Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi

Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi

Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi

“Namni hubataan . . . lafa dhaqu in ilaallata.”—FAK. 14:15.

1, 2. (a) Murtoo goonuu wajjin haala wal qabateen wanti hunda caalaa nu yaaddessuu qabu maalidha? (b) Gaaffiiwwan kam qorra?

GUYYAA guyyaadhaan murtoo baayʼee ni goona. Murtoowwan hedduun dhiibbaan isaan geessisan yeroo gabaabaadhaaf qofa kan turudha. Murtoowwan tokko tokko garuu jireenya keenyarratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼu. Murtoowwan goonu guddaas taʼan xinnoo, wanti hunda caalaa nu yaaddessuu qabu Waaqayyoof ulfina kan fidan taʼuusaaniiti.—1 Qorontos 10:31 dubbisi.

2 Siif murtoo gochuun salphaadhamoo ulfaataadha? Kiristiyaana gaʼeessa taʼuu yoo barbaanne, hamaafi gaarii gargar baasnee hubachuudhaan wanta namni kaan sirriidha jedhee itti amanurratti utuu hin taʼin, wanta ofii keenyaa sirrii taʼuusaa amannerratti hundoofnee murtoo gochuu barachuu qabna. (Rom. 12:1, 2; Ibr. 5:14) Sababiiwwan murtoo gaarii gochuu barachuun barbaachisaa taʼuusaa nu amansiisan kan biraan kamfaʼi? Yeroo tokko tokko murtoo gochuun rakkisaa kan taʼu maaliifi? Tarkaanfiiwwan murtoo Waaqayyoof ulfina fidu gochuuf nu gargaaran kamfaʼi?

Murtoo Kan Goonu Maaliifi?

3. Murtoo goonurratti wanti akkamii dhiibbaa akka godhu heyyamuu hin qabnu?

3 Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin haala wal qabateen walaallammii yoo taane, namoonni wajjin barannu ykn wajjin hojjennu wanta barannerratti amantaa qabaachuu keenya kan shakkan taʼuusaarrayyuu, salphaadhumatti dhiibbaa nurraan gaʼuu dandaʼu. Namoonni kun kan soban ykn kan gowwoomsan ykn kan hatan yommuu taʼu, wanta godhanirratti hirmaachuudhaan ykn wanta godhan isaaniif dhoksuudhaan ‘tuuta duukaa akka buunu’ nu sossobuuf yaalu. (Bau. 23:2) Haataʼu malee, namni murtoo Waaqayyoof ulfina fidu gochuu beeku tokko, sodaan ykn fedhiin inni warra kaan biratti fudhatama argachuuf qabu yaada garaasaa isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjiʼee wajjin haala wal hin simneen akka jiraatu akka isa godhu hin heyyamu.—Rom. 13:5.

4. Namoonni kaan murtoo nuu gochuu kan barbaadan maaliif taʼuu dandaʼa?

4 Namoonni murtoo gochuu qabnu nutti himuu barbaadan hundi, nu miidhuu barbaadu jechuu miti. Michoonni nuu yaadan gorsasaanii akka fudhannu nu sossobuu dandaʼu. Bakka dhalootaa keenyarraa fagaannee kan jiraannu yoo taʼe, waaʼeen nageenya keenyaa firoota keenya baayʼee yaaddessuu dandaʼa taʼa; kanaan kan kaʼes murtoowwan gurguddaa nu mudatan keessa galuusaanii itti fufuu akka qaban isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dhimmawwan yaalii fayyaa wajjin wal qabatan akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Macaafni Qulqulluun karaa sirrii hin taaneen dhiigatti fayyadamuu ni dhorka. (HoE. 15:28, 29) Haataʼu malee, haala fayyaa wajjin wal qabateen dhimmawwan ifatti hin caqasamne kan biraan kan jiran yommuu taʼu, yeroo kanatti yaalii fudhannuufi dhiisnu ilaalchisee tokkoon tokkoon keenya murtoo dhuunfaa gochuun nu barbaachisa. * Firoonni keenya nu jaallatan dhimma kanarratti ejjennoo cimaa qabaachuu dandaʼu taʼa. Kiristiyaanni Yihowaadhaaf of murteesse tokko garuu dhimmawwan kanarratti murtoo ennaa godhu, ‘baʼaa ofiisaa’ baachuu, jechuunis itti gaafatamummaasaa fudhachuu qaba. (Gal. 6:4, 5) Wanti hunda caalaa nu yaaddessuu qabu nama duratti utuu hin taʼin, Waaqayyo duratti yaada garaa hin boorofne qabaachuudha.—1 Xim. 1:5.

