Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guutummaatti Yihowaatti Amanamuun Tasgabbii Nuuf Argamsiisa

Guutummaatti Yihowaatti Amanamuun Tasgabbii Nuuf Argamsiisa

Guutummaatti Yihowaatti Amanamuun Tasgabbii Nuuf Argamsiisa

“Waaqayyo yeroo ani isa waammadhutti anaaf in dhagaʼa.”—FAR. 4:3.

1, 2. (a) Daawit haala rakkisaa akkamiitu isa mudate? (b) Faarfannaawwan kam qorra?

DAAWIT MOOTICHI yeroo murtaaʼeef Israaʼeliin bulchee kan ture taʼus, amma haalli rakkisaan tokko isa mudateera. Abiishaalom ilmisaa inni hamaan mootii of godhee kan ture yommuu taʼu, kanaan kan kaʼes Daawit Yerusaalemiin gadhiisee deemuuf dirqameera. Gorsituunsaa amanamaa tures kan isa gane siʼa taʼu, namoota isaaf amanamoo taʼan muraasa qofaa wajjin miillatti kophee utuu hin kaaʼatin booʼaa gara Gaara Ejersaatti ol baʼe. Akkasumas, namichi Shimeʼii jedhamuufi sanyii Saaʼol Mootichaa keessaa tokko taʼe dhagaafi biyyoo itti daddarbachaa, Daawitiin abaaraa isa duukaa deema ture.—2 Sam. 15:30, 31; 16:5-14.

2 Gidiraan kun Daawit gaddaafi salphinaan akka duʼu isa godheeraa? Nama Yihowaatti amanamu waan tureef akkas isa hin goone. Kanas Faarfannaa 3⁠ffaa isa Daawit yommuu Abiishaalom jalaa baqate barreesserraa hubachuun ni dandaʼama. Daawit Faarfannaa 4⁠ffaas barreesseera. Faarfannaawwan kun lamaan, Daawit Waaqayyo kadhannaa dhagaʼee deebii akka kennu amanannaa qabaachuusaa kan argisiisanidha. (Far. 3:4; 4:3) Faarfannaawwan kun, Yihowaan yeroo hundumaa tajaajiltootasaa wajjin akka jiru, akkasumas nagaafi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu gochuudhaan akka isaan gargaaru mirkaneessu. (Far. 3:5; 4:8) Kanaafuu, faarfannaawwan kana qoruudhaan nagaafi amanannaa qabnu akkamitti akka nuu cimsan haa ilaallu.

Yommuu Namoonni ‘Baayʼeen Nurratti Kaʼan’

3. Faarfannaa 3:1, 2⁠rratti akkuma ibsame, Daawit haala akkamii keessa ture?

3 Namni ergame tokko, “Garaan namoota Israaʼel Abiishaalom duukaa jira” jedhee ture. (2 Sam. 15:13) Daawit, Abiishaalom namoonni hedduun akka isa deggeran amansiisuu dandaʼuunsaa baayʼee waan isa dinqisiiseef akkas jechuudhaan gaafatee ture: “Yaa Waaqayyo, diinonni koo attam baayʼee dha! Baayʼeen kan ana irratti kaʼan jiru. Baayʼeen waaʼee koo in dubbatu, ‘Inni Waaqayyo biraa gargaarsa hin qabu’ in jedhu.” (Far. 3:1, 2) Israaʼeloonni baayʼeen, Yihowaan Daawitiin dhiphina Abiishaalomiifi namoonnisaa isarra geessisan jalaa akka isa hin oolchine yaadanii turan.

4, 5. (a) Daawit waaʼee maalii mirkanaaʼaa ture? (b) Yaanni, “mataa koos ol ol in qabda” jedhu hiika akkamii qaba?

