Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaata!’

‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaata!’

‘Ogummaan Waaqayyoo Hammam Gad Fagaata!’

“Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin gaʼu! Karaa isaas namni faana dhaʼee hin hubatu!”—ROM. 11:33.

1. Kiristiyaanota cuuphamaniif mirgi hundarra caalu maalidha?

MIRGA hamma harʼaatti argatte keessaa inni guddaan maalidha? Tarii jalqabarratti, hojii sii kennamee ture tokko ykn kabaja argattee turte yaadatta taʼa. Haataʼu malee, Kiristiyaanota cuuphamneef mirgi hundarra caalu, Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼee wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannu nuu heyyamamuusaati. Mirgi arganne kun ‘isa biratti akka beekamnu’ nu godheera.—1 Qor. 8:3; Gal. 4:9.

2. Yihowaa beekuufi isa biratti beekamuun mirga guddaa kan taʼe maaliifi?

2 Yihowaa beekuufi isa biratti beekamuun mirga guddaa kan taʼe maaliifi? Yihowaan uumama cufarratti hundarra kan caalu qofa utuu hin taʼin, namoota jaallatu kan eegus waan taʼeefidha. Naahom raajichi hafuuraan geggeeffamee, “Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka” jechuudhaan barreesseera. (Nah. 1:7; Far. 1:6) Abdiin barabaraaf jiraachuuf qabnu Waaqa dhugaafi Ilmasaa kan taʼe Yesus Kiristosiin beekuu keenyarratti kan hundaaʼedha.—Yoh. 17:3.

3. Waaqayyoon beekuun maalfaa dabalata?

3 Waaqayyoon beekuun maqaasaa beekuu caalaa wanta dabalatu qaba. Wanta Waaqayyo jaallatuufi wanta inni jibbu hubachuudhaan akka Michuu tokkootti isa beekuu qabna. Beekumsa arganne kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuunis, karaa Waaqayyoon akka gaariitti beekuu keenya itti argisiisuu dandeenyudha. (1 Yoh. 2:4) Dhugumaan Yihowaa beekuu yoo barbaanne garuu, wanti gochuu qabnu garabiraan jira. Wanta inni godhe qofa utuu hin taʼin, wanta kana akkamittiifi maaliif akka godhe hubachuun nu barbaachisa. Kaayyoowwan Yihowaa kana caalaatti hubachaa yeroo deemnu, ‘gadi fageenya ogummaa Waaqayyoos’ dinqisiifachuuf dirqamna.—Rom. 11:33.

Yihowaan Waaqa Kaayyoo Qabudha

4, 5. (a) Akka Macaafa Qulqulluu keessatti itti hojjetametti, jechi “kaayyoo” jedhu maal argisiisa? (b) Kaayyoon tokko karaa tokkoo oliin galmarra gaʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

4 Yihowaan waaqa kaayyoo qabudha; Macaafni Qulqulluunis Yihowaan “kaayyoo barabaraa” akka qabu ibsa. (Efe. 3:10, 11, NW) Kana jechuun maal jechuudha? Akka Macaafa Qulqulluu keessatti itti hojjetametti, jechi “kaayyoo” jedhu, galma ykn akeeka murtaaʼaa karaa tokkoo oliin raawwatamuu dandaʼu kan argisiisudha.

5 Fakkeenyaan ibsuuf: Namni tokko bakka tokko dhaquu barbaade haa jennu. Bakka kana gaʼuun, galma ykn akeeka nama kanaati jechuudha. Geejjiba itti fayyadamuufi karaa bakka sana itti dhaqu ilaalchisee filannoo garaagaraa qabaachuu dandaʼa. Karaa filate sanarra deemaa utuu jiruu, akkuma tasaa haalli qilleensaa ni jijjiirame, karichi konkolaataadhaan ni dhidhiphate, karaanis ni cufame; kanaan kan kaʼes, karaa kan biraa deemuun isa barbaachisa. Namichi kun jijjiirama gochuun isa barbaachisullee, bakka dhaquuf akeeke sana yommuu gaʼu galma yaaderra gaʼeera.

6. Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf akkuma haalasaatti karaawwan addaddaatti kan fayyadame akkamitti?

6 Yihowaanis kaayyoosaa barabaraa galmaan gaʼuuf, akkuma haalasaatti karaawwan addaddaatti fayyadamuu filateera. Mirga filannaa uumamawwan yaaduu dandaʼan qaban xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan, karaa kaayyoosaa itti galmaan gaʼu dafee sirreessa. Fakkeenyaaf, Sanyicha isa abdachiifame ilaalchisee Yihowaan kaayyoosaa akkamitti akka raawwate haa ilaallu. Yihowaan jalqabarratti Addaamiifi Hewwaaniin, “Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa!” isaaniin jedheera. (Uma. 1:28) Hammeenya iddoo dhaabaa Eeden keessatti raawwatameen kan kaʼe kaayyoonsaa kun fashalaaʼeeraa? Gonkumaa! Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf jecha, “karaa” kan biraatti fayyadamee haala haaraa uumame sanarratti dafee tarkaanfii fudhateera. Yihowaan, “sanyiin” miidhaa warra hammeenya raawwataniin dhufe kana balleessu tokko akka dhufu raajii dubbate.—Uma. 3:15; Ibr. 2:14-17; 1 Yoh. 3:8.

7. Wanta Yihowaan Baʼuu 3:14⁠rratti waaʼee ofiisaa dubbaterraa maal baranna?

7 Dandeettiin Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf jecha haala haaraa tokko keessumsiisuuf qabu, wanta inni eenyummaasaa ilaalchisee dubbatee wajjin kan walsimudha. Museen wanta isa yaaddesse Yihowaatti yeroo himu, Yihowaan akkas jechuudhaan isaaf mirkaneesse: “‘Wanta taʼuun na barbaachisu hunda nan taʼa.’ Itti dabaluudhaanis, ‘Ijoollee Israaʼeliin, “Isa wanta taʼuun isa barbaachisu hunda taʼutu isinitti na erge” jedhiin.ʼ” (Bau. 3:14, NW) Eeyyee, Yihowaan kaayyoosaa guutummaatti raawwachuuf wanta taʼuun isa barbaachisu hunda ni taʼa! Phaawulos ergamaan yaada kana Roomaa boqonnaa 11⁠rratti akka gaariitti ibseera. Phaawulos asirratti ejersa fakkeenyaan ibsametti fayyadameera. Abdiin keenya gara samii dhaquus taʼe barabaraaf lafarra jiraachuu, fakkeenya kana qoruun keenya dinqisiifannaa ogummaa Yihowaa isa gad fagoo taʼeef qabnu nuu cimsa.

Kaayyoo Yihowaan Sanyicha Raajiidhaan Dubbatame Ilaalchisee Qabu

8, 9. (a) Haqawwan arfan waaʼee ejersa fakkeenyaan ibsamee hubachuuf nu gargaaran kamfaʼi? (b) Deebii gaaffii kamiitu, Yihowaan kaayyoosaa raawwachuuf jecha akka haalasaatti jijjiirama akka godhu argisiisa?

8 Ejersa fakkeenyaan ibsame kana hubachuu keenyaan dura, akkaataa kaayyoon Yihowaan sanyicha raajiidhaan dubbatame ilaalchisee qabu itti raawwatamu wajjin haala wal qabateen haqawwan afur haa ilaallu. Tokkoffaa, Yihowaan “sabni biyya lafaa irraa hundinuu” sanyiisaatiin ykn karaa hidda dhalootasaa ‘akka eebbifaman’ Abrahaamiin abdachiisee ture. (Uma. 22:17, 18) Lammaffaa, sabni Israaʼel warri dhalootaan Abrahaamirraa dhufan “luboota mootii waaqaa fi lafaa” akka taʼan afeeramanii turan. (Bau. 19:5, 6) Sadaffaa, namoonni dhalootaan Israaʼeloota taʼan Masiihicha fudhachuu yommuu didan, Yihowaan “luboota mootii waaqaa fi lafaa” argamsiisuuf tarkaanfii garabiraa fudhateera. (Mat. 21:43; Rom. 9:27-29) Arfaffaammoo, Yesus kutaa sanyii Abrahaam keessaa isa duraa taʼus, namoonni kaanis kutaa sanyii kanaa taʼuuf mirga argataniiru.—Gal. 3:16, 29.

