Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatiiwwan Kiristiyaanaa—‘Dammaqoo Taʼaa’

Maatiiwwan Kiristiyaanaa—‘Dammaqoo Taʼaa’

Maatiiwwan Kiristiyaanaa​—‘Dammaqoo Taʼaa’

“Egaa kottaa in dammaqnaa, of in qabnas.”​—1 TAS. 5:6.

1, 2. Maatiin tokko karaa hafuuraa dammaqaa taʼee jiraachuudhaan milkaaʼina akka argatu wanti godhamuu qabu maalidha?

PHAAWULOS ERGAMAAN, ‘Guyyaa Waaqayyoo isa guddaafi sodaachisaa’ taʼe ilaalchisee, “Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra gaʼuu hin dandaʼu. Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti. Egaa kottaa in dammaqnaa, of in qabnas malee, akka warra kaanii rafuu in dhiifnaa” jechuudhaan Kiristiyaanota Tasaloniiqeetiif barreesseera.​—Yoe. 2:31; 1 Tas. 5:4-6.

2 Gorsi Phaawulos warra Tasaloniiqeetiif kenne, keessumaa Kiristiyaanota “bara isa dhumaa” keessa jiraataniif barbaachisaadha. (Dan. 12:4) Seexanni, dhumni sirna hamaa kanaa dhihaachaa yommuu jiru kanatti hamma isaa dandaʼame waaqeffattoonni dhugaa baayʼeen Waaqayyoon tajaajiluu akka dhiisan gochuuf murteesseera. Kanaafuu, gorsa Phaawulos karaa hafuuraa dammaqoo taanee akka jiraannu kenne hordofuun keenya barbaachisaadha. Maatiiwwan Kiristiyaanaa dammaqinaan jiraachuu yoo barbaadaan, miseensonni maatii hundi itti gaafatamummaa Yihowaan isaanii kenneefi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame raawwachuunsaanii barbaachisaadha. Maatiin ‘dammaqaa’ taʼee akka jiraatu gargaaruuf gaʼeen abbaan manaa, haati manaafi ijoolleen qaban maalidharee?

Abbootiin Manaa​—‘Tiksee Isa Gaarii’ Hordofaa

3. Akka 1 Ximotewos 5:8 jedhutti itti gaafatamummaan dhiirri mataa maatii taʼe tokko qabu maal dabalata?

3 Macaafni Qulqulluun, “abbaan manaa mataa haadha manaa” akka taʼe dubbata. (1 Qor. 11:3) Itti gaafatamummaan dhiirri tokko mataa maatii taʼuudhaan qabu maal kan dabalatudha? Macaafni Qulqulluun, “Namni tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu dhaabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti” jedha. (1 Xim. 5:8) Abbaan manaa tokko wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuu akka qabu beekamaadha. Maatiinsaa karaa hafuuraa dammaqaa taʼee akka jiraatu gargaaruu yoo barbaade garuu, qarshii maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuu caalaa wanti gochuu qabu jira. Miseensonni maatiisaa hundi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaban akka cimsatan gargaaruudhaan, karaa hafuuraa isaan ijaaruunsaa barbaachisaadha. (Fak. 24:3, 4) Kana gochuu kan dandaʼu akkamitti?

4. Namni tokko maatiisaa karaa hafuuraa ijaaruurratti milkaaʼina akka argatu maaltu isa gargaaruu dandaʼa?

4 “Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa” waan taʼeef, abbaan manaa tokko Yesus waldaadhaaf [gumiidhaaf] mataa akkamii akka taʼe qoruufi fakkeenyasaa hordofuu qaba. (Efe. 5:23) Yesus walitti dhufeenya duuka buutotasaa wajjin qabu akkamitti akka ibse ilaali. (Yohannis 10:14, 15 dubbisi.) Namni tokko maatiisaa karaa hafuuraa ijaaruurratti milkaaʼina akka argatu wanti isa gargaaru inni guddaan maalidha? Yesus ‘tiksee gaarii’ taʼuudhaan maal akka dubbate, akkasumas hojjete qayyabachuufi ‘faanasaa duukaa buʼuudha.ʼ—1 Phe. 2:21.

