Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbii Waaqayyootti Dhugumaan Ni Gammaddaa?

Dubbii Waaqayyootti Dhugumaan Ni Gammaddaa?

Dubbii Waaqayyootti Dhugumaan Ni Gammaddaa?

LOOREEN, “Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu yommuun jalqabe, na gammachiisuu mannaa hojii natti taʼee ture. Hubachuuf waan nama rakkisuuf, yeroo baayʼee abjuu keessa waanan jiru natti fakkaata ture” jetteetti.

Namoonni kaanis, isaan gammachiisuu baatuyyuu Macaafa Qulqulluu dubbisuu akka jalqaban dubbataniiru. Taʼus, Caaffata Qulqullaaʼoo dubbisuun sirrii akka taʼe waan beekaniif dubbisuusaanii itti fufaniiru. Maarki, “Yeroo Macaafa Qulqulluu dubbisaniifi qayyabannaa dhuunfaa godhanitti, yaanni namaa salphaatti hihhiramuu dandaʼa. Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuuf, yeroo baayʼee kadhannaa gochuun na barbaachiseera” jechuudhaan dubbateera.

Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa guddaa qabaachuuf maal gochuu dandeessa? Macaafa kana dubbisuun akka si gammachiisu gochuu kan dandeessu akkamitti? Mee yaadawwan armaan gadii ilaali.

Galma Qabaachuufi Mala Addaddaatti Fayyadamuu

Dubbisa Macaafa Qulqulluukee, kadhannaafi xiyyeeffannaa guddaadhaan eegali. Macaafa Qulqulluu hawwii guddaadhaan dubbisuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Ogummaasaa guutummaatti hubachuuf sammuufi garaakee akka sii banu jabeessii isa kadhadhu. (Far. 119:34) Haala akkasiitiin hin jalqabamu taanaan, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu kaayyoo kan hin qabne waan taʼuuf, dubbisakee itti fufuuf fedhii dhabuu dandeessa. Liin akkas jetteetti: “Al tokko tokko irra fiigee waanan dubbisuuf, qabxiiwwan dabalataa nama gammachiisan utuun hin hubatinan hafa. Yeroo baayʼee yaadawwan ijoo taʼan guutummaatti hin hubadhu. Haataʼu malee, akkan of qabu kanan kadhadhu siʼa taʼu, kunimmoo yaannikoo akka hin hihhiramne na gargaara.”

Waan baratteef bakka guddaa kenni. Dhugaawwan Macaafa Qulqulluu hubachuufi hojiirra oolchuun jireenya akka sii argamsiisu hin dagatin. Kanaafuu, yaadawwan hojiirra ooluu dandaʼan argachuuf carraaqqii godhi, akkasumas hojiirra oolchi. Kiriis, “Ilaalchaafi kakaʼumsa dogoggoraa na keessa jiru beekuuf yaadawwan na gargaaran nan barbaada. Barreessitootaa wajjin wal argee kanan hin beekne taʼus, Macaafni Qulqulluuniifi barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan hedduun, yaada dhuunfaatti na fayyadu qabachuusaanii arguunkoo na gammachiisa” jedheera.

Galmawwan irra gaʼuu dandeessu baafadhu. Namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman ilaalchisee beekumsa haaraa argachuuf yaali. Kitaaba Insaayit oon za Iskiriipcharsi jedhamuufi Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa yoo qorte, waaʼee hedduusaanii beekumsa gaarii argachuu dandeessa. Namoonni seenaansaanii Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame, namoota dhugaa amalaafi miira qaban akka turan ennaa beektu, namoota lubbuudhaan turan taʼuusaanii hubatta.

Caqasicharratti karaa kan biraatiin yaaduu yaali. (HoE. 17:2, 3) Soofiyaan, kana yaadatti qabattee qayyabatti. “Fedhiinkoo, dhugaa Macaafa Qulqulluu akka gaariitti ibsuu akkan dandaʼuuf tajaajilarrattis taʼe yeroo kaanitti, namootaaf karaa haaraa taʼeen sababii dhiheessuu barachuudha. Akkaataan Masaraan Eegumsaa ragaa itti dhiheessu karaa kanaan fakkeenya gaarii taʼa” jetteetti.—2 Xim. 2:15.

