Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristos Isa Geggeessaa Mudaa Hin Qabne Duukaa Buʼuu

Kiristos Isa Geggeessaa Mudaa Hin Qabne Duukaa Buʼuu

Kiristos Isa Geggeessaa Mudaa Hin Qabne Duukaa Buʼuu

NAMOONNI geggeessitoota ilmaan namoota duukaa buʼan yeroo baayʼee abdii kutatu. Haalli namoota qajeelfama Kiristosiif bitamanii garuu kanarraa addadha. Yesus, “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, baʼaanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu” jedheera. (Mat. 11:28, 29) Qajeelfamni Yesus, kan nama haaromsuufi kan nama jajjabeessudha. Namoota garaansaanii cabeefi cunqurfamaniif garaadhaa waan gadduuf, waanjoosaa isa nama hin dhibne jala akka galan isaan afeereera. Haataʼu malee, qajeelfama Yesus duukaa buʼuun maal dabalata?

Phexros ergamaan, “Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 2:21) Faana Yesus duukaa buʼuun keenya hammam barbaachisaadha? Namootaa wajjin taatee naannoo boombiin awwaalame keessa darbaa jirta haa jennu; isin keessaa akkamitti of eeggannoodhaan achi keessa darbuun akka dandaʼamu kan beeku nama tokko qofadha. Tarii bakka inni ejjete ejjechuudhaan, sirriitti isa duukaa buʼuu hin qabduu? Haaluma wal fakkaatuun, nageenyi keenya gara fuulduraa jireenya keenya keessatti faana Kiristos duukaa buʼuu keenyarratti kan hundaaʼedha. Kunimmoo, isa dhaggeeffachuu, isaaf ajajamuufi namoota inni bakka buufatee wajjin waltaʼanii jiraachuu kan dabalatudha.

Dhaggeeffadhuu Hojiirra Oolchi

Yesus, xumura Haasaasaa Isa Gaaraarratti akkas jedheera: “Namni dubbii koo dhaggeeffatee akka isaatti hojjetu hundinuu nama ogeessa mana isaa dhagaa irratti ijaarratetti in fakkeeffama. Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, qilleensis qilleensaʼee, mana sanatti buʼan; manichi garuu hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef, hin jigne.”—Mat. 7:24, 25.

Yesus, namni dubbiisaa dhaggeeffatuufi hojiirra oolchu “ogeessa” akka taʼe dubbateera. Garaadhaa ajajamuudhaan, fakkeenya Kiristos nuu kaaʼe akka kabajnuufi bakka guddaa akka kenninuuf ni argisiisnaa? Moo, abboommiiwwan Yesus keessaa isa salphaa taʼe ykn nutti tolu qofa filachuutu nutti salphata? Yesus, ‘Ani yeroo hundumaa kan Waaqayyoon gammachiisun hojjedha’ jedheera. (Yoh. 8:29) Fakkeenyasaa kana hordofuuf haa carraaqnu.

Jaarraa jalqabaatti, ergamoonni Yesus qajeelfama Kiristosiif ajajamuudhaan fakkeenya gaarii taʼaniiru. Yeroo tokko Phexros, Yesusiin, “Kunoo, nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buuneerra” jedhee ture. (Mar. 10:28) Dhugaadha, ergamoonni Yesus qajeelfamnisaa bakka guddaa akka qabu waan hubataniif, isa duukaa buʼuuf jecha fedhiidhaan wantoota kaan dhiisaniiru.—Mat. 4:18-22.

Bakka Buʼoota Kiristos Wajjin Waltaʼaa

Yesus, duʼuusaa yeroo muraasa dura karaa qajeelfamasaa hordofuu itti dandeenyu kan biraa caqaseera. “Namni isa ani erge simatu ana simachuu isaa ti” jedheera. (Yoh. 13:20) Yesus, dibamtoonni bakka buʼootasaa taʼan “obboloota” isaa akka taʼan dubbateera. (Mat. 25:40) Duʼaa kaʼee gara samii erga dhaqee booda, ‘obboloonnisaa’ ‘qooda Kiristos taʼanii’ afaan isaaf taʼuudhaan, namoonni kaan Yihowaa wajjin akka araaraman afeeruuf muudamaniiru. (2 Qor. 5:18-20) Qajeelfama Kiristos hubachuun “obboloota” isaatiif ajajamuu dabalata.

