Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaakee Guutuu Qajeelina Jaalladhu

Garaakee Guutuu Qajeelina Jaalladhu

Garaakee Guutuu Qajeelina Jaalladhu

“Ati qajeelina jaallatte.”—FAR. 45:7.

1. “Daandii qajeelaa irra” adeemuuf wanti nu gargaaru maalidha?

YIHOWAAN Dubbiisaafi hafuura qulqulluutti fayyadamee sabasaa “daandii qajeelaa irra” isaan geggeessa. (Far. 23:3) Haataʼu malee, cubbamoota waan taaneef, daandii kanarraa jalʼachuutti ariifanna. Wanta sirrii taʼe hojjechuutti deebiʼuun carraaqqii cimaa gaafata. Gama kanaan milkaaʼina argachuuf maaltu nu gargaara? Akkuma Yesus wanta qajeelaa hojjechuu jaallachuu qabna.—Faarfannaa 45:7 dubbisi.

2. “Daandii qajeelaa” kan jedhame maalidha?

2 “Daandii qajeelaa” kan jedhame maalidha? Daandiin asirratti caqasame karaa miillaa dhiphaa taʼedha. ‘Daandiin’ kun, seera buʼuuraa Yihowaan qajeelummaadhaaf baaserratti kan hundaaʼedha. Jechi afaan Ibrootaafi afaan Giriikii “qajeelina” jedhu, wanta “sirrii” taʼe kan argisiisu yommuu taʼu, kunis seerawwan buʼuuraa amala ilaalchisee baʼan cimsanii hordofuu argisiisa. Yihowaan “qajeelaa” waan taʼeef, waaqeffattoonnisaa karaa amalaa daandiin sirrii taʼeefi hordofuu qaban isa kam akka taʼe isaaniif murteessuunsaa isaan gammachiisa.—Far. 11:7.

3. Waaʼee qajeelina Waaqayyoo caalaatti barachuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Guutummaatti Waaqayyoon gammachiisuu kan dandeenyu, seerawwan buʼuuraa inni qajeelinaaf baasee wajjin walsimuuf garaadhaa kan carraaqnu yoo taʼe qofadha. (Kes. 32:4) Kunis, Macaafa Qulqulluu keessaa waaʼee Yihowaa hamma dandeenye barachuudhaan jalqaba. Waaʼeesaa caalaatti barachaa yommuu adeemnu, guyyaa guyyaadhaan caalaatti isatti dhihaachuudhaan, qajeelinasaa jaallachaa adeemna. (Yaq. 4:8) Jireenya keenya keessatti murtoo cimaa gochuun yommuu nu barbaachisuttis, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessa jiru fudhachuu qabna.

Qajeelummaa Waaqayyoo Barbaadaa

4. Qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduun maal dabalata?

4 Maatewos 6:33 dubbisi. Qajeelummaa Waaqayyoo barbaaduun, misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti yeroo baayʼee dabarsuu caalaa waan dabaltu qaba. Tajaajilli keenya Yihowaa duratti fudhatama akka argatu yoo barbaanne, amalli guyyaa guyyaadhaan argisiisnu seerawwan buʼuuraasaa warra sadarkaa olaanaa qabanii wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Warri qajeelummaa Yihowaa barbaadan hundi maal gochuu qabu? “Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffa[chuu]” qabu.—Efe. 4:24.

5. Abdii kutachuu moʼuuf maaltu nu gargaara?

5 Seerawwan buʼuuraa Waaqayyo qajeelinaaf baasee wajjin walsimnee jiraachuuf yommuu carraaqqii goonu, hirʼinni qabnu yeroo tokko tokko abdii nu kutachiisuu dandaʼa. Wantoota garmalee abdii nama kutachiisan moʼuuf, qajeelummaa jaallachuu barachuufi hojiirra oolchuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (Fak. 24:10) Yeroo hundaa, “garaa dhugaadhaan, amantii guutuudhaanis” kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu qabna. (Ibr. 10:19-22) Kiristiyaanota dibamoos taane lafarra jiraachuuf abdii kan qabnu, aarsaa furii Yesus Kiristosiifi tajaajila inni Angafa Lubootaa keenya isa guddicha taʼuudhaan nuu kennutti ni amanna. (Rom. 5:8; Ibr. 4:14-16) ‘Dhiigni Yesus cubbuu hundumaarraa nu qulleessa.’ (1 Yoh. 1:6, 7) Macaafni Qulqulluun cubbuun keenya ‘diimaa biluu yoo taʼeyyuu, akka cabbii akka addaatu’ dubbata. Aarsaan furii Yihowaan karaa Ilmasaa isa jaallatamaa nuu dhiheesse baayʼee dinqisiisaa mitii!—Isa. 1:18, NW.