9 Haqawwan arfan kanarratti hundoofnee, namoonni 144,000 Yesusii wajjin samiirratti lubootaafi mootota akka taʼan macaafa Mulʼataarraa barachuu dandeenya. (Mul. 14:1-4) Namoonni kun “ijoollee Israaʼel” jedhamaniis waamamaniiru. (Mul. 7:4-8) Haataʼu malee, namoonni 144,000 hundi dhalootaan Israaʼeloota ykn Yihudotadhaa? Deebiin gaaffii kanaaf argannu, Yihowaan kaayyoosaa raawwachuuf akka haalasaatti jijjiirama akka godhu argisiisa. Ergaan Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiif barreesse deebii kanaa argachuuf akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu.

“Luboota Mootii Waaqaa Fi Lafaa”

10. Saba Israaʼeliif abdii akkamiitu kennamee ture?

10 Akkuma armaan olitti ibsame, sabni Israaʼel ‘luboonni mootii waaqaafi lafaa, saba qulqullaaʼaa taʼan’ isaan keessaa qofa akka argaman abdiin isaanii kennamee ture. (Roomaa 9:4, 5 dubbisi.) Haataʼu malee, Sanyichi abdachiifame yommuu dhufu maaltu taʼa laata? Namoonni 144,000 kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam taʼan, namoota dhalootaan Israaʼeloota taʼan keessaa qofa walitti qabamuu dandaʼuu laata?

11, 12. (a) Namoota kutaa Mootummaa waaqarraa taʼan filuun kan jalqabe yoomi? Yihudoonni yeroo sana turan hedduunsaanii deebii akkamii kennan? (b) Yihowaan warra sanyii Abrahaam taʼan ‘guutummaatti argachuu’ kan dandaʼe akkamitti?

11 Roomaa 11:7-10 dubbisi. Akka sabaatti, Yihudoonni jaarraa jalqabaa Yesusiin hin fudhanne. Kanaan kan kaʼes, carraan sanyii Abrahaam akka argamsiisan isaan qofaaf kennamee ture isaanirraa fudhatame. Haataʼu malee, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti yommuu namoota samiirratti “luboota mootii waaqaa fi lafaa” taʼuu dandaʼan filachuun jalqabametti, Yihudoonni qajeeloo taʼan tokko tokko afeerrii dhihaate fudhataniiru. Lakkoofsisaanii kuma xinnoo waan taʼeef, guutummaa saba Yihudootaatiin yommuu waliin madaalaman “hambaa” akka taʼanitti ilaalamu.—Rom. 11:5.

12 Haataʼu malee, Yihowaan namoota sanyii Abrahaam taʼan ‘guutummaatti argachuu’ kan dandaʼu akkamitti laata? (Rom. 11:12, 25) Deebii Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan kenne hubadhu: “Kun garuu dubbiin Waaqayyoo fiixaan baʼuu dadhabe jechuu miti; [dhalootaan] sanyii Israaʼel kan taʼe hundinuu Israaʼel dhugaa miti; sanyii [ijoollee] Abrahaam kan taʼe hundinuus ijoollee Abrahaam miti; . . . Kunis, firooma foonii isa ittiin dhalataniin ijoollee Waaqayyoo taʼu miti, warra abdii Waaqayyootiin dhalatetu sanyii dhugaatti lakkaaʼama malee jechuu dha.” (Rom. 9:6-8) Kanaafuu, kaayyoon Yihowaan sanyicha ilaalchisee qabu galma gaʼuuf, namoonni kun namoota dhalootaan sanyii Abrahaam taʼanirraa walitti qabamuunsaanii dirqama hin turre.

