Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatiiwwan Kiristiyaanaa—‘Qophaaʼaa Taaʼaa’

Maatiiwwan Kiristiyaanaa—‘Qophaaʼaa Taaʼaa’

Maatiiwwan Kiristiyaanaa—‘Qophaaʼaa Taaʼaa’

“Ilmi namaa yeroo isin isa hin eegnetti waan dhufuuf, isinis immoo qophooftanii taaʼuutu isin irra jira!LUQ. 12:40.

1, 2. Gorsa Yesus ‘qophoofnee akka teenyu’ kenne qalbeeffachuu kan qabnu maaliifi?

YOMMUU ‘Ilmi namaa ulfina isaatiin dhufuufi namoota gargar foʼu’ isiniifi maatii keessanirra maaltu gaʼa laata? (Mat. 25:31, 32) Kun kan raawwatamu saʼaatii nuyi hin eegnetti waan taʼeef, gorsa Yesus ‘qophoofnee akka teenyu’ kenne qalbeeffachuun keenya barbaachisaadha.—Luq. 12:40.

2 Mataduree darberratti, tokkoon tokkoon miseensa maatii itti gaafatamummaasaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennuudhaan, guutummaan maatichaa karaa hafuuraa dammaqaa taʼee akka jiraatu akkam itti gargaaruu akka dandaʼu ibsamee ture. Mee karaa gara biraa nageenya hafuuraa maatii keenyaatiif gumaacha gochuu itti dandeenyu haa ilaallu.

Ija “Fayyaa” Qabaadhaa

3, 4. (a) Maatiiwwan Kiristiyaanaa maalirraa of eeggachuu qabu? (b) Ija “fayyaa” qabaachuu jechuun maal jechuudha?

3 Maatiiwwan dhufa Kiristosiif qophaaʼoo taʼuuf, xiyyeeffannaansaanii dhimmawwan waaqeffannaa dhugaa wajjin wal qabatanirraa akka hin fudhatamne of eeggannoo gochuu qabu. Wantoota yaada namaa hihhiraniin karaarraa akka hin maqne of eeggannoo gochuun isaan barbaachisa. Qabeenya jaallachuun maatiiwwan hedduun kiyyoo keessa akka galan waan godheef, ‘ija fayyaa’ qabaachuu ilaalchisee Yesus maal akka jedhe hubadhaa. (Maatewos 6:22, 23 dubbisi.) Akkuma ibsaan karaa keenyarratti ifuudhaan utuu hin gufatiin akka adeemnu nu gargaaru, wanti ‘ija qalbii’ keenya isa fakkeenyaan ibsameen ilaallus, hubannaa nuu kennuudhaan, utuu hin gufatin akka deddeebinu nu gargaaruu dandaʼa.—Efe. 1:18.

4 Iji keenya inni foonii sirriitti ilaaluu kan dandaʼu, akka gaariitti kan hojjetuufi wanta ilaalaa jirurratti xiyyeeffachuu kan dandaʼu yoo taʼedha. Ija qalbii wajjin haala wal qabateenis haallisaa kanarraa adda miti. Ija fayyaa fakkeenyaan ibsame qabaachuu jechuun, galma tokkorratti xiyyeeffachuu jechuudha. Jireenya qabeenyarratti xiyyeeffate jiraachuufi wanta karaa foonii maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuurratti garmalee dhiphachuu mannaa, iji keenya dhimmawwan hafuuraarratti akka xiyyeeffatu goona. (Mat. 6:33) Kana jechuun, wanta qabnutti gammaduudhaan, jireenya keenya keessatti tajaajila Waaqayyootiif dursa kennina jechuudha.—Ibr. 13:5.

5. Shamarreen umrii waggoota kurnanii keessa jirtu tokko, ‘ijishee’ Waaqayyoon tajaajiluurratti akka xiyyeeffatu kan argisiiste akkamitti?

