Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaʼee Hafuurri Qulqulluun Hojii Uumamaarratti Qabu!

Gaʼee Hafuurri Qulqulluun Hojii Uumamaarratti Qabu!

Gaʼee Hafuurri Qulqulluun Hojii Uumamaarratti Qabu!

“Bantiiwwan waaqaa dubbii Waaqayyootiin, wanti bantiiwwan waaqaa keessatti argamanis hafuura afaan isaa keessaa baʼuun hojjetaman.” —FAR. 33:6.

1, 2. (a) Beekumsi namoonni waaʼee samiifi waaʼee lafaa qaban yeroodhaa gara yerootti kan dabale akkamitti? (b) Gaaffii kamiif deebii argachuu qabna?

SAAYINTIISTONNI hedduun, waggaa 100 dura uumamni cufti gaalaaksii tokko qofa, jechuunis Miilkii Weey keessa jirru qofa akka qabu amanu turan. Balʼina uumamni cufti qabu baayʼee xinneessanii tilmaamanii turan. Yeroo ammaa uumamni cufti gaalaaksota biliyoona 100 ol taʼaniifi isaan keessaa tokko tokko urjiiwwan biliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman akka qaban amanama. Teleskoopponni warra duraa caalaa fagootti arguu dandaʼan hojiirra oolaa yommuu adeeman, lakkoofsi gaalaaksota argamaniis dabalaa adeema.

2 Akkuma beekumsi saayintiistonni bara 1905⁠tti waaʼee samii qaban xinnoo ture, beekumsi waaʼee lafaa qabanis xinnoo ture. Namoonni waggaa dhibba tokko dura turan, warra isaan dura turan caalaa beekumsa akka qaban hin shakkisiisu. Namoonni yeroo harʼaa jiran garuu namoota waggaa dhibba dura turan caalaa, bareedinaafi wal xaxiinsa jireenyaa, akkasumas wanta jireenyi lafarratti akka itti fufu godhe akka gaariitti hubatu. Gara fuulduraattis waaʼee lafaafi samii waan baayʼee akka barannu hin shakkisiisu. Haataʼu malee dura, Wantoonni kun hundi akkamitti argaman? jennee gaafachuun keenya sirriidha. Deebiin gaaffii kanaa beekamuu kan dandaʼu, Uumaan keenya karaa Caaffata Qulqullaaʼoo waan nuu ibseef qofadha.

Hojiin Uumamaa Dinqiidhaan Raawwatame

3, 4. Waaqayyo uumama cufa kan uume akkamitti? Hojiiwwansaa ulfina kan isaaf argamsiisan akkamitti?

3 Jechi Macaafa Qulqulluu inni jalqabaa, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedhu, uumamni cufti akkamitti akka argame kan ibsudha. (Uma. 1:1) Yihowaan, samii, lafaafi wantoota gara biraa uumama cufa keessa jiran hunda kan uume, wanta duraan turetti fayyadamee utuu hin taʼin, hafuura qulqulluu jechuunis humnasaa isa hojiirra jirutti fayyadameeti. Namni ogummaa hojii harkaa qabu tokko waa hojjechuuf harkaafi meeshaaleetti fayyadama, Waaqayyo garuu hojiiwwansaa warra gurguddaa raawwachuuf hafuura qulqulluu erga.

4 Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti, hafuurri qulqulluun “quba” Waaqayyoo akka taʼetti ibsameera. (Luq. 11:20, hiika bara 1899; Mat. 12:28) ‘Hojiin harkasaa’ jechuunis wanti Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee uume ulfina guddaa isaaf argamsiisa. Daawit, “Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mulʼatus hojii harka isaa in labsa” jechuudhaan faarfateera. (Far. 19:1) Dhugumayyuu, uumamni cufti hafuurri qulqulluun humna guddaa akka qabu mirkaneessa. (Rom. 1:20) Akkamitti?

Humna Waaqayyoo Isa Daangaa Hin Qabne

5. Humna hafuurri Yihowaa uumamarratti qabu fakkeenyaan ibsi.

5 Uumamni cufti balʼinnisaa hangana hin jedhamne, humni Yihowaa dhuma akka hin qabne argisiisa. (Isaayaas 40:26 dubbisi.) Mee waaʼee aduu yaadaa. Urjoota keessaa tokko kan taate aduun lafarraa kiilomeetira biliyoona 150 ol kan fagaattu siʼa taʼu, hoʼishees gara digirii seentii gireedii miliyoona 15 taʼa. Aduun hoʼa baayʼee kan maddisiistu taʼus, fageenya sirrii taʼerratti waan argamtuuf, lubbu qabeeyyiin lafarraa hundi jiraachuusaanii itti fufuu dandaʼaniiru. Aduu qofa utuu hin taʼin, urjoota biliyoonaan lakkaaʼaman hundumaa uumuuf humni hangana hin jedhamne barbaachisee akka ture beekamaadha. Yihowaan humna kanaaf barbaachisu qaba.

