Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Duʼa Nan Sodaadhan Ture, Amma Garuu ‘Jireenya Irraa Hafaan’ Eeggadhaa

Duʼa Nan Sodaadhan Ture, Amma Garuu ‘Jireenya Irraa Hafaan’ Eeggadhaa

Duʼa Nan Sodaadhan Ture, Amma Garuu ‘Jireenya Irraa Hafaan’ Eeggadhaa

Piyeeroo Gaatiin Akka Dubbatetti

SAGALEEN wacaa xinnoo ture suuta suutaan guddachaa deeme. Itti aansuudhaanis sagalee guddaan namoonni akka dhokatan akeekkachiisu ni dhagaʼame. Achiis sagaleen boombii gurra namaa duuchuufi badiisa geessisu dhagaʼamuu jalqabe.

Kun kan taʼe bara 1943/1944 Miilaan, Xaaliyaanitti ture. Loltuu dargaggeessa iddoo kanatti ramadame waanan tureef, yeroo baayʼee reeffawwan eenyummaasaanii adda baasuun hin dandaʼamneefi gamoowwan xiyyaarri boombiidhaan rukute keessa jiran akkan sassaabun ajajama. Namoonni yeroo duʼan arguu qofa utuu hin taʼin, al tokko tokko anumtiyyuu hamma xinnoofan duʼa jalaa oola ture. Yeroowwan akkasiitti dhumiinsa kanarraa yoon oole, fedhasaa akkan raawwadhu waadaa galeen Waaqayyoon kadhadha ture.

Sodaa Duʼaa Of Keessaa Baasuu

Mandara, magaalaa Xaaliyaan, Koomoo jedhamturraa kiilomeetira 10 fagaattuufi daangaa Siwiizitti dhihoo jirtu keessattan guddadhe. Ijoollummaakootti gaddi kan narra gaʼe ennaa taʼu, duʼas nan sodaadhan ture. Dhukkubni Ispaanish filuu jedhamu obboleettota angafakoo taʼan lama kan galaafate siʼa taʼu, achiis bara 1930⁠tti umriikoo waggaa jaʼaatti haatikoo Luʼiijaan ni duute. Amantii Kaatolikii keessatti waanan guddadheef, seerawwan amantii nan eega, kadhannaa torbee torbeedhaan mana sagadaatti godhamurrattis nan argaman ture. Taʼus, waggoota baayʼee booda mana sagadaatti utuu hin taʼin, mana rifeensa itti sirreessan tokkotti sodaankoo na keessaa bade.

Bara 1944, Waraana Addunyaa Lammaffaatti namoonni hedduun dhumaniiru. Loltoota Xaaliyaanii kuma kudhaniin lakkaaʼamaniifi bakka waraanaatii Siwiizarlaandi ishee waraana kanarraa walaba taatetti baqatan keessaa tokkon ture. Akkuma achi geenyeen kaampii baqattootaa addaddaatti geeffamne. Anis kaampii mandara Shitiinaakitti dhihoo jiruufi kaaba baha biyyattii jiruttan ergame. Bakka kanatti hamma tokko mirga qabna turre. Namni rifeensa sirreessuufi Shitiinaak keessa jiraatu tokko yeroo muraasaaf nama isa gargaaru barbaada ture. Isaa wajjin jiraadhee kanan hojjedhe jiʼa tokkoof qofa taʼus, yeroon kun walitti dhufeenya jireenyakoo jijjiire uumuuf gaʼaa ture.