5 Ijoolleen ija fayyaa akka qabaatan leenjifamuunsaanii buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Fakkeenya shamarree umrii waggoota kurnanii keessatti argamtuufi Itoophiyaa keessa jiraattu tokkoo ilaalaa. Barumsasheetti cimtuu waan turteef, barumsa sadarkaa lammaffaa yommuu xumurtu, biyya alaa deemtee barumsa dabalataa akka barattu afeerriin isheedhaa dhihaate. Haataʼu malee, ijishee Yihowaa tajaajiluurratti akka xiyyeeffatu gootee waan turteef afeerrii isheedhaa dhihaate fudhachuu didde. Sana booda utuma baayʼee hin turin, hojii jiʼatti mindaa doolaara 4,200 argamsiisu akka hojjettu afeerriin kan isheedhaa dhihaate siʼa taʼu, qarshiin kun, mindaa giddu galeessaa biyyattii keessatti kaffalamuu wajjin yommuu walbira qabamu baayʼee guddaadha. “Iji” shamarree kanaa garuu qajeelchaa taʼuurratti kan xiyyeeffate ture. Hojicha dhiisuuf warrashee mariisisuun ishee hin barbaachisne. Warrishee wanta intallisaanii goote yommuu beekan maaltu isaanitti dhagaʼame? Ishee wajjin kan gammadan siʼa taʼu, baayʼee akka isheetti kooranis isheetti himaniiru.

6, 7. Balaa kam ‘ilaallachuu’ qabna?

6 Yaanni Yesus, Maatewos 6:22, 23⁠rratti dubbate sassata ilaalchisee akeekkachiisa of keessaa qaba. Yesus jecha ija “fayyaa” jedhu jecha ija “dhukkubsataa” jedhuu wajjin walbira qabeera. Afaan jalqaba ittiin barreeffameen jechi ‘ija dhukkubsataa’ jedhamee hiikame, “gadhee; hinaafaa,” jechuunis sassataa jedhamuus ni dandaʼa. (Mat. 6:23) Yihowaan sassataaf ilaalcha akkamii qaba? Macaafni Qulqulluun, “Halalummaan, xuraaʼummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhagaʼamin” jechuudhaan dubbata.—Efe. 5:3.

7 Namoonni kaan sassata akka qaban hubachuun salphaa taʼuu dandaʼus, sassanni nu keessa jiraachuusaa hubachuun salphaa miti. Kanaaf gorsa Yesus, “Ilaalladhaa, sassata hundumaattiis of eeggadhaa!” jechuudhaan kenne hordofuun keenya barbaachisaadha. (Luq. 12:15) Kana gochuuf, iji qalbii keenyaa maalirratti akka xiyyeeffate hubachuun keenya barbaachisaadha. Maatiiwwan Kiristiyaanaa yeroofi qarshii, bohaartii, bashannanaafi miʼa bituuf oolchanirratti gad fageenyaan yaaduu qabu.

8. Miʼa bituu wajjin haala wal qabateen ‘ilaallachuu’ kan dandeenyu akkamitti?

8 Wanta tokko bituu keenya dura, qarshii gaʼaa qabaachuufi dhiisuu keenya caalaa wanti yaaduu qabnu jira. Wantoota akka armaan gadii xiyyeeffannaa keessa galchaa: ‘Miʼichatti fayyadamuufi kunuunsuuf yeroo qabaa? Sirriitti itti fayyadamuu barachuuf yeroo hammamii fudhata?’ Dargaggootaa, beeksisa biyyi lafaa miʼawwan tokko tokko ilaalchisee dhiheessu hunda hin amaninaa; akkasumas warri keessan uffata ykn miʼa haaraa gatiinsaa miʼaa taʼe akka isinii bitan hin rakkisinaa. Of qabuu baradhaa. Kana malees, wanta tokko bituun, qophii maatiin keessan dhufa Ilma namaatiif godhurratti akkamitti dhiibbaa akka geessisu yaadaa. Abdii Yihowaan, “Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus” jechuudhaan kennerratti amantaa qabaadhaa.—Ibr. 13:5.

Galmawwan Hafuuraa Hordofaa

9. Galmawwan hafuuraa hordofuun maatii tokkoof maal gochuu dandaʼa?

9 Karaa gara biraan miseensonni maatii amantiisaanii itti jabeeffataniifi nageenya hafuuraa guutummaa maatichaatiif gumaacha itti godhan, galma hafuuraa baafachuufi hordofuudha. Miseensonni maatii kana gochuunsaanii, galma Yihowaa gammachiisuuf qabanirratti hangam guddina gochaa akka jiran gamaaggamuuf, akkasumas hojiin jireenyasaanii keessatti caalaatti barbaachisaa taʼe isa kam akka taʼe murteessuuf isaan gargaara.—Filiphisiiyus 1:10 dubbisi.