5. Tiksee inni Gaariin waaʼee gumichaa beekumsa akkamii qaba?

5 Fakkeenyaaf, walitti dhufeenyi tiksee tokkoofi hoolotasaa gidduu jiru beekumsaafi wal amantaarratti kan hundaaʼedha. Tikisichi waaʼee hoolotasaa waan hundumaa beeka; hoolonnis tikisicha beeku, akkasumas isatti ni amanamu. Kana malees, sagaleesaa adda baasanii kan beekan taʼuusaarrayyuu ni ajajamuuf. Yesus, “Ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku” jedheera. Gumicha kan beeku irra keessa miti. Jechi afaan Giriikii “beekuu” jedhamee hiikame “dhuunfaadhaan, akka gaariitti beekuu” kan argisiisudha. Eeyyee, Tiksee inni Gaariin hoolotasaa dhuunfaatti beeka. Dhuunfaatti maal akka isaan barbaachisus taʼee, dadhabinasaaniifi jabinasaanii beeka. Hoolotasaa ilaalchisee wanti isa jalaa dhokate hin jiru. Hoolonnisaas tikisicha akka gaariitti beeku, akkasumas qajeelfama inni isaanii kennutti ni amanamu.

6. Abbootiin manaa Tiksee isa Gaarii hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

6 Abbaan manaa tokko fakkeenya Kiristos hordofuudhaan itti gaafatamummaa qabu raawwachuu akka dandaʼu, inni tiksee akka taʼetti of ilaaluu, warra isa jala jiranimmoo hoolota akka taʼanitti ilaaluu barachuu qaba. Maatiisaa akka gaariitti beekuufis carraaquu qaba. Abbaan manaa tokko beekumsa akkasii qabaachuu ni dandaʼaa? Eeyyee, miseensota maatiisaa hundaa wajjin akka gaariitti kan mariʼatu, wantoota isaan yaaddessan yeroo dubbatan kan dhaggeeffatu, sochiiwwan maatiirratti dursa kan fudhatu, waaqeffannaa maatii gochuu, walgaʼiirratti argamuu, tajaajilarratti hirmaachuu, bashannanuufi bohaaruu ilaalchisee murtoo gaarii kan godhu yoo taʼe, maatiisaa akka gaariitti beekuu dandaʼa. Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu akka gaariitti kan baratu, akkasumas fakkeenya taʼuufi murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf miseensota maatiisaa sirriitti kan beeku yoo taʼe, isaanis matummaasaarratti amantaa qabaachuu kan dandaʼan taʼuusaarrayyuu, innis yommuu isaan waaqeffannaa dhugaatti tokko taʼan arguudhaan gammaduunsaa hin oolu.

7, 8. Abbaan manaa tokko warra tiksutti jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Tiksee isa Gaarii hordofuu kan dandaʼu akkamitti?

7 Tiksee gaariin tokko hoolotasaa ni jaallata. Seenaa Wangeelonni waaʼee jireenyaafi tajaajila Yesus dubbatan yommuu qayyabannu, garaan keenya jaalala Yesus bartootasaatti argisiise ni dinqisiifata. Yesus, ‘lubbuusaallee hoolotasaatiif kenneera.’ Abbootiin manaa warra tiksaniif jaalala argisiisuudhaan Yesusiin fakkaachuu qabu. Abbaan manaa Waaqayyo duratti fudhatama argachuu barbaadu tokko, haadha manaasaa gara jabinaan qabuufi hacuucuu mannaa, “Kristos akkuma waldaa Kristiyaanaa jaallate” ishee jaallachuusaa itti fufa. (Efe. 5:25) Kabaja argachuun waan isheedhaa maluuf, wanti inni dubbatu akka isheedhaa yaadu kan argisiisu taʼuu qaba.—1 Phe. 3:7.

8 Mataan maatii, ijoollee yommuu leenjisu seerawwan buʼuuraa Waaqayyoo sirriitti hordofuu qaba. Haataʼu malee, ijoolleesaatti jaalala argisiisuunsaas barbaachisaadha. Adaba barbaachisu karaa akka isaan jaallatu argisiisuun kennuu qaba. Ijoolleen tokko tokko akka ijoollee kaanii wanta isaanirraa eegamu dafanii hubachuu dhiisuu dandaʼu. Yeroo akkasiitti, abbaan obsa guddaa isaanitti argisiisuu qaba. Dhiironni yeroo hundumaa fakkeenya Yesus kan hordofan yoo taʼe, mana keessatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatu godhu. Maatiinsaanii nageenya hafuuraa faarfatichi waaʼeesaa faarfatee wajjin wal fakkaatu argata.—Faarfannaa 23:1-6 dubbisi.

9. Akkuma Nohi isa abbaa amantii taʼee, abbootiin manaa Kiristiyaana taʼan itti gaafatamummaa akkamii qabu? Itti gaafatamummaa kana baʼuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?

