Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Warra Isin Gidduutti Hojiitti Dadhaban Ulfinaan Ilaalaa’

‘Warra Isin Gidduutti Hojiitti Dadhaban Ulfinaan Ilaalaa’

‘Warra Isin Gidduutti Hojiitti Dadhaban Ulfinaan Ilaalaa’

“Warra isin gidduutti hojiitti dadhaban, karaa gooftaas warra isin geggeessanii fi isin gorsan ulfinaan [ilaalaa].”—1 TAS. 5:12.

1, 2. (a) Phaawulos gumii Tasaloniiqeetiif ergaa isa duraa yommuu barreessu, gumichi haala akkamii keessa ture? (b) Phaawulos obboloonni Tasaloniiqee maal akka godhan jajjabeesse?

MISEENSA gumii Tasaloniiqee jaarraa tokkoffaatti tureefi gumiiwwan Awurooppaatti jalqaba hundeeffaman keessaa tokko taʼee akka taatetti yaadi. Phaawulos ergamaan obboloota Tasaloniiqee jiran jajjabeessuudhaan yeroo dheeraa dabarseera. Akkuma gumiiwwan kaanitti godhame jaarsolii gumicha geggeessan muudee taʼuu dandaʼa. (HoE. 14:23) Haataʼu malee, gumichi erga hundeeffamee booda, Yihudoonni Phaawulosiifi Siilaasiin magaalattii keessaa baasuuf namoota hamoo walitti gurmeessan. Kiristiyaanonni magaalattii keessa jiraatan kophaa akka taʼan isaanitti dhagaʼamee, akkasumas sodaatanii taʼuu dandaʼa.

2 Phaawulos, Tasaloniiqeedhaa erga deemee booda, gumii reefuu hundeeffame kanaaf yaadaa akka ture beekamaadha. Deebiʼee dhaquuf kan yaale taʼus, ‘Seexanni isa ittiseera.’ Kanaafuu, gumicha akka jajjabeessuuf Ximotewosiin erge. (1 Tas. 2:18; 3:2) Yommuu Ximotewos oduu gaarii fidee deebiʼu, Phaawulos warra Tasaloniiqeetiif ergaa barreessuuf kakaʼe. Yaada inni isaaniif barreesse keessaa tokko, ‘warra isaan geggeessan ulfinaan akka ilaalan’ jajjabeessuu ture.—1 Tasaloniiqee 5:12, 13 dubbisi.

3. Kiristiyaanonni Tasaloniiqee, jaarsolii baayʼee ol qabuuf sababa akkamii qabu turan?

3 Obboloonni gumii Tasaloniiqee keessatti itti gaafatamummaa qaban, akka Phaawulosiifi namoota isaa wajjin adeemaa turanii muuxannoo kan qaban ykn akka jaarsolii Yerusaalem dhugaa keessa kan turan miti. Kana malees, gumichi erga hundeeffamee waggaa tokko hin guunne. Haataʼu malee, obboloonni sun jaarsolii “hojiitti dadhaban,” gumicha ‘geggeessaniifi’ obboloota ‘gorsaniif’ sababa itti galateeffatan qabu. Kanaafuu, obboloonni kun ‘herrega jaalalaatiin jaarsolii baayʼee ol qabuuf’ sababii qabu. Phaawulos yaada kanatti aansuudhaan, “Walii keessan gidduuttis nagaa qabaadhaa” jechuudhaan gorseera. Utuu Tasaloniiqee keessa jirta taʼee hojii jaarsoliin raawwataniif dinqisiifannaa guddaa qabdu ni argisiista turtee? “Dhiirota akka kennaatti” kennamaniifi Waaqayyo karaa Kiristos gumii keessatti muudeef ilaalcha akkamii qabda?—Efe. 4:8.

‘Hojiitti Kan Dadhaban’

4, 5. Jaarsoliin bara Phaawulos turan, gumii barsiisuuf hojiitti dadhabuu kan qaban maaliif ture? Yeroo harʼaas akkasuma kan jennu maaliifi?