10, 11. Maatiidhaan taatanii galmawwan hafuuraa kam hordofaa jirtu? Gara fuulduraatti galmawwan akkamii baafachuu barbaaddu?

10 Galmawwan xixinnoo miseensonni maatii hundi irra gaʼuu dandaʼan baafachuunillee, faayidaa guddaa argamsiisuu dandaʼa. Caqasa guyyaa guyyaarratti yeroo hundaa mariʼachuu akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Yaanni miseensonni maatii kennan, mataan maatii, miseensonni maatiisaa karaa hafuuraa hammam cimoo akka taʼan akka hubatu isa gargaara. Yeroo hundaa maatiidhaan taʼanii Macaafa Qulqulluu dubbisuuf galma baafachuun, ijoolleen dandeettii dubbisuufi ergaa Macaafa Qulqulluu hubachuuf qaban akka fooyyessan carraa isaanii bana. (Kes. 17:19) Kadhannaa keenya fooyyessuuf galma baafachuu hin qabnuu? Bifawwan ija hojii hafuuraa caalaatti horachuunis galma gaarii hordofuu qabnudha. (Gal. 5:22, 23) Karaawwan namoota tajaajilarratti argannuuf jaalala itti argisiisnu barbaaduunoo? Maatiidhaan taʼanii kana gochuuf carraaquun, ijoolleen gara laafina argisiisuu akka baratan kan gargaaru taʼuusaarrayyuu, qajeelchaa ykn misiyoonii taʼanii tajaajiluuf caalaatti fedhii akka qabaatan gochuu dandaʼa.

11 Galmawwan isiniifi maatiin keessan hordofuu dandeessan tokko tokkorratti maaliif hin yaaddan? Maatiin keessan tajaajilarratti yeroo dabalataa dabarsuuf galma baafachuu dandaʼaa? Bilbilaan, karaarratti ykn bakka daldalaatti lallabuuf sodaa qabdan moʼuuf carraaquu dandeessuu? Bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluu dandeessuu? Namoota afaan gara biraa dubbataniif misraachicha lallabuuf jecha, maatii keessan keessaa namni tokko qooqa haaraa barachuu dandaʼaa?

12. Warri mataa maatii taʼan, maatiinsaanii karaa hafuuraa akka guddatu gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?

12 Warri mataa maatii taatan, maatiin keessan karaa hafuuraa gama kamiin guddina gochuu akka dandaʼu hubadhaa. Achiis karoora ifaa galma kanarra gaʼuuf isin gargaaru baafadhaa. Galmawwan maatiidhaan taatanii baafattan, qabatamaa kan taʼan, akkasumas akka haala keessaniifi dandeettii keessaniitti irra gaʼuu kan dandeessan taʼuu qabu. (Fak. 13:12) Dhugaadha, galma faayidaa qabu tokkorra gaʼuun yeroo gaafata. Kanaaf, yeroo televijiinii itti ilaaltanirraa hirʼisuudhaan galma hafuuraa hordofuuf itti fayyadamaa. (Efe. 5:15, 16) Galmawwan maatii keessaniif baastanirra gaʼuuf jabaadhaa hojjedhaa. (Gal. 6:9) Maatiin galma hafuuraa hordofu tokko, guddinnisaa ‘nama hundumaatti akka mulʼatu’ godha.—1 Xim. 4:15.

Waaqeffannaa Maatii Qabaadhaa

13. Sagantaa walgaʼii gumii torbanitti godhamanirratti jijjiiramni akkamii godhameera? Gaaffiiwwan kam of gaafachuu qabna?

13 Maatiiwwan dhufa Ilma namaatiif ‘qophaaʼanii akka taaʼan’ wanti gargaaru inni tokko, jijjiirama guddaa Amajjii 1, 2009 jalqabee sagantaa walgaʼii torbaniirratti godhamedha. Qayyabannaan Kitaabaa, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiifi Walgaʼii Tajaajilaa wajjin guyyaa tokko akka taʼu waan godhameef, qayyabannaa kanaaf guyyaa adda taʼetti walgaʼuun hafeera. Sirreeffamni kun kan godhame, maatiiwwan Kiristiyaanaa torbanitti galgala tokko waaqeffannaa maatiitiif ramaduudhaan maatiisaanii karaa hafuuraa jabeessuuf carraa akka argatan yaadameeti. Jijjiiramni kun erga godhamee yeroon hammi tokko waan darbeef akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yeroo argame kana Waaqeffannaa Maatii ykn qayyabannaa dhuunfaa gochuuf itti fayyadamaan jiraa? Kaayyoo qophiin kun itti godhameef galmaan gaʼuurrratti milkaaʼina argadheeraa?’

