Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?

Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?

Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?

“Boqonnaan Sanbata Waaqayyoo saba isaatiif amma iyyuu kaaʼameefii jira.”—IBR. 4:9.

1, 2. Uumama 2:1-3⁠rratti hundaaʼuudhaan waaʼee guyyaa torbaffaa maal murteessuu dandeenya? Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

WAAQAYYO lafti namootaaf bakka jireenyaa akka taatu kan qopheesse, guyyoota fakkeenyaan ibsaman jaʼa keessatti akka taʼe boqonnaa jalqabaa macaafa Uumamaarraa baranna. Dhuma guyyoota kana hundumaarratti, “Galgallis taʼe, ganamnis taʼe” jedhameera. (Uma. 1:5, 8, 13, 19, 23, 31) Haataʼu malee, Uumama 2:1-3 yommuu dubbisnu guyyaa torbaffaa ilaalchisee yaada akkas jedhu hin argannu.

2 Yaanni olitti ibsame utuu hin caqasamin hafuunsaa, guyyaan torbaffaan jechuunis “guyyaan” boqonnaa Waaqayyoo akka hin xumuramne argisiisa. Guyyaan boqonnaa Waaqayyoo ammayyuu itti fufeeraa? Taanaan yeroo harʼaa itti galuu ni dandeenyaa? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya baayʼee barbaachisaadha.

Yihowaan Ammayyuu ‘Boqochaa’ Jiraa?

3. Yaanni Yesus Yohannis 5:16, 17⁠rra jiru, guyyaa torbaffaan jaarraa jalqabaatti itti fufee akka ture kan argisiisu akkamitti?

3 Dh.K.D. jaarraa jalqabaattis guyyaa torbaffaan itti fufee akka ture ragaawwan argisiisan lama jiru. Ragaa tokkoffaa wanta Yesus diinotasaa tokko tokkoon jedherraa arganna. Jarri kun Yesus guyyaa Sanbataatti namoota fayyisuusaa akka hojiitti waan lakkaaʼaniif isatti aaranii turan. Gooftaanimmoo, “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha” isaaniin jedhe. (Yoh. 5:16, 17) Yesus maal jechuusaa ture? Yesus kan himatame guyyaa Sanbataatti waan hojjeteef ture. Himata kanaafis, ‘Abbaan koo hojjechuutti jira’ jechuudhaan deebii kenneera. Yesus mormitootasaatiin, ‘Aniifi Abbaankoo hojii wal fakkaatu hojjenna. Abbaankoo Sanbatasaa isa waggoota kumaatamaan lakkaaʼamaniitti hojjechaa waan jiruuf, anis guyyaa Sanbataattillee hojjechuun naa heyyamama’ jechuusaa ture. Kanaafuu, Yesus yeroo inni turetti lafaa wajjin haala wal qabateen guyyaa torbaffaan, jechuunis guyyaan boqonnaa Waaqayyoo akka hin xumuramne argisiiseera. *

4. Phaawulos guyyaa torbaffaan barasaatti akka itti fufe ragaa dabalataa akkamii kenne?

4 Ragaa lammaffaanimmoo isa Phaawulos ergamaan dhiheessedha. Boqonnaa Waaqayyoo ilaalchisee Uumama 2:2 yeroo caqasetti, “Nuyi warri amanne iddoo boqonnaa sanatti in galla” jedhee geggeessaa hafuuraatiin barreesseera. (Ibr. 4:3, 4, 6, 9) Kanaafuu, guyyaa torbaffaan bara Phaawulosittis itti fufee ture. Guyyaan boqonnaa kun yeroo hammamiitiif itti fufa?