4 Jaarsoliin Tasaloniiqee, Phaawulosiifi Siilaasiin gara Beriyaatti erga erganii booda, ‘hojiitti dadhabaa’ kan turan akkamitti? Fakkeenya Phaawulos fudhatanii Caaffata Qulqullaaʼoorraa gumicha barsiisaa akka turan hin shakkisiisu. ‘Kiristiyaanonni Tasaloniiqee, Dubbii Waaqayyootiif dinqisiifannaa qabu turanii?’ jettee gaafatta taʼa. Kana malees, Macaafni Qulqulluun namoonni Beriyaa ‘warra Tasaloniiqee caalaa, warra yaada gaarii qabaniifi guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu qoran akka turan’ dubbata. (HoE. 17:11) Haataʼu malee, caqasni kun Yihudoota Beriyaa dhugaa fudhatan hedduu, Yihudoota Tasaloniiqee keessa jiraataniifi dhugaa hin fudhanne hedduu wajjin walbira qabee ibsa. Yihudoonni Tasaloniiqee keessa jiraataniifi Kiristiyaanota taʼan, ‘dubbii Waaqayyoo akka dubbii namaatti utuu hin taʼin, akka dubbii Waaqayyootti fudhataniiru.’ (1 Tas. 2:13) Jaarsoliin gumicha barsiisuuf hojiitti dadhabanii taʼuu qaba.

5 Yeroo harʼaa, hojjetaan amanamaaniifi ogeessi hoolota Waaqayyootiif “yeroodhaan nyaata isaanii” kennaa jira. (Mat. 24:45) Jaarsoliin gumii, qajeelfama hojjetaa amanamaa jalatti karaa hafuuraa obboloota sooruuf hojiitti dadhabaa jiru. Obboloonni gumii keessa jiran barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan hedduu qabu taʼa. Afaanonni tokko tokkommoo, meeshaalee akka Indeeksii Barreeffamoota Masaraa Eegumsaafi Waachtaawar Laayibirarii CD-ROM, akkasumas Baafata Mataduree Masaraa Eegumsaa jiʼa Muddeerratti baʼu qabu. Jaarsoliin fedhii hafuuraa gumichaa guutuuf, kutaa isaaniif ramadame akka gaariitti dhiheessuuf walgaʼiidhaaf qophaaʼuurratti saʼaatii hedduu dabarsu. Jaarsoliin kutaawwan walgaʼii gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarratti isaanii kennaman qophaaʼuutti saʼaatii hangamii akka dabarsan yaaddanii beektuu?

6, 7. (a) Jaarsoliin Tasaloniiqee Phaawulosirraa fakkeenya akkamii argatan? (b) Yeroo harʼaa jaarsoliin Phaawulosiin fakkaachuun isaan rakkisuu kan dandaʼu maaliifi?

6 Jaarsoliin Tasaloniiqee, fakkeenya gaarii Phaawulos hoolota tiksuudhaan isaaniif kaaʼe yaadatanii turan. Hojii tiksuu kan raawwatan itti gaafatamummaa isaanirra jiru ofirraa baasuuf jecha hin turre. Akkuma mataduree darberratti baranne, Phaawulos ‘akka haadha ijoolleeshee ofitti qabduutti isaan gidduu jiraateera.’ (1 Tasaloniiqee 2:7, 8 dubbisi.) Phaawulos lubbuusaallee ‘isaaniin gaʼuuf’ fedhii qaba ture! Jaarsoliinis hojii hoolota tiksuurratti fakkeenyasaa fudhachuu qabu.

7 Yeroo harʼaas, Kiristiyaanonni tiksitoota taʼan hoolota jaallachuudhaan Phaawulosiin fakkaachuu qabu. Hoolonni tokko tokko jaalala kan hin qabneefi namatti siquun kan isaan rakkisu taʼuu dandaʼu. Taʼus, jaarsoliin waan taʼa gaarii namoota akkasii keessa jiru hubachuuf yaalu. Dhugaadha, jaarsi tokko cubbuu waan dhaaleef, warra kaaniif ilaalcha sirrii qabaachuuf walʼaansoo gochuun isa barbaachisa. Haataʼu malee, namoota hundatti gaarummaa argisiisuuf yaaluudhaan, Kiristos jalatti tiksee gaarii taʼuuf carraaqqii gochuusaatiif galateeffamuu hin qabuu?

8, 9. Karaan itti jaarsoliin yeroo harʼaa ‘waaʼee lubbuu keenyaatiif dammaqanii yaadan’ tokko tokko kamidha?

