Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Keessattiyyuu Yihowaa Tajaajiluu Kootiif, Baayʼeen Galateeffadha

Rakkina Keessattiyyuu Yihowaa Tajaajiluu Kootiif, Baayʼeen Galateeffadha

Rakkina Keessattiyyuu Yihowaa Tajaajiluu Kootiif, Baayʼeen Galateeffadha

Maatje de Jongee-vaan deen Hoʼeval akka dubbattetti

UMRIINKOO waggaa 98 taʼeera. Kana keessaa waggaa 70f Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu kanan argadhe taʼus, amantiinkoo utuu hin qoramin hin hafne. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti mana hidhaa galee kanan ture yommuu taʼu, yeroo tokko utuun achi jiruu abdii kutachuun murtoon booda itti gaabbu tokko gochuutti na geessee ture. Waggoota muraasa boodammoo, qorumsi guddaan miirakoo miidhu narra gaʼeera. Haataʼu malee, rakkina keessattillee Yihowaa tajaajiluuf mirga argachuu kootiif baayʼiseen isa galateeffadha.

Onkoloolessa 1940⁠tti jireenyikoo ni jijjiirame. Kanan jiraadhu, magaalaa Hiilvarsam ishee biyya Neezarlaandi magaalaa Amistardaamirraa gara kibba bahaatti kiilomeetira 24 fagaattee argamtu keessa ture. Biyyattiin bulchiinsa Naazii jala turte. Yeroo kanatti abbaa manaakoo Jaap dee Jongeetti ergan heerumee waggaa shan siʼa taʼu, intala waggaa sadii jaallatamtuu taateefi Viilii jedhamtu qabna turre. Ollaa keenya, maatii hiyyeessa ijoollee saddeet sooruuf oliifi gadi jedhu tokkotu jiraata. Hiyyeeyyii taʼanis, dargaggeessa yeroo hunda keessummaa taʼee manasaanii taaʼu tokkoof bakka jireenyaafi nyaata ni kennu turan. ‘Baʼaa dabalataa kana kan baatan maaliifi?’ jedheen yaada ture. Yeroo tokko nyaata xinnoo yommuun isaanii kennuu dhaqu, dargaggeessichi qajeelchaa taʼuusaan beeke. Innis, waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi eebba Mootummaan kun argamsiisu natti hime. Wantin baradhe sun garaakoo kan tuqe ennaa taʼu, utuun baayʼee hin turin barumsa dhugaa fudhadhe. Wagguma sana keessa, Yihowaadhaaf of murteesseen cuuphame. Ani cuuphamee waggaa tokko booda, abbaan manaakoos dhugaa cinaa akka dhaabatu argisiise.

Beekumsa Macaafa Qulqulluu xinnoo qofa kanan qabu taʼus, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuunkoo kutaa jaarmiyaa mootummaan dhorke tokkoo akka na godhu beekeen ture. Dhugaa Baatonni hedduun, ergaa Mootummichaa lallabuusaaniitiin kan kaʼe mana hidhaatti geeffamanii akka jiranis beekan ture. Taʼuyyuu, yeruma sana manaa gara manaatti lallabuu kanan jalqabe yommuu taʼu, aniifi abbaan manaakoo qajeelchitoonniifi daawwattoonni olaanaa mana keenya akka boqotan heyyamnee turre. Kana malees, manni keenya bakka barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼaniifi obboloonni Amistardaam nutti ergan itti kuufaman taʼee ture. Obboloonni kun, biskileetiiwwan geejjibaasaaniirratti kitaabota sharaadhaan haguugaman hedduu feʼanii nutti fidu. Namoonni ergaman sun jaalalaafi ija jabina guddaa qabu turan! Obbolootasaaniitiif jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru.—1 Yoh. 3:16.

“Aayyoo, Daftee Dhuftaa?”

Ergan cuuphamee gara jiʼa jaʼaa booda, qondaaltonni poolisii sadii gara mana keenyaa dhufan. Ol seenaniis manicha sakattaʼan. Qumsaaxinii barreeffamootaan guutamee ture kan hin arganne taʼus, kitaabota siree jala dhokfaman argataniiru. Yeruma sana, isaanii wajjin gara waajjira poolisii Hiilvarsam jiru akkan dhaqu na ajajan. Intallikoo Viiliin yeroon hammadhee nagaatti jedhuun, “Aayyoo, daftee dhuftaa?” jettee na gaafatte. Anis, “Eeyyee dammeekoo, Aayyoonkee daftee sii dhufti” jedheen deebiseef. Haataʼu malee, utuun deebiʼee ishee hin hammatin waggaa tokkoofi jiʼa jaʼaaf yeroo rakkisaa keessa darbuun qaba ture.