5. Kaayyoon guyyaa torbaffaa maal ture? Kaayyoon kun guutummaatti galmasaarra kan gaʼu yoomi?

5 Gaaffii kana deebisuuf, kaayyoon guyyaa torbaffaa maal akka taʼe yaadachuu qabna. Uumamni 2:3, “Waaqayyo . . . guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses” jechuudhaan kaayyoosaa ibsa. Guyyaan sun, kaayyoosaa galmaan gaʼuuf Yihowaadhaan ‘kan qulqulleeffame’ ykn kan adda baafame ture. Kaayyoon sun, lafti namoota abboomamoo lafaafi lubbu qabeeyyii isheerra jiran hunda kunuunsaniin akka guutamtu gochuudha. (Uma. 1:28) Yihowaafi Yesus Kiristos inni “Sanbata irratti iyyuu gooftaa” taʼe, ‘amma iyyuu hojjechaa kan jiran’ kaayyoo kana galmaan gaʼuufidha. (Mat. 12:8) Hamma kaayyoon Yihowaan guyyaa kanaaf qabu dhuma Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti guutummaatti galmasaarra gaʼutti, guyyaan boqonnaa Waaqayyoo itti fufa.

‘Akka Warra Sanaa Abboomamuu Hin Didinaa’

6. Fakkeenyonni akka akeekkachiisaatti nu gargaaran kamfaʼi? Kanarraahoo maal barachuu dandeenya?

6 Waaqayyo kaayyoosaa Addaamiifi Hewwaanitti ifatti kan hime taʼus, kaayyoo kanaa wajjin walsimuu didaniiru. Addaamiifi Hewwaan abboomamuu diduudhaan namoota jalqabaa akka turan beekamaadha. Sana booda namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman abboomamuu didaniiru. Sabni Israaʼel warri Waaqayyo isaan filatellee, akkumasaanii utuu hin abboomamin hafaniiru. Phaawulos Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko akkuma Israaʼeloota durii kiyyoo akkasiitiin qabamuu akka dandaʼan isaan akeekkachiiseera. “Kanaafis namni tokko illee akka warra sanaa abboomamuu diduudhaan kufee akka hin hafnetti, kottaa iddoo boqonnaa sanatti galuudhaaf in dhamaanaa” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 4:11) Phaawulos abboomamuu diduu, boqonnaa Waaqayyootti utuu hin galin hafuu wajjin akka wal qabsiise hubadhu. Kun nuuf hiika maalii qaba? Karaa taʼe tokkoon kaayyoo Waaqayyoo yoo mormine, boqonnaa Waaqayyootti galuu dhiisuu dandeenyaa? Deebii gaaffii kanaa beekuun keenya baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, waaʼee kanaa balʼinaan qorra. Jalqaba, fakkeenya gadhee Israaʼeloonni taʼaniifi boqonnaa Waaqayyootti utuu hin galiin kan hafan maaliif akka taʼe haa ilaallu.

“Iddoo Boqonnaa Kootti Hin Galan!”

7. Yihowaan Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa kan baase maal yaadeeti? Isaanoo maal gochuu qabu turan?

7 Yihowaan Dh.K.D. bara 1513⁠tti kaayyoo Israaʼelootaaf qabu tajaajilaasaa Museetti mulʼisee ture. Waaqayyo, “Ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad buʼeera; biyya sana [Gibxii] keessaa gara biyya gaariitti, biyya balʼaatti, biyya aannanii fi damma baasutti . . . ol isaan nan baasa” jedheera. (Bau. 3:8) Yihowaan akkuma abaabiliisaanii Abrahaamiin abdachiise, kaayyoon Waaqayyo Israaʼeloota ‘harka warra Gibxii keessaa itti baase’ sabasaa isaan godhachuuf ture. (Uma. 22:17) Waaqayyo seera isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf isaan gargaaru Israaʼelootaaf kennee ture. (Isa. 48:17, 18) Israaʼelootaan, “Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan taʼeef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos [akka Seericha keessatti ibsametti] yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu” jedheera. (Bau. 19:5, 6) Kanaaf, Israaʼeloonni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya addaa qabaachuunsaanii sagaleesaatiif abboomamuusaaniirratti kan hundaaʼe ture.