Seenaawwan Macaafa Qulqulluu yaadaan ilaali. Ibroonni 4:12, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha” jedha. Caqasoota yeroo dubbistu wanta namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman argan arguudhaan, ergaan Waaqayyoo dhugaa akka siif taʼu godhi. Wanta isaan dhagaʼaa turan dhagaʼuufi miirri isaanitti dhagaʼamee ture akka sitti dhagaʼamu gochuuf yaali. Muuxannoosaanii, haalawwan jireenyakee keessatti si mudatanii wajjin wal qabsiisi. Haala rakkoowwan isaan mudatan itti hiikanirraa baradhu. Kana gochuunkee, seenaawwan Macaafa Qulqulluu caalaatti akka hubattuufi akka qabattu si gargaara.

Caqasoota ulfaataa taʼaniifi ibsi irratti kenname sirriitti hubachuuf yeroo gaʼaa ramadi. Sagantaa qayyabannaakee hundumaarratti saʼaatii gaʼaa qabaadhu. Gaaffii barbaachisaan qorannaa dabalataa gaafatu si mudachuu dandaʼa. Jechoota haaraa si mudatan hiikasaanii ilaali; akkasumas afaan kan biraatiin Macaafni Qulqulluun miiljaleefi caqasoota dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran qabu yoo jiraate itti fayyadami. Wanta dubbiste caalaatti hubachaafi hojiirra oolchaa yeroo deemtu, Macaafa Qulqulluu dubbisuutti caalaatti gammadda. Sana booda akkuma faarfatichaa, “Abboommonni siif dhugaa baʼan gammachuu garaa kootii waan taʼaniif, isaan bara baraan gaʼaa koo taʼaniiru” jechuu dandeessa.—Far. 119:111.

Irra fiigdee hin dubbisin. Saʼaatiin qayyabannaa gochuuf ramaddu gaʼaa haa taʼu. Saʼaatii qophii walgaʼiiwwan gumiitiif ramadduu wajjin akka wal gitu godhi. Raakel, “Yeroo baayʼee waanan dhiphadhuuf xiyyeeffannaadhaan dubbisuu hin dandaʼu. Kanaafuu, saʼaatii qayyabannaa kootii gabaabsuun faayidaa naaf argamsiiseera. Akkas gochuunkoo, qayyabannaa koorraa faayidaa guddaa akkan argadhu na gargaareera” jetteetti. Kiriis, “Yeroon irra fiigee dubbisu yaada baayʼee waanan hin qabanneef sammuunkoo na ceephaʼa. Yeroo baayʼee barumsichi garaa na hin tuqu” jechuudhaan dhugaasaa dubbateera. Kanaafuu, yeroo dubbistu hin muddamin.

Dubbii Waaqayyootiif dharraa guddaa qabaadhu. Phexros ergamaan, “Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dharraʼaa!” jedheera. (1 Phe. 2:2) Mucooliin, aannan dharraʼuu barachuun isaan hin barbaachisu. Dharraan akkasii uumamumaan dhufa. Haataʼu malee, Caaffanni Qulqullaaʼoon Dubbii Waaqayyootiif dharraa qabaachuu barachuu akka qabnu dubbatu. Guyyaa guyyaadhaan fuula Macaafa Qulqulluu tokko qofa yoo dubbiste, dharraan akkasii utuu baayʼee hin turin dhufa. Wanti jalqabarratti ulfaataa fakkaatu, utuu baayʼee hin turin kan nama gammachiisu taʼa.

Waan dubbisterratti xiinxali. Waan dubbisterratti xiinxaluunis faayidaa guddaa sii argamsiisa. Kana gochuunkee, barumsawwan hafuuraa qorannaa irratti gochuudhaan hubatte wal qabsiisuuf si gargaara. Utuu baayʼee hin turin ogummaa hafuuraa gaggaarii baayʼee argatta; kunimmoo qabeenya nama gammachiisudha.—Far. 19:14; Fak. 3:3.