Ejersa Fakkeenyaan Ibsame

13. (a) Mukti ejersaa, (b) hiddisaa, (c) jirmisaafi (d) damoonnisaa maal bakka buʼu?

13 Phaawulos ergamaan itti fufee warra kutaa sanyii Abrahaam taʼan, damoota ejersa fakkeenyaan ibsamee wajjin walbira qabee ibseera. * (Rom. 11:21) Ejersi dhaabamee guddifame kun, kakuu Yihowaan Abrahaamiif galee wajjin haala wal qabateen karaa itti Waaqayyo kaayyoosaa raawwatu bakka buʼa. Hiddi ejersa kanaa qulqulluu yommuu taʼu, kunis Yihowaa isa namoota Israaʼel hafuuraa taʼaniif jireenya kennu bakka buʼa. (Isa. 10:20; Rom. 11:16) Jirmi mukichaammoo, Yesus isa sanyii Abrahaam keessaa isa duraa taʼe bakka buʼa. Damoonni mukichaa walumatti qabaatti, “guutummaa” namoota kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam kan argisiisanidha.

14, 15. Ejersa dhaabamee guddifamerraa kan ‘caban’ eenyu? Bakka sanatti kan fayyifamanhoo eenyu?

14 Fakkeenya ejersaa kanarratti, namoonni dhalootaan Yihudoota taʼaniifi Yesusiin utuu hin fudhatin hafan, damoota mukicharraa ‘cabanitti’ fakkeeffamaniiru. (Rom. 11:17) Kanaafuu, carraa kutaa sanyii Abrahaam taʼuuf qaban dhabaniiru. Haataʼu malee, bakkasaanii buʼuu kan dandaʼu eenyu laata? Akka ilaalcha namoota dhalootaan Yihudoota taʼaniifi hidda dhalootaa Abrahaamirraa dhufuusaaniitiin boonanii yoo taʼe, deebiisaa argachuun rakkisaadha. Taʼuyyuu, Yohannis Cuuphaan, Yihowaan kana gochuu yoo barbaade Abrahaamiif dhagootarraa ijoollee isaaf kaasuu akka dandaʼu itti himuudhaan isaan akeekkachiiseera.—Luq. 3:8.

15 Yihowaan kaayyoosaa raawwachuuf maal godheree? Phaawulos damoonni ejersa diidaa, bakka damoota ejersa dhaabamee guddifamerraa cabaniitti akka fayyifaman ibseera. (Roomaa 11:17, 18 dubbisi.) Kanaafuu, Kiristiyaanonni hafuuraan dibamaniifi saboota kaan keessaa argaman tokko tokko, jechuunis kanneen akka gumii Roomaa keessa turan fakkeenyaan ejersatti fayyifamaniiru. Karaa kanaan kutaa sanyii Abrahaam taʼuu dandaʼaniiru. Jalqabarratti namoonni kun kutaa kakuu addaa kanaa taʼuuf matumaa carraa waan hin qabneef, damoota ejersa diidaa wajjin wal fakkaatu turan. Taʼus, Yihowaan kutaa Yihudoota hafuuraa akka taʼan karaa isaaniif baneera.—Rom. 2:28, 29.

16. Phexros ergamaan karaa sabni hafuuraa haaraan itti uumame akkam jedhee ibse?

16 Phexros ergamaan haala kana akkas jechuudhaan ibseera: “Isin [Kiristiyaanota saba warra Waaqayyoo hin taane keessaa dhufan dabalatee Israaʼeloota hafuuraa kan taatan] warra itti amantaniif dhagaan kun [Yesus Kiristos] gatii guddaa qaba; warra itti hin amanneef garuu, caaffanni qulqullaaʼaan akkuma jedhutti, ‘Dhagichi, mana ijaartuun tuffatan, inni dhagaa mataa golee qajeelchu taʼe.’ Akkasuma immoo, ‘Inni dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisus taʼe’ in jedha; . . . Isin garuu qomoo foʼamaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaaʼaa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo taʼanii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame. Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu; isin araara Waaqayyoo hin argatin turtan, amma garuu araara isaa argattaniittu.”—1 Phe. 2:7-10.