4 Haataʼu malee, Daawit guutummaatti Waaqayyotti waan amanameef tasgabbii qaba ture. Daawit, “Ati garuu yaa Waaqayyo, naannoo kootti gaachana anaaf in taata; ati ulfina koo ti, mataa koos ol ol in qabda” jechuudhaan faarfateera. (Far. 3:3) Akkuma gaachanni loltuu tokko eegu, Daawit, Yihowaan akka isa eegu mirkanaaʼaa ture. Eeyyee, mootiin dulloome kun, mataasaa haguuggatee, akkasumas salphinaan gad jedhee baqateera. Haataʼu malee, Inni Hundumaa Gararraa Jiru haala Daawitiin mudate gara ulfinaatti ni jijjiira. Yihowaan, Daawit ol jedhee akka dhaabatu, mataasaa akka ol kaasuufi deebiʼee akka ol qabatu gochuu dandaʼa. Daawit, Waaqayyo deebii akka isaaf kennu amanachuudhaan isa waammateera. Isinoo Yihowaarratti amanannaa akkasii akka qabdan ni argisiistuu?

5 Daawit, “Mataa koos ol ol in qabda” jechuudhaan gargaarsa kan argate Yihowaarraa akka taʼe ibseera. Tuudayis Ingilish Varshin, caqasa kana “Ati garuu, YAA GOOFTAA yeroo hundumaa gaachana balaarraa na eegudha; injifannoo naa kennita, deebiʼee ija jabina akkan argadhus na goota” jedhee hiikeera. Yaada, “mataa koos ol ol in qabda” jedhu ilaalchisee barreeffamni tokko, ‘Waaqayyo “mataa” nama tokkoo yommuu ol qabu, namni sun abdiifi tasgabbiidhaan akka guutamu godha’ jedheera. Daawit teessoo mootummaa Israaʼelirraa humnaan waan buufameef sababa itti abdii kutatu qaba ture. Haataʼu malee, ‘mataasaa ol qabuunsaa’ ija jabina akka argatuufi Waaqayyotti guutummaatti akka amanamu isa godha.

‘Waaqayyo Deebii In Kenna’

6. Daawit kadhannaan inni dhiheessu tulluu Yihowaa isa qulqulluurraa deebii akka argatu kan dubbate maaliifi?

6 Daawit Yihowaatti amanamuufi abdiidhaan guutamuudhaan, “Ani sagalee koo ol fuudheen Waaqayyoon waammadha, inni immoo tulluu isaa isa qulqulluu irraa deebii anaaf in kenna” jedheera. (Far. 3:4) Saanduqni kakuu inni Waaqayyo sabasaa gidduu akka jiru argisiisu, ajaja Daawitiin gara Tulluu Xiyoonitti geeffamee ture. (2 Saamuʼel 15:23-25 dubbisi.) Kanaafuu, Daawit kadhannaan inni dhiheessu tulluu Yihowaa isa qulqulluurraa deebii akka argatu barreessuunsaa sirriidha.

7. Daawit sodaan isatti dhagaʼamee kan hin turre maaliifi?

7 Daawit kadhannaan Waaqayyoof dhihaate deebii utuu hin argatin akka hin hafne mirkanaaʼaa waan tureef, sodaan isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, “Ani nan ciisa, nan rafa, Waaqayyo waan ol na qabuuf deebiʼee nan dammaqa” jechuudhaan faarfateera. (Far. 3:5) Daawit halkan yeroo balaan hin yaadamne dhufuu itti dandaʼuttillee rafuu hin sodaanne. Wanti sanaan dura isa mudate Waaqayyo isa yeroo hundumaa isa gargaarurratti amanannaa guutuu akka qabaatu waan isa godheef, deebiʼee akka dammaqu mirkanaaʼaa ture. Nuyis, ‘karaa Waaqayyoo duukaa yoo buune,’ akkasumas yeroo hundumaa Yihowaarraa yoo fagaachuu baanne gargaarsasaa argachuu dandeenya.—2 Saamuʼel 22:21, 22 dubbisi.

8. Faarfannaan 27:1-4 Daawit Yihowaarratti amanannaa akka qabu kan argisiisu akkamitti?

8 Tasgabbii Daawit qabuufi guutummaatti Waaqayyotti kan amanamu taʼuusaa, faarfannaawwansaa kan biraa yaadawwan inni geggeessaa hafuuraatiin akkas jechuudhaan barreesse qabatanirraa hubachuun ni dandaʼama: “Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis, yoos immoo eenyuunan sodaadha ree? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree? . . . Duulli na marsee yoo buufate iyyuu, garaan koo hin sodaatu; . . . Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha.” (Far. 27:1-4) Isinis miirri akkasii kan isinitti dhagaʼamuufi haalli keessan kan heyyamu yoo taʼe, namoota Yihowaa waaqeffatanii wajjin yeroo hunda walgaʼiiwwan gumiirratti argamtu.—Ibr. 10:23-25.

