Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenyakee Keessatti Qaamni Hunda Caalu Eenyudha?

Jireenyakee Keessatti Qaamni Hunda Caalu Eenyudha?

Jireenyakee Keessatti Qaamni Hunda Caalu Eenyudha?

‘Ati kophaakee guutummaa biyya lafaarratti isa hundumaa gararraa jirudha.ʼ—FAR. 83:18.

1, 2. Fayyina argachuuf maqaa Yihowaa beekuu qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi?

NAMOONNI tokko tokko maqaa Yihowaa jedhu yeroo jalqabaatiif kan argan Faarfannaa 83:18⁠rraa yommuu isaanitti argisiifamedha. “Kunis, namoonni ati inni maqaankee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaarratti qofaakee Hundaa Ol akka taate akka beekaniifidha” yaada jedhu dubbisuunsaanii isaan dinqisiisee taʼuu dandaʼa. (Far. 83:18, NW) Yeroo sanaa kaasee namoonni kun, warri kaan Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe akka beekan gargaaruuf caqasa kanatti fayyadamaa akka turan hin shakkisiisu.—Rom. 10:12, 13.

2 Namoonni maqaa Yihowaa beekuunsaanii barbaachisaa taʼus, maqaa kana beekuun qofti gaʼaa miti. Faarfatichi, ‘Ati kophaakee guutummaa biyya lafaarratti isa hundumaa gararraa jirudha’ yommuu jedhu, dhugaa gara biraa fayyina keenyaaf barbaachisaa taʼes akkamitti akka ibse hubadhu. Eeyyee, Yihowaan uumama cufa keessatti Qaama hunda caaludha. Uumaa waan hundumaa waan taʼeef, uumamawwansaa hundi guutummaatti akka isaaf abboomaman isaanirraa eeguuf mirga qaba. (Mul. 4:11) Kanaaf, ‘Jireenya koo keessatti qaamni hunda caalu eenyudha?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha. Deebii gaaffii kanaaf kenninu of eeggannoodhaan qoruun keenyas barbaachisaadha.

Gaaffii Iddoo Dhaabaa Eeden Keessatti Kaʼe

3, 4. Seexanni, Hewwaaniin kan gowwoomse akkamitti? Kunoo maal geessise?

3 Gaaffiin kun akka laayyootti kan hin ilaalamne taʼuusaa, haalawwan iddoo dhaabaa Eeden keessatti raawwatamanirraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Iddoo kanatti ergamaan hamaan yeroo booda Seexana jedhame, dubartii ishee jalqabaa kan taate Hewwaaniin kan gowwoomse ennaa taʼu, isheenis abboommii Yihowaan ija mukaa tokko akka hin nyaanne kenne caalaa fedhiisheetiif dursa kenniteetti. (Uma. 2:17; 2 Qor. 11:3) Hewwaan gowwoomsaa kanaan moʼamuudhaan olaantummaa Yihowaatiif kabaja akka hin qabne argisiisteetti. Hewwaan Yihowaan jireenyashee keessatti Qaama hunda caalu taʼuusaa amantee utuu hin fudhatin hafte. Haataʼu malee, Seexanni, Hewwaaniin gowwoomsuu kan dandaʼe akkamitti?

4 Seexanni yommuu Hewwaaniin haasofsiise, malawwan haxxummaa hedduutti fayyadameera. (Uumama 3:1-5 dubbisi.) Tokkoffaa, Seexanni maqaa Yihowaa isa dhuunfaatti hin fayyadamne. Salphaadhumatti “Waaqayyo” jedhe. Faallaa kanaatiinimmoo, barreessaan Seera Uumamaa, lakkoofsa jalqabaa boqonnaa kanaarratti maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaatti fayyadameera. * Lammaffaa, Seexanni waaʼee ‘abboommii’ Waaqayyoo utuu hin taʼin, salphaadhumatti maal akka “jedhe” gaafate. (Uma. 2:16) Haxxummaa kanatti fayyadamuudhaan, barbaachisummaa abboommii sanaa xiqqeessuuf yaalii godhe. Sadaffaammoo, Hewwaan qofatti kan dubbate taʼus, “isin” jechuudhaan, bakka maqaa danooma argisiisutti fayyadameera. Karaa kanaan, bakka buutuu ofiisheefi abbaa manaashee akka taateefi iddoo guddaa akka qabdu akka isheetti dhagaʼamu gochuudhaan koorashee kakaasuuf yaaleera. Kunoo maal geessise? Hewwaan lamaansaanii bakka of buustee bofichaan, “Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya” jette.

