Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qophaaʼoo Taʼaa!

Qophaaʼoo Taʼaa!

Qophaaʼoo Taʼaa!

“Qophaaʼoo taʼaa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa.”—MAT. 24:44.

1, 2. (a) Haalawwan Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatamaniifi miidhaa qeerransi tokko geessisee wajjin wal fakkaachuu dandaʼan maalidha? (b) Kiristos firdii raawwachiisuuf yeroo dhufu ooluuf maal gochuutu nu barbaachisa?

NAMICHI qeerransa biyya Beengaal leenjisee ittiin namoota bashannansiisuudhaan beekamu tokko, waggoota hedduudhaaf rakkoo tokko malee kana gochaa ture. Namichi kun, “Bineensi tokko yommuu si amanu kennaa biyya lafaarra jiru keessaa isa hunda caalu akka argatte sitti dhagaʼama” jedheera. Haataʼu malee, Onkoloolessa 3, 2003 amantaan gidduusaanii ture ni bade. Sababii hin beekamneen qeerransoota kana keessaa qeerransi adiin kiilogiraamii 172 ulfaatu tokko miidhaa isarraan geessise. Miidhaan bineensi kun geessise matumaa kan hin eegamne waan tureef, namichi isa leenjisu of hin qopheessine.

2 Macaafni Qulqulluun “bineensi” miidhaa geessisu tokko akka dhufuufi kanaafis qophaaʼuun keenya barbaachisaa akka taʼe kan dubbatu taʼuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (Mulʼata 17:15-18 dubbisi.) Bineensi kun miidhaa kan geessisu eenyurratti? Haalawwan akka tasaa jijjiiramaniin kan kaʼe addunyaan Seexanaa wal qoqqooda. Bineensi bildiimaan Mootummoota Gamtooman kan bakka buʼu siʼa taʼu, “gaanfonni kurnan” immoo humnoota siyaasaa hunda kan bakka buʼanidha. Qaamonni kun Baabilon Guddittii ishee ejjituufi bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taaterratti kaʼuudhaan ishee balleessu. Kun kan raawwatamu yoomi? Guyyaafi saʼaatii kun itti raawwatamu hin beeknu. (Mat. 24:36) Haataʼu malee saʼaatii nuyi hin eegnetti akka raawwatamuufi lola kana geggeessuuf yeroon hafe muraasa akka taʼe beekna. (Mat. 24:44; 1 Qor. 7:29) Kanaafuu, yeroo lolli kun kaʼuufi Kiristos firdii raawwachiisuuf itti dhufutti akka inni nu oolchuuf, karaa hafuuraa qophaaʼoo taʼuun keenya barbaachisaadha! (Luq. 21:28) Yeroo wanti kun raawwatamutti qophaaʼoo taʼuuf, tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo hojii isaanii kenname raawwachuuf qophaaʼoo turaniifi abdiin Waaqayyo kenne yommuu raawwatamu arganirraa barachuu dandeenya. Seenaa dhugaa taʼe kanaaf xiyyeeffannaa ni kenninaa?

Akkuma Nohi Qophaaʼoo Taʼaa

3. Haalawwan Nohi amanamummaadhaan Waaqayyoon akka hin tajaajille isa qoran maalfaʼi?

3 Bara Nohitti haalawwan jibbisiisaa taʼan lafarratti babalʼatanii kan turan taʼus, Nohi yommuu abdiin Waaqayyoo raawwatamu arguuf of qopheessee ture. Ergamoonni hamoon foon uffatanii dubartoota babbareedoo wajjin jiraachuu yommuu jalqaban, Nohi dhiibbaa guddaa hangamii dandaʼuun isa barbaachisee akka ture yaadi! Saalqunnamtii uumamaan ala raawwatame kanaan, ijoolleen humna guddaa qaban kan dhalatan siʼa taʼu, “jagnoonni” kunis humnasaanii isa guddaa kanaan namoota miidhuuf itti fayyadamu turan. (Uma. 6:4) Namoonni humna guddaa qaban kun bakka adeeman hundaatti goolii yommuu kaasan badiisni hangamii akka uumamu mee yaadi. Kanaan kan kaʼes, hammeenyi kan babalʼate siʼa taʼu, yaanniifi amalli namootaa guutummaatti mancaʼe. Yommuu kanatti Yihowaan, namoota hamoo sana balleessuuf yeroo murteesse.—Uumama 6:3, 5, 11, 12 dubbisi. *

4, 5. Haalawwan bara keenyatti raawwataman, kan bara Nohi wajjin kan wal fakkaatan karaawwan kamiini?