6, 7. (a) Waaqayyo hafuura qulqulluutti karaa seera qabuun itti fayyadame jechuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Uumamni cufti kan argame akka carraatti akka hin taane kan argisiisu maalidha?

6 Yihowaan hafuura qulqulluutti karaa seera qabuun akka itti fayyadame ragaawwan argisiisan baayʼeen jiru. Fakkeenyaaf, saanduqa kubbaan halluu addaddaa qabu keessa jiru qabda haa jennu. Saanduqicha sosochoosuudhaan kubbaawwan sana akka gaariitti waliin makte. Achiis hundumasaanii ergaan takkaa lafatti gad naqxe. Kubbaawwan kun akka bifa bifasaaniitti warri cuquliisni wal duukaa, warri keelloon wal duukaa, kaanis akkasuma taʼanii lafa buʼu jettee yaaddaa? Akka hin yaanne beekamaadha! Gochi toʼannaan utuu itti hin godhamin raawwatamu, yeroo baayʼee seera qabeessa hin taʼu. Namoonni, kun dhugaa akka taʼe ni amanu.

7 Ija keenyaan gara samii yoo ilaalle ykn teleskooppiitti fayyadamnee qorannaa yoo goone maal hubachuu dandeenya? Gaalaaksonni, urjiiwwaniifi pilaaneetonni hedduu karaa seera qabuun daandiisaanii qabatanii sochii akka godhan hubachuu dandeenya. Kun akka carraa ykn utuu itti hin yaadaminiifi utuu toʼannaan irratti hin godhamin kan argame taʼuu hin dandaʼu. Kanaaf, Humni jalqabarratti uumama cufa seera qabu argamsiisuuf itti hojjetame maalidha? jennee gaafachuu qabna. Nuti ilmaan namootaa, karaa qorannoo saayinsiifi teknooloojii qofaan waaʼee humna kanaa beekuuf dandeettiin keenya murtaaʼaadha. Haataʼu malee, Macaafni qulqulluun humni kun humna uumama cufa keessatti hunda caalu, jechuunis hafuura qulqulluu akka taʼe ibsa. Faarfatichi, “Bantiiwwan waaqaa dubbii Waaqayyootiin, wanti bantiiwwan waaqaa keessatti argamanis hafuura afaan isaa keessaa baʼuun hojjetaman” jechuudhaan faarfateera. (Far. 33:6) Halkan yommuu gara samii ilaallu, urjiiwwan “bantiiwwan waaqaa keessatti argaman” keessaa ija keenyaan arguu kan dandeenyu muraasasaanii qofadha!

Hafuura Qulqulluufi Lafa

8. Waaʼee hojiiwwan Yihowaa dhugumaan hammam beekna?

8 Yeroo harʼaa wanti uumama ilaalchisee hubanne, wanta barachuu qabnuu wajjin yommuu walbira qabamu baayʼee xinnoodha. Iyoob inni nama amanamaa taʼe, “Kunoo, isaan kun fiixee hojii isaa ti, isa nuyi waaʼee isaaf hasaasa xinnoo hammamii dhageenyu duwwaa dha” jechuudhaan, beekumsi wantoota Waaqayyo uume ilaalchisee qabnu hammam xinnoo akka taʼe ibseera. (Iyo. 26:14) Jaarraawwan hedduu booda Solomoon Mootichi inni uumama Yihowaa akka gaariitti hubate, “Waaqayyo wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee taʼu beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaaʼeera; haa taʼu iyyuu malee, namni wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin dandaʼu” jechuudhaan dubbateera.—Lal. 3:11; 8:17.

9, 10. Waaqayyo lafa yommuu uume humna kamitti fayyadame? Wantoonni guyyoota uumamaa sadanitti raawwataman tokko tokko maalfaʼi?

