Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wantoota Gaggaarii Hedduu Argadheera

Wantoota Gaggaarii Hedduu Argadheera

Wantoota Gaggaarii Hedduu Argadheera

Aartar Boonoodhaan Akka Dubbatametti

YEROONSAA bara 1951 ture. Walgaʼii koonyaa aniifi haati manaakoo Iidiz irratti argamne tokkorratti, obboloota tajaajila misiyoonummaarratti hirmaachuu barbaadanii wajjin walgaʼiin kan godhamu taʼuusaa beeksisni himamee ture.

“Dhaqnee haa dhaggeeffannu!” jedheen isheetti dubbadhe.

Iidizimmoo, “Aarti, kun nu hin ilaallatu!” naan jette.

“Iidii, dhaqnee dhaggeeffachuu qofaam” jedheen itti dubbadhe.

Walgaʼicha booda, foormiin Mana Barumsaa Giilʼaad ni kenname.

“Haa guunnu,” jedheen ishee jajjabeesse.

“Garuu Aarti, maatiiwwan keenyahoo akkam goona?” naan jette.

Walgaʼii koonyaa kana goonee gara waggaa tokkoofi walakkaa booda, Mana Barumsaa Giilʼaad gallee achiis Ikuwaador, Ameerikaa Kibbaatti akka tajaajillu ramadamne.

Maree aniifi haati manaakoo walgaʼii koonyaa sanarratti goonerraa akka hubattanitti, ani nama wanta murteessine kamiyyuu raawwachuu ni dandeenya jedhun ture. Iidiz garuu, garraamiifi kan gad of deebistu turte. Kan guddatte magaalaa xinnoo Elizaabet jedhamtuufi Pensilvaaniyaa keessatti argamtutti yommuu taʼu, naannoodhaa fagaattee deemtee ykn namoota biyya alaatii dhufan wajjin matumaa wal argitee hin beektu. Maatiishee dhiistee deemuunis wanta isheetti ulfaatu ture. Taʼuyyuu, afeerrii biyya alaatti akka tajaajillu nuuf dhihaate garaa guutuudhaan fudhatteetti. Bara 1954 Ikuwaador kan dhaqne yommuu taʼu, yeroo sanaa kaasee biyya kanatti misiyoonota taanee tajaajilaa jirra. Waggoota asitti dabarsine kanatti, wantoota gaggaarii hedduu arganneerra. Wantoota kana keessaa tokko tokko dhagaʼuu barbaadduu?

Haalawwan Hin Irraanfatamne

Jalqaba kan ramadamne magaalaa guddoo biyyattii kan taate Kuyitootti yommuu taʼu, magaalattiin Gaarawwan Aandiisirratti argamti. Magaalaa qarqara galaanaa kan taate Guwaayaakilirraa kaanee achi gaʼuuf, baaburaafi konkolaataa feʼumsaatiin guyyaa lama nutti fudhate; adeemsi kun yeroo ammaatti xiyyaaraan daqiiqaa 30 qofa fudhata! Kuyitoo keessatti waggoota hin irraanfatamne afuriif tajaajilleerra. Achiis, bara 1958 wanta gaarii kan biraa kan arganne yommuu taʼu, kunis afeerrii hojii aanaarratti akka tajaajillu nuuf dhihaatedha.

Yeroo sanatti, guutummaa biyyattii keessa aanaawwan xixinnoo lama qofatu ture. Kanaafuu, gumiiwwan daawwachuu dabalatee, waggaa sana magaalaawwan xixinnoo biyyichaa Dhugaa Baatonni keessa hin jirretti tajaajiluudhaan torban hedduu dabarsineerra. Bakki ciisichaa hawaasa sana keessa jiru, kutaa xinnoo foddaa hin qabneefi sireedhaan ala homtuu keessa hin jirre ture. Buttaa gaazii, eelee sibiilaa, saanii, gabatee dhiqannaa, ansoolaa, agoobara, uffata, gaazexaa moofaafi miʼa kan biraa saanduqa mukaa tokkotti qabannee deemne. Gaazexichaan uraa keenyan manichaa cuqqaaluudhaan, hantuunni manatti ol galuuf hamma tokko akka rakkatu goona turre.