9, 10. Daawit yaada Faarfannaa 3:6, 7⁠rra jiru kan dubbate taʼus, ijaa baʼuu hin barbaadu ture kan jettu maaliifi?

9 Daawit, Abiishaalom hammina isarratti kan raawwateefi namoonni kaan hedduun isa gananillee, “Ani warra kumaatama ana irratti kaʼanii na marsan hin sodaadhu. Kaʼi yaa Waaqayyo, na gargaari yaa gooftaa ko! Ati diinota koo hundumaa mangaagaa in rukutta, ilkaan warra jalʼootaas in caccabsita” jechuudhaan faarfateera.—Far. 3:6, 7.

10 Daawit ijaa baʼuu hin barbaadu ture. Diinonnisaa ‘mangaagaansaanii rukutamuu’ kan qabu yoo taʼe, Waaqayyo kana gochuu ni dandaʼa. Daawit Mootichi macaafa Seeraarraa ofiisaatiif waan caafsifateef seericha keessatti Yihowaan, “Ijaa baasuunii fi adabuun kan koo ti” jedhee akka ture beeka. (Kes. 17:14, 15, 18; 32:35) Akkasumas ‘ilkaan warra jalʼootaa kan cabsu’ Waaqayyodha. Ilkaansaanii cabsuu jechuun miidhaa akka hin geessisnetti humna dhabsiisuu jechuudha. Yihowaan ‘garaa waan ilaaluuf’ eenyu hamaa akka taʼe beeka. (1 Sam. 16:7) Waaqayyo, amantiifi jabina Seexana isa madda hamminaa taʼe dandamachuuf nu gargaaru kan nuu kennu taʼuusaatiif baayʼee galateeffanna; yeroo dhihootti Seexanni iddoo lafa jalaatti waan gatamuuf akkuma leenca ilkaan hin qabnee miidhaa geessisuu kan hin dandeenyeefi badiisni kan isa eeggatu taʼa!—1 Phe. 5:8, 9; Mul. 20:1, 2, 7-10.

“Gargaarsi Waaqayyo Bira Jira”

11. Warra hidhata amantii keenya taʼaniif kadhachuu kan qabnu maaliifi?

11 Daawit gargaarsa guddaa isa barbaachisu argachuu kan dandaʼu Yihowaa qofarraa akka taʼe hubateera. Haataʼu malee faarfatichi waaʼee ofiisaa qofa hin yaadne. Waaʼee saba Yihowaa warra Waaqayyo duratti araara argataniihoo ni yaada turee? Daawit, “Gargaarsi Waaqayyo bira jira; eebbi kee saba kee irra haa jiraatu!” jechuudhaan barreesseera. (Far. 3:8) Daawit, rakkoowwan gurguddaan isa mudatanii kan turan taʼus, saba Yihowaa hundumaarratti xiyyeeffatee kan ture taʼuusaarrayyuu, Waaqayyo akka isaan eebbisus amanannaa qaba ture. Nutoo warra hidhata amantii keenya taʼan kadhannaa keenyaan yaadachuu hin qabnuu? Ija jabina argatanii amanannaa guutuudhaan misraachoo Mootummichaa akka labsanitti, Yihowaan hafuurasaa akka isaaniif kennu haa kadhannu.—Efe. 6:17-20.

12, 13. Abiishaalomirra maaltu gaʼe? Daawitittihoo maaltu dhagaʼame?