5. Amantiin keenya akka caccabaa markabaa akka hin taane of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

5 Murtoo gochuu ilaalchisee yaada walaallammii qabaachuun balaa nurraan gaʼuu dandaʼa. Yaaqoob bartichi, namni garaansaa walaallammii taʼe ‘iddoo tokko dhaabachuu mannaa waan hundumaa qabee akka gadhiisu’ barreesseera. (Yaq. 1:8) Namni akkasii akkuma nama batoo malee galaana bubbee cimaadhaan raafamurra bidiruu oofuu, yaada namootaa jijijjiiramuun walaallammii taʼuu dandaʼa. Namni akkasii amantiinsaa akka caccabaa markabaatti kan jalaa huraaʼu yommuu taʼu, balaa isarra gaʼuuf salphaatti warra kaan komata. (1 Xim. 1:19) Balaan akkasii akka nurra hin geenye of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Kanarraa of eeguuf ‘amantiitti dhaabamuu’ qabna. (Qolosaayis 2:6, 7 dubbisi.) Amantiitti dhaabamuuf, Macaafa Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamerratti amantaa akka qabnu karaa argisiisuun murtoo gochuu barachuu qabna. (2 Xim. 3:14-17) Haataʼu malee, wanti murtoo gaarii akka hin goone gufuu nutti taʼu maalidha?

Murtoo Gochuun Rakkisaa Taʼuu Kan Dandaʼu Maaliifi?

6. Sodaan dhiibbaa akkamii nurraan gaʼuu dandaʼa?

6 Murtoo dogoggora taʼen godha jedhanii sodaachuun, galman yaaderra hin gaʼu ykn namoonni kaan gowwaa akkan taʼetti na ilaalu jedhanii yaaduun humna nama buusuu dandaʼa. Sodaa akkasii qabaachuun waanuma jirudha. Eenyuyyuu taanaan murtoo gadhee rakkinaafi salphina isatti fidu gochuu hin barbaadu. Haataʼu malee, jaalalli Waaqayyoofi Dubbiisaatiif qabnu sodaa nutti dhagaʼamu hirʼisuuf nu gargaaruu dandaʼa. Karaawwan kamiin? Jaalalli Waaqayyoof qabnu, murtoo guddaa taʼe gochuu keenya dura yeroo hunda Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan akka dubbisnu nu kakaasa. Kana gochuudhaan dogoggora raawwannu hirʼisuu dandeenya. Maaliif? Macaafni Qulqulluun “wallaalonni mala, ijoollonnis beekumsaa fi dubbii gargar baasuu akka qabaatan” gochuu waan dandaʼuufidha.—Fak. 1:4.

7. Fakkeenya Daawit Mootichaarraa maal baranna?

7 Yeroo hundumaa murtoo sirrii taʼe goonaa? Lakki. Hundi keenya ni dogoggorra. (Rom. 3:23) Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi nama ogeessaafi amanamaa taʼe ture. Haataʼu malee, yeroon inni murtoo dogoggoraa gochuudhaan ofiisaarrattis taʼe namoota kaanirratti rakkina itti fide jira. (2 Sam. 12:9-12) Taʼus Daawit, dogoggorrisaa kun dandeettii murtoo Waaqayyo duratti fudhatama argamsiisu gochuuf qabu akka isa jalaa balleessu hin heyyamne. (1 Mot. 15:4, 5) Akkuma Daawit Yihowaan balleessaa keenya akka bira darbuufi dhiifama akka nuu godhu yoo yaadanne, kanaan dura dogoggora kan hojjenne taʼuyyuu mamii tokko malee murtoo gochuu dandeenya. Yihowaan namoota isa jaallataniifi isaaf ajajaman gargaaruusaa itti fufa.—Far. 51:1-4, 7-10.

8. Yaada Phaawulos ergamaan gaaʼela ilaalchisee barreesserraa maal baranna?

8 Dhiphina murtoo gochuu wajjin haala wal qabateen nutti dhagaʼamu hirʼisuu dandeenya. Akkamitti? Yeroo tokko tokko murtoo gochuuf karaawwan sirrii taʼan hedduun akka jiran hubachuudhaani. Phaawulos ergamaan gaaʼela ilaalchisee ibsa akkamii akka kenne ilaali. Geggeessaa hafuuraatiin kakaʼee, “Warri hin fuudhinii fi warri abboonni manaa isaanii irraa duʼan, akka koo fuudhaa fi heeruma malee yoo hafan isaaniif baʼeessa, nan jedha. Of qabuu hin dandaʼan yoo taʼe garuu haa fuudhan, haa heerumanis; kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 7:8, 9) Phaawulos qeentee taʼuun filatamaa akka taʼe kan dubbate taʼus, filannaan sirrii taʼe kana qofaadha hin jenne.