9 Abbaa amantii kan ture Nohi, yeroo dhumaa barasaatti ture keessa jiraateera. Haataʼu malee, Yihowaan ‘warra Waaqayyo malee jiraatanirratti bishaan yommuu lolaase, Nohiin namoota biraa torbaa wajjin oolcheera.’ (2 Phe. 2:5) Nohi maatiinsaa Bishaan Badiisaarraa akka oolu gargaaruuf itti gaafatamummaa qaba ture. Kiristiyaanonni mataa maatii taʼaniifi bara dhumaa kanatti jiraatanis itti gaafatamummaa kanaa wajjin wal fakkaatu qabu. (Mat. 24:37) Fakkeenya ‘tiksee isa gaarii’ qayyabachuufi hordofuuf carraaqqii gochuunsaanii barbaachisaa mitii?

Haadhotiin Manaa​—‘Mana Keessan Ijaaraa’

10. Haati manaa tokko abbaa manaasheetiif abboomamuu qabdi jechuun maal jechuudha?

10 Phaawulos, “Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu!” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 5:22) Yaanni kun karaa kamiiniyyuu haati manaa iddoo gad aanaa akka qabdu kan argisiisu miti. Waaqayyo, dubartii ishee jalqabaa kan taate Hewwaaniin uumuusaa dura, “Namichi kophaa isaa taʼuun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha” jechuudhaan dubbatee ture. (Uma. 2:18) Gaʼeen ‘gargaartuu’ akka taatu isheedhaa kenname, jechuunis yeroo abbaan manaashee itti gaafatamummaa maatii keessatti qabu raawwatu isa deggeruunshee mirga guddaadha.

11. Haati manaa fakkeenya taatu tokko ‘manashee kan ijaartu’ akkamitti?

11 Haati manaa fakkeenya taatu tokko wanta maatiisheetiif fayyadu gooti. (Fakkeenya 14:1 dubbisi.) Dubartii gowwaa qophii matummaatiif kabaja hin argisiisnerraa haala faallaa taʼeen, dubartiin ogeettii taate qophii kanaaf kabaja guddaa qabdi. Ajajamuu diduufi ofiin of bulchuu isa amala biyya lafaa taʼe argisiisuu mannaa, hiriyaa gaaʼelaasheetiif ni ajajamti. (Efe. 2:2) Haati manaa gowwaa taate tokko waaʼee abbaa manaashee wanta gadhee taʼe dubbachuurraa duubatti kan hin jenne siʼa taʼu, haati manaa ogeettii taate garuu, kabajni ijoolleensheefi namoonni kaan isaaf qaban akka dabalu gooti. Haati manaa akkasii, abbaa manaashee qaaqsuu ykn falmuudhaan kabajni inni mataa taʼuudhaan qabu akka hirʼatu gochuurraa of eeggatti. Akkasumas qusannaadhaan ni beekamti. Dubartii gowwaan, qabeenya maatiinshee jabaatee hojjechuudhaan argate ni qisaasti. Haati manaa gargaartuu taate akkas miti. Qarshii wajjin haala wal qabateen abbaa manaashee ni deggerti. Akkaataan isheen itti waa hojjettu ogummaa akka qabduufi qusattuu akka taate argisiisa. Abbaan manaashee qarshii argachuuf saʼaatii dabalataa akka hojjetu hin dirqisiistu.

12. Haati manaa, maatiinshee ‘dammaqaa’ taʼee akka jiraatu gargaaruuf maal gochuu dandeessi?

12 Haati manaa fakkeenya taatu, ijoolleesheetiif barumsa hafuuraa kennuurratti abbaa manaashee gargaaruudhaan maatiinshee ‘dammaqaa’ akka taʼu gooti. (Fak. 1:8) Sagantaa Waaqeffannaa Maatii dammaqinaan deggerti. Kana malees, yommuu abbaan manaashee ijoolleesaaniitiif gorsaafi adaba kennu isa ni deggerti. Haati manaa ogeettii taate, haadha manaa abbaa manaashee deggeruu diduudhaan ijoolleenshee karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa akka miidhaman gooturraa baayʼee addadha!

