin haasoftan isinii dhiheesse fudhachuuf qoramtanii beektuu? Kiristiyaanonni televijiiniis taʼe Intarneetii yeroo ilaalan, wantoota qulqulluu hin taane ilaaluudhaaf qoramuu dandaʼu. Wanti akkasii isin mudateera taanaan maal gootanii beektu? Tarkaanfii dogoggora taʼe tokko fudhachuun, akkamitti tarkaanfii gara biraatti, achiis gocha baayʼee gadhee taʼetti nama geessuu akka dandaʼu irratti xiinxaluun barbaachisaadha. (Yaq. 1:14, 15) Cubbuu cimaa raawwachuun keessan, Yihowaarratti, gumiifi maatii keessanirratti miidhaa akkamii akka geessisu yaadaa. Karaa garabiraammoo, yaada garaa qulqulluu taʼe qabaachuun, seerawwan buʼuuraa Waaqayyo baaseef amanamoo taʼuurraa argama. (Faarfannaa 119:37; Fakkeenya 22:3 dubbisi.) Qorumsawwan akkasii yeroo isinirra gaʼan, humna qorumsa kana moʼuuf isin gargaaru argachuuf kadhannaa dhiheessaa.

10 Qorumsa Seexanni fidu ilaalchisee wanti yaadachuu qabnu garabiraanis jira. Seexanni gara Yesus kan dhaqe, erga inni lafa onaa keessatti guyyaa 40f soomaa turee boodadha. Seexanni, amanamummaa Yesus qoruuf kun keessumaa “yeroo mijaaʼaa,” [NW] akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. (Luq. 4:13) Seexanni, nuunis yeroo mijaaʼaa taʼe eeggatee amanamummaa keenya qoruu barbaada. Kanaafuu, karaa hafuuraa of jabeessuun keenya barbaachisaadha. Seexanni, miidhaa kan nurraan gaʼu baayʼee akka dadhabne yeroo hubatuttidha. Kanaaf, yommuu akka dadhabne ykn abdii akka kutanne nutti dhagaʼamu, isa yeroo kaanii caalaa akka nu eeguufi hafuura qulqulluu nuu kennuudhaan akka nu gargaaru Yihowaatti iyyachuu qabna.—2 Qor. 12:8-10.

Dadhabbiifi Abdii Kutachuu Moʼuuf Humna Argachuu

11, 12. (a) Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen akka abdii kutatan kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi? (b) Abdii kutachuu moʼuuf wanti humna nuu kennuu dandaʼu maalidha?

11 Nuyi ilmaan namootaa mudaa waan qabnuuf al tokko tokko abdii kutanna. Keessumaa yeroo dhiphisaa keessa jiraannu kanatti wanti kun dhugaa taʼuunsaa beekamaadha. Yeroo baayʼee rakkisaa taʼeefi tarii hamma yoonaatti ilmaan namootaa hundarra gaʼee hin beekne keessa jiraanna. (2 Xim. 3:1-5) Armaagedoon dhihaachaa yommuu adeemutti, karaa dinagdee, karaa miiraa, akkasumas karaa gara biraatiin dhiphinni dabalaa adeema. Namoonni tokko tokko maatiisaanii kunuunsuufi wanta karaa foonii isaan barbaachisu dhiheessuudhaan itti gaafatamummaa isaanii baʼuun itti ulfaachaa kan dhufe taʼuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Akka dadhaban, akka bututan, humnisaanii akka dhumeefi akka eelan isaanitti dhagaʼama. Isinis akkas isinitti dhagaʼama taanaan dhiibbaa kana moʼuu kan dandeessan akkamitti?

12 Yesus, hafuura qulqulluu isa gargaaraa taʼe bartootasaatiif akka kennu mirkaneessee akka ture yaadadhaa. (Yohannis 14:16, 17 dubbisi.) Hafuurri kun, uumama cufa keessatti humna hunda caaludha. Yihowaan hafuura kana “safara malee caalchisee” nuu kennuudhaan, jabina qorumsa nurra gaʼu kamiyyuu moʼuuf nu barbaachisu nuu kennuu dandaʼa. (Efe. 3:20) Phaawulos ergamaan, ‘karaa hundumaa rakkannus humna humna gararraa’ jiru arganneerra, jechuudhaan amanannaa hafuura kanarratti qabu ibseera. (2 Qor. 4:7, 8) Yihowaan dhiphina nurra gaʼu hambisuuf abdii kennuu baatus, karaa hafuura qulqulluu humna rakkina moʼuuf nu gargaaru akka nuu kennu mirkaneesseera.—Filp. 4:13.

