Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Biyya Lafaa Amanamaa Hin Taane Keessatti Amanamoo Taʼuu—Akkamitti?

Biyya Lafaa Amanamaa Hin Taane Keessatti Amanamoo Taʼuu—Akkamitti?

Biyya Lafaa Amanamaa Hin Taane Keessatti Amanamoo Taʼuu—Akkamitti?

AKKUMA qilleensaa, amanamummaa dhabuunis bakka hundumaa jira. Namoonni ni sobu, gatiidhaa ol ni kaffalchiisu, ni hatu, liqii isaanirra jiru hin baasan, akkasumas gochawwan daldalaa haxxummaarratti hundaaʼan raawwachuudhaan ni boonu. Naannoo haala akkasiitiin guutame keessa waan jiraannuuf, yeroo baayʼee qorumsi murtoo amanamoo taanee jiraachuuf goone akka hin eegne godhu nu mudachuu dandaʼa. Qorumsa amanamoo akka hin taane nurra gaʼu moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Karaawwan gurguddaa kana gochuuf nu gargaaran sadii haa ilaallu. Isaanis, Yihowaa sodaachuu, yaada garaa gaarii qabaachuufi waan qabnutti gammannee jiraachuudha.

Yihowaadhaaf Sodaa Sirrii Qabaachuu

Isaayaas raajichi, “Waaqayyo abbaa firdii keenya, Waaqayyo seera nuuf in kenna, Waaqayyo mootii keenya” jechuudhaan barreesseera. (Isa. 33:22) Aangoo Yihowaan qabu hubachuun keenya, akka isa sodaannu kan godhu yommuu taʼu, kunimmoo murtoo amanamoo taʼuuf goone nuu jabeessa. Fakkeenyi 16:6, “Namni Waaqayyoon sodaachuudhaan wanta hamaa irraa in fagaata” jedha. Sodaan akkasii, Waaqayyo haaloo nutti baʼa jedhanii romʼuudhaan kan argisiifamu utuu hin taʼin, sodaa sirrii Abbaa keenya isa samii isa baayʼee nuuf yaadu akka hin gaddisiisneef nutti dhagaʼamudha.—1 Phe. 3:12.

Muuxannoon jireenyaa dhugaa taʼe tokko, sodaan akkasii kun faayidaa akka qabu argisiisa. Riikaardoofi haati manaasaa Farnaandan, maallaqa mana baankiitii qaban keessaa doolaara dhibba torba kan taʼu baafatan. * Farnaandan, qarshii hidhaa hidhaadhaan itti kenname utuu hin lakkaaʼin boorsaashee keessa keesse. Baasii tokko tokko baasanii gara manasaaniitti erga deebiʼanii booda, qarshiisaanii lakkaaʼanii qarshiin mana baankiitii baafatan sun akka hin hirʼanne yeroo argan baayʼee naʼan. Achiis, “Kaasheeriin baankichaa qarshii dabalataa nuu kenniteetti jechuudha” jedhanii yaadan. Jalqabarratti, idaan kan biraa baayʼeen waan isaanirra jiruuf qarshicha ittuma fayyadamuuf qoramanii turan. Riikaardoon, “Qarshicha deebisuuf jabina akka nuu kennu Yihowaa kadhanne. Akkuma inni Fakkeenya 27:11⁠rratti jedhe, Yihowaa gammachiisuuf fedhii qabaachuun keenya qarshicha deebisuuf nu kakaaseera” jedheera.

Yaada Garaa Macaafa Qulqulluudhaan Leenjifame

Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi waan baranne hojiirra oolchuudhaan, yaada garaa gaarii qabaachuu dandeenya. Yeroo kanatti, ‘dubbiin Waaqayyoo inni jiraataa taʼeefi humna hojjetu of keessaa qabu’ sammuu keenya qofa utuu hin taʼin garaa keenyas ni tuqa. Kunimmoo, “karaa hundumaa waan gaarii hojjechuuf” akka kakaanu godha.—Ibr. 4:12; 13:18.

Haala Jawaawus ilaali. Liqiin guddaan doolaara kuma shan taʼu isarra jira ture. Haataʼu malee, liqii kana utuu hin kaffalin magaalaa kan biraatti gale. Waggaa saddeet booda Jawaawu dhugaa waan barateef, yaanni garaasaa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame, kubbaaniyyaa liqii isarraa qabu sanaaf dhaqee liqii kana akka kaffalu isa kakaase! Jawaawu galii xinnoodhaan haadha manaasaafi ijoollee afur waan jiraachisuuf, qaamni liqii isarraa qabu sun jiʼa jiʼaan akka kaffaluuf heyyameef.

Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuu

Phaawulos ergamaan, “Nama Waaqayyoo taʼuun, nama wanta qabuun of dandaʼee jiraatu biratti buʼaa guddaa qaba. . . . Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu gaʼa” jechuudhaan barreesseera. (1 Xim. 6:6-8) Gorsa ogummaarratti hundaaʼe kana fudhachuun keenya, sochiiwwan daldalaa sassataan guutamaniifi amanamummaadhaan hin raawwatamne, akkasumas salphaadhumatti dafanii sooromuuf gargaaru jedhaman keessa akka hin galle nu gargaara. (Fak. 28:20) Gorsa Phaawulos fudhachuun, wanti jireenyaaf nu barbaachisu akka nuu guutamu amanuudhaan duraan dursinee yaada keenya Mootummaa Waaqayyootti hidhuuf nu gargaara.—Mat. 6:25-34.

Haataʼu malee, “gowwoomsaan soorumaa” cimaa waan taʼeef, balaa sassanni qabu matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. (Mat. 13:22) Haala Akaan yaadadhu. Israaʼeloonni dinqiidhaan Laga Yordaanos yeroo ceʼan ijasaatiin argeera. Taʼuyyuu, sassataan waan moʼameef, meetii, warqeefi uffata gati jabeessa Yerikoodhaa boojiʼan keessaa hatuuf fedhii qabu toʼachuu hin dandeenye. Gochisaa kun lubbuusaa isa dhabsiiseera. (Iya. 7:1, 20-26) Yesus, jaarraawwan hedduu booda, “Ilaalladhaa, sassata hundumaattiis of eeggadhaa!” jechuudhaan akeekkachiisuunsaa nama hin dinqisiisu.—Luq. 12:15.

Bakka Hojiitti Amanamaa Taʼi

Mee amma, haalawwan murtoo karaa hundumaan amanamoo taʼuuf goone akka hin eegne nu qoran tokko tokko haa ilaallu. Hanni namoota kaan biratti kan barame taʼullee, bakka hojiitti amanamoo taʼuun, “warra waa miliqsan” taʼuu dhiisuu kan dabalatudha. (Tit. 2:9, 10) Juraandir inni waajjira mootummaa keessatti hojjetu, gatii geejjibaaf baase amanamummaadhaan gabaasa ture. Warri isaa wajjin hojjetan garuu, hamma baasan caalaa gaafatu turan. Itti gaafatamaan kutaa sanaas waan isaan deggeruuf kana gochuu dandaʼaniiru. Itti gaafatamaan kun, Juraandir amanamaa taʼuusaatiin kan isa komate taʼuusaarrayyuu, sana booda hojiidhaaf akka deemu isa erguu dhiise. Yeroo booda garuu, herregni waajjirichaa kan qorame siʼa taʼu, Juraandiris amanamummaasaatiif galateeffameera. Hojiisaarrattis guddina argateera.

Gurgurtuu meeshaa kan taʼe Andireen, namni isa qacare maamiltootasaanii dachaa lama akka kaffalchiisu isatti hime. Obboleessi keenya kun, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hordofuuf ija jabina akka isaa kennu Yihowaa kadhate. (Far. 145:18-20) Achiis, carraaqqiin inni godhe buʼaa argamsiisuu baatus, nama isa qacare kanatti qajeelfamasaa maaliif akka hin hordofne itti himuuf yaaleera. Kanaafuu, Andireen hojii mindaa gaarii isaaf argamsiisu kana gadhiisuuf murteesse. Haataʼu malee, waggaa tokko booda namichumti sun Andiree waamee, kana booda maamiltootasaanii gatii dabalataa kaffalchiisuun akka hin jirre isaaf mirkaneessuudhaan hojiisaatti akka deebiʼu isa gaafate. Andireen guddina argatee hogganaa akka taʼu godhame.

Liqii Sirra Jiru Kaffali

Phaawulos ergamaan, ‘Isin keessaa tokkollee liqii ofirraa hin qabaatin’ jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (Rom. 13:8, hiika bara 1899) Namni liqii nurraa qabu qarshii baayʼee waan qabuuf qarshiin isa hin barbaachisu jennee yaaduudhaan, liqii nurra jiru deebisuu dhiisuu keenyaaf sababii dhiheessina taʼa. Macaafni Qulqulluun garuu, ‘Cubbamaan ni liqeeffata hin deebisus’ jechuudhaan akeekkachiisa.—Far. 37:21, hiika bara 1899.