5. (a) Seexanni, Hewwaan maalirratti akka xiyyeeffattu godhe? (b) Hewwaan ija mukaa dhowwamerraa nyaachuudhaan maal argisiiste?

5 Seexanni dhugaa jirus jalʼiseera. Seexanni, Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin, “Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!” jedhee kan ajaje fakkeessuudhaan kun sirrii akka hin taane dubbateera. Seexanni itti aansuudhaan, Hewwaan waaʼee ofiishee akka yaaddu, akkasumas “akka Waaqayyoo” taʼuudhaan akkamitti haala keessa jirtu fooyyeffachuu akka dandeessu akka yaaddu godhe. Dhumarrattis, walitti dhufeenya Yihowaa isa waan hundumaa isheedhaa kennee wajjin qabdurratti utuu hin taʼin, mukichaafi ijasaarratti akka xiyyeeffattu gochuu dandaʼeera. (Uumama 3:6 dubbisi.) Kan nama gaddisiisu, Hewwaan ija mukichaarraa nyaachuudhaan, jireenyashee keessatti Yihowaan Qaama hunda caalu akka hin taane argisiisteetti.

Gaaffii Bara Iyoobitti Kaʼe

6. Seexanni seenaa Iyoob amanamaa taʼuudhaan galmeessiserratti gaaffii kan kaase akkamitti? Kanaan kan kaʼe Iyoobiif carraa akkamiitu kenname?

6 Jaarraawwan hedduu booda, nama amanamaa kan taʼe Iyoob jireenyasaa keessatti Qaamni hunda caalu eenyu akka taʼe argisiisuuf carraa argatee ture. Yihowaan seenaa Iyoob amanamaa taʼuudhaan galmeessise Seexanatti yommuu himu, Seexanni, “Iyoob waa malee si Waaqayyoon sodaataa ree?” jechuudhaan deebise. (Iyoob 1:7-10 dubbisi.) Seexanni, Iyoob Waaqayyoof ajajamaa akka ture hin haalle. Kanaa mannaa, wanta amanamaa taʼuuf isa kakaaserratti gaaffii kaaseera. Iyoob Yihowaa kan tajaajilu jaalalaan kakaʼee utuu hin taʼin, ofittummaadhaan kakaʼee akka taʼe dubbachuudhaan isa himate. Himata kanaaf deebii kennuu kan dandaʼu Iyoob qofa kan ture siʼa taʼu, kana akka godhus carraan isaaf kennameera.

7, 8. Iyoob qorumsawwan akkamii isarra gaʼaniiru? Hamma dhumaatti amanamaa taʼuudhaan maal mirkaneesse?

7 Yihowaan, Seexanni walitti aansee Iyoobirra qorumsa akka geessisu heyyame. (Iyo. 1:12-19) Iyoob haalasaa isa jijjiirame kanaaf deebii kan kenne akkamitti ture? Iyoob, “hin yakkine, ‘Dabaa hojjette’ jedhees Waaqayyoon hin hadheessine” jedhameera. (Iyo. 1:22) Haataʼu malee, Seexanni ammas calluma hin jenne. “Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; [“gogaan qooda gogaati,” hiika bara 1899] namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuudhaan himata dabalataa dhiheesse. * (Iyo. 2:4) Seexanni, Iyoob rakkinni yoo isarra gaʼe, Yihowaan jireenyasaa keessatti Qaama hunda caalu akka hin taane murteessa jedhee himata dhiheesse.