4 Yesus haalawwan bara keenyatti taʼan kan bara Nohi wajjin akka wal fakkaatan raajii dubbatee ture. (Mat. 24:37) Fakkeenyaaf, nuyis hafuuronni hamoon namootarratti dhiibbaa akka geessisan argaa jirra. (Mul. 12:7-9, 12) Ergamoonni hafuurota hamoo taʼan kun bara Nohitti foon uffatanii turan. Yeroo harʼaa foon uffachuu kan hin dandeenye yoo taʼeyyuu, dargaggootas taʼe maanguddoota toʼachuuf carraaqqii gochaa jiru. Ergamoonni hamoon kun, utuu namoonni hin beekin wanta gadhee namoonni lafarratti raawwatan arguudhaan gammadu.—Efe. 6:11, 12.

5 Dubbiin Waaqayyoo, Seexanni “nama ajjeesaa” akka tureefi “humna duʼaa” akka qabu ibsa. (Yoh. 8:44; Ibr. 2:14) Humni Seexanni kallattiidhaan namoota ajjeesuuf qabu murtaaʼaadha. Haataʼu malee, hafuurri hamaan kun gowwoomsaafi sossobbii babalʼisa. Namoonni wal ajjeesuuf fedhii akka qabaatan godha. Fakkeenyaaf, ijoollee Yunaayitid Isteetisitti dhalatan 142 keessaa 1 ni ajjeefama. Ilaalchi Yihowaan goolii yeroo harʼaatti garmalee babalʼateef qabu, isa inni bara Nohitti qabuu gadi sitti fakkaataa? Tarkaanfii fudhachuurraahoo dubbatti jedhaa?

6, 7. Nohiifi maatiinsaa amantiifi sodaa Waaqayyoo qabaachuusaanii kan argisiisan akkamitti?

6 Yeroo booda, Waaqayyo bishaan badiisaa lafarratti fidee uumama foon uffate hundaa balleessuuf murtoo akka godhe Nohitti himameera. (Uma. 6:13, 17) Yihowaan Nohi markaba saanduqa guddaa fakkaatu tokko akka ijaaru isa ajaje. Nohiifi maatiinsaa markaba ijaaruu jalqaban. Yeroon Waaqayyo tarkaanfii itti fudhatu ennaa gaʼu, ajajamuufi qophaaʼoo taʼuuf kan isaan gargaare maalidha?

7 Nohiifi maatiinsaa amantii cimaa qabaachuufi Waaqayyoon sodaachuunsaanii, akka Waaqayyo isaan ajajetti hojjechuuf isaan kakaaseera. (Uma. 6:22; Ibr. 11:7) Nohi mataa maatii waan taʼeef, karaa hafuuraa dammaqaa kan ture taʼuusaarrayyuu, gochawwan naannoosaatti raawwatamanirratti hirmaachuurraa fagaateera. (Uma. 6:9) Maatiinsaa hammeenyaafi mata jabina namoonni naannoosaanii jiran qaban akka hin horanne of eeggachuun akka isaan barbaachisu hubatee ture. Dhimmawwan jireenya guyyaa guyyaarratti guutummaatti xiyyeeffachuurraa fagaachuunsaanii barbaachisaa ture. Waaqayyo hojii isaanii kennee kan ture siʼa taʼu, maatichis guutummaatti hojii kanarratti xiyyeeffachuunsaanii barbaachisaa ture.—Uumama 6:14, 18 dubbisi.

Nohiifi Maatiinsaa Qophaaʼoo Turan

8. Miseensonni maatii Nohi Waaqayyoof kan bulan akka turan kan argisiisu maalidha?

8 Seenaan Macaafa Qulqulluu mataa maatii kan taʼe Nohirratti kan xiyyeeffatu taʼus, haati manaasaa, ilmaansaafi haadhotiin manaasaaniis namoota Yihowaa waaqeffatan turan. Hisqiʼel raajichi kana mirkaneesseera. Nohi utuu bara Hisqiʼelitti jiraateera taʼee, ijoolleensaa qajeelummaa abbaasaaniitiin akka oolan akka hin eegne dubbateera. Ijoolleensaa ajajamuus taʼe ajajamuu diduu filachuuf gaʼeessota turan. Kanaafuu, Waaqayyoofi karaawwansaa akka jaallatan dhuunfaatti argisiisaniiru. (His. 14:19, 20) Maatiin Nohi qajeelfama inni isaanii kenne fudhataniiru, amantiisaa hordofaniiru, akkasumas dhiibbaan namoota kaanii hojii Waaqayyo isaanii kenne akka hin raawwanne akka isaan godhu hin heyyamne.

