Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Eebbawwan Argattan Dhugumaan Ni Dinqisiifattuu?

Eebbawwan Argattan Dhugumaan Ni Dinqisiifattuu?

Eebbawwan Argattan Dhugumaan Ni Dinqisiifattuu?

ISRAAʼELOONNI dinqiidhaan garbummaa Gibxii jalaa erga baafamanii booda, jalqabarratti Yihowaa waaqeffachuuf mirga argachuusaaniitti gammadanii turan. (Bau. 14:29–15:1, 20, 21) Haataʼu malee, baayʼee utuu hin turin ilaalchisaanii waan jijjiirameef, haala jireenyasaaniitti guungumuu jalqaban. Maaliif? Wanta Yihowaan isaanii godherratti utuu hin taʼin, haala rakkisaa lafa onaa keessatti isaan mudaterratti waan xiyyeeffataniif ture. Museedhaanis, “Lafa onaatti akka dhumnuuf biyya Gibxii keessaa nu baaftanii? Buddeenni hin jiru, bishaan hin jiru, nus nyaata waaʼee hin baafne [maannaa] kana in jibbine” jedhan.—Lak. 21:5.

Jaarraawwan hedduu booda Daawit Mootichi Israaʼel, “Ani garuu gaarummaa kee amanadheera, na oolchuu keettis garaa koo guutuudhaan nan gammada. Wanta gaarii inni anaaf godheef, ani Waaqayyoon nan faarfadha” jechuudhaan faarfateera. (Far. 13:5, 6) Daawit gaarummaa Yihowaan isatti argisiise hin irraanfanne. Kanaa mannaa wanta Yihowaan isaaf godherratti yeroo fudhatee yaada ture. (Far. 103:2) Yihowaan nuufis wanta gaarii nuu godheera; wanta inni nuu godhe kana akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Mee eebbawwan yeroo harʼaatti Waaqayyo biraa argachaa jirru tokko tokko haa ilaallu.

‘Yihowaa Wajjin Michoomuu’

Faarfatichi, “Yihowaa wajjin michooma cimaa kan qabaatan namoota isa sodaatanidha” jechuudhaan faarfateera. (Far. 25:14, NW) Ilmaan namootaa mudaa qaban dhuunfaatti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuunsaanii mirga guddaa mitii? Haataʼu malee, dhimmoota guyyaa guyyaatiin garmalee qabamuudhaan kadhannaa dhiheessuuf yeroo gaʼaa kan hin qabne yoo taʼehoo? Yoo akkas taʼe walitti dhufeenyi gaariin Yihowaa wajjin qabnu maal taʼuu akka dandaʼu yaadaa. Yihowaan Michuu keenya waan taʼeef, isatti akka amanamnu, akkasumas kadhannaadhaan sodaa, fedhiifi dhiphina keenya isatti akka himnu barbaada. (Fak. 3:5, 6; Filp. 4:6, 7) Kanaafuu, kadhannaa akka gaariitti irratti yaadame dhiheessuun keenya barbaachisaa mitii?

Dargaggeessi Dhugaa Baatuun Pool jedhamu, waaʼee kadhannaasaa yommuu yaadu, fooyyaʼiinsa tokko tokko gochuun akka isa barbaachisu hubate. * “Yeroo hunda jechootuma wal fakkaatan dubbachuudhaan kadhannaakoo Yihowaatti dhiheessuu amaleeffadheen ture” jedheera. Kana ilaalchisee Baafata Mataduree Masaraa Eegumsaa qoruudhaan kadhannaawwan 180 taʼan Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamanii akka jiran hubate. Kadhannaawwan kana keessatti, tajaajiltoonni Yihowaa durii miira garaasaanii ibsaniiru. Pool, “Fakkeenyota Caaffata Qulqullaaʼoo akkasiirratti xiinxaluudhaan, kadhannaakoo adda baasee caqasuu akkan qabu baradheera. Kunimmoo wanta garaakoo keessa jiru Yihowaadhaaf akkan ibsu na gargaareera. Amma kadhannaadhaan isatti dhihaachuun na gammachiisa” jechuudhaan dubbata.