8 Akkuma Phaawulos barreesse jaarsoliin ‘waaʼee lubbuu keenyaatiif dammaqanii waan yaadaniif,’ hundi keenyayyuu isaaniif ‘abboomamuuf’ sababii gaʼaa qabna. (Ibr. 13:17) Yaanni kun tiksitoota hoolotasaanii balaarraa eeguuf jecha hirriba dhabanii bulan nu yaadachiisa. Yeroo harʼaas jaarsoliin, obboloota rakkina fayyaa, rakkina miiraa ykn karaa hafuuraa rakkina qaban gargaaruuf hamma tokko hirriba dhabu taʼa. Fakkeenyaaf, obboloonni Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessatti hojjetan, fayyaa wajjin haala wal qabateen yommuu rakkinni uumamu hirribaa kaafamuu dandaʼu. Haataʼu malee, hojii isaan yeroo rakkinni akkasii nu mudatutti raawwataniif baayʼee dinqisiifanna!

9 Jaarsoliin, Ijaarsa Galma Mootummaafi koree gargaarsaa keessatti tajaajilan obboloota gargaaruuf hojiitti dadhabu. Obboloota kana garaa guutuudhaan deggeruun keenya kan isaaniif maludha! Fakkeenyaaf, yeroo obomboleettiin Naargiis jedhamtu, bara 2008 biyya Maayaanmaar rukuttetti carraaqqii gargaarsaaf godhame hubadhaa. Gumii Bootingoon isa naannoo Iraawaadii balaan kun miidhaa guddaa geessise keessa jiru dhaqanii gargaaruuf, gareen gargaarsaa lafa reeffi guute keessa darbee deemeera. Obboloonni naannichaa daawwataa olaanaa aanaasaanii isa durii dabalatee, gareen gargaarsaa inni jalqabaa yommuu Bootingoon gaʼe: “Ilaa! Daawwataa olaanaa keenya! Yihowaan nu oolcheera!” jedhanii iyyan. Hojii cimaa jaarsoliin halkaniifi guyyaa raawwataniif ni dinqisiifattuu? Jaarsoliin tokko tokko koreewwan addaa dhimma cimaa taʼeef murtoo kennu keessatti akka tajaajilan muudamu. Jaarsoliin kun wanta tokko waan raawwataniif of hin gurguddisan; taʼus namoonni tajaajila isaan kennanirraa fayyadaman baayʼee galateeffatu.—Mat. 6:2-4.

10. Jaarsoliin hojii namoonni baayʼeen hin hubanne akkamii hojjetu?

10 Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran hedduun hojii barreessuu wajjin wal qabates ni hojjetu. Fakkeenyaaf, qindeessaan qaama jaarsolii sagantaa walgaʼiiwwan torbanii qopheessa. Barreessan gumii, gabaasa tajaajilaa kan jiʼaafi kan waggaa qindeessa. Ilaaltuun olaanaa mana barumsaammoo sagantaawwan mana barumsichaa qopheessa. Jiʼa sadi sadiin galmeen herrega gumii ni gamaaggamama. Jaarsoliin xalayaa waajjira dameerraa ergameefi qajeelfama “tokkummaa amantii” qabaatanii itti fufuuf isaan gargaaru ni dubbisu. (Efe. 4:3, 13) Carraaqqii jaarsoliin hojiitti dadhaban akkasii godhaniin, ‘wanti hundinuu akka toluttiifi sabiriidhaan hojjetama.ʼ—1 Qor. 14:40.

“Warra Isin Geggeessan”

11, 12. Gumii kan geggeessu eenyudha? Kana gochuunoo maal dabalata?

11 Phaawulos jaarsoliin Tasaloniiqee hojii cimaa hojjetan gumii akka “geggeessan” ibseera. (1 Tas. 5:12) Warra “hojiitti dadhaban” jedhees isaan waameera. Phaawulos asirratti waaʼee jaarsolii gumii keessa jiran hundumaa dubbachaa ture. Yeroo harʼaa, jaarsolii hedduun gumii dura dhaabatanii walgaʼii geggeessu. Maqaa “qindeessaa qaama jaarsolii” jedhutti akka fayyadamnu sirreeffamni dhiheenyatti godhame, jaarsolii hunda akka kutaawwan qaama tokkootti ilaaluuf nu gargaara.

12 Gumii ‘geggeessuun’ barsiisuu caalaas wanta dabalatu qaba. Jechi 1 Ximotewos 3:4⁠rratti ‘bulchuu’ jedhame, jecha kanaa wajjin hiika wal fakkaatu qaba. Phaawulos jaarsi tokko, “Nama warra mana isaa baʼeessa godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina hundumaan abboomamuuf kan guddisu, taʼuun isa irra jira” jechuudhaan dubbateera. Yaanni asirratti ‘bulchuu’ jedhame, ijoolleesaa barsiisuu qofa utuu hin taʼin, maaticha geggeessuudhaan ‘ijoollee abboomaman guddisuus’ kan dabalatudha. Eeyyee, jaarsoliin gumicha geggeessuudhaan miseensonni hundi Yihowaadhaaf akka ajajaman gargaaru.—1 Xim. 3:5.