Yeroo Haala Gaariidhaan Dabarfame

Barsiifata qayyabannaa gaarii qabaachuun carraaqqii gochuu kan gaafatu taʼus, eebbi kanarraa argamu guddaadha. Hubannaan Caaffata Qulqullaaʼoorratti qabdu ni fooyyaʼa. (Ibr. 5:12-14) Hubannaafi ogummaan Caaffata Qulqullaaʼoo geggeessaa hafuuraatiin barreeffamanirraa argattu, gammachuufi nagaa sii argamsiisa. Ogummaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu, namoota isa hubataniifi hojiirra oolchaniif “muka jireenyaa” ti.—Fak. 3:13-18.

Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qorachuunkee, garaa hubataa si keessatti uumuu dandaʼa. (Fak. 15:14) Kunimmoo, gorsa garaadhaa maddeefi guutummaatti Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kennuuf si gargaara. Wanta Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaarraa’ dubbisterratti hundooftee murtoo kan gootu yoo taʼe, Dubbiin Yihowaa inni geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame kan si gammachiisuufi kan si jajjabeessu taʼa. (Mat. 24:45) Caalaatti ilaalcha gaarii kan qabdu, abdiidhaan kan guutamteefi hafuuraan kan geggeeffamtu taata. Hunda caalaammoo, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduun haala wal qabateen wanti hundi sii milkaaʼa.—Far. 1:2, 3.

Jaalalli dhugaan Waaqayyoof qabdu, amantiikee warra kaanitti himuuf si kakaasa. Kunis hunda caalaa kan nama kiisu taʼuu dandaʼa. Soofiyaan, namni lallabduuf xiyyeeffannaadhaan akka ishee dhaggeeffatu gochuuf, akkasumas tajaajillishee buʼa qabeessaafi gammachiisaa akka taʼu gochuuf jecha, caqasoota addaddaa yaadachuufi itti fayyadamuuf carraaqqii gochaa jirti. “Namoonni Macaafa Qulqulluurraa yaanni tokko yommuu isaanitti himamu miira isaanitti dhagaʼamu arguun baayʼee nama jajjabeessa” jetteetti.

Faayidaan Dubbii Waaqayyootti gammaduudhaan argamu inni guddaan garuu, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuudha. Macaafa Qulqulluu qayyabachuun, seerawwan buʼuuraasaa akka beektu, akkasumas jaalala, arjummaafi haqasaa akka hubattuufi akka dinqisiifattu si godha. Wanti kana caalaa barbaachisaa taʼeefi nama kiisuu dandaʼu hin jiru. Kanaafuu, yeroonkee Dubbii Waaqayyoo qayyabachuudhaan akka qabamu godhi. Yeroon kana itti godhan, yeroo haala gaariidhaan dabarfamedha.—Far. 19:7-11.

[Saanduqa/​Fakkiiwwan fuula 5

GALMAWWANIIFI MALAWWAN MACAAFA QULQULLUU DUBBISUUF GARGAARAN

▪ Dubbisa Macaafa Qulqulluukee, kadhannaafi xiyyeeffannaa guddaadhaan eegali.

▪ Waan baratteef bakka guddaa kenni.

▪ Galmawwan irra gaʼuu dandeessu baafadhu.

▪ Caqasicharratti karaa kan biraatiin yaaduu yaali.

▪ Seenaawwan Macaafa Qulqulluu yaadaan ilaali.

▪ Caqasoota ulfaataa taʼaniifi ibsi irratti kenname sirriitti hubachuuf yeroo gaʼaa ramadi.

▪ Irra fiigdee hin dubbisin.

▪ Dubbii Waaqayyootiif dharraa guddaa qabaadhu.

▪ Waan dubbisterratti xiinxali.

[Fakkii fuula 4

Seenaa Macaafa Qulqulluu yommuu dubbistu, haala akkasii keessa akka jirtu godhii yaadi