Kutaawwan sun dukkanaaʼaafi xuraaʼaa taʼaniyyuu, haasaa galgala galgala sireerra teenyee nyaata salphaa buttaa gaazii keenyaan bilcheessine nyaachaa waliin haasaʼaa turre hin irraanfannu. Jarjaraa taʼuu kootiin kan kaʼe yeroo baayʼee utuun hin yaadin waanan dubbadhuuf, al tokko tokko haati manaakoo yeroo tasgabbaaʼaa sanatti fayyadamtee, obboloota daawwannutti karaa caalaatti gaarii taʼeen akkan dubbadhu malaan natti himti turte. Yaadashee waanan fudhadhuuf, daawwannaankoo caalaatti kan nama jajjabeessu taʼeera. Kana malees, yeroon ani dantaa dhabummaadhaan waaʼee warra kaanii waan gadhee dubbadhu, yaada sanarratti hin hirmaattu turte. Kanaan kan kaʼes obboloota kootiif ilaalcha gaarii qabaachuu baradheera. Haataʼu malee, mareen galgala galgala goonu irra caalaatti kan xiyyeeffatu, yaadawwan mataduree Masaraa Eegumsaarraa baranneefi muuxannoo guyyaa sana tajaajilarraa argannerratti ture. Muuxannoowwan baayʼee nama gammachiisan arganna turre!

Haala Kaarlosiin Itti Arganne

Magaalaa Hippihaappaa ishee Ikuwaador lixaa keessatti argamtutti, maqaan nama dhugaadhaaf fedhii qabu tokkoo nutti kenname; maqaansaa Kaarlos Mehiiyaa taʼuusaa malee teessoonsaa nutti hin himamne. Gaafas ganama mana kireeffannee baanee yeroo deemnu, kallattii kamiin deemnee akka isa barbaannu waan hin beekneef, akkasumatti deemuu jalqabne. Akka kaleessaa galgala bokkaa cimaan waan roobeef, boollawwan dhoqqee hedduu daandii kosii qaburra jiran eeggachaa deemuu qabna turre. Haadha manaakoo fuuldura deemaa utuun jiruu, akka tasaa duuba kootii sagalee dhiphinaa, “Aarti!” jedhun dhagaʼe. Yeroon garagalu Iidiz dhoqqee gurraacha hamma jilbashee gaʼe keessa dhaabatteetti. Haallisaa waan nama kolfisiisuuf, utuu imimmaan ijashee guutuu baatee nan kolfan ture.

Dhoqqee sana keessaa ishee baasuu dandaʼeera; kopheenshee garuu achuma keessatti hafe. Gurbaan tokkoofi intalli tokko nu ilaalaa kan turan ennaa taʼu, “Kophee sana dhoqqicha keessaa yoo baastan qarshiin isinii kenna” jedheen. Yeruma sana kophicha kan nuu baasan taʼus, Iidiin garuu bakka itti dhiqattu argachuu qabdi turte. Haati ijoollettii wanta taʼaa jiru ilaalaa turte gara manasheetti nu afeertee, yeroo haati manaakoo miilla dhiqattu kan ishee gargaarte yommuu taʼu, ijoolleenimmoo kophee xuraaʼe sana qulqulleessu turan. Manaa kanaa baʼuu keenya dura wanta nama gammachiisu tokkotu uumame. Dubartittiin nama Kaarlos Mehiiyaa jedhamu beekti yoo taʼe akka nutti himtu ishee gaafanne. Baayʼee dinqisiifamtee, “Abbaa manaa kooti” nuun jette. Yeroo booda qayyabannaan Macaafa Qulqulluu kan jalqabame ennaa taʼu, oolee bulee miseensonni maatii sanaa hundi cuuphamaniiru. Waggoota booda, Kaarlos, haati manaasaafi ijoolleesaanii keessaa lama qajeelchitoota addaa taʼaniiru.

Adeemsa Rakkisaafi Simannaa Nama Gammachiisu

Hojii aanaatiif asiif achi deemuun baayʼee rakkisaa ture. Atoobisii, baabura, konkolaataa feʼumsaa, bidiruu xinnoo mukarraa hojjetameefi xiyyaara xixinnootti fayyadamna turre. Yeroo tokko, daawwataa olaanaa koonyaa taʼee tajaajilaa kan ture Joon Maakliinacheeniifi haati manaasaa Dorasiin, mandaroota qurxummiin itti qabamuufi daangaa Kolombiyaatti argamanitti tajaajiluuf yommuu dhaqnu nuu wajjin deemanii turan. Bakka kana kan deemne bidiruu mootaraan sochoʼuun ture. Qurxummiiwwan gurguddaan shaarki jedhamaniifi hammuma bidirichaa gaʼan nu maddiidhaan daakaa turan! Abbaan doonichaa muuxannoo qabu inni nuu wajjin turellee, guddinni qurxummiiwwan sanaa baayʼee waan isa naasiseef gara qarqara bishaaniitti oofe.