13. Walgaʼii jaarsoliirratti murtoo tokkorra gaʼuun yeroo fudhachuu kan dandaʼu maaliifi?

13 Jaarsoliin, karra hoolotaa akka gaariitti geggeessuuf, gumicha akkamitti yoo gargaaran baʼeessa akka taʼe waliin mariʼatu. Waan hunda jaarsi tokko utuu murteessee gaarii fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, fakkeenya qaama jaarsolii jaarraa tokkoffaa hordofuudhaan, qaamni jaarsolii yeroo harʼaa jiran, dhimma tokkorratti Caaffata Qulqullaaʼoorraa qajeelfama argachuuf walaba taʼanii waliin mariʼatu. Kaayyoonsaanii seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo akka gumiisaaniitiif barbaachisutti hojiirra oolchuudha. Gama kanaan buʼaa gaarii argachuuf, jaarsoliin walgaʼii gochuusaanii dura Caaffata Qulqullaaʼoofi qajeelfamoota hojjetaa amanamaafi ogeessaarratti qophaaʼanii dhufuunsaanii gaariidha. Kana gochuun yeroo akka gaafatu beekamaadha. Akkuma qaamni olaanaan jaarraa tokkoffaa dhagna qabaa ilaalchisee mariʼate, yommuu dhimma tokkorratti walii galuun dadhabamu yeroo dheeraa ramaduudhaan Caaffata Qulqullaaʼoo qoruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa.—HoE. 15:2, 6, 7, 12-14, 28.

14. Jaarsoliin akka qaama tokkootti waltaʼanii hojjechuusaanii ni dinqisiifattaa? Maaliif?

14 Jaarsi tokko yaannisaa akka fudhatamu ykn wanti tokko karaa inni jedheen akka raawwatamu dhiibbaa kan godhu yoo taʼe maaltu uumamuu dandaʼa? Yookiin namni tokko akkuma Diyotreefes isa jaarraa tokkoffaa, walitti buʼiinsi akka uumamu yoo godheehoo? (3 Yoh. 9, 10) Yeroo kanatti guutummaan gumichaa miidhamuu dandaʼa. Seexanni gumii jaarraa tokkoffaa gaddisiisuuf erga yaalee, yeroo harʼaas gumiin nagaa akka hin qabaanne gochuu akka barbaadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Fedhii ofittummaa namoonni qaban, kan akka beekamummaa argachuutti fayyadamuu dandaʼa. Kanaafuu, jaarsoliin gad of deebisuufi akka qaama tokkootti waltaʼanii hojjechuun isaan barbaachisa. Jaarsolii gad of deebisuudhaan akka qaama tokkootti hojjetan baayʼee dinqisiifanna!

‘Warra Isin Gorsan’

15. Jaarsoliin, obboleessa ykn obboleettii tokko ennaa gorsan kakaʼumsisaanii maalidha?

15 Phaawulos sanatti aansuudhaan, hojii jaarsolii, jechuunis karra hoolotaa gorsuu isa ulfaataafi barbaachisaa taʼe ibseera. Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti jecha “gorsuu” jedhamee hiikametti kan fayyadame Phaawulos qofadha. Jechi kun gorsa cimaa argisiisuu kan dandaʼu taʼus, jibba kan argisiisu miti. (HoE. 20:31; 2 Tas. 3:15) Fakkeenyaaf, Phaawulos obboloota Qorontos jiraniif, “Kanas akka ijoollee koo warra jaallatamootti isin gorsuudhaaf malee, isin yeellaasisuudhaafan caafa miti” jedheera. (1 Qor. 4:14) Gorsa kennuuf wanti isa kakaase namootaaf kan yaadu taʼuusaati.

16. Jaarsoliin yommuu warra kaan gorsan maal yaadachuu qabu?

16 Jaarsoliin akkaataan itti isaan namoota kaan gorsan barbaachisaa taʼuusaa hubachuu qabu. Gaarummaafi jaalala argisiisuu, akkasumas gargaarsa kennuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuuf carraaqu. (1 Tasaloniiqee 2:11, 12 dubbisi.) Dhugaadha, jaarsoliin ‘barsiisa sirrii sanaan gorsuufi akka barsiisicha ofii fudhatanitti dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatanii qabamuun isaanirra jira.ʼ—Tit. 1:5-9.