8 Iyoob dhukkubni jibbisiisaan isarra gaʼe qaamasaa kan baballeesse siʼa taʼu, haati manaasaas Waaqayyoon arrabsee akka duʼu dhiibbaa irratti gochuuf yaalteetti. (Iyo. 7:5) Boodas, hiriyoonnisaa sobaan isa jajjabeessan sadii, balleessaa akka hojjete dubbachuudhaan isa ceephaʼan. (Iyo. 2:11-13; 8:2-6; 22:2, 3) Iyoob garuu rakkinni kun hundi isarra gaʼuyyuu, amanamummaasaa laaffisuu dideera. (Iyoob 2:9, 10 dubbisi.) Hamma dhumaatti amanamaa taʼuudhaan, Yihowaan jireenyasaa keessatti Qaama hunda caalu akka taʼe argisiiseera. Kana malees, Iyoob ilmaan namootaa cubbuu dhaalan, himata sobaa Seexanni dhiheesseef hamma humnisaanii dandaʼe deebii kennuu akka dandaʼan argisiiseera.—Fakkeenya 27:11 waliin ilaali.

Deebii Guutuu Yesus Kenne

9. (a) Seexanni, fedhii Yesus qabutti fayyadamee isa qoruuf kan yaale akkamitti? (b) Yesus qorumsa kanaaf deebii akkamii kenne?

9 Seexanni, Yesus cuuphamee utuma baayʼee hin turin, Yihowaan jireenyasaa keessatti Qaama hunda caalu akka taʼu gochuu mannaa fedhii ofittummaa akka hordofu gochuudhaan isa gowwoomsuuf yaaleera. Seexanni, Yesusiif qorumsa sadii dhiheesse. Jalqaba, dhagaa buddeena akka godhu isa qoruudhaan, fedhii inni nyaataaf qabutti fayyadamuuf yaaleera. (Mat. 4:2, 3) Yesus guyyaa 40 waan soomeef baayʼee beelaʼee ture. Kanaaf, Seexanni, Yesus beela baʼuuf karaa sirrii hin taaneen humna dinqii raawwachuuf qabutti akka fayyadamu isa jajjabeesse. Yesus deebii akkamii kenne? Hewwaan ishee wanta Yihowaan jedhe utuu hin fudhatin hafterraa haala adda taʼeen, Dubbii Yihowaarratti xiyyeeffachuudhaan yeruma sana qorumsichaaf moʼamuu dideera.—Maatewos 4:4 dubbisi.

10. Seexanni, Yesus fittee mana qulqullummaarraa akka gad of darbatu kan isa qore maaliifi?

10 Seexanni, Yesus gocha ofittummaa akka raawwatu dhiibbaa isarratti gochuufis yaalee ture. Fittee guutuu mana qulqullummaarraa akka gad of darbatu isa qoreera. (Mat. 4:5, 6) Kaayyoonsaa maal ture? Yesus kufee utuu hin madaaʼin yoo hafe, “ilma Waaqayyoo” taʼuusaa ni mirkaneessa yaada jedhu dhiheesse. Seexanni, Yesus hamma of argisiisuu barbaadutti, maqaasaatiif garmalee akka dhiphatu gochuu barbaadee ture. Seexanni, namni tokko koora isatti dhagaʼamuun kan kaʼeefi namoota biratti kabaja akka hin dhabneef jecha, qorumsa balaa geessisuuf moʼamuu akka dandaʼu beeka ture. Seexanni Caaffata Qulqullaaʼoorraa karaa sirrii hin taaneen kan caqase taʼus, Yesus Dubbii Yihowaa akka gaariitti kan hubatu taʼuusaa argisiiseera. (Maatewos 4:7 dubbisi.) Yesus ammas qorumsa kana balaaleffachuudhaan jireenyasaa keessatti Yihowaan Qaama hunda caalu akka taʼe argisiiseera.

11. Yesus afeerrii Seexanni mootummoota biyya lafaa hunda isaa kennuuf dhiheesse kan dide maaliifi?

11 Afeerriin inni dhumaa Seexanni Yesusiif dhiheesse, mootummoota biyya lafaa hundumaa isaa kennuuf waadaa inni galedha. (Mat. 4:8, 9) Yesus yeruma sana afeerricha fudhachuu dideera. Yesus, afeerrii kana fudhachuu jechuun, olaantummaa Yihowaa jechuunis mirga Waaqayyo Isa Hundumaa Gararraa Jiru taʼee bulchuuf qabu fudhachuu diduu jechuu akka taʼe hubatee ture. (Maatewos 4:10 dubbisi.) Qorumsa isaaf dhihaate hundaaf, Caaffata Qulqullaaʼoo warra maqaa Yihowaa qabatanirraa caqasuudhaan deebii kenneera.