‘Nyaata Yeroodhaan Dhihaatu’

Eebbi Yihowaa biraa argannu kan biraanimmoo, dhugaawwan hedduu Caaffata Qulqullaaʼoorraa barannudha. Nyaata hafuuraa hedduu waan soorannuuf, ‘garaa keenyaa gammannee faarfachuuf’ sababii gaʼaa qabna. (Isa. 65:13, 14) Haataʼu malee, wantoonni barbaachisaa hin taane dhiibbaa nurraan gaʼuudhaan hinaaffaa dhugaadhaaf qabnu akka nu jalaa hin balleessine of eeggachuu qabna. Fakkeenyaaf, olola gantootaatiif xiyyeeffannaa kan laannu yoo taʼe, yaanni keenya mancaʼuu dandaʼa; akkasumas “nyaata” hafuuraa Yihowaan karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ “yeroodhaan” nuu dhiheessuuf bakka guddaa kennuu dhiisuu dandeenya.—Mat. 24:45-47.

Andireen, inni waggaa baayʼeedhaaf Yihowaa tajaajilaa ture, yaada gantootaatiin geggeeffamuusaatiin kan kaʼe wanti nama gaddisiisu isarra gaʼee ture. Weeb saayitii gantootaa yeroo gabaabaadhaaf ilaaluun miidhaa akka hin qabne isatti dhagaʼame. Akkas jedha: “Jalqabarratti, yaada gantoonni akka dhugaatti dhiheessaniin harkifameen ture. Wanta isaan jedhan caalaadhumatti qoraa yommuun adeemu, jaarmiyaa Yihowaa dhiisuun sirrii akka taʼe natti dhagaʼame. Booda garuu, yaada mormii gantoonni Dhugaa Baatota Yihowaarratti kaasan tokko tokkorratti qorannaa yeroon godhu, barsiistonni sobaa kun hammam haxxee akka taʼan hubachuu dandaʼeera. Ergaa naannoo barreeffama tokkoorra jirurraa yaada muraasa qofa fudhachuudhaan, akka ‘ragaa guddaatti’ dhiheessu turan. Kanaafuu, barreeffamoota keenya dubbisuufi walgaʼiirratti argamuuf nan murteesse. Utuun baayʼee hin turin, hammam akkan dogoggoren hubadhe.” Kan nama gammachiisu Andireen gumiitti deebiʼeera.

“Obbolummaa Amantootaa”

Obbolummaan amantoota addunyaa maraa jaalalaafi tokkummaa qabu eebba Yihowaa biraa argannedha. (Far. 133:1) Phexros ergamaan, “Obbolummaa amantootaa jaalladhaa” jechuudhaan barreessuunsaa sirrii ture. (1 Phe. 2:17) Kutaa obbolummaa Kiristiyaanotaa waan taaneef, jaalala namoonni hidhata amantii keenya taʼaniifi karaa hafuuraa abbaa, haadhaafi obboloota keenya taʼan nutti argisiisanirraa faayidaa arganna.—Mar. 10:29, 30.

Haataʼu malee, yeroo tokko tokko haalawwan addaddaa, walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnu nu jalaa miidhuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, hanqina namni tokko qabuun kan kaʼe aaruufi nama sana ceephaʼuun salphaadha. Kun si mudatee beeka taanaan, Yihowaan tajaajiltoonnisaa mudaa qabaatanillee, kan isaan jaallatu taʼuusaa yaadachuun si hin gargaaruu? Kana malees, “cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru.” (1 Yoh. 1:8) Kanaafuu, ‘waliif dandaʼuufi waliif dhiisuuf’ carraaqqii gochuu hin qabnuu?—Qol. 3:13.