17. Wanti Yihowaan raawwate ‘seera uumamaatiin ala’ kan taʼe akkamitti?

17 Yihowaan, wanta namoonni hedduun matumaa taʼuu hin dandaʼu jedhanii yaadan hojjeteera. Phaawulos wanta ‘seera uumamaatiin ala’ raawwatame kana ibseera. (Rom. 11:24, hiika bara 1899) Kun akkamitti taʼuu dandaʼe? Damee ejersa diidaa tokko, ejersa dhaabamee guddifame tokkotti fayyisuun kan hin baramneefi uumamaan ala fakkaata; taʼuyyuu, qonnaan bultoonni jaarraa jalqabaa tokko tokko haala kanaan ejersa diqaalomsaa turan. * Yihowaanis haala kanaa wajjin wal fakkaatuun wanta adda taʼe tokko raawwateera. Akka ilaalcha Yihudootaatti, warri Yihudoota hin taʼin, ija gaarii argamsiisuu hin dandaʼan ture. Haataʼu malee Yihowaan, warri saba Waaqayyoo hin taʼin kun kutaa “saba” ija Mootummaa godhachuu dandaʼanii akka taʼan godheera. (Mat. 21:43) Dh.K.B. bara 36⁠tti Qorneelewos isa warra dhaqna hin qabanne keessaa jalqaba gara Yihudiitti geddarame dibuurraa eegalee, namoonni Yihudoota hin taaneefi dhaqna hin qabanne, ejersa fakkeenyaan ibsametti fayyifamuuf carraan isaaniif banameera.—HoE. 10:44-48. *

18. Dh.K.B. bara 36 kaasee warri dhalootaan Yihudoota taʼan carraa akkamii qabu turan?

18 Kana jechuun, Dh.K.B. bara 36 kaasee warri dhalootaan Yihudoota taʼan kutaa sanyii Abrahaam taʼuuf carraa hin qaban turan jechuudhaa? Lakki. Phaawulos akkas jechuudhaan ibsa: “Isaan [namoonni dhalootaan Yihudoota taʼan] immoo amanti-dhabina isaanii irraa yoo deebiʼan, iddoo sanatti in fayyifamu; Waaqayyo deebisee itti isaan fayyisuudhaaf humna qaba. Ati inni muka ejersa diidaattii dhalattee, isa irraa muramtee, muka ejersa qeʼee isa akka uumamaatti sittii gargar baʼetti, kan fayyifamte erga taatee, hammam caalaatti warri ittii dhalatan kun deebiʼanii muka isaaniitti haa fayyifaman ree!” *Rom. 11:23, 24.

‘Israaʼel Guutummaatti In Fayyifama’

19, 20. Haala ejersa fakkeenyaan ibsamee wajjin wal fakkaatuun Yihowaan maal raawwateera?

19 Eeyyee, “Israaʼel Waaqayyoo” wajjin haala wal qabateen kaayyoon Yihowaa karaa dinqii taʼeen raawwiisaa argachaa jira. (Gal. 6:16) Akkuma Phaawulos jedhe, “Israaʼelis guutummaatti in fayyifama.” (Rom. 11:26) Yeroo Yihowaan murteessetti, ‘Israaʼel guutummaatti’ jechuunis guutummaan Israaʼel hafuuraa lubootaafi mootota waaqarraa taʼanii tajaajilu. Wanti kaayyoon Yihowaa galmasaarra akka hin geenye gochuu dandaʼu hin jiru!