8. Israaʼeloonni utuu Waaqayyoof abboomamaniiru taʼee jireenya akkamii jiraachuu dandaʼu turan?

8 Israaʼeloonni utuu sagalee Waaqayyootiif abboomamaniiru taʼee jireenyisaanii maal fakkaachuu akka dandaʼu yaadi. Yihowaan maasiisaanii, wayiniisaanii, akkasumas bushaayeefi horiisaanii ni eebbisa ture. Diinonnisaanii yeroo hundumaaf isaan hin bitan turan. (1 Mootota 10:23-27 dubbisi.) Masiihichi yommuu dhufu, sabni sun bulchiinsa Roomaa jala kan jiru utuu hin taʼin, saba mataasaa dandaʼe taʼee isa argachuu dandaʼa ture. Yihowaan Israaʼeloonni saboota ollaasaaniitiif fakkeenya gaarii akka taʼan, akkasumas isaaf abboomamuun eebbasaa akka argamsiisu mirkanaaʼoo akka taʼan barbaadee ture.

9, 10. (a) Israaʼeloonni Gibxiitti deebiʼuuf barbaaduunsaanii dogoggora kan ture maaliifi? (b) Israaʼeloonni Gibxiitti utuu deebiʼanii waaqeffannaansaanii kan miidhamu akkamitti?

9 Israaʼeloonni kaayyoo Yihowaa wajjin walsimuudhaan, ofiisaanii qofaaf utuu hin taʼin, yeroo booda saboota biyya lafaa hundaaf eebba argamsiisuunsaanii mirga guddaa ture. (Uma. 22:18) Haataʼu malee dhaloonni hamaan sun, saba Waaqayyoo taʼuudhaan saboota warra kaaniif fakkeenya utuu hin taʼin hafaniiru. Gibxiitti deebiʼuufillee gaafatanii turan! (Lakkoobsa 14:2-4 dubbisi.) Haataʼu malee, Israaʼeloonni Gibxiitti deebiʼanii kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼuudhaan saboota kaaniif fakkeenya taʼuu dandaʼuu? Deebiʼanii namoota Yihowaa hin waaqeffanneef garboota yoo taʼan, Seera Museetiin jiraachuus taʼe qophii Yihowaan cubbuusaanii isaaniif dhiisuuf godherraa faayidaa argachuu hin dandaʼan. Israaʼeloonni waaʼee Waaqayyoofi kaayyoosaa yaaduu dhiisanii turan. Kanaafuu Yihowaan, “Ani . . . dhaloota sanatti nan aare, garaa isaanii keessatti yeroo hundumaa karaa irraa in kaatu, isaan karaa koos hin barin jiru. Yeroo dheekkamsa koo sanattis, isaan matumaa iddoo boqonnaa kootti hin galan! jedhee kakadheera” jechuunsaa nama hin dinqisiisu.—Ibr. 3:10, 11; Far. 95:10, 11.

10 Sabni mata jabeessi sun, wanta akka goodarree, qullubbii diimaafi qullubbii adiitiif jedhee gara Gibxiitti deebiʼuu barbaaduudhaan, eebba hafuuraa argateef iddoo guddaa akka hin kennine argisiiseera. (Lak. 11:5) Akkuma Esaawu isa galata hin qabnee, namoonni hamoon kun dhaala hafuuraa isa gati jabeessa taʼe nyaata miʼaayaatti jijjiiruudhaan gatii dhabsiisuuf qophaaʼoo turan.—Uma. 25:30-32; Ibr. 12:16.

11. Israaʼeloonni bara Musee turan utuu hin abboomamin hafuunsaanii kaayyoo Waaqayyoo kan tuqe akkamitti?

11 Israaʼeloonni Gibxii baʼan sun amanamoo utuu hin taʼin yoo hafaniyyuu, Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf dhaloota itti aanurratti xiyyeeffatee obsaan ‘hojjechuusaa itti fufeera.’ Dhaloonni haaraan sun abbootasaanii caalaa kan abboomaman turan. Abboommii Yihowaatiif ajajamuudhaan Biyyattii Abdachiifamtetti galanii moʼuu jalqaban. Iyaasuu 24:31, “Warri Israaʼel guutummaa bara Iyaasuutti akkasuma bara jaarsoliin warri isa booddee hafanii wanta Waaqayyo warra Israaʼeliif godhe hundumaa beekan jiraatanitti, Waaqayyoof hojjechaa turan” jedha.