Haallisaa akkas ture, qondaalli poolisii tokko gaaffii na gaafachuuf baaburaan Amistardaamitti na geesse. Warri gaaffii naa dhiheessan kun, obboloonni Hiilvarsam keessa jiran sadii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuufi dhiisuusaanii akkan dubbadhu na gaafatan. Animmoo, “Isaan keessaa tokko malee kaan hin beeku. Innis nama aannan nuu fidudha” jedheen deebiseef. Dhugaakoon jedhe; obboleessi kun namootaaf aannan geessa ture. Itti dabaluudhaanis, “Taʼuyyuu, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuufi dhiisuusaa, ana utuu hin taʼin isa gaafachuu qabdu” jedheen deebise. Waan kan biraa dubbachuu waanan dideef, kaballaadhaan na rukutanii jiʼa lamaaf kophaakoo kutaa tokko keessatti na hidhan. Abbaan manaakoo eessa akkan jiru erga beekee booda, uffataafi nyaata naa fiduu dandaʼeera. Sana booda, Hagayya 1941 mana hidhaa dubartootaa, Raavansibiruk jedhamuufi gocha gadheedhaan beekamuttan ergame; bakki kun Barliin, Jarmanirraa gara kaabaatti kiilomeetira 80 fagaata.

“Jabaadhu, Obboleettiikoo”

Ennaa achi geenyu, waraqaa amantii keenya balaaleffatu tokkorratti yoo mallatteessine gara mana keenyaatti galuu akka dandeenyu nutti himame. Haataʼu malee hin mallatteessinen ture. Kanaa mannaa, waanan qabu hundumaa kennee mana qaama itti dhiqatan keessatti wayyaakoo kanan baafadhe yommuu taʼu, obboleettota Neezarlaandii dhufan kanan argadhe achitti. Uffanni kaampichaa mallattoon rogsadee bifa bildiimaa qabu irratti hodhame, saaniin, siiniifi falʼaanni tokko tokko nuu kenname. Halkan jalqabaa, mana hidhaa yeroo muraasaaf keessa turru tokkotti nu galchan. Ergan mana hidhaa galee, yeroo jalqabaatiif bakka kanattan imimmaankoo toʼachuu dadhabe. “Maaltu raawwatamuuf jedha? Hanga yoomiittan as tura?” jedheen hirqinfadhee booʼe. Dhugaasaa dubbachuuf, dhugaa ergan dhagaʼee jiʼoota muraasa qofa waan tureef, yeroo sanatti walitti dhufeenyi ani Yihowaa wajjin qabu hin jabaanne. Waanan barachuu qabu baayʼeetu jira ture. Guyyaa itti aanu, bakka maqaa waamamuuf walitti qabamnetti, obboleettiin biyya Dachi tokko gadduukoo hubattee, “Jabaadhu, obboleettiikoo, jabaadhu! Homaayyuu hin taanu” naan jette.

Maqaan keenya erga waamamee booda, mana hidhaa yeroodhaaf keessa turru kan biraatti geeffamne. Achittis, obboleettonni dhibba hedduudhaan lakkaaʼamaniifi Jarmaniifi Neezarlaandii dhufan nu simataniiru. Obboleettota Jarmanii dhufan keessaa tokko tokko bakka kana waggaa tokkoo ol turaniiru. Isaanii wajjin taʼuunkoo na jajjabeesseera. Manni hidhaa obboleettonni keenya keessa jiraatan, mana hidhaa kaampicha keessa jiru kaan caalaa qulqulluu taʼuunsaas na ajaaʼibsiiseera. Iddoon keenya qulqulluu taʼuusaa malees, bakka hanni, arrabsoon ykn lolli hin jirre taʼuudhaan beekama ture. Kaampicha keessatti gochi gara jabinaa kan nurratti raawwatamu taʼuyyuu, iddoon keenya, odoola qulqulluu galaana xuraaʼaa taʼeen marfame fakkaata ture.

Jireenya Kaampii

Kaampii keessatti, baayʼee hojjennee xinnoo nyaanna turre. Ganama saʼaatii kudha tokkotti kaʼuu kan qabnu siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turinimmoo maqaan keenya ni waamama. Waardiyyoonni, roobas taʼe aduu keessa gara saʼaatii tokkootiif akka dhaabannu godhu turan. Hojii ulfaataa hojjechaa erga oollee booda, galgala saʼaatii kudha tokkotti ammas maqaan keenya ni waamama. Achiis, shoorbaafi daabboo xinnoo erga nyaannee booda, butunnee gara rafiitii dhaqna.