20 Akkuma raajiidhaan dubbatame, sanyii Abrahaam kan taʼan Yesus Kiristosiifi warri 144,000 ‘saba biyya lafaatiif’ eebba argamsiisu. (Uma. 22:18) Karaa kanaan, sabni Waaqayyoo hundi qophii godhame kanarraa faayidaa argata. Dhugumayyuu, haala kaayyoon Yihowaa inni barabaraa raawwiisaa itti argate yommuu yaannu, ‘badhaadhummaa, ogummaafi beekumsa Waaqayyoo isa gad fagoo’ taʼe baayʼee dinqisiifanna.—Rom. 11:33.

[Miiljaleewwan]

^ key. 13 Mukti ejersaa kun namoota dhalootaan Israaʼeloota taʼan akka bakka hin buune beekamaadha. Namoonni dhalootaan Israaʼeloota taʼan moototaafi luboota argamsiisuu dandaʼanillee, sabichi luboota mootii waaqaafi lafaa taʼuu hin dandeenye. Mootonni Israaʼel luboota akka hin taane seerri isaan dhorka ture. Kanaan kan kaʼes, namoonni dhalootaan Israaʼeloota taʼan ejersa kanatti fakkeeffamuu hin dandaʼan. Phaawulos, Waaqayyo haala Israaʼel hafuuraa wajjin wal qabateen kaayyoo “luboota mootii waaqaa fi lafaa” argamsiisuuf qabu akkamitti akka raawwatu ibsuusaa ture. Yaanni kun yaada Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 1983, fuula 14-19⁠rratti baʼe kan haaressudha. (Ingiliffa)

^ key. 17 Kun kan taʼe, waggaa sadiifi walakkaan namoonni dhalootaan Yihudoota taʼan kutaa saba hafuuraa haaraa akka taʼan carraan itti isaanii kennamee ture yommuu dhumettidha. Raajiin waaʼee waggoota torba siʼa torbaatamaa dubbatame, kun akka raawwatamu kan argisiisudha.—Dan. 9:27.

^ key. 18 Jechi “qeʼee” jedhuufi Roomaa 11:24⁠rratti afaan Giriikiitiin maxxantuu duraa taʼee gale, jechoota hiiknisaanii “gaarii, baayʼee gaarii” ykn “hamma dhumaatti kan guddifame” jechuu taʼerraa kan argamedha. Jechi kun keessumaa, wantoota kaayyoo itti uumamaniif galmaan gaʼan argisiisuuf itti hojjetameera.

Ni Yaadattaa?

• Karaa Yihowaan kaayyoosaa itti raawwaturraa maal baranna?

Roomaa boqonnaa 11⁠rratti wantoonni armaan gadii maal bakka buʼu?

mukti ejersaa;

hiddisaa;

jirmisaa;

damoonnisaa.

• Malli itti fayyisuu, ‘seera uumamaatiin ala’ kan taʼe maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/​Fakkii fuula 24]

 Damoota Ejersa Diidaa, Ejersa Dhaabamee Guddifametti Fayyisuu—Maaliif?

▪ Namichi Luusheeyas Juuniyas Maadaretas Kaalyamella jedhamu, loltuu warra Roomaafi qonnaan bulaa Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti jiraatedha. Namichi kun caalaatti kan beekamu, kitaabota waaʼee jireenya baadiyyaafi qonnaa ibsan 12 barreessuudhaanidha.

Kitaabasaa isa sadaffaarratti, mammaaksa bara durii, “Namni ejersa misoomsu, firii argachuuf mukicha gaafata; namni xaaʼoo itti godhummoo firii akka kennuuf mukicha kadhata; namni mukicha muru garuu firii akka kennuuf dirqisiisa” jedhu caqaseera.

Mukeetii akka gaariitti kan dagaagan taʼuyyuu firii hin kennine ilaalchisee erga dubbatee booda, gorsa akkas jedhu kenneera: “Mukicha meeshaadhaan erga urtanii booda, damee muka ejersa diidaa murtanii uraa mukichaa keessa jabeessitanii suuquun mala gaariidha; akkas goonaan, mukichi damee firii gaarii kennuu wajjin waan diqaalomsamuuf akka gaariitti firii godhata.”

[Fakkii fuula 23]

Ejersa fakkeenyaan ibsame hubatteettaa?