12. Yeroo harʼaa boqonnaa Waaqayyootti galuun akka dandaʼamu akkamitti beekna?

12 Haataʼu malee, dhaloonni abboomamoo turan sun irraa jalaan duʼanii kan dhuman siʼa taʼu, dhaloota, “Waaqayyoon, gochaa inni saba Israaʼeliif godhes hin beekne[en]” bakka buʼan. Kanaan kan kaʼes, “Israaʼeloonni Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan, Baʼaal waaqayyolii tolfamoos in waaqessan.” (Abo. 2:10, 11) Biyyattiin Abdachiifamte “iddoo boqonnaa” dhugaa isaaniif hin taane. Abbomamuu waan didaniif Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya yeroo dheeraaf turu hin qabaanne. Phaawulos wanta yeroo booda taʼe kana ilaalchisee, “Iyaasuun iddoo boqonnaa sanatti utuu isaan galcheera taʼee, Waaqayyo ergasii waaʼee guyyaa kan biraa hin dubbatu ture. Egaa boqonnaan Sanbata Waaqayyoo saba isaatiif amma iyyuu kaaʼameefii jira” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 4:8, 9) ‘Sabni Waaqayyoo’ Phaawulos caqase Kiristiyaanota turan. Kun namoota Kiristiyaanota utuu hin taʼin dura Seera Musee eegaa turanis taʼe eegaa hin turre kan dabalatudha. Wanti Phaawulos dubbate yeroo harʼaas Kirstiyaanonni boqonnaa Waaqayyootti galuu akka dandaʼan argisiisa.

Kirstiyaanonni Tokko Tokko Boqonnaa Waaqayyootti Utuu Hin Galin Hafaniiru

13, 14. (a) Bara Museetti? (b) Jaarraa jalqabaatti? Seera Musee eeguufi boqonnaa Waaqayyootti galuu giddu walitti dhufeenya akkamiitu ture?

13 Phaawulos Ibroota Kiristiyaana taʼaniif yommuu barreesse, isaan keessaa tokko tokko kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimaa akka hin jirre ibseera. (Ibroota 4:1 dubbisi.) Akkamitti? Seera Musee eeguu wajjin kan wal qabate akka taʼe beekamaadha. Gara waggaa 1,500tiif namni Israaʼel kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimee jiraachuu barbaadu tokko Seericha eeguu qaba ture. Haataʼu malee, yommuu Yesus duʼu Seerichi ni hafe. Kiristiyaanonni tokko tokko kana utuu hin hubatin hafuudhaan, Seericha keessaa tokko tokko eeguusaanii itti fufaniiru. *

14 Phaawulos Kiristiyaanota Seericha eeguu barbaadaniif, iddoon Yesus hangafa lubootaa taʼuudhaan qabu, kakuu haaraaniifi manni qulqullummaa hafuuraa, wantoota Seericha jalatti turan hunda akka caalan ibseera. (Ibr. 7:26-28; 8:7-10; 9:11, 12) Kanaaf, Phaawulos boqonnaa Yihowaatti galuu ilaalchisee, “Egaa boqonnaan Sanbata Waaqayyoo saba isaatiif amma iyyuu kaaʼameefii jira. Namni boqonnaa Waaqayyootti galu, Waaqayyo hojii isaa irraa akkuma boqote, innis immoo hojii isaa irraa in boqota” jechuudhaan yeroo barreessu, Sanbata Seericha jalatti torbanitti kabajamu yaadatti qabatee taʼuu hin oolu. (Ibr. 4:8-10) Kiristiyaanonni Ibroota taʼan sun, Seera Museerratti hundaaʼanii hojii hojjechuudhaan Yihowaa biratti fudhatama arganna jedhanii yaaduu dhiisuu qabu turan. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetii kaasee, eebbi Waaqayyoo namoota Yesus Kiristositti amananiif kenname.

15. Boqonnaa Waaqayyootti galuu yoo barbaanne abboomamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

15 Israaʼeloota bara Musee turan Biyyattii Abdachiifamtetti akka hin galle wanti isaan dhowwe maalidha? Abboomamuu diduudha. Kiristiyaanota bara Phaawulos turan tokko tokkohoo boqonnaa Waaqayyootti akka hin galle wanti isaan dhowwe maalidha? Isaanis abboomamuu waan didaniifidha. Seerichi hojiisaa akka xumureefi Yihowaan sabasaa kan geggeessu karaa garabiraatiin akka taʼe utuu hin hubatin hafan.

