Dhuguma Abrahaam Gaalota Qaba Turee?
Dhuguma Abrahaam Gaalota Qaba Turee?
GAALONNI horiiwwan manaa Abrahaam Faraʼoonirraa fudhate keessaa tokko akka taʼan Macaafni Qulqulluun ni dubbata. (Uma. 12:16) Hojjetaan Abrahaam Mesophotaamiyaa dhaquuf karaa dheeraa yeroo deemu, “gaalota gooftaa isaa keessaa kudhan” fuudhee deemeera. Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun gara waggaa 4,000 dura Abrahaam gaalota akka qabu ifatti dubbata.—Uma. 24:10.
Namoonni tokko tokko kanarratti walii hin galan. Niiwu Intarnaashinaal Varshin Arkiʼooloojikaal Istadii Baayibil akkas jechuudhaan gabaaseera: “Hayyoonni hedduun, hanga Dh.K.D. bara 1200tti,
jechuunis erga Abrahaam jiraatee yeroo dheeraa boodaatti gaalonni baayʼinaan hin madaqfamne jedhanii waan amananiif, yaanni waaʼee gaalotaa dubbatu kun sirrii miti jechuudhaan falmaniiru.” Kanaafuu, “gaalonni haala seenaa sanaa wajjin walsimuun faayidaarra oolaa waan hin turreef,” yaanni Macaafa Qulqulluu sanaan dura waaʼee gaalaa ibsu kamiyyuu sirrii akka hin taanetti ilaalama.Hayyoonni kaan garuu, gara waggaa 3,000 dura gaalota madaqsuuf bakki guddaan kan kenname taʼus, kana jechuun sana dura gaalonni faayidaarra hin oolle jechuu miti jedhu. Kitaabni Sivilaayizeeshin oov za Eenshanti Niir Iisti jedhamu, akkas jedha: “Qorannoon dhiheenyatti godhame, waggoota 4,000 caalan dura kibba bahaa Arabiyaatti gaalonni madaqfamaa akka turan argisiisa. Dura gaalli horsiifamaa kan ture, tarii aannan, rifeensa, gogaafi foonsaatiif taʼuyyuu, utuu baayʼee hin turin namoonni feʼumsaaf itti fayyadamuu akka dandaʼan hubachuu hin oolan.” Gaalonni bara Abraham jiraate dura madaqfamanii kan turan taʼuusaa, qorannoowwan lafeefi hambaalee arkiʼooloojiirratti godhaman kan deggeran fakkaata.
Ragaawwan barreeffamanis jiru. Kitaabumti kun akkas jedheera: “Kiyuniifoormiiwwan Mesophotaamiyaatti argaman, waaʼee uumama kanaa [gaalaa] kan ibsan taʼuusaarrayyuu, chaappaawwan fakkiisaa qaban hedduun beeyiladni kun gara waggaa 4,000 dura Mesophotaamiyaa gaʼuu akka hin oolle kan argisiisan” yommuu taʼu, kunis yeroo Abraham turettidha.
Hayyoonni tokko tokko, daldaltoonni Arabiyaa Kibbaa ixaana daldalaa turan, miʼasaanii qabatanii gammoojjii keessa gara kaabaatti naannoowwan akka Gibxiifi Sooriyaa yeroo dhaqan, geejjibaaf gaalotatti fayyadamaa akka turaniifi kunimmoo gaalli naannoowwan sanatti akka beekamu akka godhe amanu. Daldalli kun Dh.K.D. bara 2000ttis baramaa kan ture taʼuu dandaʼa. Kan nama dinqisiisummoo, Uumamni 37:25-28 Ishmaaʼeloonni daldaltoota turan, bara Abrahaam turerraa naannoo waggaa dhibbaa booda gara Gibxiitti ixaana geessuuf gaalotatti fayyadamaa akka turan ibsa.
Tarii waggaa 4,000 dura Baha Giddu Galeessaatti gaalonni balʼinaan hin beekaman taʼa; taʼuyyuu guutummaatti kan hin beekamne akka hin turre ragaawwan argisiisan kan jiran fakkaata. Kanaafuu, Za Intarnaashinaal Istaandaardi Baayibil Insaayikilooppeediyaan akkas jechuudhaan yaadasaa xumura: Qorannaan arkiʼooloojii, bara abbootii amantii dura gaalonni madaqfamaa kan turan taʼuusaatiif ragaa quubsaa waan dhiheessuuf, seenaa abbootii amantii keessatti waaʼeen gaalaa caqasamuunsaa akka dogoggoraatti fudhatamuunsaa barbaachisaa miti.”