12. Yesus baayʼee kan dhiphate maaliif ture? Haataʼu malee maal godhe? Nutoo wanta inni godherraa maal baranna?

12 Yesus jireenyasaa isa lafarraa xumuruu jala yommuu gaʼe, murtoo baayʼee cimaa taʼe tokko gochuun isa barbaachisee ture. Yeroo lafarra tajaajilaa ture hundaatti, lubbuusaa aarsaa godhee kennuuf fedhii akka qabu ibseera. (Mat. 20:17-19, 28; Luq. 12:50; Yoh. 16:28) Haataʼu malee, Yesus sobaan akka himatamu, akka seera Yihudootaatti akka isatti murteeffamuufi akka nama Waaqayyoon arrabsetti kan ajjeefamu taʼuusaas beeka ture. Akkaataa kanaan kan ajjeefamu taʼuunsaa isa dhiphisee ture. Kanan kan kaʼes, “Yaa abbaa ko! In dandaʼama yoo taʼe xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu” jedhee kadhate. Haataʼu malee itti aansuudhaan, “Garuu akka jaalala koo miti, akka jaalala kee haa taʼu malee” jedheera. (Mat. 26:39) Eeyyee, Yesus hamma duʼaatti amanamaa taʼuunsaa jireenyasaa keessatti Qaamni hunda caalu eenyu akka taʼe mirkaneesseera.

Deebii Nuyi Gaaffichaaf Laannu

13. Fakkeenya Hewwaan, Iyoobiifi Yesus Kiristosirraa maal baranne?

13 Hamma ammaatti maal baranne? Hewwaanii wajjin haala wal qabateen, namoonni fedhii ofittummaatiif moʼaman ykn of gurguddisan, jireenyasaanii keessatti Yihowaan Qaama hunda caalu akka hin taane akka argisiisan baranna. Faallaa kanaatiinimmoo, amanamummaa Iyoob argisiiserraa, sababii rakkoowwan sanaa guutummaatti hubachuu baatanillee, ilmaan namootaa mudaa qaban rakkoowwan isaanirra gaʼan obsaan dabarsuudhaan Yihowaadhaaf dursa kennuu akka dandaʼan baranna. (Yaq. 5:11) Dhumarrattis fakkeenyi Yesus, salphina nurra gaʼu dandaʼuuf fedhii akka qabaannu, akkasumas maqaa keenyaaf garmalee iddoo guddaa akka hin laanne nu barsiisa. (Ibr. 12:2) Haataʼu malee, barumsa kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

14, 15. Akkaataan Yesus qorumsaaf deebii itti kenne kan Hewwaanirraa adda kan taʼe akkamitti? Yesusiin hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkii fuula 18⁠rra jirurratti yaada kenni.)

14 Matumaa qorumsi, Yihowaa akka si irraanfachiisu hin heyyamin. Hewwaan xiyyeeffannaanshee qorumsa ishee dura ture qofarratti akka taʼu gootetti. “Iji mukichaa nyaataaf gaarii taʼuu isaa, ija namaatti kan tolu” taʼuusaa ilaalte. (Uma. 3:6) Kun deebii Yesus qorumsawwan isaa dhihaatan sadaniif kennerraa baayʼee addadha. Yesus yeroo qorame hundaatti, qorumsa isa dura turerratti utuu hin taʼin, wanta gochisaa sana booda geessisurratti xiyyeeffateera. Dubbii Waaqayyootti amanameera, yeroo hundaas waaʼee Yihowaa yaada ture.