9. Bara keenyatti namoonni amantii akka Nohi qaban eenyufaʼi?

9 Yeroo harʼaa waldaa obbolummaa addunyaa maraa keessatti mataawwan maatii fakkeenya Nohi hordofuudhaan wanta isaanii dandaʼame hundaa godhan arguun baayʼee nama jajjabeessa! Obboloonni kun maatiisaaniitiif nyaata, uffataafi mana jireenyaa dhiheessuu, akkasumas barumsa akka argatan gochuu qofti gaʼaa akka hin taane beeku. Fedhii hafuuraa maatiisaaniis guutuu qabu. Kana gochuudhaan wanta Yihowaan dhiheenyatti raawwatuuf akka of qopheessan argisiisu.

10, 11. (a) Nohiifi maatiinsaa yommuu markaba keessa turanitti maaltu isaanitti dhagaʼamee taʼuu qaba? (b) Gaaffii kam of gaafachuun keenya barbaachisaadha?

10 Nohi, haati manaasaa, ilmaansaafi haadhotiin manaasaanii hojii markaba ijaaruu gara waggaa 50tiif hojjetanii taʼuu dandaʼa. Markaba yommuu ijaaran al dhibba hedduudhaaf gara markabichaatti seenanii baʼanii taʼuu qaba. Markabicha maraganiiru, nyaata keessatti kuusaniiru, akkasumas bineeldota itti galchaniiru. Haalasaa yaadaan ilaali. Dhumarratti guyyaan guddaan sun ni dhufe. Guyyaan kun Dh.K.D. bara 2370, jiʼa lammaffaa, guyyaa 17⁠ffaa siʼa taʼu, isaanis gara markabichaatti galan. Yihowaan balbalicha erga cufee booda bokkaan roobuu jalqabe. Bokkaan kun bokkaa bakka tokko qofatti roobu hin turre. Ittisni bishaan waaqarraa banamee kan futtaʼe siʼa taʼu, bokkaa cimaanis markabicha rukutuutti kaʼe. (Uma. 7:11, 16) Namoonni markabichaa ala jiran kan duʼan yommuu taʼu, warri markabicha keessa jiran garuu oolaniiru. Maatiin Nohi maal isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa? Eeyyee, Waaqayyoof galata guddaa dhiheessu. Kana malees, ‘Waaqa dhugaa wajjin deddeebiʼuufi qophaaʼoo taʼuun keenya sirrii ture!’ jedhanii akka yaadan hin shakkisiisu. (Uma. 6:9) Armaagedoon keessa dabartee garaankee dinqisiifannaa akkasiitiin yommuu guutamu yaadaan ilaaluu dandeessaa?

11 Waaqani Hundumaa dandaʼu, abdii sirna Seexanaa kana balleessuuf kenne akka hin raawwanne wanti dhowwuu dandaʼu tokkoyyuu hin jiru. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Abdiiwwan Waaqayyo kenne hundi, wanti tokkollee utuu hin hafin yeroo murtaaʼetti raawwatamuunsaanii akka hin oolle amanannaa guutuu nan qabaa?’ Taanaan, “guyyaa Waaqayyoo” hatattamaan dhihaachaa jiru yaadatti qabachuudhaan of qopheessi.—2 Phe. 3:12.

Museen Dammaqinaan Jiraateera

12. Ilaalcha hafuuraa Museen qabu jalaa balleessuu kan dandaʼu maal ture?

12 Fakkeenya garabiraas haa ilaallu. Akka ilaalcha namaatti, Museen biyya Gibxii keessatti iddoo guddaa faayidaa isaaf argamsiisu kan qabu fakkaata ture. Intalli Faraʼon waan isa guddisteef, ulfina guddaa argachuu, nyaata gaarii nyaachuu, uffata hunda caalu uffachuufi qananiidhaan jiraachuu dandaʼa ture. Barumsa guddaas barateera. (Hojii Ergamootaa 7:20-22 dubbisi.) Tarii dhaala guddaas argachuu dandaʼa ture.