Miʼa Lolaa Hafuuraa Keessan Gamaaggamaa

6. Miʼa lolaa hafuuraa keenya gamaaggamuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

6 Miʼa lolaa Waaqayyoo keessaa isa barbaachisaa waan taʼeef, yeroo hundaa ‘qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti’ uffachuun nu barbaachisa. (Efe. 6:11, 14) Dhiheenyatti Yihowaadhaaf kan of murteessines taane waggoota kurnan hedduudhaaf kan isa tajaajille, miʼa lolaa hafuuraa keenya guyyaa guyyaadhaan gamaaggamuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Maaliif? Seexanniifi ergamoonnisaa gara lafaatti waan gadi darbatamaniifidha. (Mul. 12:7-12) Seexanni kan aare taʼuusaarrayyuu, yeroo xinnoon qofti akka isa hafes beeka. Kanaaf, lola saba Waaqayyoorratti geggeessu cimsee itti fufeera. ‘Qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti’ uffachuun keenya barbaachisaa taʼuusaa ni hubannaa?

7. ‘Qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti’ uffachuun akka nu barbaachisu yoo hubanne akkamitti deddeebina?

7 Akkuma maddaan sibilaa onnee keenya eegu, qajeelummaanis yaada garaa keenyaa eega. Cubbamoota waan taaneef, garaan keenya jalʼinaafi abdii kutachuutti ariifata. (Er. 17:9) Garaan keenya jalʼina raawwachuu waan jaallatuuf, leenjifamuufi sirreeffamuun isa barbaachisa. (Uma. 8:21) ‘Qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti’ uffachuun akka nu barbaachisu yoo hubanne, wanta Waaqayyo jibbutti bohaaruuf jennee yeroodhaafillee ofirraa hin baasnu; gochawwan gadhee taʼan raawwachuurrattis hin xiinxallu. Yeroo keenya isa gati jabeessa taʼes gara caalaasaa televijiinii ilaaluudhaan hin balleessinu. Kanaa mannaa, wanta Yihowaa gammachiisu hojjechuuf qabsoo gochuu keenya itti fufna. Yaada foonii dogoggora taʼeen yeroodhaaf yoo gufannellee, gargaarsa Yihowaatiin deebinee kaʼuu dandeenya.—Fakkeenya 24:16 dubbisi.

8. ‘Amantiin gaachanatti’ fakkeeffame kan nu barbaachisu maaliifi?

8 Miʼi lolaa hafuuraa keenya inni gara biraanimmoo ‘amantii gaachanatti’ fakkeeffamedha. Gaachanni kun, “xiyya isa hamaa sanaa, warra bobaʼaa adeeman dhaamsuu” akka dandeenyu nu gargaara. (Efe. 6:16) Amantiifi garaa guutuudhaan Yihowaa jaallachuunimmoo, qajeelummaa raawwachuufi karaa jireenya barabaraatti geessurra adeemuu keenya itti fufuuf nu gargaara. Yihowaa jaallachuu barachaa yommuu adeemnu, qajeelummaasaas caalaatti dinqisiifachaa adeemna. Haataʼu malee, yaanni garaa keenyaahoo qajeelummaa jaallachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Yaada Garaa Qulqulluu Qabaadhaa

