Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Carraaqqii Kan Gaafatu Taʼus Nama Hin Gaabbisiisu!

Carraaqqii Kan Gaafatu Taʼus Nama Hin Gaabbisiisu!

Carraaqqii Kan Gaafatu Taʼus Nama Hin Gaabbisiisu!

IJOOLLEEN “adabaafi barsiisa gooftaatiin” akka guddatan yoo barbaadame, qayyabannaan maatii barbaachisaadha. (Efe. 6:4) Haataʼu malee warra yoo taatan, ijoollee xixinnoon dafanii akka nuffan ni beektu. Xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffatan gochuu kan dandeessan akkamittiree? Warri tokko tokko maal akka godhan mee ilaalaa.

Joorji inni Kaalifoorniyaa, Ameerikaa keessa jiraatu akkas jedha: “Aniifi haati manaakoo ijoolleen keenya xixinnoo yommuu turanitti, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu maatii keenya kan nama gammachiisu akka taʼu gochuuf yaalla turre. Yeroo tokko tokko kitaaba, Kitaaba koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu ennaa dubbisnu, akkuma namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman uffatanitti uffannee seenaa sana diraamaadhaan hojjenna turre. Meeshaalee diraamichaaf barbaachisan kan akka billaa, ulee, guuboofi kan kana fakkaatanillee hojjenneerra. Taphawwan gaaffii Macaafa Qulqulluu ‘Ani eenyu’ jedhu, akkasumas gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu salphaafi cimaa taʼan kan biraa qopheessinee taphanna turre. Kana malees, gareedhaan taʼuudhaan markaba Nohi fakkeessinee hojjenna ykn wantoota Macaafa Qulqulluu keessatti akka raawwataman ibsaman duraa duuba yerootiin keenya. Al tokko tokko, namoota ykn seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman yeroo ramadnee fakkiisaanii kaasna. Ammammoo, miʼa lolaa hafuuraa Efesoon 6:11-17⁠rratti ibsaman fakkii kaasuudhaan, hundi keenya tokkoon tokkoon fakkichaa maal akka argisiisan ibsuuf karoora baafanneerra. Malawwan kanatti fayyadamuun keenya, qayyabannaan maatii keenya kan nama gammachiisu akka taʼu godheera.”

Haati Deebii jedhamtuufi Michigaan, Ameerikaa keessa jiraattu akkas jetteetti: “Aniifi abbaan manaakoo intalli keenya yommuu umriinshee waggaa sadii turetti, xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffattu gochuun nu rakkisee ture. Achiis gaaf tokko kitaaba Seenaa Macaafa Qulqulluurraa yommuun seenaa Yisihaqiifi Ribqaa sagalee ol kaasee dubbisu, ashaangulliitii lama walbira kaaʼuudhaan tokko Yisihaq inni kaanimmoo Ribqaa akka bakka buʼanan godhe. Amma wanta dubbatamu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatti! Jiʼoota itti aananittis ashaangulliitonni kun, namoota seenaansaanii Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame hedduu akka bakka buʼan gochuudhaan ishee barsiisneerra. Seenaa tokko erga dubbisneefii booda, intalli keenya mana keessa ashaangulliitii ykn meeshaa seenaan sun ittiin hojjetamuu dandaʼu kan biraa barbaaddi turte. Qabeenya dhokate kan barbaaddu fakkaata ture! Kaartoonii kophee tokkoofi, huccuu diimaa mataa ittiin hidhatanitti fayyadamnee, mana Rahaabiifi foʼaa diimaa manasheerratti rarraafame hojjenne. Bofa sibiila boorrajjiirraa tolfameefi Lakkoobsa 21:4-9⁠rratti ibsame argisiisuufimmoo, muka harataa meetira tokkoofi walakkaa dheeraturratti ashaangulliitii bofaa marra turre. Meeshaa diraamaadhaaf itti fayyadamnu hunda shaanxaa guddaa tokko keessa keenya. Intalli keenya yeroo baayʼee, gorduuba teessee shaanxaa meeshaan diraamichaa keessa kaaʼamu yommuu sakattaatu arguun keenya baayʼee nu gammachiisa. Diraamicha hojjechuuf hamma dandeesse yaalii yommuu gootu arguunis baayʼee kan nama gammachiisu ture!”

Ijoollee guddisuun salphaa miti; Yihowaa tajaajiluuf fedhii akka qabaatan gochuun, qophii torban torbaniin godhamutti fayyadamuu caalaa waan dabalatu qaba. Haataʼu malee qayyabannaan Macaafa Qulqulluu maatii, barumsa hafuuraa garabiraa kennuuf buʼuura taʼuu dandaʼa. Kana gochuun carraaqqii kan gaafatu taʼus akka nama hin gaabbisiisne beekamaadha!