Shamarreen obboleettii taateefi Aan jedhamtu, rakkina isheerra gaʼerraa faayidaa obbolummaan Kiristiyaanaa qabu baratteetti. Akkuma ilma badee argameefi fakkeenya Yesusirratti ibsamee, obboleettiin kun gumii Kiristiyaanaa dhiiftee deemte. Yeroo booda garuu gara qalbiisheetti deebiʼuudhaan gara dhugaatti deebiteetti. (Luq. 15:11-24) Aan wanta isheerra gaʼerraa maal baratte? Akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Amma ergan jaarmiyaa Yihowaatti deebiʼee, obboloonniifi obboleettonni mudaa kan qaban taʼanillee hundasaaniitiif bakka guddaan kenna. Kanaan dura isaan ceephaʼuutti nan ariifadhan ture. Amma garuu, wanti tokkollee eebbawwan ani namoota hidhata amantiikoo taʼan gidduu jiraachuudhaan argadhu akka na dhabsiisu heyyamuu dhiisuuf murteesseera. Biyya lafaa keessa, wanti gaariin jannata hafuuraa keenya keessaa akka baanu nu gochuu qabu tokkollee hin jiru.”

Eebbawwan Argattaniif Yeroo Hundumaa Galateeffadhaa

Abdiin nuyi Mootummaa Waaqayyoo isa rakkina ilmaan namootaa hundaaf furmaata fidurratti qabnu, akka qabeenya gatii guddaa baasu tokkootti kan ilaalamudha. Jalqabarratti waaʼee abdii kanaa yommuu dhageenye, garaan keenya galateeffannaadhaan guutamee hin turree? Akkuma naggaadicha Yesus fakkeenyasaa keessatti dubbateefi “callee gati-jabeessa” tokko bitachuuf “waan qabu hundumaa gurguree” nutti dhagaʼamee ture. (Mat. 13:45, 46) Yesus, naggaadeen sun sana boodas dinqisiifannaa callee sanaaf qabu akka dhabe hin dubbanne. Nuyis, dinqisiifannaan abdii keenya isa dinqisiisaa taʼeef qabnu matumaa akka nu jalaa hin badne haa goonu.—1 Tas. 5:8; Ibr. 6:19.

Maanguddoo Jiin jedhamaniifi waggaa 60 oliif Yihowaa tajaajilan akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Obboleettiin kun akkas jedhaniiru: “Mootummaan Waaqayyoo yaadakoo keessaa akka hin badne kan na gargaare, waaʼee Mootummaa kanaa namootatti himuu kooti. Namoonni waaʼee Mootummaa Waaqayyoo yommuu baratan gammachuu isaanitti dhagaʼamu arguunkoo, faayidaa naaf argamsiiseera. Dhugaan Mootummichaa jireenya namoota Macaafa Qulqulluu qayyabatanii yommuu jijjiiru arguunkoo, ‘Dhugaa dinqisiisaa akkamiin namootaaf hiraa jira!’ jedhee akkan yaadu na godheera.”

Eebbawwan hedduu karaa hafuuraa arganneef galateeffachuuf sababa gaʼaa qabna. Qorumsawwan akka ariʼatamaa, dhukkubaa, dullumaa, dhiphinaa, gaddaafi rakkina dinagdee kan nu gaddisiisan taʼanis yeroodhaaf kan turan taʼuusaanii beekna. Mootummaa Waaqayyoo keessatti, karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin, karaa qaamaas eebbawwan ni arganna. Addunyaa haaraa keessatti, rakkoowwan yeroo harʼaa nurra gaʼan hundi ni badu.—Mul. 21:4.

Hammasitti garuu akkuma faarfatichi, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baayʼifteetta; tokko illee kan siin qixxaatu hin jiru; isaan kana yoon labse, yoon himes, isaan wanta lakkaaʼamuu dandaʼu gararraa in taʼu” jechuudhaan faarfate, nuyis eebbawwan karaa hafuuraa arganneef dinqisiifannaafi galateeffannaa haa qabaannu.—Far. 40:5.

[Miiljalee]

^ key. 6 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

[Fakkii fuula 18]

Yeroo qorumsi nurra gaʼutti gargaarsa karaa hafuuraa argannuun eebbifamneerra