9. Yaada garaa qulqulluu qabaachuun kan nu fayyadu akkamitti?

9 Yeroo cuuphamnu “yaada garaa nama hin ceephaane” akka nuu kennu Yihowaa kadhannee turre. (1 Phe. 3:21) Furicharratti amantii akka qabnu waan argisiisneef, dhiigni Yesus cubbuu keenya kan haguuge siʼa taʼu, nuyis Waaqayyo duratti akka qulqulluutti ilaalamneerra. Waaqayyo duratti qulqulluu taanee itti fufuuf garuu, yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuun nu barbaachisa. Yaanni garaa keenyaa yeroo tokko tokko kan nu ceephaʼuufi akeekkachiisa kan nuu kennu taʼuunsaa, sirriitti hojjechaa akka jiru waan argisiisuuf galateeffachuu qabna. Quuqqaan akkasii, daandii Yihowaa isa qajeelummaarratti hundaaʼee wajjin haala wal qabateen yaanni garaa keenyaa akka hin hadoonne kan argisiisudha. (1 Xim. 4:2) Haataʼu malee, namoota qajeelummaa jaallachuu barbaadaniif yaanni garaa wanta raawwatu kan biraas qaba.

10, 11. (a) Yaada garaa keenyaa isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame hordofuu kan qabnu maaliif akka taʼe muuxannoo argisiisu tokko dubbadhu. (b) Qajeelummaa jaallachuun gammachuu guddaa nuu argamsiisuu kan dandaʼu maaliifi?

10 Wanta dogoggora taʼe yommuu hojjennu, yaanni garaa keenyaa nu ceephaʼuu ykn nu dhiphisuu dandaʼa. Dargaggeessi tokko “daandii qajeelaa irra[a]” maqee ture. Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluu kan amaleeffate taʼuusaarrayyuu, maariwaanaa xuuxuu jalqabe. Gara walgaʼii yommuu dhaqu yaanni garaasaa kan isa ceephaʼu siʼa taʼu, yommuu tajaajilarratti hirmaatus fakkeessituu akka taʼe isatti dhagaʼama ture; kanaaf sochiiwwan Kiristiyaanaa kanarratti hirmaachuusaa dhaabe. Dargageessi kun, “Gochawwan ani raawwadhuuf yaanni garaakoo akka na ceephaʼu garuu hin beekun ture. Jireenya gowwummaa akkasii jiraachuukoo waggaa afuriifan itti fufe” jechuudhaan dubbateera. Sana booda gara gumiitti deebiʼuuf yaaduu jalqabe. Yihowaan kadhannaasaa akka hin dhageenye kan isatti dhagaʼame taʼus, dhiifama akka isaa godhu kadhannaa gochuusaa itti fufe. Kadhannaa dhiheessee daqiiqaa kudhan utuu hin guutin, haatisaa isa gaafachuu kan dhufte siʼa taʼu, gara walgaʼiitti akka deebiʼu isa jajjabeessite. Innis gara Galma Mootummaa dhaqee jaarsi tokko akka isa qayyabsiisu gaafate. Yeroo boodas kan cuuphame siʼa taʼu, Yihowaan lubbuusaa waan isaa oolcheef isa galateeffata.

11 Wanta sirrii taʼe raawwachuudhaan gammachuu guddaa argachuun akka dandaʼamu hubanneerra. Qajeelummaa jaallachuu yommuu barannuufi guutummaatti hojiirra yommuu oolchinu, wanta Abbaa keenya isa samii gammachiisu raawwachuudhaan gammachuu guddaa arganna. Mee yaadi! Guyyaan, ilmaan namootaa yaada garaa nama hin ceephaane qabaachuudhaan gammachuu qofa itti argatan dhufaa jira; yeroo sanatti amala Waaqayyoo guutummaatti kan calaqqisan taʼu. Kanaaf, ammuma qajeelummaadhaaf jaalala garaadhaa madde qabaachuudhaan, Yihowaa haa gammachiisnu.—Fak. 23:15, 16.