13. Museen abdii Waaqayyo kennerratti xiyyeeffachuusaa kan itti fufe akkamitti?

13 Leenjiin warrisaa ijoollummaatti isaa kennan, waaqeffannaan waaqayyolii tolfamoo Gibxiitti raawwatamu gowwummaa taʼuusaa akka hubatu isa gochuu hin oolu. (Bau. 32:8) Barumsi Gibxiitti kennamuufi wantoonni babbareedoon mana mootummaa keessa turan, Museen waaqeffannaa dhugaa akka dhiisu isa hin goone. Abdiiwwan Waaqayyo abaabiliisaatiif kennerratti gad fageenyaan yaaduufi fedha Waaqayyoo raawwachuuf akka gaariitti of qopheessee taʼuu qaba. Kana malees, Museen Israaʼelootaan, “Waaqayyo . . . inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Yisihaq, Waaqayyo inni kan Yaaqoobis isinitti na ergeera” jedhee ture.—Baʼuu 3:15-17 dubbisi.

14. Amantiifi ija jabinni Musee kan qorame akkamitti?

14 Waaqayyolii tolfamoo jireenya hin qabneefi waaqayyolii warra Gibxii bakka buʼan hundarraa haala adda taʼeen, Yihowaan inni Waaqa dhugaa taʼe Museedhaaf dhugoomee ture. Museen “isa ijaan hin argamne” akka waan arguu dandaʼuutti amanuudhaan jiraateera. Sabni Waaqayyoo bilisa akka baʼan amantii kan qabu taʼus, yeroo kun itti taʼu hin beeku ture. (Ibr. 11:24, 25, 27) Namni Israaʼel tokko yommuu reebamu irra goruudhaan, Ibroonni bilisa baʼanii arguuf fedhii guddaa akka qabu argisiiseera. (Bau. 2:11, 12) Haataʼu malee yeroon Yihowaa waan hin geenyeef, biyya fagootti baqataa taʼee jiraachuu qaba ture. Haala jireenyaa mijaaʼaa mana mootummaa Gibxii keessa ture dhiisee, lafa onaa keessa jiraachuun akka isatti ulfaate hin shakkisiisu. Taʼus Museen qajeelfama Yihowaan isaa kennu hundaa dammaqinaan hordofuudhaan qophaaʼaa taʼee jiraateera. Kanaafuu, biyya Miidiyaanitti waggaa 40 erga dabarsee booda obbolootasaatiif boqonnaa akka argamsiisu Waaqayyo isatti fayyadameera. Museen qajeelfama Waaqayyo isaa kenne fudhachuudhaan gara Gibxiitti deebiʼe. Yeroon inni karaa Waaqayyo barbaaduun hojii Waaqayyoo hojjechuuf itti gaafatamummaa isaa kenname itti raawwatu ni gaʼe. (Bau. 3:2, 7, 8, 10) Museen inni “namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa ture” gara Gibxiitti yeroo deebiʼu, Faraʼon dura dhaabachuuf amantiifi ija jabinni isa barbaachisa ture. (Lak. 12:3) Mootii kana dura kan dhaabate al tokko qofa utuu hin taʼin, yeroo dhaʼichawwan sun gaʼan hundatti yommuu taʼu, dhaʼicha tokkotti aanee inni kaan dhufuusaa dura al meeqa dhaquu akka qabu utuu hin beekin Faraʼon dura dhaabateera.

15. Museen gaddi yoo isa mudateyyuu, dammaqaa akka taʼuufi Abbaasaa isa samiitiif ulfina fiduuf carraa akka barbaadu maaltu isa kakaase?

15 Waggoota 40 Dh.K.D. bara 1513 hanga Dh.K.D. bara 1473 jiran keessatti Museen yeroo baayʼee haalli gaddisiisaan isa mudateera. Taʼus, Yihowaadhaaf ulfina fiduuf carraa kan barbaadu yommuu taʼu, Israaʼeloonni kaanis akkasuma akka godhan garaa guutuudhaan isaan jajjabeesseera. (Kes. 31:1-8) Maaliif? Sababiinsaa Museen maqaasaa caalaa, maqaafi olaantummaa Yihowaa waan jaallatuuf ture. (Bau. 32:10-13; Lak. 14:11-16) Nuyis gaddi ykn gufuun yoo nu mudateyyuu, karaan Waaqayyo waan tokko itti raawwatu kan eenyuyyuu caalaa ogummaarratti kan hundaaʼe, qajeelaafi gaarii akka taʼe amanuudhaan bulchiinsa Waaqayyoo deggeruu keenya itti haa fufnu. (Isa. 55:8-11; Er. 10:23) Atoo karaan Yihowaa akkas akka taʼe sitti dhagaʼamaa?

