Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Museen, erga obboloonnisaanii Naadaabiifi Abiihuun duʼanii booda ilmaan Aaron kan taʼan Eleʼazaariifi Itaamaaritti kan aare maaliifi? Aariinsaa kan irraa galehoo akkamitti?—Lew. 10:16-20.

Tajaajilli lubummaa godoo qulqullaaʼaa keessatti raawwatamu erga hundeeffamee yeroo muraasa booda, Yihowaan ilmaan Aaron kan taʼan Naadaabiifi Abiihuun ibidda Waaqayyo isaan hin abboomne isa duratti waan dhiheessaniif akka ajjeefaman godheera. (Lew. 10:1, 2) Museen, ilmaan Aaron warri lubbuudhaan hafan, duʼa obbolootasaaniitti akka hin gaddine isaan ajaje. Museen sana booda utuu baayʼee hin turin, Eleʼazaariifi Itaamaar qalma reʼee isa aarsaa sababii cubbuutiif dhihaatu utuu hin nyaatin waan hafaniif isaanitti aare. (Lew. 9:3) Kun Musee kan aarse maaliifi?

Seerri Yihowaan Museetti kenne, lubni aarsaa sababii cubbuutiif dhihaatu sana dhiheessu, oobdii dunkaana itti walgaʼanii keessatti aarsaa kanarraa nyaachuu akka qabu ajaja ture. Akkas gochuun, namoota aarsaa sana dhiheessanirraa cubbuusaanii fuudhuu akka taʼetti ilaalama ture. Haataʼu malee, dhiiga aarsichaarraa hammi tokko Iddoo Qulqullaaʼaatti, jechuunis kutaa jalqabaa mana qulqullummaatti yoo geeffame, aarsaan sun nyaatamuu hin qabu. Kanaa mannaa gubamuu qaba ture.—Lew. 6:24-26, 30.

Haala gaddisiisaa gaafas raawwatame booda, Museen, abboommiiwwan Yihowaa hundumtuu hordofamuusaanii mirkaneessuun barbaachisaa akka taʼe itti dhagaʼamuu hin oolu. Aarsaan reʼee sababii cubbuutiif dhihaate gubamuusaa yommuu hubatu, dhiignisaa Iddoo Qulqullaaʼaatti geeffamee Yihowaa duratti waan hin dhihaanneef, Eleʼazaariifi Itaamaar akkuma ajajamanitti maaliif akka nyaachuu dhiisan aariidhaan isaan gaafate.—Lew. 10:17, 18.

Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, luboonni lubbuudhaan hafan kun akkas kan godhan ajaja Aaroniin waan taʼeef, gaaffii Museen gaafateef deebii kan kenne isadha. Aaron, ijoolleensaa lamaan waan ajjeefamaniif, luboonni kaanis gaafa sana yaada garaa qulqulluu aarsaa sababii cubbuutiif dhihaaterraa nyaachuuf isaan dandeessisu qabaachuunsaanii isa shakkisiisee taʼuu dandaʼa. Cubbuu Naadaabiifi Abiihuun hojjetaniif warri kaan kallattiidhaan itti gaafatamuu baatanis, aarsaa kanarraa nyaachuunsaanii Yihowaa akka hin gammachiisne isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.—Lew. 10:19.

Keessumaa Aaron, miseensonni maatiisaa guyyaa jalqaba hojii lubummaasaanii raawwatanitti, wantoota xixinnoo taʼanirrattillee Waaqayyoon gammachiisuuf of eeggannoo guddaa gochuu qabu turan jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, sababii Naadaabiifi Abiihuutiin maqaan Yihowaa arrabsameera; aariinsaas isaanirratti bobaʼeera. Kanaafuu, Aaron miseensonni maatii lubaa cubbuun akkasii irratti argame, aarsaa qulqulluurraa nyaachuu akka hin qabne isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa.

Seenaansaa, “Museenis dubbii kana yommuu dhagaʼe in gammade” jechuudhaan waan xumuruuf, Museen deebii obboleessisaa kenneef kan fudhate fakkaata. (Lew. 10:20) Yihowaanis deebii Aaron kenne akka fudhate beekamaadha.