Adolfoo Teliiniin maamila nama rifeensa sirreessu kanaa siʼa taʼu, nama Xaaliyaanii, Siwiizarlaandi keessa jiraatuufi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼedha. Yeroo sana, guutummaa Xaaliyaan keessa kan jiran Dhugaa Baatota 150 hin caalle waan taʼaniif, waaʼee amantii kanaa utuun hin dhagaʼin hafuunkoo nama hin dinqisiisu. Adolfoon dhugaawwan Macaafa Qulqulluu dinqisiisaa, jechuunis waaʼee abdii nagaafi ‘jireenya irraa hafaa’ natti hime. (Yoh. 10:10; Mul. 21:3, 4) Abdiin gara fuulduraatti waraanniifi duuti akka hin jirre dubbatu qalbii na hawwate. Kaampiitti ergan deebiʼee booda, dargaggeessa Xaaliyaanii Juuzeeppee Tuubiinii jedhamu tokkotti abdii kana yommuun himu innis baayʼee gammade. Adolfoofi Dhugaa Baatonni kaan gara kaampichaa dhufanii nu gaafatu turan.

Adolfoon, Aarboon ishee Shitiinaakirraa gara kiilomeetira 10 fagaattuufi tuuta Dhugaa Baatotaa xinnoo afaan Xaaliyaaniitiin geggeeffamutti na geesse. Wantin walgaʼicharratti dhagaʼe baayʼee waan na gammachiiseef torbee itti aanus nan dhaqe. Yeroo boodas, walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa galma walgaʼii Zuuriikitti godhamerratti argameera. Keessumaa tuullaa reeffaa kaampii ajjeechaan itti raawwatame keessa ture fiilmiidhaan ilaaluunkoo baayʼee na tuqe. Dhugaa Baatonni Jarman hedduun sababa amantiisaaniitiif wareegamuusaaniin hubadhe. Walgaʼii guddaa kanarratti Maariyaa Piisaatoo wajjinan wal bare. Sochiiwwan Dhugaa Baatuu taʼuusheetiin raawwattuun kan kaʼe, abbootiin taayitaa Faashistii Xaaliyaan hidhaa waggaa 11 itti murteessan.

Waraanichi ennaa dhaabate, Xaaliyaaniitti deebiʼeen gumii xinnoo Koomootti argamu keessatti hirmaachuu jalqabe. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa taʼe qabaachuu baadhus, dhugaawwan buʼuura taʼan akka gaariittan beeka. Maariyaa Piisaatoonis miseensa gumii sanaa turte. Cuuphaan Kiristiyaanaa barbaachisaa akka taʼe kan natti himte yommuu taʼu, obboleessa keenya Maarchelloo Maartinellii, magaalaa Kaastiyoonee Aandaavenoo ishee kutaa Sandiriyoo taate keessa jiraatu bira dhaqee akkan haasofsiisu na gorsite. Maarchelloon obboleessa dibamaa amanamaa taʼeefi bulchiinsa abbaa irree keessatti waggaa 11 hidhamedha. Isa bira dhaquuf biskileetiidhaan kiilomeetira 80 deemuun qaba ture.

Maarchelloon Macaafa Qulqulluutti fayyadamee ulaagaawwan cuuphamuuf barbaachisan kan naa ibse siʼa taʼu, kadhannaa erga goonee booda laga Aaddaa jedhamu bakkan itti cuuphame dhaqne. Yeroonsaa Fulbaana 1946 ennaa taʼu, guyyaan sun baayʼee adda ture! Murtoon Yihowaa tajaajiluuf godheefi waaʼee gara fuulduraa abdii amansiisaa qabaachuunkoo baayʼee waan na gammachiiseef, gaafa sana kiilomeetira 160 biskileetiidhaan deemuukoollee hin hubanne!

Waraanichi erga dhaabatee booda yeroo jalqabaatiif Caamsaa 1947 Xaaliyaan keessatti walgaʼiin guddaan Miilaanitti godhame. Namoota hedduu Faashistiidhaan ariʼatamni isaanirra gaʼe dabalatee walgaʼicharratti namoonni 700 argamaniiru. Walgaʼii kanarratti wanta nama ajaaʼibsiisu tokkotu taʼe. Haasaa cuuphaa kan kenne Juuzeeppee Tuubiinii, isa ani kaampii keessatti dhugaa baʼeef yommuu taʼu, innis haasicha erga dhiheessee booda cuuphame!