13. (a) Shamarreen tokko haala rakkisaa isheerra gaʼe moʼuuf humna kan argatte akkamitti? (b) Seenaa muuxannoo armaan olii wajjin wal fakkaatu beektaa?

13 Mee qajeelchituu umriinshee waggaa 19 taʼeefi Isteefaanii jedhamtu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Umrii waggaa 12⁠tti sammuushee keessatti dhiigni waan dhangalaʼeef xannachi sammuushee keessatti biqile. Yeroo sanaa kaasee siʼa lama yaaliin dhagna baqassanii hodhuufi yaaliin raadiyeeshinii godhameeraaf; sana boodas siʼa lama sammuushee keessatti dhiigni waan dhangalaʼeef, qaamnishee karaa bitaa jiru akka gaariitti sochoʼuu kan dide yommuu taʼu, ijishees akka gaariitti arguu dadhabe. Isteefaaniin wanta bakka guddaa kennituuf, jechuunis walgaʼiiwwan Kiristiyaanaafi tajaajilarratti argamuuf humnashee qusachuun ishee barbaachiseera. Taʼus, Yihowaan jabaattee akka dhaabattu karaa baayʼee akka ishee gargaare isheetti dhagaʼama. Isteefaaniin yommuu abdii kutattu muuxannoowwan Kiristiyaanotaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanirratti baʼan dubbisuun jajjabina isheef argamsiiseera. Obboloonni xalayaa isheef erguudhaan, akkasumas walgaʼiiwwan duraafi booda wajjin haasaʼuudhaan ishee jajjabeessaniiru. Namoonni waaʼee dhugaa beekuuf fedhii qabanis, manashee dhaqanii Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan dinqisiifannaa wanta isheen isaan barsiiftuuf qaban argisiisaniiru. Isteefaaniin wanta kana hundaatiif Yihowaa baayʼee galateeffatti. Yaanni Faarfannaa 41:3⁠rra jiru, isheerratti akka raawwatame waan amantuuf caqasa kana baayʼee jaallatti.

14. Yommuu abdii kutannu maal gochuurraa fagaachuu qabna? Maaliif?

14 Yeroo dadhabnu ykn yeroo dhiphannu, sochiiwwan hafuuraarratti hirmaannaa goonu dhiisuun, dhiphina moʼuuf nu gargaara jennee matumaa yaaduu hin qabnu. Akkasitti yaaduun keenya dogoggora guddaadha. Maaliif? Sababiinsaas sochiiwwan kun, jechuunis qayyabannaan Macaafa Qulqulluu dhuunfaafi maatii, tajaajilliifi walgaʼiirratti argamuun, karaa itti hafuurri qulqulluun humna nuu kennudha. Sochiiwwan hafuuraa yeroo hunda kan nama haaromsanidha. (Maatewos 11:28, 29 dubbisi.) Yeroo baayʼee obboloonni ennaa gara walgaʼii dhaqan dadhabbiin kan isaanitti dhagaʼamu taʼus, walgaʼiin xumuramee manasaaniitti yommuu deebiʼan, humnisaanii akka haarome isaanitti dhagaʼama.

15. (a) Yihowaan, jireenya Kiristiyaanotaa salphaa akka godhu abdachiiseeraa? Caqasarratti hundaaʼuudhaan ibsi. (b) Waaqayyo abdii akkamii nuu galeera? Kunimmoo gaaffii akkamii akka of gaafannu nu godha?

15 Kana jechuun garuu, itti gaafatamummaan Kiristiyaana taʼuu keenyaan qabnu salphaadha jechuu miti. Kiristiyaana amanamaa taʼanii jiraachuun carraaqqii gochuu gaafata. (Mat. 16:24-26; Luq. 13:24) Taʼus, Yihowaan karaa hafuura qulqulluu warra dadhabaniif humna kennuu dandaʼa. Isaayaas raajichi, “Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in kaʼu; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan” jechuudhaan barreesseera. (Isa. 40:29-31) Erga akkas taʼee, sochiiwwan Kiristiyaanaa baʼaa akka taʼanitti akka yaannu wanti nu godhu maal akka taʼe of gaafachuu qabna.