Yeroo Harʼaa Boqonnaa Waaqayyootti Galuu

16, 17. (a) Yeroo harʼaa boqonnaa Waaqayyootti galuu jechuun maal jechuudha? (b) Mataduree itti aanurratti waaʼee maalii qorra?

16 Yeroo harʼaa Kiristiyaanonni fayyina argachuuf Seera Musee tokko tokko eegu qabna jedhanii falman hin jiran. Wanti Phaawulos hafuuraan kakaʼee warra Efesooniif, “Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti; hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti” jechuudhaan barreesse ifadha. (Efe. 2:8, 9) Kanaaf, Kiristiyaanotaaf boqonnaa Waaqayyootti galuu jechuun maal jechuudha? Yihowaan lafaa wajjin haala wal qabateen kaayyoosaa galmaan gaʼuuf, guyyaa torbaffaa jechuunis guyyaa boqonnaasaa addaa baaseera. Kaayyoosaa isa karaa jaarmiyaasaa ifa taʼeef abboomamuufi kanaa wajjinis walsimnee jiraachuudhaan boqonnaa Yihowaatti galuu ykn isaa wajjin boqochuu dandeenya.

17 Karaa garabiraammoo, gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi karaa kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa nuu kennamu tuffannee, yaada mataa keenyaa kan hordofnu yoo taʼe, kaayyoo Waaqayyoo isa duubatti hin deebineen mormina. Kunimmoo nageenya Yihowaa wajjin qabnu balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. Mataduree itti aanurratti haalawwan baramaa saba Waaqayyoo miidhuu dandaʼan muraasa ilaalla. Akkasumas, murtoon abboomamuuf ykn karaa mataa keenyaa deemuuf goonu dhugumaan boqonnaa Waaqayyootti galuuf dhiisuu keenya akkamitti akka argisiisu qorra.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Luboonniifi Lewwoonni, mana qulqullummaa wajjin haala wal qabateen guyyaa Sanbataatti hojii kan hojjetan yommuu taʼu, ‘yakka taʼee isaanitti hin lakkaaʼamu’ ture. Yesusis mana qulqullummaa hafuuraa Waaqayyoo isa guddaa keessatti hangafa lubootaa waan taʼeef, seera Sanbataa akka cabse utuu isatti hin dhagaʼamin hojii hafuuraa isaa kenname raawwachuu dandaʼa.—Mat. 12:5, 6.

^ key. 13 Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee booda, Guyyaa Araaraa ayyaaneffachuu itti fufuufi dhiisuunsaanii hin beekamu. Kana gochuun aarsaa Yesusiif kabaja dhabuu akka argisiisu beekamaadha. Taʼus, Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan tokko tokko, aadaa Seerichaa wajjin wal qabate kaan eeguusaanii itti fufanii turan.—Gal. 4:9-11.

Gaaffiiwwan Irratti Xiinxaluuf Gargaaran

• Kaayyoon guyyaa torbaffaa boqonnaa Waaqayyoo maalidha?

• Guyyaa torbaffaan ammayyuu akka itti fufe akkamitti beekna?

• Israaʼeloota bara Musee turaniifi Kristiyaanota jaarraa jalqabaa tokko tokko boqonnaa Waaqayyootti akka hin galle wanti isaan dhowwe maalidha?

• Yeroo harʼaa boqonnaa Waaqayyootti galuu jechuun maal jechuudha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 27rra jiru

Yeroo harʼaa kaayyoosaa isa karaa jaarmiyaasaa ifa taʼeef abboomamuufi kanaa wajjinis walsimnee jiraachuudhaan boqonnaa Yihowaatti galuu ykn isaa wajjin boqochuu dandeenya

[Fakkii fuula 26, 27⁠rra jiru]

Yeroo harʼaas sabni Waaqayyoo boqonnaasaatti galuuf maaltu isaan barbaachisa?