Dilbatarraa kan hafe guyyaa hundumaa, haamtuudhaan qamadii haamuu, jalʼisii qotuufi foonaa booyyeen keessa galu qulqulleessuudhaan maasiirratti akkan hojjedhu godhama ture. Hojichi ulfaataafi jibbisiisaa taʼus, ijoollummaa waanan qabuufi cimtuu waanan taʼeef guyyuma guyyaadhaan hojjechuu dandaʼeera. Yeroon hojjedhu faarfannaawwan ergaa Macaafa Qulqulluu qabatan faarfachuudhaanis ofan jajjabeessa ture. Haataʼu malee, guyyaa hundumaa abbaa manaakoofi intalakoo nan yaadan ture.

Nyaanni nuu kennamu xinnoo taʼuyyuu, obboleettonni hundinuu gaafa Dilbataa walgeenyee barumsawwan Macaafa Qulqulluurratti mariʼachuuf carraa yeroo argannutti nyaachuuf, guyyaa guyyaadhaan daabboo muraa tokko kaaʼanna turre. Barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe hin qabnu turre; taʼus obboleettonni amanamoon maanguddoota taʼaniifi Jarmanii dhufan, barumsa Macaafa Qulqulluu yeroo dhiheessan xiyyeeffannaadhaan nan dhaggeeffadhan ture. Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristosis kabajneerra.

Dhiphina, Gaabbiifi Jajjabina

Al tokko tokko, hojiiwwan kallattiidhaan waraana warra Naazii deggeran akka hojjennu ajajamna turre. Obboleettonni hundumtuu, dhimma siyaasaa keessa waan hin galleef hojii sana hin hojjennu yeroo jedhan, anis akkumasaanii ija jabina argisiiseera. Guyyoota murtaaʼaniif nyaata nu dhowwachuufi yeroo maqaan waamamutti saʼaatii dheeraa akka dhaabannu gochuudhaan nu adabu turan. Yeroo tokko, tibba gannaatti guyyaa 40f kutaa wanta mana hoʼisu hin qabne tokko keessatti hidhamne.

Nuyi Dhugaa Baatonni Yihowaa, waraqaa amantii keenya balaaleffatu tokkorratti yoo mallatteessine, gara mana keenyaatti galuu akka dandeenyu irra deddeebiʼamee nutti himama ture. Raavansibiruk keessa waggaa tokkoo ol ergan jiraadhee booda, garmaleen abdii kutadhe. Hawwiin abbaa manaakoofi intalakoo arguuf qabu baayʼee waan natti cimeef, gara waardiyyootaa dhaqeen waraqaa, kana booda Barattuu Macaafa Qulqulluu akkan hin taane ibsu akka naa kennan gaafadheen irratti mallatteesse.

Obboleettonni waanan godhe yeroo dhagaʼan, isaan keessaa tokko tokko narraa fagaachuu jalqaban. Obboleettonni maanguddoon Jarmanii dhufan lama, jechuunis Hetviikiifi Gertiruud garuu, na barbaadanii akka na jaallatan naa mirkaneessan. Foonaa booyyee keessatti ennaa waliin hojjennu, Yihowaadhaaf amanamoo taʼuun baayʼee barbaachisaa taʼuusaafi ejjennoo keenya laaffisuu dhiisuudhaan jaalala isaaf qabnu akkamitti argisiisuu akka dandeenyu gaarummaadhaan naa ibsan. Akka haadhaatti naa yaaduufi jaalala dhugaa natti argisiisuunsaanii baayʼee na tuqe. * Wantin godhe dogoggora taʼuusaa waanan hubadheef, yaadakoo jijjiiruun barbaade. Gaaf tokko galgala, yaadakoo jijjiiruukoo beeksisuuf akkan murteessen obboleettii tokkotti hime. Gaafasuma galgala akkuma tasaa kaampicha keessaa baafamee baaburaan gara Neezarlaanditti waanan ergameef, wantin obboleettii sanatti hime itti gaafatamaa kaampichaa gurra buʼee taʼuu hin oolu. Suupparvaayizariin ani ammayyuu bifashee yaadadhu tokko, “Ati ammayyuu Bibeelfoorshariidha (Barattuu Macaafa Qulqulluuti), gara fuulduraattis akkasuma taata” naan jette. Animmoo, “Eeyyee, yoo fedha Yihowaa taʼe nan taʼa” jedheen deebiseef. ‘Waanan mallatteesse sana akkamittan jijjiiruu dandaʼa?’ jedhee yaaduukoo yeroo sanattis hin dhiisne.

Yaada waraqaa amantii keenya balaaleffaturra jiru keessaa tokko, “Kana booda Waldaa Barattoota Macaafa Qulqulluu Addunyaa Maraa keessatti matumaa akkan hin hirmaanne kanaan nan mirkaneessa” kan jedhu ture. Maal gochuu akkan qabu beekan ture! Mana kootti galee yeroo muraasa booda, Amajjii 1943, hojii lallabaarratti hirmaachuun jalqabe. Abbootiin taayitaa Naazii yeroo lammaffaatiif waaʼee Mootummaa Waaqayyoo utuun lallabuu yoo na qaban, adabni narra gaʼu jabaa akka taʼu beekamaadha.