12, 13. Yaada garaa keenyaa leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yaada garaa keenyaa leenjisuuf maal gochuu dandeenya? Caaffata Qulqullaaʼoofi barreeffamoota keenya warra Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan yommuu qayyabannu yaada, “Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada” jedhu qalbeeffachuun keenya barbaachisaadha. (Fak. 15:28) Hojii wajjin haala wal qabateen murtoo gochuun yommuu nu barbaachisu, yaanni kun akkamitti akka nu fayyadu haa ilaallu. Hojiin tokko ulaagaa Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin ifatti kan wal faallessu yommuu taʼutti, baayʼeen keenya qajeelfama karaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa nuu kenname dafnee hojiirra oolchina. Haataʼu malee, hojiin sun sirrii taʼuuf dhiisuunsaa ifatti kan hin ibsamne yommuu taʼutti, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu haala sanaaf hojjetan qoruufi kadhannaadhaan irratti yaaduun keenya barbaachisaadha. * Seerawwan buʼuuraa kan akka yaada garaa warra kaanii miidhuurraa fagaachuu wajjin wal qabataniifis kun ni hojjeta. (1 Qor. 10:31-33) Keessumaa seerawwan buʼuuraa walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnuu wajjin wal qabataniif xiyyeeffannaa kennuu qabna. Yihowaan nuuf kan dhugoome yoo taʼe, dura, ‘Hojii kana hojjechuunkoo Yihowaan akka gaddu isa godhaa laata?’ jennee of gaafanna.—Far. 78:40, 41.

13 Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa ykn qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumiitiif yommuu qophoofnu, barumsawwan dhihaatanirratti xiinxaluun akka nu barbaachisu yaadachuu qabna. Yeroo hundaa deebii gaaffiiwwan qayyabannaa sanaa ariitiidhaan jala murree, gara keeyyata itti aanuutti darbinaa? Qayyabannaan akkasii jaalalli qajeelummaadhaaf qabnu akka guddatu ykn yaada garaa dammaqaa taʼe akka qabaannu nu gargaara jechuun hin dandaʼamu. Qajeelummaa jaallachuu yoo barbaannee, dhimminee qayyabachuufi wanta Dubbii Waaqayyoo keessaa dubbisnerratti xiinxaluun nu barbaachisa. Carraaqqii utuu hin godhin garaa guutuudhaan qajeelummaa jaallachuu barachuun hin dandaʼamu.

Qajeelummaa Beelaʼuufi Dheebochuu

14. Yihowaaniifi Yesus Kiristos tajaajila keenya akkamitti akka raawwannu barbaadu?

14 Yihowaaniifi Yesus Kiristos, yommuu tajaajila keenya raawwannu gammadoo akka taanu barbaadu. Gammachuu keenyaaf gumaacha kan godhu maalidha? Qajeelummaa jaallachuudha! Yesus lallabasaa isa Gaaraarratti, “Warri waan qajeelaa akka midhaanii beelaʼanii, akka bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan geessifachuuf jiru” jechuudhaan dubbateera. (Mat. 5:6) Jechoonni kun warra qajeelummaa jaallachuu barbaadaniif hiika maalii qabu?

15, 16. Warri karaa hafuuraa beelaʼaniifi dheebotan geessifachuu kan dandaʼan karaawwan kamiini?

15 Addunyaan keessa jiraannu isa hamaadhaan geggeeffama. (1 Yoh. 5:19) Gaazexaa biyya kamittiyyuu argamu yoo dubbisne, gabaasa hammeenyiifi gooliin haala kanaan dura taʼee hin beekneen raawwatamaa akka jiru ibsu argina. Hammeenya namni namarratti raawwatu yaaduun, namoota qajeeloo taʼan ni dhiphisa. (Lal. 8:9) Namoota Yihowaa jaallannu waan taaneef, beelaafi dheebuu hafuuraa namoota qajeelummaa barachuu barbaadanii baasuu kan dandaʼu isa qofaa akka taʼe beekna. Namoonni Waaqayyoon hin beekne dhiheenyatti ni balleeffamu; sana booda namoonni seera cabsaniifi hojiinsaanii inni hamaan warra qajeelummaa jaallatan hin dhiphisan. (2 Phe. 2:7, 8) Kun boqonnaa guddaa mitii!

16 Tajaajiltoota Yihowaafi duuka buutota Yesus Kiristos waan taaneef, warri qajeelummaa beelaʼaniifi dheebotan hundi akka ‘geessifatan’ beekna. Karaa bantiiwwan haaraafi lafa haaraa isa ‘qajeelummaan keessa buufatuufi’ Waaqayyo qopheessee, wanti barbaadan hundi isaanii guutama. (2 Phe. 3:13) Kanaaf, biyya lafaa Seexanni bulchu kana keessatti hacuuccaafi gooliin qajeelummaarra aanuusaatti abdii kutachuu ykn ajaaʼibsiifamuu hin qabnu. (Lal. 5:8) Yihowaan inni Hundumaa Gararraa jiru, wanta raawwatamaa jiru beeka; dhiheenyattis warra qajeelummaa jaallatan ni oolcha.