9. Ilaalchi namoonni murtoo goonuuf qaban nu yaaddessuu qabaa? Ibsi.

9 Ilaalchi namoonni kaan murtoo nuyi goonuuf qaban nu yaaddessuu qabaa? Eeyyee, hamma tokko nu yaaddessuu qaba. Yaada Phaawulos qalma waaqayyolii tolfamaniif dhihaatu nyaachuu ilaalchisee kenne hubadhu. Phaawulos, murtoon tokko tarii mataasaatti dogoggora taʼuu baatus, nama yaada garaa dadhabaa taʼe qabu miidhuu akka dandaʼu hubateera. Ejjennoon Phaawulos maal ture? “Nyaata akkasiitti dhiʼaachuun sababii obboleessa koo kuffisu yoo taʼe, ani obboleessa koo akkan hin kuffifnetti matumaa deebiʼee foon hin nyaadhu” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 8:4-13) Nuyis murtoon goonu yaada garaa namoota kaaniirratti dhiibbaa akkamii akka geessisu yaaduun keenya barbaachisaadha. Wanti caalaatti nu yaaddessuu qabu garuu, murtoon goonu michooma Yihowaa wajjin qabnu tuquusaa akka taʼe beekamaadha. (Roomaa 14:1-4 dubbisi.) Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu murtoo Waaqayyoof ulfina fidu gochuuf nu gargaaran kamfaʼi?

Tarkaanfiiwwan Murtoo Gaarii Gochuuf Gargaaran Jaʼa

10, 11. (a) Maatii keessatti of gurguddisuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Jaarsoliin murtoo gumiirratti dhiibbaa geessisu yommuu godhan maal yaadachuu qabu?

10 Of gurguddisuurraa fagaadhu. Wanta tokko raawwachuu keenya dura, ‘Murtoo kana gochuuf aboo nan qabaa?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha. Solomoon Mootichi, “Yommuu of gurguddisuun dhufu, salphinni in dhufa; yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jechuudhaan barreesseera.—Fak. 11:2.

11 Tarii warri ijoolleensaanii murtoo tokko tokko akka godhan carraa isaaniif kennanis, ijoolleen murtoo kana gochuuf aboo akka qaban isaanitti dhagaʼamuu hin qabu. (Qol. 3:20) Haadha manaafi haadha ijoollee kan taʼanis, maatii keessatti hamma tokko aboo kan qaban taʼus, aboo abbootiin manaasaanii mataa taʼuudhaan qaban beekuu qabu. (Fak. 1:8; 31:10-18; Efe. 5:23) Akkasumas, abbootiin manaa aboon isaan qaban daangaa kan qabu taʼuusaafi Kiristosiif bitamuu akka qaban hubachuu qabu. (1 Qor. 11:3) Jaarsoliin murtoo gumiirratti dhiibbaa geessisu ni godhu. Haataʼu malee, ‘Wanta caaffanni qulqullaaʼaan jedhu gararraa akka hin darbine’ of eeggachuu qabu. (1 Qor. 4:6) Qajeelfama hojjetaa amanamaarraa isaanii kennamus sirriitti hordofuu qabu. (Mat. 24:45-47) Murtoo gochuuf mirga yeroo argannutti gad of deebisnee murtoo gochuudhaan, dhiphinaafi gadda nurrattis taʼe warra kaanirratti dhufu hambisuu dandeenya.

12. (a) Qorannaa gochuu kan qabnu maaliifi? (b) Namni tokko qorannaa akkasii gochuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsi.

12 Qorannaa godhi. Solomoon, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba, wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 21:5) Fakkeenyaaf, hojii daldalaa jalqabuuf yaadaa jirtaa? Taanaan miiraan geggeeffamtee itti hin seenin. Ragaawwan qabatamaa dhimma kana ilaallatan walitti qabadhu; namoota hojii kanarratti muuxannoo qaban gorsa gaafadhu; akkasumas seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu dhimma kanaaf si gargaaran kam akka taʼan addaan baafadhu. (Fak. 20:18) Qorannaa goote qindeessuuf faayidaa murtoon sun qabuufi itti gaafatamummaa inni fidu bakka lamatti addaan baasii barreeffadhu. Murtoo gochuukee dura wanta inni si gaafatu ‘shallagi.’ (Luq. 14:28) Murtoon ati gootu karaa maallaqaas taʼe karaa hafuuraa dhiibbaa akkamii akka qabu yaadi. Qorannaa gochuun yeroo kan fudhatu, akkasumas carraaqqii gochuu kan gaafatu taʼus, ariifattee murteessuudhaan dhiphina keessa galuurraa si baraara.