Haataʼu malee, rakkinni hojii aanaarratti nu mudate kan nu gaabbisiisu hin turre. Obboloota gaarii nama simatanii wajjin wal barreerra. Maatiiwwan bira boqonne, isaan guyyaatti al tokko qofa utuu nyaatanii nu garuu al sadii akka nyaannu yeroo baayʼee nu dirqisiisaniiru. Yookiinimmoo, ofiisaanii lafa rafanii siree tokkittii mana keessa jirturra akka rafnu godhu turan. Yeroo baayʼee haati manaakoo, “Obboloonni jaallatamoo taʼan kun, jiraachuuf kan nu barbaachisu waan xinnoo qofa taʼuusaa akkan hubadhu na gargaaraniiru” jetti.

“Duubatti Deebiʼuu Hin Barbaannu”

Bara 1960⁠tti wanti gaariin kan biraan nu mudateera. Waajjira damee Guwaayaakil jiru keessatti akka tajaajillu afeeramne. Ani hojii bulchiinsaa yeroon hojjedhu, Iidizimmoo gumii waajjira dameetti dhihoo jiru tokkotti tajaajilti. Biiroo keessatti hojjechuuf gaʼaa akkan taʼe natti dhagaʼamee kan hin beekne taʼuusaarrayyuu, hamma tokko dandeettii akkan hin qabne natti dhagaʼama ture. Taʼus, akkuma Ibroonni 13:21 ibsutti, Waaqayyo ‘jaalalasaa akka goonuuf, waan gaarii hundumaan nu qopheessa.’ Waggaa lama booda, jiʼa kudhaniif koorsii Giilʼaad isa Betʼel Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti geggeeffamurratti akkan hirmaadhun afeerame. Yeroo sana, haadhotiin manaa bakkuma jiranitti akka tajaajilan irraa eegama ture. Haadha manaa kootiif Biruukiliinii xalayaan ni dhufeef. Jiʼa kudhaniif abbaa manaasheerraa addaan baatee turuuf of dhiheessuusheerratti sirriitti akka yaaddu gaafatamte.

Iidizis deebiii akkas jedhu barreessite: “Kana gochuun salphaa akka hin taane nan amana; taʼuyyuu, Yihowaan rakkina uumamuu dandaʼu akkamii keessattiyyuu akka nu gargaaru beekna. . . . Mirgawwan nuu kennamaniifi carraawwan itti gaafatamummaa keenya karaa caalaatti gaarii taʼeen raawwachuuf gaʼeessota nu godhan kamirraayyuu duubatti hin jennu.” Yeroon Biruukiliin turetti, haadha manaa koorraa torban torbaniin xalayaan na gaʼa ture.

Obboloota Amanamoo Taʼan Wajjin Tajaajiluu

Sababii fayyaa dhabuutiin, bara 1966⁠tti aniifi Iidiz Kuyitootti kan deebine yommuu taʼu, misiyoonota taanee obboloota achi jiranii wajjin tajaajiluu keenya itti fufne. Obboloonni kun amanamummaasaanii kan eegan turan!

Obboleettiin amanamtuun tokko abbaa manaa Dhugaa Baatuu hin taaneefi yeroo baayʼee ishee reebuu wajjin jiraatti. Gaaf tokko, ganama keessaa saʼaatii 12⁠tti bilbilli bilbilamee ammas akka ishee reebe nutti himame. Anis fiigeen gara mana obboleettii kanaa dhaqe. Yeroon ishee argu, matumaa ijakoo amanuu hin dandeenye. Qaamnishee dhidhiitaʼee, akkasumas dirmammaaʼee sireerra ciistetti. Abbaan manaashee hamma mukichi bakka lamatti cabutti muka harataatiin ishee reebe. Gaafasuma xinnoo turee, manatti isa argadheen wanta kana raawwachuunsaa gootummaa utuu hin taʼin dadhabina akka taʼen isatti hime. Achiis dhiifama guddaa gaafate.

Jalqaba bara 1970mmaniitti, hamma tokko fayyaa waanan argadheef hojii aanaa itti fufne. Magaalaan Ibaaraa aanaa keenya keessatti argamti. Bara 1950mmaniitii magaalaa kana yeroo daawwannu, Dhugaa Baatota lama jechuunis misiyoonii tokkoofi obboleessa jiraataa magaalattii taʼe qofatu ture. Kanaafuu, namoota gumichatti dabalaman kaanii wajjin wal arguuf hawwinee turre.