Qajeelummaa Jaallachuudhaan Fayyadamuu

17. Faayidaawwan qajeelummaa jaallachuudhaan argaman tokko tokko kamfaʼi?

17 Faarfannaan 146:8, faayidaa guddaa daandii qajeelummaa hordofuun qabu addeessa. Faarfatichi, “Waaqayyo warra qajeelota in jaallata” jechuudhaan faarfateera. Mee yaadi! Gooftaan uumama cufaa qajeelummaa jaallachuu keenyaan nu jaallata! Yihowaan waan nu jaallatuuf, jireenya keenya keessatti dhimmawwan Mootummichaa wajjin wal qabatan yoo dursine wanta karaa foonii nu barbaachisu akka nuu guutu amanannaa qabna. (Faarfannaa 37:25; Fakkeenya 10:3 dubbisi.) Dhumarratti, guutummaan lafaa kan warra qajeelummaa jaallatanii taati. (Fak. 13:22) Sabni Waaqayyoo qajeelummaa raawwatan hedduun, kana gochuusaaniitiif lafa jannata bareedduu taate keessatti gammachuu hammana hin jedhamneefi jireenya barabaraa argatu. Warri qajeelummaa Waaqayyoo jaallatan, yeroo ammaattillee keessasaaniitti nageenya maatiiniifi gumiinsaanii tokkummaa akka qabaatu godhu argataniiru.—Filp. 4:6, 7.

18. Guyyaa Yihowaa yommuu eegnutti wanta gaarii akkamii gochuu keenya itti fufuu qabna?

18 Guyyaa Yihowaa isa guddaa yeroo eegaa jirrutti, qajeelummaasaa barbaaduu keenya itti fufuu qabna. (Sef. 2:2, 3) Kanaaf, daandii Yihowaa isa qajeelaadhaaf jaalala dhugaa akka qabnu haa argisiisnu. Kana gochuun, yaada garaa keenya eeguuf, ‘qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti’ uffachuu keenya itti fufuu kan dabalatudha. Kana malees, yaada garaa qulqulluu isa nuunis taʼe Waaqa keenya gammachiisu qabaannee itti fufuun keenya barbaachisaadha.—Fak. 27:11.

19. Maal gochuuf murteessuu qabna? Mataduree itti aanurratti waaʼee maaliitu ibsama?

19 “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara.” (2 Sen. 16:9) Biyya lafaa jeequmsi, gooliifi hammeenyi itti babalʼachaa adeemu keessatti wanta sirrii taʼe yommuu hojjennu, jechoonni kun baayʼee kan nama jajjabeessan mitii! Dhugaadha, ilmaan namootaa Waaqayyorraa fagaatan hedduun, daandii qajeelinaa hordofuun keenya faayidaa qabaachuunsaa isaan shakkisiisuu dandaʼa. Nuyi garuu qajeelummaa Yihowaa wajjin walsimuudhaan faayidaa guddaa arganna. (Isa. 48:17; 1 Phe. 4:4) Kanaaf, garaa guutuudhaan qajeelummaa jaallachuufi hojiirra oolchuudhaan gammaduu keenya itti fufuuf haa murteessinu. Haataʼu malee, garaa guutuu qabaachuun jalʼina jibbuus kan dabalatudha. Matadureen itti aanu kana jechuun maal jechuu akka taʼe ibsa.

[Miiljalee]

^ key. 12 Seerawwan buʼuuraa hojii wajjin wal qabatan ilaalchisee, Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1999, fuula 28-30 ilaali. (Amaariffa)

Maal Jettee Deebista?

• Dinqisiifannaan furichaaf qabnu qajeelummaa jaallachuuf barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• ‘Qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti’ uffachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• Yaada garaa keenyaa leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 26]

Yaanni garaa leenjifame hojii wajjin haala wal qabateen murtoo gochuuf nu gargaara