15 Wanta Yihowaa gaddisiisu akka raawwannu yommuu qoramnu maalirratti xiyyeeffanna? Qorumsicharratti xiyyeeffachaa hammuma adeemne, fedhiin wanta gadhee taʼe hojjechuuf qabnu dabalaa adeema. (Yaq. 1:14, 15) Fedhii gadhee taʼe of keessaa buqqisnee baasuun, akkuma kutaa qaama keenyaa tokko ofirraa muruutti ulfaataa taʼullee, hatattamaan tarkaanfii akkasii fudhachuun barbaachisaadha. (Mat. 5:29, 30) Akkuma Yesus, gochi keenya maal akka geessisu jechuunis walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu akkamitti akka tuqu yaaduun keenya barbaachisaadha. Wanta Dubbii Yihowaa kan taʼe Macaafni Qulqulluun jedhu yaadachuu qabna. Jireenya keenya keessatti Yihowaan Qaama hunda caalu akka taʼe argisiisuu kan dandeenyu karaa kanaan qofadha.

16-18. (a) Wanti akka abdii kutannu nu godhu maal taʼuu dandaʼa? (b) Haala dhiphisaa taʼe moʼuuf maaltu nu gargaara?

16 Haalli gaddisiisaan yommuu sirra gaʼu matumaa Yihowaa hin komatin. (Fak. 19:3) Yeroo kamiyyuu caalaa dhuma sirna hamaa kanaatti dhihaachaa yommuu adeemnu, Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun, balaawwan uumamaafi rakkoowwan isaanirra gaʼaa jiru. Yeroo ammaa dinqiidhaan eegumsa arganna jennee hin eegnu. Taʼuyyuu nuyis akkuma Iyoob, yommuu namoota jaallannu duʼaan dhabnu ykn haalli rakkisaan nu dhiphisu abdii kutachuu dandeenya.

17 Iyoob Yihowaan wantoonni tokko tokko akka gaʼan maaliif akka heyyame hin beeku ture; nuyis yeroo tokko tokko wantoonni gadheen maaliif akka gaʼan beekuu dhiisuu dandeenya. Waaʼee obboloota amanamoo kan akka biyya Heeyitii sochoʼa lafaatiin duʼanii ykn obboloota balaa uumamaa kan biraatiin duʼanii dhageenyeerra taʼa. Yookiin nama amanamaa yakki irratti raawwatame ykn balaa gaddisiisaadhaan duʼe tokko beekna taʼa. Yookiinimmoo haalli nama dhiphisu nurra gaʼee ykn jalʼinni nurratti raawwatamee taʼuu dandaʼa. Dhiphachuu keenyaan kan kaʼe, ‘Yihowaa, kun maaliif narra gaʼe? Maalan balleesse?’ jenna taʼa. (Ibr. 1:2, 3) Yeroo wanti akkasii nu mudatu maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

18 Haalawwan akkasii uumamuunsaanii Yihowaa biratti fudhatama dhabuu keenya kan argisiisan goonee yaaduu hin qabnu. Yesus balaawwan gaddisiisaa barasaatti gaʼan lama yommuu caqase yaanni akkasii sirrii akka hin taane addeesseera. (Luqaas 13:1-5 dubbisi.) Balaawwan hedduun sababa ‘yeroofi walitti dhufuutiin’ kan gaʼanidha. (Lal. 9:11, hiika bara 1899) Haataʼu malee, akka dhiphannu kan nu godhu maaliyyuu taanaan, gargaarsa argachuuf “Waaqayyo jajjabina hundumaa” kan kadhannu yoo taʼe moʼuu ni dandeenya. Inni jabina amanamoo taanee itti fufuuf nu barbaachisu nuu kenna.—2 Qor. 1:3-6.

19, 20. Yesus haalawwan nama qaanessan akka dandamatu kan isa gargaare maalidha? Nutoo akkas gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

19 Koorarratti ykn salphinatu narra gaʼa jettee sodaachuurratti hin xiyyeeffatin. Yesus kan gad of deebisu taʼuunsaa, ‘ulfina sana gad dhiisee, akka waan tokkotti hin galle of godhee bifa garbummaa akka fudhatu’ isa gargaareera. (Filp. 2:5-8) Yesus Yihowaatti waan amanamuuf haalawwan nama salphisan hedduu dandamachuu dandaʼeera. (1 Phe. 2:23, 24) Kana gochuudhaan fedha Yihowaa kan durse siʼa taʼu, kunimmoo iddoo guddaa waan hundumaarra caalu isaaf argamsiiseera. (Filp. 2:9) Bartoonnisaas jireenya akkasii akka jiraatan isaan gorseera.—Mat. 23:11, 12; Luq. 9:26.