Tajaajiltuu amanamtuu taʼuukoo caalaatti Yihowaadhaaf mirkaneessuuf, aniifi abbaan manaakoo namoonni ergamanii dhufaniifi daawwattoonni olaanaa mana keenya akka boqotan gochuu jalqabne. Jaalala ani Yihowaafi sabasaatiif qabu argisiisuuf carraa kan biraa argachuu kootiif baayʼeen galateeffadha!

Rakkina Miira Keenya Miidhu

Waraanichi xumuramuusaa jiʼoota muraasa dura, aniifi abbaan manaakoo rakkinni guddaan miira keenya miidhu nurra gaʼe. Onkoloolessa 1944, intalli keenya akka tasaa dhukkubsatte. Viiliin dhukkuba laagaa, liqimsuufi hafuura baafachuu nama dhowwuun qabamte. Dhukkubnishee waan itti cimeef guyyaa sadii booda ni duute. Yeroo kanatti Viiliin intala waggaa saddeetii turte.

Intala keenya ishee tokkittii dhabuun, rakkina hammana hin jedhamne nurraan gaʼe. Qorumsi Raavansibirukitti narra gaʼe, gaddan intalakoo dhabuudhaan narra gaʼee wajjin yeroo walbira qabamu wayittuu hin lakkaaʼamu. Haataʼu malee, yeroo dhiphinni nurra gaʼu hundumaatti yaada Faarfannaa 16:8⁠rratti, “Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu” jedhurraa jajjabina arganna. Aniifi abbaan manaakoo, abdii duʼaa kaʼuu Yihowaan kennerratti amantii cimaa qabna. Dhugaatti jabaanneerra; misiraachichas yeroo hundumaa hinaaffaadhaan lallabna. Abbaan manaakoo bara 1969⁠tti hamma duʼetti, galateeffannaadhaan Yihowaa akkan tajaajilu na gargaareera.

Eebbaafi Gammachuu

Waggoota kurnan hedduudhaaf wanti madda gammachuu naaf taʼe inni guddaan, yeroo hundumaa tajaajiltoota yeroo guutuu wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu kooti. Akkuma yeroo waraanaa sana ture, yommuu daawwattoonni olaanaafi haadhotiin manaasaanii gumii keenya daawwatan mana keenyatti isaan simanna turre. Daawwataan olaanaa Maartan jedhamuufi haati manaasaa Neel Kaaptiin, waggaa 13f mana keenya jiraataniiru! Neel yeroo dhukkuba cimaadhaan qabamtetti, hamma duututti jiʼa sadiif mana keenyatti ishee kunuunsuuf mirga argadheera. Yeroon ani isaaniifi obboloota gumii keenyaa jaallatamoo taʼanii wajjin dabarse, jannata hafuuraa yeroo ammaa keessa jiraannutti akkan gammadu na gargaareera.

Jireenyakoo keessatti wanti baayʼee na gammachiise inni tokko bara 1995⁠tti, yaadannoo Raavansibirukitti godhame tokkorratti akkan argamu afeeramuu kooti. Bakka kanatti obboleettota kaampii keessa wajjin turre kanan argadhe siʼa taʼu, erga wal arginee waggaa 50 ol taʼeera! Yeroon waliin dabarsine kan hin irraanfatamneefi kan nama gammachiisu ture. Guyyaa namoonni jaallannuufi duʼaan dhabne itti kaʼan hawwiidhaan akka eeggannu wal jajjabeessuuf carraa nuu argamsiiseera.

Phaawulos ergamaan Roomaa 15:4⁠rratti “obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon nuuf kennaniin abdii akka argannu” dubbateera. Yihowaan abdii yeroo rakkinaattillee gammachuudhaan akkan isa tajaajilu na dandeessise kana nuu kennuusaatti baayʼeen isa galateeffadha.

[Miiljalee]

^ key. 19 Yeroo sana, waajjira muummee wajjin wal qunnamtiin waan hin jirreef, obboloonni ejjennoo ofii eeguu ilaalchisee akkuma hubannaasaaniitti murtoo godhu turan. Kanaafuu, dhimma kana ilaalchisee murtoon namoonni godhan garaagarummaa qaba ture.

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Yaappi wajjin, 1930

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Intala keenya Viilii, umrii waggaa saddeetiitti

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Bara 1995⁠tti, obboleettotaa wajjin lammata wal argine. Tarree jalqabaarra, gara bitaatii lammaffaarran jira