13. (a) Wanti Yaaqoob 1:5⁠rratti nuu mirkaneeffame maalidha? (b) Ogummaa argachuuf kadhachuun kan nu gargaaru akkamitti?

13 Ogummaa argachuuf kadhadhu. Murtoon keenya Waaqayyoof ulfina fiduu kan dandaʼu, murtoo goonurratti akka nu gargaaru yoo Yihowaa kadhanne qofadha. Yaaqoob bartichi, “Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hirʼate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 1:5) Ogummaan Waaqayyoo murtoo gochuuf akka nu barbaachisu amannee fudhachuun wanta nama qaanessu miti. (Fak. 3:5, 6) Hunda caalaammoo, hubannaa keenya qofatti kan amanamnu taanaan salphaadhumatti dogoggoruu dandeenya. Ogummaa argachuuf yommuu kadhannuufi seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu keessa jiran yommuu qorru, hafuurri qulqulluun kakaʼumsa dhugaa wanta taʼe tokko gochuuf itti kakaane hubachuuf akka nu gargaaru heyyamna.—Ibr. 4:12; Yaaqoob 1:22-25 dubbisi.

14. Murtoo gochuuf harʼa bor jechuu kan hin qabne maaliifi?

14 Murtoo godhi. Qorannaa gochuufi ogummaa argachuuf kadhachuukee dura murtoo hin godhin. Namni hubataan tokko yeroo fudhatee “lafa dhaqu in ilaallata.” (Fak. 14:15) Kana malees, harʼa bor hin jedhin. Namni harʼa bor jedhu, wanta sana raawwachuu dhiisuusaatiif sababii hin fakkaanne dhiheessa taʼa. (Fak. 22:13) Haataʼu malee murtoo gochuunsaa hin oolu; murtoon godhu sun garuu warri kaan jireenyasaa akka toʼatan kan godhudha.

15, 16. Murtoo tokko hojiirra oolchuun maal dabalata?

15 Murtoo goote hojiirra oolchi. Murtoo goone sirriitti hordofnee hojiirra hin oolchinu taanaan, carraaqqiin nuyi murtoo gaarii gochuuf goone buʼaa utuu hin argamsiisin hafa. Solomoon, “Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu!” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 9:10) Milkaaʼina argachuu yoo barbaanne, murtoo goone sana hojiirra oolchuuf wanta murtoon sun nu gaafatu gochuu qabna. Fakkeenyaaf, babalʼisaan gumii tokko qajeelchaa taʼuuf murteessa taʼa. Milkaaʼina ni argataa laata? Obboleessi kun hojii dhuunfaasaarrattis taʼe bohaartiirratti humnasaafi yeroosaa hin fixu taanaan milkaaʼina argachuunsaa hin oolu.

16 Yeroo baayʼee murtoo gaarii taʼe hojiirra oolchuun salphaa miti. Maaliif? “Guutummaan biyya lafaa . . . harka isa hamaa jala” waan jiruufidha. (1 Yoh. 5:19) “Warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin” walʼaansoo wal qabuu qabna. (Efe. 6:12) Phaawulosiifi Yihudaan, namoonni Waaqayyoof ulfina fiduuf murteessan wanti isaan wajjin wal lolan akka jiru ibsaniiru.—1 Xim. 6:12; Yih. 3.