Haataʼu malee, ‘yeroofi walitti dhufuun’ liqii nurra jiru kaffaluu akka hin dandeenye yoo nu godhehoo? (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Firaansiiskoon liqii manaa isarra jiru kaffaluuf, Alfireedoorraa maallaqa doolaara kuma torba taʼu liqeeffate. Taʼus, rakkina hojiirratti isa mudateen kan kaʼe, liqii kana guyyaa jedhametti kaffaluu hin dandeenye. Firaansiiskoon dhimma kanarratti Alfireedoo wajjin mariʼachuuf dursa kan fudhate yommuu taʼu, Alfireedoonis jaluma jalaan akka isaaf kaffalamu walii gale.

Nama Hin Gowwoomsin

Fakkeenya gadhee Anaaniyaasiifi Safiiraa warra gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turanii yaadadhu. Qarshii lafa itti gurguranirraa gara ergamootaatti kan fidan hamma tokko taʼuyyuu, guutummaasaa akka fidan dubbatan. Arjummaa sobaatiin warra kaan ajaaʼibsiisuu barbaadanii turan. Haataʼu malee, Phexros ergamaan hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee gowwoomsaa isaan raawwatan kan saaxile siʼa taʼu, Yihowaan yeruma sana isaan ajjeeseera.—HoE. 5:1-11.

Haala Anaaniyaasiifi Safiiraarraa adda taʼeen, barreessitoonni Macaafa Qulqulluu amanamoo turan. Museen, aariisaa toʼachuu dadhabuunsaa Biyyattii Abdachiifamtetti akka hin galle isa gochuusaa amanamummaadhaan barreesseera. (Lak. 20:7-13) Haaluma wal fakkaatuun, Yoonaas dadhabina Nanawwee keessatti lallabuusaa duraafi booda argisiise utuu hin dhoksin barreesseera.—Yon. 1:1-3; 4:1-3.

Akkuma intala waggaa 14 kan taate Naataaliyaan mana barumsaatti ishee mudate, dhugaa dubbachuun rakkina nurraan geessisuu waan dandaʼuuf kana gochuun ija jabina akka gaafatu beekamaadha. Waraqaa qormaataashee irra deebitee yeroo ilaaltu, barsiisaanshee deebii dogoggoraa isheen laatte sirrii akka taʼe godhee mallattoo irratti gochuusaa argite. Naataaliyaan kana gochuunshee sadarkaashee akka jalaa hirʼisu kan beektu taʼus, barsiisaasheetti himuurraa duubatti hin jenne. “Warrikoo, Yihowaa gammachiisuu yoon barbaade amanamtuu taʼu akkan qabu yeroo hunda na barsiisu turan. Utuun barsiisaa kootti himuu baadhee sammuunkoo na jeeqa ture” jetteetti. Barsiisichis amanamummaa Naataaliyaa dinqisiifateera.

Amanamummaan Amala Yihowaadhaaf Ulfina Fidudha

Intala waggaa 17 kan taate Jizeel, boorsaa dookmantiifi maallaqa doolaara 35 taʼu qabate argatte. Karaa bulchiinsa mana barumsaa boorsichi abbaasaatiif akka deebifamu goote. Jiʼa tokko booda, itti aanaan hogganaa mana barumsichaa amanamummaasheetiif ishee jajachuudhaan, akkasumas maatiinshee sirriitti waan ishee leenjisaniifi barumsa amantiitiin waan ishee guddisaniif isaan galateeffachuudhaan barattoota kutaashee hundaaf xalayaa dubbise. ‘Hojiinshee inni gaariin’ Yihowaadhaaf ulfina fideera.—Mat. 5:14-16.

Namoota ‘ofittoo, sassatoota, of jajoo, afuufamoofi wanta qulqullaaʼaadhaan morman [“amanamoo hin taane” NW]’ gidduu jiraachaa, amanamoo taʼuun carraaqqii gaafata. (2 Xim. 3:2) Taʼuyyuu, Yihowaadhaaf sodaa sirrii taʼe qabaachuun, yaada garaa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifame qabaachuufi waan qabnutti gammannee jiraachuun keenya, biyya lafaa amanamummaa hin qabne kana keessatti amanamoo taanee jiraachuuf nu gargaara. Kana malees, Yihowaa isa ‘qajeelaa taʼeefi hojii qajeelaa jaallatuu’ wajjin michooma cimaa uumuu ni dandeenya.—Far. 11:7.

[Miiljalee]

^ key. 5 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Fakkii fuula 7]

Yihowaadhaaf sodaa sirrii taʼe qabaachuun keenya, murtoo amanamoo taanee jiraachuuf goone nuu jabeessa

[Fakkii fuula 8]

Amanamummaan keenya Yihowaadhaaf ulfina fida