12 Abiishaalom duʼa salphinaa kan duʼe yommuu taʼu, kun namoota warra kaan keessumaammoo warra Waaqayyo diberratti kaʼan hundaaf akeekkachiisa taʼa. (Fakkeenya 3:31-35 dubbisi.) Waraanni godhamee kan ture siʼa taʼu, loltoonni Abiishaalomis ni moʼaman. Gaangoo yaabbatee qilxuu guddaa damee gobbuu qabu tokko jala utuu darbuu, rifeensi mataasaa inni yabbuun mukichatti xaxame. Abiishaalom, hamma Yoʼaab eeboo sadiin onneesaa waraanee isa ajjeesutti lubbuudhaan mukicharratti rarraʼee kan jiru taʼus homaa gochuu hin dandaʼu ture.—2 Sam. 18:6-17.

13 Daawit wanta ilmasaa mudate yommuu dhagaʼe gammadee turee? Lakki. Kanaa mannaa asiifi achi deemaa gadda isatti dhagaʼame akkas jechuudhaan ibseera: “Yaa ilma ko, Abiishaalom! Yaa ilma ko, yaa ilma ko, Abiishaalom! Ani iddoo kee utuun duʼeera taʼee, anaaf wayya ture! Wayyoo! Yaa Abiishaalom ilma ko, ilma ko!” (2 Sam. 18:24-33) Hamma Yoʼaab garasaa dhaqee isatti dubbatetti, Daawit gadda cimaa keessa ture. Abiishaalom garmalee aboo barbaaduusaatiin, abbaasaa isa Yihowaan diberratti lola banuudhaan haala gaddisiisaa taʼeen badiisa ofirratti fideera!—2 Sam. 19:1-8; Fak. 12:21; 24:21, 22.

Daawit Ammas Waaqayyorratti Amanannaa Akka Qabu Argisiiseera

14. Haala faarfannaa 4⁠ffaan itti barreeffame akkamitti ibsita?

14 Akkuma Faarfannaa 3⁠ffaa, Faarfannaa 4⁠ffaanis kadhannaa Daawit guutummaatti Yihowaatti akka amanamu argisiisu qabateera. (Far. 3:4; 4:3) Tarii Daawit faarfannaa kana kan qindeesse, yaaliin Abiishaalom aangoosaarraa isa buusuuf godhe akka isaaf hin milkoofne yeroo beeku, boqonnaa argachuusaafi galatasaa Waaqayyoof ibsuuf taʼuu dandaʼa. Yookiin Lewwoota faarfattoota taʼan yaadatti qabachuudhaan kan barreesse taʼuu dandaʼa. Sanas taʼe kana faarfannaa kanarratti xiinxaluun keenya amanannaa Yihowaarratti qabnu nuu cimsa.

15. Yihowaarratti amanannaa qabaachuudhaan karaa Ilmasaa isa kadhachuu kan dandeenyu maaliifi?

15 Daawit ammas Yihowaan kadhannaasaa akka dhagaʼu, akkasumas deebii akka isaaf kennu mirkanaaʼaa ture. Daawit,“Yaa Waaqayyo isa dhugaa anaaf baaftuu, [“qajeelaa,” NW] yeroon si waammadhu anaaf deebisi! Yeroo ani muddama keessa turetti ati keessaa na baafteetta; ati araara anatti argisiisi! Kadhata koos anaaf dhagaʼi!” jechuudhaan faarfateera. (Far. 4:1) Nuyis qajeelummaa kan hordofnu yoo taane amanannaa akkasii qabaachuu dandeenya. Yihowaan inni ‘Waaqa qajeelaa’ taʼe sabasaa warra qajeeloo akka eebbisu waan beeknuuf, aarsaa furii Yesusitti amanuudhaan karaa Ilmasaa amanannaadhaan Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuu dandeenya. (Yoh. 3:16, 36) Kun nagaa guddaa nuuf argamsiisa!

