Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Yihowaan Sii Godherratti Xiinxali

Wanta Yihowaan Sii Godherratti Xiinxali

Wanta Yihowaan Sii Godherratti Xiinxali

YESUS erga duʼaa kaafamee yeroo muraasa booda, ergamoonnisaa lama Yerusaalemii gara Emaahus deemaa turan. Wangeelli Luqaas, “Utuu isaan haasaʼaa, irrattis dudubbachaa adeemanii, Yesus ofii isaa isaan bira gaʼee, isaanii wajjinis adeeme. Iji isaanii garuu, isa akka hin hubanneef ittifamee ture” jechuudhaan dubbata. Achiis Yesus, “‘Inni isin walii wajjin haasaʼaa adeemtan kun, maali?’ jennaan, nyaara guuranii achuma dhaabatan.” Nyaara kan guuran maaliif ture? Ergamoonnisaa, Yesus yeroo sanatti hacuuccaa warra alagaa jalaa Israaʼeloota bilisa akka baasu yaadanii kan turan taʼus, wanti isaan yaadan hin raawwatamne. Sirumayyuu Yesus waan ajjeefameef, nyaara guuranii ykn gaddanii turan.—Luq. 24:15-21; HoE. 1:6.

Yesus bartootasaa wajjin mariʼachuu jalqabe. “Macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waaʼee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.” Dhugaadha, Yesus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti, wantoonni gurguddaan amantii namaa jabeessan hedduun raawwatamaniiru! Wanta Yesus isaaniif ibse yommuu dhagaʼan, bartoonnisaa kun gadduu dhiisanii gammaduu jalqaban. Bartoonni Yesus kun galgala gaafa sanaa, “Yeroo inni karaatti nutti dubbachaa, macaafa keessatti kan caafames nuu ibsaa dhufe garaan keenya in raafame, mitii ree?” jechuudhaan dubbatanii turan. (Luq. 24:27, 32) Deebii bartoonni Yesus kennanirraa barumsa akkamii arganna?

Wanti Eegne Utuu Hin Raawwatamin Yoo Hafe Maaltu Nutti Dhagaʼama?

Ergamoonni Yesus lamaan gara Emaahus deemaa turan, wanti isaan eegan utuu hin raawwatamin hafuusaatti gaddanii turan. Yaanni Fakkeenya 13:12rratti, “Abdiin lafa irra harkifamu garaa nama dhukkubsa” jedhu isaan mudatee ture. Haaluma wal fakkaatuun, nu keessaa namoonni waggoota kurnan baayʼeedhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turan tokko tokko, yeroo kanatti ‘rakkinni guddaan’ dhufuu qaba ture jedhanii yaadu. (Mat. 24:21; Mul. 7:14) Wanti abdatan akkasii utuu hin raawwatamin yoo hafe, yeroodhaaf gaddi akka namatti dhagaʼamu beekamaadha.

Haataʼu malee bartoonni sun lamaan, Yesus raajiiwwan raawwatamanii turaniifi isaanumtiyyuu arganirratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan erga isaan gargaaree booda gammadanii akka turan yaadadhaa. Nuyis keessi keenya gammachuu akka qabaatu gochuudhaan, miira abdii akka kutannu nu godhu moʼuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Jaarsi gumii muuxannoo qabuufi Mikaaʼel jedhamu, “Wanta Yihowaan hin raawwannerratti hin xiyyeeffatinaa. Kanaa mannaa wantoota inni kanaan dura raawwaterratti xiinxalaa” jedheera. Kun gorsa gaarii mitii!

Wantoota Yihowaan Raawwate

Mee wantoota gurguddaa Yihowaan kanaan dura raawwate tokko tokko ilaalaa. Yesus, “Namni anatti amanu waan ani hojjedhu hundumaas in hojjeta; . . . kana irra kan caalu iyyuu in hojjeta” jechuudhaan dubbateera. (Yoh. 14:12) Yeroo harʼaatti, tajaajiltoonni Waaqayyoo hojii Kiristiyaanonni hamma yoonaatti hojjetan hunda caalu hojjechaa jiru. Namoonni Miliyoona torbaa ol taʼan, rakkina guddaa jalaa ooluuf hawwiidhaan eeggachaa jiru. Mee yaadaa! kanaan dura tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon hangana baayʼatan, guutummaa addunyaarratti dammaqinaan hojii lallabaarratti hirmaatanii hin beekan. Yihowaan, raajiin Yesus tajaajiltoonnisaa ‘hojii kansaarra caalu’ akka hojjetan dubbate raawwiisaa akka argatu godheera.

Yihowaan waan garabiraa maalfaa nuu godheera? Namoonni garaa qajeelaa qaban, biyya lafaa isa hamaa keessaa baʼanii gara jannata hafuuraa Waaqayyo qopheesseetti dhufuu akka dandaʼan godheera. (2 Qor. 12:1-4) Mee yeroo fudhadhaatii wanta jannanni hafuuraa isinii argamsiise tokko tokkorratti xiinxaluuf yaalaa. Fakkeenyaaf, barreeffamoota mana keessan jiran ykn mana kitaabaa Galma Mootummaa keessan jiran ilaalaa. Baafata Mataduree Masaraa Eegumsaa ykn Waachtaawar Laayibirarii banaa ilaalaa. Diraamaa Macaafa Qulqulluu kaasseettiidhaan qophaaʼe dhaggeeffadhaa. Wanta walgaʼii koonyaa dhiheenyatti goonerratti dhaggeeffattaniifi argitanirratti yaadaa. Yeroo gammachiisaa obboloota keenyaa wajjin dabarsinurrattis yaadaa. Yihowaan nyaata hafuuraa hedduu nuu kennuufi jaalala obbolummaa akka qabaannu gochuudhaan, jannata hafuuraa keessa nu jiraachisuunsaa baayʼee arjaa akka taʼe kan argisiisu mitii!

Daawit faarfatichi, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baayʼifteetta” jechuudhaan dubbateera. (Far. 40:5) Eeyyee, wantoota dinqisiisoo Yihowaan kanaan dura nuu godheefi jaalala inni nuuf qaburratti xiinxaluudhaan, jabina garaa guutuudhaan Yihowaa Abbaa keenya isa samii amanamummaadhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaaru argachuu dandeenya.—Mat. 24:13.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Yesus bartoonnisaa wantoota Yihowaan kanaan dura isaaniif raawwaterratti akka xiinxalan isaan gargaareera

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Wanta walgaʼii koonyaa dhiheenyatti goonerratti dhaggeeffattaniifi argitanirratti yaadaa