Walgaʼicharratti obboleessa keenya Naataan Noor isa Biruukiliin Niiwu Yoorkii dhufe wajjin wal arguuf mirga argadheera. Jireenya keenyaan Waaqayyoon akka tajaajillu anaafi Juuzeeppee jajjabeesse. Jiʼa tokko keessatti tajaajila yeroo guutuu jalqabuufan murteesse. Gara manaatti ergan deebiʼee booda, murtoon godhe warrakootti ennaan himu, murtookoo akkan dhiisu na amansiisuuf yaalan. Taʼus duubatti akkan hin jenne murteesseen ture. Kanaafuu jiʼa tokko booda Miilaan, Betʼel keessatti tajaajiluun jalqabe. Misiyoononni afur jechuunis, Juuzeeppee (Jooseef) Roomaanoofi haati manaasaa Anjeliinaan, Kaarloo Beenaantiifi haati manaasaa Koostaantisaan achi keessatti tajaajilu turan. Miseensi maatichaa inni shanaffaan Juuzeeppee Tuubiinii isa reefuu isaanitti dabalame siʼa taʼu, animmoo jaʼaffaan ture.

Jiʼa tokkoof Betʼeliin ergan turee booda, ilaaltuu olaanaa aanaa lammii Xaaliyaanii isa jalqabaa taʼeen muudame. Obboleessi keenya Joorji Fireediyaanellii jedhamu, misiyoonii jalqabaa Yunaayitid Isteetisii bara 1946 gara Xaaliyaanii dhufe siʼa taʼu, daawwataa olaanaa taʼee hojjechaa ture. Torban muraasaaf erga inni na leenjise booda, hojii ulfaataa kana ofumakootiin hojjechuuttan kaʼe. Keessumaa gumii Faaʼenzaa isan daawwannaa irratti jalqabe hin irraanfadhu. Mee yaadaa! Hamma gaafa sanaatti gumiirratti haasaa tokkollee kennee hin beeku! Taʼus, dargaggoota hedduu walgaʼicharratti argaman dabalatee, dhaggeeffattoonni tajaajila yeroo guutuurratti akka hirmaatan jajjabeesseera. Yeroo booda dargaggoota kana keessaa tokko tokko Xaaliyaan keessatti itti gaafatamummaa guddaan isaanii kennameera.

Daawwataa olaanaa aanaa taʼuudhaan jireenya gammachiisaa jiraachuun jalqabe. Jireenya wanti hin eegamne, sirreeffamni, haalli rakkisaaniifi gammachuun keessa guute, akkasumas obbolootarraa jaalalli guddaan itti argamu ture.

Haala Amantii Waraana Booda Xaaliyaan Keessa Ture

Mee haala amantii yeroo sana Xaaliyaan keessa turen isinitti hima. Manni Sagadaa Kaatolikii rakkoo tokko malee bulchaa turte. Bara 1948 seerri haaraan baʼe hojiirra ooluu kan jalqabe taʼus, seerri Faashistoonni Dhugaa Baatonni akka hin lallabne baasan hanga bara 1956⁠tti itti hojjetamaa tureera. Dhiibbaa geggeessitoonni amantii geessisaniin kan kaʼe walgaʼiiwwan gurguddaan yeroo baayʼee addaan kutamu ture. Haataʼu malee yeroo tokko tokko carraaqqiin geggeessitoonni amantii godhan utuu hin milkaaʼin kan hafe taʼuusaa, wanta bara 1948 magaalaa xinnoo Suulmoonaa jedhamtuufi handhuura Xaaliyaaniitti argamtutti taʼe caqasuun ni dandaʼama.