16. Daawit abdii kan kutate maaliif taʼuu dandaʼa?

16 Yeroo tokko tokko, haalli abdii nama kutachiisuufi nagaa nama dhabsiisu nu mudachuu dandaʼa. Daawit, “Yaa jarana, isin hamma yoomiitti ulfina koo salphiftu? Hamma yoomiitti dubbii waaʼee hin baafne jaallattu? Hamma yoomiittis soba faana dhooftu?” jechuudhaan waan faarfateef, haalli akkasii isa mudatee taʼuu dandaʼa. (Far. 4:2) Jechi “jarana” jedhu, asirratti miira gadhee taʼeen ilmaan namootaa kan ibsudha. Diinonni Daawit ‘dubbii waaʼee hin baafne kan jaallatan turan.’ Niiwu Intarnaashinaal Varshin, “Wantoota soba taʼan kan jaallattaniifi waaqayyolii sobaa kan barbaaddan hanga yoomiitti?” jechuudhaan hiikeera. Wanta warri kaan godhanitti abdii yoo kutannellee, garaadhaa kadhachuufi guutummaatti Waaqa isa dhugaatti amanamuu keenya itti haa fufnu.

17. Faarfannaa 4:3 wajjin haala walsimuun maal gochuu akka dandeenyu ibsi.

17 Daawit Waaqayyotti kan amanamu taʼuusaa yaada, “Garuu Waaqayyo warra kan isaa taʼan, addaan akka baafate beekaa! Waaqayyo yeroo ani isa waammadhutti anaaf in dhagaʼa” jechuudhaan barreesserraa hubachuun ni dandaʼama. (Far. 4:3) Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufuun, ija jabinaafi guutummaatti isatti amanamuu gaafata. Fakkeenyaaf, maatiin Kiristiyaanaa firrisaa tokko qalbii geddarachuu diduusaatiin gumiidhaa baafame, amalawwan kana qabaachuunsaa barbaachisaadha. Waaqayyo warra isaafi daandiiwwansaatiif amanamoo taʼan ni eebbisa. Yihowaadhaaf amanamoo taʼuufi guutummaatti isatti amanamuunimmoo, sabasaa gidduu gammachuun akka jiraatu godha.—Far. 84:11, 12.

18. Wanti gadheen yoo nutti dubbatame ykn gochi hin taane yoo nurratti raawwatame, Faarfannaa 4:4 wajjin haala walsimuun maal gochuu qabna?

18 Namni tokko wanta nu aarsu yoo dubbate ykn yoo godhe maal goona? Yaada Daawit, “Yoo aartan iyyuu, cubbuu hin hojjetinaa! Yeroo gab jettanii siree keessan irra jirtanitti, kana garaa keessanitti itti yaadaa!” jechuudhaan dubbate hojiirra yoo oolchine gammachuu keenya eegnee jiraachuu dandeenya. (Far. 4:4) Wanti gadheen yoo nutti dubbatame ykn gochi hin taane yoo nurratti raawwatame, ijaa baʼuudhaan cubbuu hojjechuurraa haa fagaannu. (Rom. 12:17-19) Dhimma sana ilaalchisee wanta nutti dhagaʼame dhuunfaatti bakka ciisichaa keenyatti kadhannaadhaan ibsuu dandeenya. Waaʼee dhimma sanaa yoo kadhanne, yaada keenya jijjiiruudhaan, karaa jaalalarratti hundaaʼeen dhiifama gochuuf kakaʼuu dandeenya taʼa. (1 Phe. 4:8) Karaa kanaan xiyyeeffannaa namaa kan harkisu, gorsa Phaawulos ergamaan tarii Faarfannaa 4:4⁠rratti hundaaʼee, “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa!” jechuudhaan barreessedha.—Efe. 4:26, 27.

19. Aarsaa hafuuraa dhiheessinuu wajjin haala wal qabateen Faarfannaan 4:5 nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

19 Waaqayyotti amanamuun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee Daawit, “Aarsaa isa qajeelaa dhiʼeessaa! Waaqayyotti amanattaniis isatti dhiisaa!” jechuudhaan faarfateera. (Far. 4:5) Aarsaan Israaʼeloonni dhiheessan fudhatama kan argatu, kakaʼumsa sirrii taʼeen yoo dhiheessan qofa ture. (Isa. 1:11-17) Nuyis aarsaan hafuuraa dhiheessinu Waaqayyo biratti fudhatama akka argatu yoo barbaanne, kakaʼumsa sirrii qabaachuu, akkasumas guutummaatti Waaqayyotti amanamuu qabna.—Fakkeenya 3:5, 6; Ibroota 13:15, 16 dubbisi.