9 Haataʼu malee, Yihowaan waaʼee hojiiwwansaa ibsa barbaachisaa taʼe balʼinaan kenneera. Fakkeenyaaf, Caaffanni Qulqullaaʼoon hafuurri Waaqayyoo waggoota hangana hin jedhamneef lafarra sosochoʼaa akka ture nutti himu. (Uumama 1:2 dubbisi.) Yeroo sanatti lafti gogaan, ifniifi qilleensi jireenyaaf taʼu lafarra akka hin turre beekamaadha.

10 Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo guyyoota uumamaa walitti aananitti maal akka raawwate ibsa. Guyyoonni kun guyyoota saʼaatii 24 qaban utuu hin taʼin, yeroo dheeraa wanti tokko itti raawwatame kan argisiisanidha. Guyyaa uumamaa isa jalqabaatti, Yihowaan ifni lafarratti mulʼachuu akka jalqabu godhe. Kun kan xumurame yommuu aduufi addeessi lafarratti akka mulʼatan godhamettidha. (Uma. 1:3, 14) Guyyaa lammaffaatti qilleensi naannoo lafaa akka jiraatu godhe. (Uma. 1:6) Yeroo kanatti lafti bishaan, ifaafi qilleensa kan argatte taʼuyyuu, dacheen gogaan garuu hin turre. Jalqaba guyyaa uumamaa isa sadaffaatti, Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee dachee gogaan qaama bishaaniitii ol akka taʼu godhe. (Uma. 1:9) Guyyaa sadaffaafi yeroowwan uumamaa isa booda turanitti wantoonni ajaaʼibsiisaa taʼan kan biraanis raawwatamaniiru.

Hafuura Qulqulluufi Uumamawwan Lubbu Qabeeyyii

11. Wal xaxiinsi, wal fakkeenyiifi bareedinni lubbu qabeeyyiirratti mulʼatu maal argisiisa?

11 Hafuurri Waaqayyoo, uumamawwan lubbu qabeeyyii akka gaariitti qindaaʼan uumuurrattis hojii guddaa raawwateera. Waaqayyo hafuura qulqulluutti fayyadamee guyyoota uumamaa sadii hanga jaʼaa jiranitti biqiltootaafi bineeldota dinqisiisaa taʼan addaddaa uume. (Uma. 1:11, 20-25) Lubbu qabeeyyiirratti wal xaxiinsi, wal fakkeenyiifi bareedinni hangana hin jedhamne kan mulʼatu siʼa taʼu, kunis diizaayinii sadarkaa olaanaa qabaachuusaanii argisiisa.

12. (a) DNAn hojii akkamii raawwata? (b) DNAn hojiisaa karaa buʼa qabeessa taʼeen kan itti fufe taʼuusaarraa maal baranna?

12 DNA (diiʼoksiriibonukiliik asiidii) isa sochii keemikaalawaa taʼeefi amala lubbu qabeeyyii dhaloota tokkoorraa gara isa itti aanuutti dabarsu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Lubbu qabeeyyiin lafarra jiran hundi, jechuunis warri ijaan hin argamne, margi, arbi qurxummiin biluu weel jedhamuufi namni DNAtti fayyadamanii wal horu. Lubbu qabeeyyiin lafarra jiran addadda taʼanis, sochiin keemikaalawaa amalawwan isaan walirraa dhaalan toʼatu dhaabbataa taʼuusaarrayyuu, akaakuun uumamaa addaddaa yeroo hundumaatiif garaagarummaasaanii qabatanii akka itti fufan godheera. Kanaan kan kaʼes, akka kaayyoo Yihowaatti lubbu qabeeyyiin lafarra jiran garaagaraa, marsaan jireenyasaanii akka itti fufuuf, hojiiwwansaanii wal xaxaa taʼe raawwachuusaanii itti fufu. (Far. 139:16) Qophiin baayʼee buʼa qabeessaafi seera qabeessa taʼe kun, uumamni hojii “quba” Waaqayyoo ykn hojii hafuura qulqulluu akka taʼe ragaa dabalataa kenna.

Uumama Lafarraa Hunda Caalu

13. Waaqayyo nama kan uume akkamitti?

13 Waggoonni hangana hin jedhamne erga darbanii, akkasumas Waaqayyo lubbu qabeeyyiifi lubbu dhabeeyyii erga uumee booda, ‘lafti bifa kan hin qabne, onaas’ taʼuunshee ni hafe. Haataʼu malee, Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee uumuusaa hin xumurre. Uumamasaa lafarraa isa hunda caalu uumuu qaba ture. Waaqayyo gara dhuma guyyaa uumamaa isa jaʼaffaatti nama uume. Yihowaan kana kan godhe akkamitti? Hafuura qulqulluufi elemantoota lafaatti fayyadamuudhaan ture.—Uma. 2:7.