13. Haati manaa tokko abbaan manaashee sochii tiʼookraasiirratti yeroo hirmaatu isa deggeruunshee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

13 Haati manaa gargaartuu taate, gaʼee guddaa abbaan manaashee gumii keessatti qabu yommuu argitu maaltu isheetti dhagaʼama? Ni gammaddi! Abbaan manaashee tajaajilaa gumii, jaarsa ykn tarii miseensa Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisuus taʼe miseensa Koree Ijaarsa Naannoo, mirga inni qabu kamittiyyuu ni gammaddi. Jechaanis taʼe gochasheetiin abbaa manaashee deggeruun, aarsaa kaffaluu akka ishee gaafatu hin shakkisiisu. Haataʼu malee, abbaan manaashee sochiiwwan tiʼookiraasiirratti hirmaachuunsaa guutummaan maatichaa karaa hafuuraa dammaqaa akka taʼu akka gargaaru beekti.

14. (a) Haadha manaa gargaartuu taateef maaltu rakkisaa taʼuu dandaʼa? Yeroo kanatti maal gochuu qabdi? (b) Haati manaa nageenya guutummaa maatichaatiif gumaacha kan gootu akkamitti?

14 Haati manaa yeroo abbaan manaashee murtoo isheen irratti walii hin galle godhu, gargaartuu taʼuudhaan fakkeenya taʼuun ishee rakkisuu dandaʼa. Haataʼu male, yeroo kanattillee “hafuura garraamummaa fi gabii” kan qabaattu yommuu taʼu, murtoonsaa akka galma gaʼu deggeruushee itti fufti. (1 Phe. 3:4) Kana malees haati manaa gaariin, fakkeenya dubartoota nama waaqayyoo taʼan durii kan akka Saaraa, Ruut, Abigaayiliifi haadha Yesus kan taate Maariyaam hordofuuf carraaqqii gooti. (1 Phe. 3:5, 6) Akkasumas, dubartoota dulloomoo yeroo harʼaa jiraniifi ‘amala warra qulqullootaa argisiisan’ hordofti. (Tit. 2:3, 4) Haati manaa fakkeenya taatu, abbaa manaasheetiif jaalalaafi kabaja qabaachuudhaan, milkaaʼina gaaʼelasaaniitiifi nageenya guutummaa maatichaatiif gumaacha guddaa gooti. Mannishee gammachuufi nagaa qaba. Nama hafuuraan geggeeffamuuf, haati manaa gargaartuu taate gatii guddaa qabdi.—Fak. 18:22.

Dargaggootaa—‘Wanta Ijaan Hin Argamne Ilaalaa’

15. Dargaggoonni maatiinsaanii ‘dammaqaa’ akka taʼu gochuurratti warrasaanii gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

15 Isin dargaggoonni, maatiin keessan karaa hafuuraa ‘dammaqaa’ akka taʼuuf warra keessan gargaaruudhaan gaʼee keessan raawwachuu kan dandeessan akkamitti? Badhaasa Yihowaan isin dura kaaʼe ilaalaa. Tarii warri keessan ijoollummaa keessanii kaasanii fakkii jireenya Jannata keessatti argamu ibsu isinitti argisiisaniiru. Yeroo guddachaa adeemtanimmoo, jireenyi barabaraa addunyaa haaraa keessatti argamu maal akka fakkaatu yaadaan akka ilaaltan isin gargaaruuf, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanitti fayyadamuu hin oolan. Iji keessan Yihowaa tajaajiluurratti akka xiyyeeffatu gochuufi haala kanaa wajjin walsimuun jireenya keessaniif galma baafachuun ‘dammaqoo’ taʼuuf isin gargaara.

16, 17. Dargaggoonni dorgommee jireenyaarratti milkaaʼina argachuuf maal gochuu dandaʼu?

16 Yaada Phaawulos ergamaan dubbateefi 1 Qorontos 9:24⁠rratti argamu qalbeeffadhaa. (Dubbisi.) Dorgommee jireenyaa guutummaatti akka mootan yaaduudhaan fiigaa. Hojii badhaasa jireenya barabaraa isiniif argamsiisu filadhaa. Namoonni baayʼeen, qabeenya hordofuun ijisaanii badhaasicharratti akka hin xiyyeeffanne gochuudhaan yaadasaanii akka hihhiru heyyamaniiru. Kun gowwummaa guddaa mitii! Qabeenya argachuurratti xiyyeeffachuun gammachuu dhugaa hin argamsiisu. Wantoonni qarshiin bituu dandaʼu yeroo muraasaaf qofa kan turanidha. Isin garuu, “wanta ijaan hin argamne” ilaalaa. Maaliif? ‘Wanti ijaan hin argamne kan barabaraa’ waan taʼeefidha.—2 Qor. 4:18.