17, 18. Jaarsi tokko yommuu gorsa sii kennu, wanti ati yaadachuu qabdu maalidha?

17 Dhugaadha, jaarsoliin cubbuu kan dhaalan waan taʼeef, wanta booda itti gaabban dubbachuu dandaʼu taʼa. (1 Mot. 8:46; Yaq. 3:8) Akkasumas jaarsoliin, obboloonni gorsa fudhachuun ‘kan isaan gaddisiisu malee, kan isaan gammachiisu’ akka hin taane beeku. (Ibr. 12:11) Kanaafuu, jaarsi tokko obboleessa ykn obboleettii tokkoof yommuu gorsa kennuu barbaadu duraan dursee dhimmicharratti yaadee, akkasumas kadhannaa godhee taʼuu dandaʼa. Gorsi utuu sii kennamee, jaalala jaarsi tokko sitti argisiiseef isa ni galateeffattaa?

18 Dhukkuba yaalii fayyaatiin beekuun kan hin dandaʼamne fakkaatu qabda haa jennu. Booda garuu ogeessi fayyaa tokko dhibeekee sirriitti kan beeke siʼa taʼu, yaaliin dhibee kanaaf godhamu garuu ulfaataadha. Ogeessa kanatti haaloo qabattaa? Matumaa! Yaaliin fayyaa baqassanii walʼaanuu akka siif godhamu utuu sii ajajeellee, faayidaa keetiif waan taʼeef tole jettee fudhatta taʼa. Akkaataan doktoorichi waaʼee dhimma sanaa itti sii ibsu miirakee miidhuu dandaʼa taʼa. Haataʼu malee, kun murtoo keerratti dhiibbaa akka godhu ni heyyamtaa? Akkas hin gootu taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, akkaataan gorsi itti sii kennamu namoota Yihowaafi Yesus karaa hafuuraa akkamitti of gargaaruu akka dandeessu sitti himuuf itti fayyadaman akka hin dhaggeeffanne akka si godhu hin heyyamin.

Qophii Jaarsolii Yihowaan Godhe Dinqisiifadhaa

19, 20. ‘Dhiirota kennaa taʼan’ akka dinqisiifattan argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

19 Kennaan addaa tokko utuu isiniif ergamee maal gootu? Kennaa kanatti fayyadamuudhaan akka dinqisiifattan ni argisiistuu? “Dhiironni akka kennaatti” ilaalaman qophii Yihowaafi Yesus Kiristos isinii godhanidha. Karaawwan kennaa kanaaf bakka guddaa akka laattan argisiistan keessaa inni tokko, haasaa jaarsoliin dhiheessan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuufi yaada isaan kennan hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuudha. Walgaʼiirratti yaada gaarii kennuudhaanis dinqisiifannaa qabdan argisiisuu dandeessu. Hojii jaarsoliin adda durummaadhaan irratti hirmaatan kan akka tajaajilaa deggeraa. Gorsa jaarsi tokko isiniif kennerraa faayidaa argattaniittu yoo taʼe, kana maaliif itti hin himtan? Kana malees, maatii jaarsolii akka dinqisiifattan maaliif hin argisiistan? Jaarsi gumii tokko dhimmee yommuu hojjetu, maatiinsaa saʼaatii inni isaanii wajjin taʼuu qabu aarsaa gochaa akka jiru yaadadhaa.

20 Eeyyee, jaarsolii nu geggeessuufi nu gorsuudhaan hojiitti dadhaban dinqisiifachuuf sababii gaʼaa qabna. Dhugumayyuu, ‘dhiironni kennaa taʼan’ kun qophii Yihowaan jaalalasaatiin kakaʼee nuuf godhedha!

Ni Yaadattaa?

• Kiristiyaanonni Tasaloniiqee warra isaan geggeessan dinqisiifachuuf sababa akkamii qabu turan?

• Jaarsoliin gumiikee dadhabanii kan siif hojjetan akkamitti?

• Jaarsolii si geggeessanirraa faayidaa kan argattu akkamitti?

• Jaarsi tokko yommuu gorsa sii kennu maal yaadachuu qabda?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Karaawwan hedduu jaarsoliin gumiidhaaf hojii tiksuu itti raawwatan ni dinqisiifattaa?