Walgaʼichi galma tiyaatiraa tokkotti geggeeffamaa ture. Dilbata ganama dura taʼaa waltajjii kanan ture yommuu taʼu, Juuzeeppee Roomaanoon haasaa sabaa kenna ture. Namoonni walgaʼiirratti argaman hedduu turan. Yeroo sanatti guutummaa biyyattii keessa babalʼistoonni 500 qofti kan turan taʼus, namoonni 2,000 galmicha guutanii turan. Xumura haasichaarratti dargaggeessi qeesota lamaan gorfame tokko dhaggeeffattoota keessaa baʼee utaalee waltajjiirra baʼe. Jeequmsa uumuuf yaaduudhaan sagaleesaa ol kaasee iyye. Battaluma sana, “Wanta dubbachuu barbaaddu qabaannaan, galma kireeffattee waan yaadde dubbachuu dandeessa” jedheen itti hime. Dhaggeeffattoonni wanta inni dubbateef xiyyeeffannaa kan hin kennine yommuu taʼu, dubbiisaa akka hin fudhanne ibsuudhaan sagaleensaa akka hin dhagaʼamne godhan. Yeroo kanatti, dargaggeessichi waltajjiirraa utaalee buʼuudhaan bakka sanaa bade.

Yeroo sanatti asiifi achi deemuun baayʼee rakkisaa ture. Yeroo tokko tokko gumii tokkoo gara gumii kaaniitti, biskileetii kootiin, otoobisii moofaa garmalee namoota feʼeen ykn baaburaanan deema ture. Al tokko tokko, kanan boqodhu mana horiin keessa bulan ykn mana meeshaan itti kuufamu keessadha. Waraanichi dhihoo kan dhaabate ennaa taʼu, Xaaliyaanonni hedduun hiyyeeyyii turan. Obboloonni jiranis muraasaafi harka qalleeyyii turan. Yihowaa tajaajiluun garuu yeroo hundumaa wanta nama gammachiisu ture.

Giilʼaaditti Leenjiʼuu

Bara 1950, Juuzeeppee Tuubiiniifi ani Giilʼaaditti Mana Barumsaa misiyoonotaa kutaa 16⁠ffaarratti hirmaachuuf afeeramne. Jalqabumaa kaasee, Ingiliffa barachuun akka natti ulfaatu hubadheen ture. Hamma humnakoo kanan yaale taʼus baayʼee na rakkise. Guutummaa Macaafa Qulqulluu Ingiliffaan dubbisuu qabna turre. Kana gochuuf, yeroo tokko tokko laaqana galuu dhiiseen, sagaleekoo ol kaasee dubbisuu shaakala ture. Dabareen ani haasaa itti kennu ni gaʼe. Yaada barsiisaan keenya, “Sochiin qaamaakeefi miira hoʼaadhaan dhiheessuunkee baayʼee gaariidha, Ingiliffikee garuu homaa namaaf hin galu ture!” jechuudhaan kenne akka gaariittan yaadadha. Taʼus, barumsicha xumuruu dandaʼeera. Achiis, Juuzeeppeefi ani deebinee Xaaliyaaniitti ramadamne. Leenjiin dabalataan arganne obboloota keenya akka gaariitti tajaajiluuf nu gargaareera.

Bara 1955, obboleettii Liidiyaa jedhamtuufi waggaa torba dura yommuu isheen cuuphamte haasaa cuuphaa kennen fuudhe. Abbaanshee Domeniikoon, bulchiinsi Faashistootaa ariʼatama isarraan gaʼuufi waggaa sadiif biyyaa isa ariʼus, obboleessa jaallatamaa ijoolleensaa torba mana dhugaa keessa akka turan gargaaredha. Liidiyaanis dhugaadhaaf kan dhaabatte turte. Manaa gara manaatti lallabuun yeroo booda seeraan fudhatama argachuusaa dura, siʼa sadii mana murtii dhaabatteetti. Gaaʼela godhannee waggaa jaʼa booda ilma keenya isa jalqabaa Beniyaamiinoo jedhamu godhanne. Bara 1972 ilma lammaffaa Maarkoo jedhamu godhanne. Lamaansaaniiyyuu maatiisaanii wajjin hinaaffaadhaan Yihowaa yommuu tajaajilan arguukootti baayʼeen gammada.