20 Yeroo tokko tokko qorumsawwan sababa amantii keenyaan nurra gaʼan kan nama qaanessan taʼuu dandaʼu. Taʼus, akkuma Phaawulos isa, “Kanaafan amma itti dhiphachaa jira; ani garuu eenyutti akkan amane waanan beekuuf hin yeellaʼu; akkasumas inni wanta hadaraa anatti kenname kana, hamma guyyaa sanaatti eeguu akka dandaʼu nan amanadha” jechuudhaan barreessee amanannaa qabaachuu qabna.—2 Xim. 1:12.

21. Biyyi lafaa amala ofittummaa kan argisiisu taʼus ati maal gochuuf murteessiteetta?

21 Bara keenyatti namoonni “ofittoo” akka taʼan, Macaafa Qulqulluurratti raajiidhaan dubbatameera. (2 Xim. 3:2) Kanaafuu, namoota ofiisaaniitiif dursa kennan gidduu kan jiraannu taʼuun keenya kan nama dinqisiisu miti. Matumaa amalli namoota ofittoo taʼan akkasii akka nutti darbu heyyamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, qorumsi yoo nu mudate, haalawwan gaddisiisaa taʼan hedduun yoo nurra gaʼan ykn namoonni nu qaanessuuf carraaqqii yoo godhan, tokkoon tokkoon keenya jireenya keenya keessatti Yihowaan Qaama hunda caalu akka taʼe argisiisuuf haa murteessinu.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Seensa Macaafa Qulqulluu Amaariffaa Addisuu Madabanyaa Tirgum jedhamu, fuula 6⁠rratti ibsa mataduree xiqqaa “Malakotaawiiwu Sim” jedhu jala jiru ilaali.

^ key. 7 Namoonni Macaafa Qulqulluurratti ibsa kennan tokko tokko, yaanni “gogaan qooda gogaati” jedhu, Iyoob gogaansaa ykn lubbuunsaa hamma hin tuqamnetti, ofittummaadhaan kakaʼee, ijoolleensaafi horiiwwansaa gogaasaanii ykn lubbuusaanii akka dhaban ni heyyama jechuu taʼuu akka dandaʼu amanu. Warri kaanimmoo, yaanni kun namni tokko jireenyasaa oolchuuf jecha hamma tokko gogaasaa dhabuuf fedhii akka qabaatu kan argisiisu taʼuusaa amanu. Fakkeenyaaf, namni tokko wanta mataasaa dhaʼuuf jedhu ofirraa ittisuuf harkasaa ofirra qabachuu dandaʼa; kana jechuun, qaamasaa isa tokko oolchuuf qaamasaa isa kaanirra balaan akka gaʼu heyyama jechuudha. Hiiknisaa maaliyyuu yoo taʼe, Iyoob lubbuusaa dhabuu mannaa waan hundumaa gammachuudhaan kenna yaada jedhu dabarsa.

Haalawwan Armaan Gadiirraa Maal Barachuu Dandeenya?

• akkaataa Seexanni Hewwaaniin itti gowwoomserraa,

• Iyoob haalawwan gaddisiisaa taʼan yommuu isarra gaʼan deebii inni kennerraa,

• wanta Yesus hunda caalaa irratti xiyyeeffaterraa

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 17

Hewwaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduuf dursa hin kennine

[Fakkii fuula 18]

Yesus qorumsawwan Seexanaa moʼuudhaan fedha Yihowaa raawwachuurratti xiyyeeffateera

[Fakkii fuula 20]

Sochoʼa lafaa Heeyitiirra gaʼe booda dunkaanaa gara dunkaanaatti lallabuu

Haalawwan nama dhiphisan yommuu nurra gaʼan “Waaqayyo jajjabina hundumaa” kadhachuu dandeenya