14. Karaa guddaan namoonni bineeldotarraa adda itti taʼan maalidha?

14 Uumamni 1:27, “Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume” jedha. Bifa Waaqayyootiin uumamne jechuun, jaalala argisiisuu, mirga filannaa qabaachuufi Uumaa keenyaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya qabaachuuf dandeettii akka qabaannutti uumamne jechuudha. Kanaaf sammuun keenya kan bineeldotaarraa baayʼee addadha. Keessumaa Yihowaan samuu namaa kan uume, waaʼeesaafi waaʼee hojiisaa barabaraaf gammachuudhaan barachuu keenya akka itti fufnu godheeti.

15. Addaamiifi Hewwaan abdii akkamii qabu turan?

15 Waaqayyo jalqaba ilmaan namootaatti, Addaamiifi haati manaasaa Hewwaan qorachuudhaan akka itti gammadaniif, lafaafi wantoota dinqisiisaa achirra jiran isaanii kennee ture. (Uma. 1:28) Yihowaan nyaata hedduufi jannata keessa jiraatan isaanii kennee ture. Barabaraan jiraachuufi ijoolleesaanii biliyoonaan lakkaaʼaman, akkasumas mudaa hin qabneef haadhaafi abbaa taʼuuf carraa qabu turan. Haataʼu malee akkas utuu hin taʼin hafeera.

Gaʼee Hafuura Qulqulluu Amananii Fudhachuu

16. Namoonni jalqabaa Waaqayyorratti kaʼaniyyuu abdii akkamii qabna?

16 Addaamiifi Hewwaan Uumaasaaniitiif galateeffannaadhaan ajajamuu mannaa ofittummaadhaan isarratti kaʼaniiru. Kanaan kana kaʼes, ilmaan namootaa isaanirraa dhalataniifi cubbuu dhaalan hundi rakkina keessa galan. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo miidhaa sababa cubbuu warra keenya jalqabaatiin dhufe hunda akkamitti akka sirreessu ibsa. Caaffanni Qulqullaaʼoon, Yihowaan kaayyoosaa isa jalqabaa akka galmaan gaʼus ni ibsu. Lafti jannata namoonni gammadoon, fayyaa qabaniifi jireenya barabaraa argatan keessa guutan taati. (Uma. 3:15) Amantii abdii gammachiisaa taʼe kanarratti qabnu eegnee jiraachuuf gargaarsi hafuura qulqulluu nu barbaachisa.

17. Ilaalcha akkamiirraa fagaachuu qabna?

17 Hafuura qulqulluu argachuuf Yihowaa kadhachuu qabna. (Luq. 11:13) Kana gochuun keenya, uumamni hojii harka Waaqayyoo akka taʼe amantii qabnu jabeeffachuuf nu gargaara. Yeroo harʼaa ololli Waaqayyo hin jiru jedhu, akkasumas ololli jijjiirama tirannaa inni dogoggora taʼeefi ragaarratti hin hundoofne garmalee babalʼachaa jira. Yaanni babalʼachaa jiruufi dogoggora taʼe kun, akka nu burjaajessus taʼe akka nu sodaachisu heyyamuu hin qabnu. Kiristiyaanonni hundi miidhaafi dhiibbaa gadhee wantoota kanaa wajjin wal qabatee karaa hiriyaa dhufu moʼuuf of qopheessuu qabu.—Qolosaayis 2:8 dubbisi.

18. Uumamni cuftiifi ilmaan namootaa akkamitti akka argaman yommuu qorru, Uumaan ogeessa taʼe jiraachuusaa haaluun hubannaa dhabuu kan argisiisu maaliifi?

18 Amantiin Macaafa Qulqulluufi Waaqayyorratti qabnu, ragaa uumama deggeru haqaan qoruudhaan jabeeffamuu qaba. Namoonni baayʼeen, uumama cufaafi ilmaan namootaarratti qorannaa kan godhan taʼaniyyuu, sanarra darbee madda wanta dinqisiisaa taʼe kanaa beekuuf yaalii hin godhan. Nuyis waaʼee wanta tokkoo yommuu qorru akkas kan goonu utuu taʼee, hubannaa sirrii hin qabaannu ture. Kana malees, uumamni seera qabeessi, kaayyoo qabuufi “lakkoobsa hin qabne” jiraachuusaa haaluu nutti taʼa ture. (Iyo. 9:10; Far. 104:25) Kiristiyaanota waan taaneef, humni hojiirra jiruufi hojiin uumamaa akka raawwatamu godhe, hafuura qulqulluu isa Yihowaan ogummaadhaan toʼatu akka taʼe mirkanaaʼoodha.