Tajaajila Yihowaarratti Dammaqoo Taʼuu

Waggoota gammachiisaa ani tajaajilaan dabarserratti muuxannoowwan hin irraanfatamne hedduu argadheera. Fakkeenyaaf, jalqaba bara 1980mmanii, abbiyyuunkoo Saandiroo Pertiinii pireezidaantii Xaaliyaanii yeroo sanaatiif xalayaa barreesse. Bulchiinsa Faashistii jalatti lamaansaanii odoola Veentootenee jedhamtutti bakka namoonni akka diinota sirnichaatti ilaalaman geeffamanitti waliin turan. Abbiyyuunkoo pireezidaantichaaf dhugaa baʼuu barbaadee isa haasofsiisuuf heyyama gaafate. Ennaa heyyamametti isaa wajjin kanan dhaqe siʼa taʼu, kabaja kanaan dura argannee hin beekneen simatamne. Pireezidaantichi abbiyyuukoo hammatee hoʼisee nagaa gaafate. Achiis waaʼee amantii keenyaa kan haasofsiisne yommuu taʼu, barreeffamootas ni kennineef.

Bara 1991, waggaa 44iif daawwataa olaanaa taʼee ergan tajaajilee booda, guutummaa Xaaliyaan keessa deemee gumiiwwan daawwachuu nan dhaabe. Sababa dhukkuba cimaatiin hojii salphaa hojjechuu hamman jalqabetti, waggoota itti aanan afuriif, ilaaltuu Galma Walgaʼii Gurguddaa taʼeen tajaajilaa ture. Gaarummaa Yihowaatiif galanni haa gaʼu malee, ammayyuu tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachaan jira. Hamman dandaʼe misraachicha kanan lallabuufi namoota kanan barsiisu taʼuusaarrayyuu, namootan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu qaba. Obboloonni, ammayyuu yeroon haasaa kennu miira hoʼaa “dhukaʼuun” akkan kennu dubbatu. Dulloomullee jabina qabaachuu kootiif Yihowaa nan galateeffadha.

Dargaggeessa yommuun ture, sodaa duʼaatiin guutummaatti moʼameen ture; taʼus beekumsa Macaafa Qulqulluu isa sirrii argachuunkoo akkuma Yesus jedhe abdii jireenya barabaraa, jechuunis ‘jireenya irraa hafaa’ naaf argamsiiseera. (Yoh. 10:10) Jireenya nagaa, tasgabbiifi gammachuudhaan guutame, akkasumas eebbawwan Yihowaa dhuma hin qabnen eeggadha. Ulfinni hundi, Uumaa isa maqaasaatiin waamamuuf mirga arganneef haataʼu.—Far. 83:18, NW.

[Kaartaa fuula 22, 23⁠rra jiru]

(Odeeffannoo guutuu argachuuf, barreeffamicha ilaali)

SIWIIZARLAANDI

BARNI

Zuuriik

Aarboon

Shitiinaak

XAALIYAANII

ROOM

Koomoo

Miilaan

Laga Aaddaa

Kaastiyoonee Aandaavenoo

Faaʼenzaa

Suulmoonaa

Veentootenee

[Fakkii fuula 22⁠rra jiru]

Giilʼaad dhaqaa utuu jirruu

[Fakkii fuula 22⁠rra jiru]

Giilʼaaditti Juuzeeppee wajjin

[Fakkii fuula 23⁠rra jiru]

Guyyaa cidha keenyaa ▴

[Fakkii fuula 23⁠rra jiru]

Haati manaakoo jaallatamtuun waggaa 55f na cina dhaabatteetti