14. (a) Kaayyoon Waaqeffannaa Maatii ykn qayyabannaa dhuunfaa itti goonuuf inni guddaan maalidha? (b) Qayyabannaadhaaf galgala tokko ramaduun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

14 Kaayyoon Waaqeffannaan Maatii ykn qayyabannaan dhuunfaa itti godhamuuf inni guddaan, caalaatti Waaqayyotti dhihaachuudha. (Yaq. 4:8) Yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu yommuu dubbisnuufi Uumaa keenya beekuutti yommuu guddannu, walitti dhufeenyi isaa wajjin qabnu ni cima. Caalaatti Yihowaatti yommuu dhihaannu, fedhiin ‘garaa keenya guutuu, jireenya keenya guutuu, yaada keenya guutuufi humna keenya guutuu’ isa jaallachuuf qabnu ni guddata. (Mar. 12:30) Waaqayyoof abboomamuufi isa fakkaachuuf hawwii guddaa akka qabaannus beekamaadha. (Efe. 5:1) Kanaafuu, yeroo hundaa Waaqeffannaa Maatii gochuun keenya, miseensonni maatii keenyaa hundi ‘rakkina guddaa’ raajiidhaan dubbatame yommuu eegan kanatti, karaa hafuuraa ‘qophaaʼanii akka taaʼan’ gargaaruurratti gaʼee guddaa qaba. (Mat. 24:21) Waaqeffannaan Maatii badiisarraa ooluuf barbaachisaadha.

15. Waaqeffannaan Maatii ilaalcha miseensonni maatii waliif qabanirratti dhiibbaa gaarii akkamii geessisa?

15 Waaqeffannaan Maatii kaayyoo gara biraas kan qabu yommuu taʼu, kunis miseensonni maatii caalaatti akka walitti dhihaatan gargaaruudha. Miseensonni maatii torban torbaniin dhimmawwan hafuuraaratti mariʼachuudhaan yeroo waliin dabarsuunsaanii, ilaalcha waliif qabanirratti dhiibbaa gaarii geessisa. Hiriyoonni gaaʼelaa waliin taʼanii Macaafa Qulqulluurraa barachuudhaan yommuu gammachuu waliisaanii dhagaʼan baayʼee walitti dhihaatu. (Lallaba 4:12 dubbisi.) Warriifi ijoolleen waliin waaqeffatan, jaalala isa ‘wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhuun’ tokko taʼuunsaanii hin oolu.—Qol. 3:14.

16. Obboleettonni sadii galgala qayyabannaa Macaafa Qulqulluutiif ramadamerraa akkamitti akka fayyadaman ibsi.

16 Obboleettonni sadii, qophii galgala tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluutiif akka ramadnu godhamerraa akkamitti akka fayyadaman ilaalaa. Obboleettonni maanguddoon sadan abbootiin manaasaanii irraa duʼaniifi magaalaa tokko keessa jiraatan kun firooma kan hin qabne taʼus, waggoota hedduudhaaf michoota walii turan. Wal gaafachuudhaan yeroo kan waliin dabarsan taʼus caalaatti walitti dhihaachuu waan barbaadaniif, yeroon kun karaa hafuuraas faayidaa akka isaanii argamsiisuuf jecha, galgala tokko walgaʼanii Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf murteessan. Kitaaba, Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’ [Ingiliffa] jedhamutti fayyadamuudhaan qayyabannaasaanii jalqaban. Isaan keessaa isheen tokko akkas jetteetti: “Yeroo waliin dabarsinutti baayʼee waan gammannuuf, qayyabannaan keenya yeroo baayʼee saʼaatii tokkoo ol tura. Haala obboloonni keenya jaarraa jalqabaatti keessa turan yaadaan kan ilaallu taʼuusaarrayyuu, nuyis haala akkasii keessatti maal akka goonu irratti mariʼanna. Achiis qabxiiwwan maree keenyarraa baranne tajaajilarratti hojiirra oolchuuf yaalla. Kunis hojiin Mootummicha labsuufi bartoota gochuu, isa duraa caalaa gammachiisaafi buʼa qabeessa akka nuu taʼu godheera.” Qophiin kun, karaa hafuuraa isaan jabeessuu malees, michoonni sadan kun caalaatti akka walitti dhihaatan godheera. Obboleettonni kun, “Qophii kana baayʼee jaallanna” jedhaniiru.