17 “Wanti ijaan hin argamne” eebbawwan Mootummichaa kan dabalatudha. Karaa eebbawwan kana argachuuf isin dandeessisuun jiraachuuf karoorfadhaa. Gammachuu dhugaan, jireenya keessan Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuurraa argama. Waaqa dhugaa tajaajiluun, galmawwan yeroo gabaabaafi yeroo dheeraarra gaʼuuf carraa argamsiisa. * Galmawwan hafuuraa irra gaʼamuu dandaʼan baafachuun keessan, badhaasa jireenya barabaraa akka argattan beekuudhaan Waaqayyoon tajaajiluurratti akka xiyyeeffattan isin gargaaruu dandaʼa.—1 Yoh. 2:17.

18, 19. Dargaggeessi tokko dhugaa kan ofiisaa godhachuufi dhiisuusaa akkamitti beekuu dandaʼa?

18 Dargaggootaa, karaa jireenya barabaraarra adeemuuf tarkaanfiin jalqabaa, Yihowaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya qabaachuudha. Tarkaanfii kana fudhattaniittuu? Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Ani nama hafuuraatimoo, hirmaannaan ani sochiiwwan hafuuraarratti godhu warra koorratti kan hundaaʼedha? Amalawwan Waaqayyoon akkan gammachiisu na godhan horadheeraa? Sochiiwwan waaqeffannaa dhugaa wajjin wal qabatan, kan akka yeroo hundaa kadhachuu, qayyabachuu, walgaʼiirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu jiran utuu walirraa hin kutin raawwachuuf carraaqqii nan godhaa? Walitti dhufeenya cimaa Waaqayyoo wajjin qabu guddifachuudhaan isatti dhihaachaan jiraa?ʼ—Yaq. 4:8.

19 Fakkeenya Museerratti xiinxalaa. Museen aadaa biyya ormaa dhiibbaa isarra geessisu keessa kan ture taʼus, ilma intala Faraʼoon taʼuudhaan beekamuu mannaa, nama Yihowaa waaqeffachuudhaan beekamu taʼuu filateera. (Ibroota 11:24-27 dubbisi.) Dargaggoonni Kiristiyaana taatanis amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluuf murteessuun isin barbaachisa. Kana gochuudhaan, gammachuu dhugaa argattu; yeroo ammaa jireenya hunda caalaa gaarii taʼe jiraattu, akkasumas ‘jireenya dhugaa harka keessa galfachuuf’ abdii qabaattu.—1 Xim. 6:19.

20. Dorgommee jireenyaarratti badhaasa kan argatu eenyudha?

20 Dorgommee fiigichaa bara durii godhamurratti kan moʼu nama tokko qofa ture. Dorgommee jireenyaaf godhamurratti garuu akkas miti. “Namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka gaʼu” fedha Waaqayyooti. (1 Xim. 2:3, 4) Namoonni baayʼeen isin dura turan fiiguudhaan milkaaʼina argataniiru, namoonni baayʼeenimmoo isinii wajjin fiigaa jiru. (Ibr. 12:1, 2) Warri fiiguusaanii itti fufan hundi badhaasa argatu. Kanaafuu hamma dhumaatti fiiguuf godhaa!

21. Mataduree itti aanurratti waaʼee maaliitu ibsama?

21 ‘Guyyaan Waaqayyoo inni guddaaniifi sodaachisaan dhufuunsaa’ kan hin oolledha. (Mil. 4:5) Guyyaan sun maatiiwwan Kiristiyaanaa utuu hin beekin isaanirra gaʼuu hin qabu. Miseensonni maatii hundi itti gaafatamummaasaanii isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame raawwachuunsaanii barbaachisaadha. Karaa hafuuraa dammaqoo taatanii jiraachuufi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdan cimsachuuf wanti isin gargaaruu dandaʼu gara biraan maalidha? Matadureen itti aanu wantoota nageenya hafuuraa maatiirratti dhiibbaa geessisan sadii ibsa.

[Miiljalee]

^ key. 17 Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 15, 2010, fuula 12-16; Adoolessa 15, 2004, fuula 21-23 ilaali. (Amaariffa)

Maal Baratte?

• Maatiiwwan Kiristiyaanaa ‘dammaqoo’ taʼuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

• Abbaan manaa tokko fakkeenya Tiksee isa Gaarii hordofuu kan dandaʼu akkamitti?

• Haati manaa fakkeenya taatu tokko abbaa manaashee deggeruuf maal gochuu dandeessi?

• Dargaggoonni maatiinsaanii karaa hafuuraa dammaqaa akka taʼu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9]

Abbaa manaa nama hafuuraa taʼeef haati manaa gargaartuu taate iddoo guddaa qabdi