Gorsa barbaachisaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi barreeffamoota keenyarratti baʼuuf deebii akkamii akka kenninu of qoruun keenya barbaachisaadha. Caaffata Qulqullaaʼoo qorachuufi walgaʼiiwwan gumiirratti argamuun keenya, qajeelfama Kiristos kenne nu yaadachiisa. (2 Phe. 3:1, 2) Yeroo hundumaa nyaata hafuuraa nuu dhihaatu soorachuudhaan, dinqisiifannaa dhugaa qophii kanaaf qabnu argisiisna. Haataʼu malee, gorsawwan tokko tokko darbee darbee kan irra deddeebiʼaman yoo taʼe maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Fakkeenyaaf, Dubbiin Waaqayyoo Kiristiyaanonni “nama amane” qofa hiriyaa gaaʼelaa akka godhatan gorsa kenna. (1 Qor. 7:39) Dhimma kana ilaalchisee, waggaa dhibbaa oliif Masaraa Eegumsaarratti irra deddeebiʼamee barumsi kennamaa tureera. Obboloonni Kiristos, barumsa gorsa kanaafi kan biraa wajjin wal qabate maxxansuudhaan, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qabnu akka isaan yaaddessu argisiisaa akka jiran beekamaadha. Yaadachiisawwan akkasiitiif xiyyeeffannaa kennuun keenya, Geggeessaa keenya isa mudaa hin qabne kan taʼe Yesus Kiristos duukaa buʼaa akka jirru karaa itti argisiisnu keessaa tokkodha.

Fakkeenyi 4:18, “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti” jedha. Eeyyee, qajeelfamni Yesus kennu guddina kan godhudha malee bakka tokko kan dhaabatu miti. Karaan “obboloota” Kiristosii wajjin itti wal taanu inni kaanimmoo, jijjiirama dhugaa Caaffata Qulqullaaʼoo kanaan dura qabnurratti godhameefi “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” maxxanse kamiifiyyuu ilaalcha sirrii qabaachuudha.—Mat. 24:45.

Ilaaltota olaanaa gumii Kiristiyaanaa keessatti muudamanii wajjin wal taʼuudhaanis, “obboloota” Kiristosiif akka ajajamnu ni argisiisna. Phaawulos ergamaan, “Geggeessituun keessan . . . waaʼee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf!” jedheera. (Ibr. 13:17) Fakkeenyaaf, jaarsi gumii tokko, yeroo hundumaa Waaqeffannaa Maatii gochuun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee jajjabina nuu kenna; yookiinimmoo bifawwan tajaajilaa tokko tokkorratti yaada nuu kenna taʼa. Daawwataa olaanaan tokko, bifa jireenya Kiristiyaanummaa tokko ilaalchisee Caaffata Qul1ullaaʼoorraa gorsa gaarii nuu kennuu dandaʼa. Gorsa akkasii fedhiidhaan hojiirra oolchuun keenya, Yesusiin akka Geggeessaa keenyaatti duukaa akka buunu argisiisa.

Kan nama gaddisiisu, biyyi lafaa geggeessaa gaarii hin arganne. Taʼuyyuu, qajeelfama Kiristos isa jaalalarratti hundaaʼe duukaa buʼuun baayʼee nama gammachiisa! Yoosuu, Geggeessaa keenyaaf haa ajajamnu, akkasumas namoota inni yeroo harʼaa itti fayyadamaa jiruu wajjin wal haa taanu.

[Fakkiiwwan fuula 27]

Gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo nama hin amannee wajjin akka hin michoomne sii kennamu ni fudhattaa?