17. Murtoo goonee wajjin haala wal qabateen Yihowaan maal nurraa eega?

17 Murtoo goote irra deebiʼii ilaaliitii, barbaachisaa taanaan sirreeffama irratti godhi. Murtoon godhame hundi akkuma yaadametti milkaaʼina argata jechuu miti. ‘Yerooniifi walitti dhufuun’ hunda keenyarra gaʼuu dandaʼa. (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Taʼuyyuu, Yihowaan qorumsi nurra gaʼullee murtoowwan goone tokko tokko jabaannee akka raawwannu nurraa eega. Namni tokko murtoo yeroo Yihowaadhaaf of murteessetti godheefi waadaa gaaʼelaasaa eegee jiraachuu qaba. Waaqayyo murtoo goone akkasii eegnee akka jiraannu nurraa eega. (Faarfannaa 15:1, 2, 4 dubbisi.) Haataʼu malee murtoowwan baayʼeen hamma kanaatti bakka guddaa kan qaban miti. Namni hubataan, murtoowwan godhe yeroo yeroodhaan irra deebiʼee ilaala. Namni akkasii of gurguddisuun ykn of bokoksuun jijjiirama barbaachisu akka hin goone ykn murtoo godhee ture dhiisuuf akka isa dhowwu hin heyyamu. (Fak. 16:18) Wanti hunda caalaa isa yaaddessu akkaataan jireenyaasaa Waaqayyoof ulfina kan fidu taʼee itti fufuusaati.

Warri Kaan Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Akka Godhan Leenjisi

18. Warri ijoolleensaanii murtoo gaarii akka godhan isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

18 Warri, ijoolleensaanii murtoo Waaqayyoof ulfina fidu gochuu akka baratan isaan gargaaruuf wanti gochuu dandaʼan hedduun jira. Karaan barsiisuu itti dandaʼan inni guddaan fakkeenya gaarii taʼuudha. (Luq. 6:40) Barbaachisaa taanaan, warri yeroo murtoo gochuun isaan barbaachisee turetti murtoo akkamii akka godhan ijoolleesaaniitiif ibsuu dandaʼu. Akkasumas ijoolleensaanii murtoo tokko tokko akka godhan isaaniif heyyamuufi murtoon sun gaarii yoo taʼe isaan galateeffachuu barbaadu taʼa. Mucaansaanii murtoo sirrii hin taane yoo godhehoo? Jalqabarratti, warri miidhaa murtoon kun fidurraa mucaasaanii eeguu barbaadu taʼa. Haataʼu malee akkas gochuun yeroo hunda mucaasaanii fayyaduu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf warri, mucaansaanii heyyama konkolaataa ittiin oofu akka baafatu isaaf heyyamuu dandaʼu. Mucaan kun seera tiraafiikii waan cabseef ni adabame haa jennu. Warri qarshii mucaansaanii adabame kaffaluu dandaʼu. Haataʼu malee, mucichi wanta adabame sana ofumasaatiin kaffaluuf akka hojjetu yoo godhame, wanta raawwatu tokkoof itti gaafatamummaa fudhachuu dandaʼa.—Rom. 13:4.

19. Namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu maal barsiisuu qabna? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Yesus duuka buutonnisaa namoota kaan akka barsiisan isaanitti himeera. (Mat. 28:20) Wantoota barbaachisaa namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu barsiisuu dandeenyu keessaa tokko, akkaataa itti murtoo gaarii gochuu dandaʼan isaan barsiisuudha. Karaa buʼa qabeessa taʼeen kana gochuuf, tarkaanfii fudhachuu qaban isaanitti himuurraa of eeggachuu qabna. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu keessatti argamanirratti yaaduudhaan ofumasaaniitiin akka murteessan isaan barsiisuun caalaatti faayidaa qaba. Kana malees, “Nu keessaa hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf jira.” (Rom. 14:12) Kanaafuu, hundi keenya murtoo gaarii Waaqayyoof ulfina fidu gochuuf sababii amansiisaa qabna.

[Miiljalee]

^ key. 4 Dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuuf, mataduree “Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhiigakootiin Fayyadamuudhaan Naa Godhamuuf Murtoo Akkamii Gochuun Qaba?” jedhu miiltoo Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2006, fuula 3-6⁠rra jiru ilaali.

Maal Jettee Deebista?

• Murtoo gochuu barachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

• Sodaan dhiibbaa nurraan gaʼuu kan dandaʼu akkamitti? Sodaa akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

• Tarkaanfiiwwan murtoo Waaqayyoon gammachiisu gochuuf nu gargaaran jaʼa kamfaʼi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/​Fakkii fuula 16]

Tarkaanfiiwwan Murtoo Gaarii Gochuuf Gargaaran

1 Of Gurguddisuurraa Fagaadhu

2 Qorannaa Godhi

3 Ogummaa Argachuuf Kadhadhu

4 Murtoo Godhi

5 Murtoo Goote Hojiirra Oolchi

6 Murtoo Goote Irra Deebiʼii Ilaaliitii Sirreeffama Godhi

[Fakkii fuula 15]

Namni walaallammii taʼe akkuma nama batoo malee galaana bubbee cimaadhaan raafamurra bidiruu oofuuti