Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Ilaaltuu Olaanaa Dinqisiisaa Taʼeefi Michuu Jaallatamaa”

“Ilaaltuu Olaanaa Dinqisiisaa Taʼeefi Michuu Jaallatamaa”

“Ilaaltuu Olaanaa Dinqisiisaa Taʼeefi Michuu Jaallatamaa”

JOON (JAAK) BAAR, inni miseensa Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼee tajaajilaa ture, Muddee 4, 2010 Sanbadduraa ganama tajaajilasaa isa lafarraa xumure. Umriinsaa waggaa 97 ture. Obboleessi kun “ilaaltuu olaanaa dinqisiisaa taʼeefi michuu jaallatamaa” jedhameera.

Obboleessi keenya Jaak Baar kan dhalate Abardiin, Iskootlaanditti yommuu taʼu, ijoollee sadii keessaa isa dhumaa ture. Haatisaafi abbaansaa dibamtoota turan. Obboleessi kun waaʼee jireenya maatiisaa isa kanaan duraa ennaa dubbatu, yeroo baayʼee jaalalaan dubbata ture; abbaansaafi haatisaa jaallatamoo taʼan fakkeenya gaarii waan isaa taʼaniif baayʼee isaan galateeffata ture.

Obboleessi dargaggeessa ture kun umrii waggoota kurnanii keessa yeroo galu, namoota hin beekne haasofsiisuun baayʼee isatti ulfaachuu jalqabe. Haataʼu malee, rakkinasaa kana moʼuuf carraaqqii guddaa waan godheef, bara 1927⁠tti gaaf tokko Dilbata waaree booda, umriisaa waggaa 14⁠tti, manaa gara manaatti isaa wajjin tajaajiluuf qophaaʼaa taʼuusaa abbaasaatti hime. Tajaajilasaa kan jalqabe haala kanaan ture. Obboleessi keenya Baar, guyyaa sanaa jalqabee hamma duʼutti misraachicha hinaaffaadhaan lallabuusaa itti fufeera.

Balaa gaddisiisaan lubbuu haadhasaa galaafachuuf ture gaʼuunsaa, Baar waaʼee kaayyoo jireenyaa xiyyeeffannaadhaan akka yaadu waan isa godheef, bara 1929⁠tti Yihowaadhaaf of murteessee, carraa jalqabaa argateen bara 1934⁠tti cuuphamuudhaan of murteessuusaa argisiiseera. Achiis, bara 1939 Landan, Ingilaanditti miseensa maatii Betʼel taʼe. Yeroo sanaa jalqabee waggaa 71f tajaajila yeroo guutuurratti hirmaateera.

Onkoloolessa 29, 1960, obboleessi keenya Baar, obboleettii qajeelchituufi misiyoonii taatee yeroo dheeraaf hinaaffaadhaan tajaajilte Miildired Wiiletiin yeroo fuudhu akka inni jedhetti “walitti dhufeenya addaa bakka guddaa qabu” keessa gale. Obboleessi keenya Baariifi haati manaasaa, fakkeenya gaarii taʼuufi hiriyoota gaaʼelaa Yihowaadhaaf bulan taʼuudhaan kan beekaman siʼa taʼu, hanga Miildired jireenyashee isa lafarraa Onkoloolessa bara 2004 xumurtetti namoota akkasii turan. Haati manaafi abbaan manaa kun, yeroo waliin turan hundaatti, guyyuma guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisu turan.

Namoonni isa beekan maqaa Jaak Baar jedhamu yeroo dhagaʼan, nama gorsa gaarii yeroo hunda sirrii taʼe, gaarummaadhaan kennameefi Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe isaanii kennetu gara sammuusaanii dhufa. Dhimmee kan hojjetu, ilaaltuu olaanaa namaaf yaaduufi jaalala qabeessa taʼe, akkasumas michuu amanamaa ture. Yaanni inni kennu, haasaan inni dhiheessuufi kadhannaansaa, jaalala dhugaadhaaf qabu kan ibsuufi walitti dhufeenyi inni Yihowaa wajjin qabu hammam jabaa akka taʼe kan argisiisu ture.

Obboleessa keenya Baar isa jaallatamaa taʼe dhabuun keenya baayʼee kan nu gaddisiisu taʼus, qaama hin badne isa inni hawwiidhaan eeggachaa tureefi yeroo baayʼee waaʼeesaa dubbachaa ture argachuusaatiin isaa wajjin ni gammadna. Baar mirga kanaaf bakka guddaa kenna ture.—1 Qor. 15:53, 54. *

[Miiljalee]

^ key. 8 Muuxannoo Joon Baar argachuuf, Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 1987, fuula 26 hanga 31 ilaali. (Ingiliffa)