17. Wantoonni Waaqeffannaan Maatii milkaaʼina akka qabaatu godhan maalfaʼi?

17 Isinoo, guyyaa waaqeffannaa maatiifi qayyabannaa dhuunfaa gochuuf ramadamerraa faayidaa akkamii argachaa jirtu? Qophiin kun darbee darbee kan godhamu yoo taʼe, galma yaadamerra gaʼuuf hin dandeessisu. Miseensonni maatii hundi saʼaatii murtaaʼe sanatti qayyabannicharratti argamuuf qophaaʼoo taʼuu qabu. Dhimmawwan xixinnoo taʼan sagantaa kanatti akka hin fayyadamne nu dhowwuu hin qaban. Kana malees, barreeffamoonni sagantaa kanarratti qayyabataman maatii keessaniif kan barbaachisan taʼuu qabu. Sagantaawwan qayyabannaa kana gammachiisaa gochuuf maal gochuu dandeessu? Mala barsiisuu buʼa qabeessa taʼetti fayyadamaa; akkasumas wal kabajuufi tasgabbiin akka jiraatu godhaa.—Yaq. 3:18. *

‘Dammaqaa,’ akkasumas ‘Qophaaʼaa Taaʼaa’

18, 19. Dhufaatiin Ilma namaa dhihoo taʼuusaa beekuun keessan, isiniifi maatii keessanirratti dhiibbaa gochuu kan qabu akkamitti?

18 Haalli biyya lafaa inni mancaʼaa jiruufi yeroo keessa jiraannu kana adda baasee beeksisu, sirni Seexanaa inni hamaan bara 1914 kaasee guyyoota gara dhumaa keessa akka jiru mirkaneessa. Armaagedoon fagoo miti. Ilmi namaa, dhiheenyatti namoota Waaqayyo malee jiraatanirratti firdii Yihowaa raawwata. (Far. 37:10; Fak. 2:21, 22) Kana beekuun keessan isiniifi maatii keessanirratti dhiibbaa gochuu hin qabuu?

19 Gorsa Yesus ‘ija fayyaa’ akka qabaattan kenne hordofaa jirtuu? Namoonni biyya lafaa keessa jiraatan qabeenya, beekamummaa ykn aboo argachuuf kan carraaqan taʼus, maatiin keessan galmawwan hafuuraa hordofaa jiraa? Qophii Waaqeffannaa Maatiitiif ykn qayyabannaa dhuunfaatiif godhame hojiirra oolchaa jirtuu? Qophiin kun miseensonni maatii keessan Yihowaatti, akkasumas waliisaaniitti akka dhihaatan gargaaraa jiraa? Akkuma mataduree darberratti ibsame, itti gaafatamummaa Macaafni Qulqulluun abbaa manaa, haadha manaa ykn ijoolleedhaaf kenne raawwachuudhaan guutummaan maatichaa ‘dammaqaa’ akka taʼu gargaaraa jirtuu? (1 Tas. 5:6) Taanaan, dhufaatii Ilma namaatiif ‘qophooftanii teessaniittu’ jechuudha.

[Miiljalee]

^ key. 17 Maal akka qayyabannu, akkasumas sagantaan Waaqeffannaa Maatii hojiirra ooluu kan dandaʼuufi gammachiisaa akka taʼu gochuun akkamitti akka dandaʼamu beekuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2009, fuula 29-31 ilaali.

Maal Baratte?

• Maatiiwwan Kiristiyaanaa ‘qophaaʼanii taaʼuu’ akka dandaʼan . . .

ija “fayyaa” qabaachuun kan isaan gargaaru akkamitti?

galmawwan hafuuraa baafachuufi hordofuun kan isaan gargaaru akkamitti?

Waaqeffannaa Maatii qabaachuun kan isaan gargaaru akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13]

Ija “fayyaa” qabaachuun wantoota biyya lafaa yaada namaa hihhiranirraa fagaachuuf nu kakaasa