Hafuura Qulqulluufi Amantii Waaqayyorratti Qabnu

19. Waaqayyo jiraachuusaafi hafuurasaatti akka fayyadamu dhuunfaatti kan nuu mirkaneessu maalidha?

19 Waaqayyotti amanuu, isa jaallachuufi kabaja guddaa isaaf qabaachuuf, waaʼee uumamaa waan hundumaa beekuun nu hin barbaachisu. Akkuma michooma namoota gidduu jirurratti mulʼatu, Yihowaatti amanuunis waaʼeesaa dhugaasaa beekuu qofarratti kan hundaaʼe miti. Akkuma namoonni yommuu caalaatti wal baraa adeeman walitti dhufeenyi isaan gidduu jiru cimaa adeemu, amantiin Waaqayyorratti qabnus yommuu caalaatti waaʼeesaa barannu dabalaa adeema. Kadhannaa keenya yommuu nuu deebisuufi faayidaa seerawwan buʼuuraasaa hojiirra oolchuun qabu yommuu hubannu, Waaqayyo dhugumaan kan jiru taʼuunsaa caalaatti ifa nuu taʼa. Yihowaan akka nu geggeessu, akka nu eegu, carraaqqii isa tajaajiluuf goonu akka nuu eebbisuufi wantoota nu barbaachisan akka nuu kennu ragaa dabalataa argaa yommuu adeemnu caalaatti isatti dhihaanna. Wantonni kun hundi, Waaqayyo jiraachuusaafi hafuura qulqulluutti kan fayyadamu taʼuusaatiif ragaa cimaa nuu taʼu.

20. (a) Waaqayyo uumama cufaafi nama kan uume maaliifi? (b) Qajeelfama hafuura qulqulluu hordofuu keenya yoo itti fufne faayidaa akkamii arganna?

20 Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan, ‘hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan waan dubbataniif,’ Macaafni Qulqulluun Yihowaan humnasaa isa hojiirra jirutti kan fayyadamu taʼuusaatiif fakkeenya guddaa taʼa. (2 Phe. 1:21) Caaffata Qulqullaaʼoo of eeggannoodhaan qoruun keenya, amantii Waaqayyo waan hundumaa kan uume taʼuusaarratti qabnu nuu jabeessuu dandaʼa. (Mul. 4:11) Yihowaan uumuuf kan kakaʼe jaalalasaa isa dinqisiisaa taʼe argisiisuufidha. (1 Yoh. 4:8) Kanaaf, namoonni waaʼee Abbaa keenyaafi Michuu keenya isa samii jaalala qabeessa taʼee akka baratan gargaaruuf, wanta nuu dandaʼame hunda haa goonu. Gama keenyaan hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuu keenya yoo itti fufne, barabaraaf waaʼeesaa barachuuf mirgaa arganna. (Gal. 5:16, 25) Hundi keenya waaʼee Yihowaafi hojiiwwansaa warra gurguddaa haa barannu; akkasumas jaalalasaa isa hangana hin jedhamneefi yommuu hafuura qulqulluutti fayyadamee samii, lafaafi ilmaan namootaa uume argisiise jireenya keenya keessatti haa argisiisnu.

Ibsuu Dandeessaa?

• Samiifi lafti jiraachuunsaanii Waaqayyo hafuura qulqulluutti kan fayyadamu taʼuusaa ilaalchisee maal nu barsiisa?

• Akka bifa Waaqayyootti uumamuun keenya carraawwan akkamii nuu argamsiisa?

• Ragaa uumama deggeru qoruun kan nu barbaachisu maaliifi?

• Walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu jabaachuu kan dandaʼu karaawwan kamiini?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 7]

Uumamni cufti seera qabeessa taʼuunsaa waaʼee uumamaa maal nu barsiisa?

[Madda]

Stars: Anglo-Australian Observatory/David Malin Images

[Fakkii fuula 8]

DNAn wantoota kana hundaarratti hojii wal fakkaatu kan raawwatu akkamitti?

[Fakkii fuula 10]

Amantii keetiif falmuuf qophoofteettaa?