16. Wantoota nu dadhabsiisuu ykn abdii nu kutachiisuu dandaʼanirraa of qusachuuf maal gochuu dandeenya?

16 Dubbiin Yihowaa, ‘isa taʼuufi isa hin taane gargar baafnee akka qorru’ nu gorsa. (Filp. 1:10) Phaawulos ergamaan jireenya Kiristiyaanaa dorgommee karaa dheeraarra godhamuu wajjin wal fakkeessuudhaan, “Kanaafis kottaa wanta baʼaa nutti taʼu hundumaa, . . .  of irraa fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!” jechuudhaan gorseera. (Ibr. 12:1) Yaanni Phaawulos dubbate kun, wanta hin barbaachifneefi baʼaawwan nu dadhabsiisanirraa fagaachuu akka qabnu nu hubachiisa. Nu keessaa tokko tokko, jireenya keenya isa hojiin itti baayʼaturratti hojii dabaluuf yaalii goona taʼa. Kanaaf yeroo baayʼee dadhabbiifi dhiphinni isinitti dhagaʼama taanaan, hojii dhuunfaa hojjettanirratti yeroo hammamii dabarsaa akka jirtan, bashannanaaf yeroo hammamii akka deemtan, yeroo ispoortii ykn wantoota yeroo boqonnaa keessaniitti hojjechuu jaallattan hojjechuudhaan dabarsitan kaan gamaaggamuudhaan fooyyaʼiinsa gochuun isin fayyaduu dandaʼa taʼa. Hundi keenya humna keenya kan beeknuufi kan gad of deebisnu taʼuun keenya, wanta hojjennurratti daangaa gochuufi yeroo sochiiwwan barbaachisaa hin taanerratti dabarsinu xiqqeessuuf nu kakaasuu qaba.

17. Namoonni tokko tokko abdii kan kutatan maaliifi? Yihowaan kana ilaalchisee maal nuu mirkaneesseera?

17 Nu keessaa tokko tokko guyyaan dhumaa yeroon yaannetti waan hin dhufneef, hamma tokko abdii kutachuun nutti dhagaʼameera taʼa. (Fak. 13:12) Haataʼu malee namoonni akkas isaanitti dhagaʼamu hundi yaada Anbaaqom 2:3⁠rratti, “Mulʼanni kun yeroo itti raawwatamuun isaaf taʼu in eega, waaʼee guyyaa booddee in dubbata, garuu soba miti; yoo lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus” jedhurraa jajjabina argachuu dandaʼu. Yihowaan, dhumni sirna biyya lafaa yeroo inni murteessetti akka dhufu nuu mirkaneesseera.

18. (a) Abdiiwwan humna isinii kennan kamfaʼi? (b) Matadureen itti aanu kan nu fayyadu akkamitti?

18 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon hundi, yeroo dadhabbiin, akkasumas abdii kutachuun itti baduufi namoonni hundi gara “dargaggummaa isaaniitti” deebiʼan hawwiidhaan eeggatu. (Iyo. 33:25) Ammumallee sochiiwwan hafuuraa nama jajjabeessanirratti yommuu hirmaannu hafuura qulqulluu waan argannuuf, keessa keenyatti humna guddaa argachuu dandeenya. (2 Qor. 4:16; Efe. 3:16) Dadhabbiin isinitti dhagaʼamu eebba barabaraa akka isin dhabsiisu hin godhinaa. Qorumsi karaa dadhabbii ykn abdii kutachuu dhufu kamiyyuu yeroo ammaatti baduu baatus, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti ni bada. Mataduree itti aanurratti hafuurri qulqulluun Kiristiyaanonni, ariʼatama dandaʼuuf, dhiibbaa hiriyaafi rakkoowwan garaagaraa moʼuuf akkamitti humna akka isaanii kennu ilaalla.

Maal Jettee Deebista?

• Dubbisni Macaafa Qulqulluu humna kan nuu kennu akkamitti?

• Kadhannaafi xiinxaluun humna kan nuu kennuu akkamitti?

• Wantoota abdii isin kutachiisuu dandaʼan hambisuu kan dandeessan akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa karaa hafuuraa humna nuu kennuu dandaʼu