20. ‘Ifni fuula Waaqayyoo’ maal argisiisa?

20 Daawit itti fufee, “Namoonni baayʼeen, ‘Eenyutu waan gaarii nutti argisiisa?’ in jedhu; yaa Waaqayyo, ati ifa fuula keetii nu irratti ol kaasi!” jechuudhaan faarfateera. (Far. 4:6) ‘Ifni fuula Waaqayyoo’ araarasaa kan agarsiisudha! (Far. 89:15) Daawit, “Ati ifa fuula keetii nu irratti ol kaasi!” jechuudhaan yommuu kadhate, ‘araara nutti argisiisi’ jechuusaa ture. Yihowaatti waan amanamnuuf araarasaa qabna; fedhasaa yeroo raawwannus gammachuu guddaa arganna.

21. Midhaan makaruu yeroo harʼaa geggeeffamaa jirurratti guutummaatti yoo hirmaanne, maaltu nuuf mirkaneeffameera?

21 Gammachuu Waaqayyo kennu, isa gammachuu yeroo midhaan sassaabamu argamurra caalu hawwiidhaan eeggachuudhaan Daawit, “Isa warri kaan midhaan isaanii fi daadhii waynii isaanii baayʼee irraa argatan caalaatti, ati gammachuu caalu garaa koof kenniteetta” jedhee Yihowaa faarfateera. (Far. 4:7) Hojii lallabaa yeroo harʼaa geggeeffamaa jirurratti guutummaatti yoo hirmaanne, gammachuu guddaa argachuu dandeenya. (Luq. 10:2) ‘Namoonni midhaan makaran’ lakkoofsisaanii guddachaa deemuusaatiin, dibamtoota ‘saba baayʼee’ taʼaniifi hojicha geggeessanii wajjin ni gammanna. (Isa. 9:3) Isinoo hojii midhaan makaruu gammachiisaa taʼe kanarratti hirmaannaa guutuu gochaa jirtuu?

Guutummaatti Waaqayyotti Amanamuu Keessan Itti Fufaa

22. Faarfannaa 4:8 wajjin haala walsimuun, Israaʼeloonni Seera Waaqayyoo yommuu eegan eebba akkamii argatu turan?

22 Daawit, “Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa” jechuudhaan faarfannaa kana xumureera. (Far. 4:8) Israaʼeloonni Seera Yihowaa yommuu eegan nagaadhaan isaa wajjin jiraatu, tasgabbiinis isaanitti dhagaʼama ture. Fakkeenyaaf, bara bulchiinsa Solomoonitti ‘namoonni Yihudaafi namoonni Israaʼel birʼaa malee jiraachaa turan.’ (1 Mot. 4:25) Warri Waaqayyorratti amanannaa qaban, saboonni ollaasaanii yommuu isaanirratti kaʼanittillee nagaa qabu turan. Nuyis akkuma Daawit, Waaqayyo tasgabbiin akka nutti dhagaʼamu waan godhuuf nagaadhaan rafna.

23. Guutummaatti Waaqayyotti kan amanamnu yoo taʼe maal argachuu dandeenya?

23 Yihowaatti amanamuudhaan isa tajaajiluu keenya itti haa fufnu. Akkasumas amantiidhaan kadhannaa dhiheessuudhaan ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaa irra caalu’ haa argannu. (Filp. 4:6, 7) Kun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa! Guutummaatti Yihowaatti kan amanamnu yoo taʼe, yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuu dandeenya.

Maal Jettee Deebista?

• Sababa Abiishaalomiin kan kaʼe Daawitirra rakkoowwan akkamiitu gaʼe?

Faarfannaan 3 tasgabbiin akka nutti dhagaʼamu kan godhu akkamitti?

Faarfannaan 4 amanannaa Yihowaarratti qabnu kan nuu cimsu karaawwan kamiini?

• Guutummaatti Waaqayyotti amanamuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 29]

Daawit, Abiishaalom jalaa yeroo baqatettillee Yihowaarratti amanannaa qaba ture

[Fakkiiwwan fuula 32]

Guutummaatti Yihowaatti ni amanamtaa?