Walgaʼii jalqaba achitti goonerratti, obboleessi keenya Rodriigoo Vaakaan waltajjiirra dhaabatee kutaa dhaggeeffattoonni hirmaannaa irratti godhan geggeessa ture. Yeroo gaaffii gaafatu hundumaatti, dhaggeeffattoonni harka baasuu mannaa “Yoo, yoo!” (“Ana, ana!”) jedhu turan. Aniifi Iidiz waansaa nu dhibee wal ilaalle. ‘Waansaa maalinni?’ jedheen yaade. Booddee, obboleessi keenya Vaakaan ijisaa kan hin argineefi yeroo miseensonni gumichaa sagalee dhageessisan garuu addaan baasee akka isaan beeku hubanne. Dhugumayyuu inni tiksee hoolotasaa beekudha! Kunimmoo yaada Yesus Yohannis 10:3, 4, 14⁠rratti Tiksee Gaariiniifi hoolonnisaa akka gaariitti akka wal beekan dubbate nu yaadachiise. Yeroo harʼaa, Ibaaraa keessa gumiiwwan afaan Ispaanishiitiin geggeeffaman jaʼa, gumii afaan Keechiwaa tokkoofi gumii afaan mallattoo tokkotu jira. Obboleessi keenya Vaakaan, jaarsa gumiifi qajeelchaa addaa taʼee tajaajiluusaa itti fufeera. *

Gaarummaasaatiif Yihowaa Ni Galateeffanna

Bara 1974⁠ttimmoo Betʼelitti, jechuunis bakkan deebiʼee hojii bulchiinsaarratti achiimmoo Koree Waajjira Damee keessatti ramadamee turetti akka deebinu waan afeeramneef, wanta gaarummaa Yihowaa argisiisu kan biraa arganne. Iidiz, dura kushinaa keessatti kan hojjette ennaa taʼu, boodammoo biiroo keessatti hojjechuu kan jalqabde yommuu taʼu, achittis hojii ergaa erguufi fuudhuu wajjin wal qabate hojjechuu jalqabde; hanga ammaatti bakka kanatti hojjechaa jirti.

Waggoota kana hundatti, misiyoonota Giilʼaaditti leenjifamaniifi dhibbaan lakkaaʼaman, warra gumii itti tajaajilanitti gaʼeessummaafi hinaaffaa dabalan simachuudhaan gammachuu arganneerra. Obboloota kumaan lakkaaʼamaniifi biyya kanatti tajaajiluuf biyyoota 30 ol taʼanii dhufanirraas jajjabina arganneerra. Wanti isaan fedhii ofii aarsaa gochuudhaan raawwatan kan nama dinqisiisudha! Obboloota kana keessaa tokko tokko as dhufanii bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf jecha, manasaaniifi daldalasaanii gurguraniiru. Naannoowwan fagoo dhaqanii lallabuuf konkolaataa bitaniiru, gumiiwwan haaraa hundeessaniiru, akkasumas Galmawwan Mootummaa ijaaruurratti gargaarsa godhaniiru. Obboleettonni qeentee taʼan hedduun asitti qajeelchitoota taʼanii tajaajiluuf, biyya alaatii dhufaniiru. Obboleettonni kunis hojjettoota hinaaffaafi dandeettii qabanidha!

Dhugaadha, waggoottan Waaqayyoon tajaajiletti wantoota gaggaarii hedduu argadheera. Kana hundarra kan caalummoo, walitti dhufeenyan Yihowaa wajjin uumedha. Kana malees, Yihowaan ‘gargaartuu’ waan naa kenneef nan galateeffadha. (Uma. 2:18) Waggoota 69an haadha manaafi abbaa manaa taanee wajjin dabarsine yeroon yaadadhu, Fakkeenya 18:22 isa, “Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata” jedhun yaadadha. Iidizii wajjin taʼuun kan nama gammachiisudha. Karaa baayʼeedhaan na gargaarte. Haadhasheetiifis intala jaallatamtuu turte. Yeroo Ikuwaador geenyee kaasee hanga haatishee bara 1990 umrii waggaa 97⁠tti duutetti, haati manaakoo haadhasheetiif torban torbaniin xalayaa ergiti turte.

Amma umriinkoo waggaa 90, kan Iidizimmoo waggaa 89 taʼeera. Gammachuu namoonni gara 70 taʼan Yihowaa akka beekan gargaaruudhaan arganne akka qabeenya guddaatti ilaalla. Waggoota 60 dura foormii Mana Barumsaa Giilʼaad sana guutuu keenyatti baayʼee gammanna. Murtoon yeroo sana goone, jireenya wantoota gaggaarii hedduudhaan guutame akka jiraannu nu godheera.

[Miiljalee]

^ key. 29 Muuxannoon obboleessa keenya Vaakaa, Dammaqaa! Fulbaana 8, 1985⁠rratti baʼeera. (Ingiliffa)

[Fakkii fuula 29]

Misiyoonota leenjii Giilʼaad waliin fudhannee wajjin Istaadiyomii Yaankii, Niiwu Yoorki jiru keessatti, 1958

[Fakkii fuula 31]

Hojii aanaarra utuu jirruu maatii Dhugaa Baatota tokkoo yeroo daawwannu, 1959

[Fakkii fuula 32]

Waajjira damee Ikuwaador keessatti, 2002