Dammaqaa!

16, 17. Maarqos 13:35-37 hiika guddaa kan siif qabu maaliifi?

16 “Akeekkadhaa, dammaqaas! Yerichi sun yoom akka gaʼu hin beektan.” (Mar. 13:33) Yesus akeekkachiisa kana kan kenne yeroo milikkita dhuma biyya lafaa isa hamaa kanaa dubbatetti ture. Wanta Yesus xumura raajiisaarratti dubbate Maarqos akkas jechuudhaan barreesseera: “Dammaqaa! Abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan walakkaa dhufaa, iyya indaanqoo dhufaa fi ganama dhufaa hin beektan. Yeroo isin quba hin qabaatinitti yoo dhufe, utuu isin rafaa jirtanii akka isin hin argannetti, kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!”—Mar. 13:35-37.

17 Wanti Yesus dubbate miira namaa kan kakaasudha. Yesus kutaa eegumsaa halkanii addaddaa afur caqaseera. Kutaan eegumsaa inni dhumaa halkan saʼaatii sagalii kaasee hamma bariitti waan turuuf, yeroo kanatti dammaqanii eeguun rakkisaadha. Namoonni tooftaa waraanaa qopheessuudhaan ogummaa qaban, kutaan halkanii kun diinotasaanii iddoo ‘rafanitti’ qabachuuf carraa gaarii waan isaanii kennuuf, lola banuuf yeroo kaan caalaa gaarii akka taʼe beeku. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo biyyi lafaa karaa hafuuraa hirriba guddaa keessa jiru kanatti dammaqoo taʼuuf qabsoo guddaa gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Guyyaa dhumaa raajiidhaan dubbatameefi badiisa jalaa ooluu keenya ilaalchisee ‘dammaquun,’ akkasumas ‘akeekkachuun’ kan nu barbaachisu taʼuusaa ni shakkinaa?

18. Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenyaan mirga guddaa akkamii qabna?

18 Namichi bineensota leenjisuufi seensarratti caqasame miidhaa qeerransi Beengaal isarraan gaʼerraa ooleera. Raajiin Macaafa Qulqulluu garuu, amantiin sobaafi biyyi lafaa inni hamaan hafe badiisa dhihaachaa jirurraa matummaa akka hin oolle ibsa. (Mul. 18:4-8) Dargaggootas taʼan maanguddoota, tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi akkuma Nohiifi maatiisaa guyyaa Yihowaatiif of qopheessuuf, wanta isaanii dandaʼame hundaa gochuun barbaachisaa taʼuusaa hubachuu qabu. Biyya lafaa namoota Waaqayyoof ulfina hin kennine, barsiistota amantii sobaa, namoota Waaqayyo jiraachuufi dhiisuusaa beekuun hin dandaʼamu, akkasumas Waaqayyo hin jiru jedhaniifi dubbiisaaniitiin isatti qoosaniin guutame keessa jiraanna. Haataʼu malee, miidhaa akka nurraan geessisan heyyamuu hin qabnu. Kanaaf, fakkeenyota olitti ilaalle yaadatti qabannee, amantii keenya eeguufi Yihowaa isa ‘waaqayyoliirratti Waaqa,’ “Waaqayyo isa guddaa, isa aango-qabeessa, isa sodaatamaa” taʼeef ulfina fiduuf carraawwan nu dandeessisan dammaqinaan haa barbaannu.—Kes. 10:17.

[Miiljalee]

^ key. 3 “Waggaa dhibbaa fi digdama” Uumama 6:3⁠rratti caqasame ilaalchisee, Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 2010, fuula 30 ilaali.

Ni Yaadattaa?

• Nohi fedhii hafuuraa maatiisaatiif dursa kennuun kan isa barbaachise maaliifi?

• Barri keenya bara Nohi wajjin baayʼee kan wal fakkaatu akkamitti?

• Museen haalawwan gaddisiisaan isa mudataniyyuu, ijisaa abdiiwwan Yihowaarratti akka xiyyeeffatu kan godhe maaliifi?

• Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu karaa hafuuraa dammaqaa taatee akka jiraattu si kakaasan kamfaʼi?

Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 25]

Nohiifi maatiinsaa hojii Yihowaarratti xiyyeeffataniiru

[Fakkii fuula 26]

Abdii amansiisaan Waaqayyo kenne Museen dammaqinaan akka jiraatu isa gargaareera