Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qajeelfama Yihowaa Isa Jaalalarratti Hundaaʼe Ni Hordoftaa?

Qajeelfama Yihowaa Isa Jaalalarratti Hundaaʼe Ni Hordoftaa?

Qajeelfama Yihowaa Isa Jaalalarratti Hundaaʼe Ni Hordoftaa?

“Karaa sobaa hundumaas nan jibba.”—FAR. 119:128.

1, 2. (a) Bakka dhaquu barbaaddu tokko gaʼuuf qajeelfama yeroo barbaaddu, akeekkachiisa akkamii argachuu feeta? Maaliif? (b) Yihowaan namoota isa tajaajilaniif akeekkachiisa akkamii kenna? Maaliif?

MEE bakka tokko deemuu akka barbaadde godhii yaadi. Qajeelfama akka sii kennuuf michuu amantuufi karicha beeku tokko gaafatta. Qajeelfama barbaachisu yommuu sii kennu, “Mallattoon nama dogoggorsu tokko karicharra jira. Namoonni baayʼeen mallatticha hordofanii karaarraa badaniiru” jedha taʼa. Michuunkee siif yaaduusaa dinqisiifattee akeekkachiisa inni sii kenne ni hordoftaa? Karaawwan tokko tokkoon Yihowaan michuu kanaa wajjin wal fakkaata. Qajeelfama gaarii bakka deemuu barbaannu gaʼuuf, jechuunis jireenya barabaraa argachuuf nu gargaaru nuu kennuu malees, dhiibbaa gadhee karaa dogoggoraarra akka deemnu nu gochuu dandaʼurraa akka of eeggannu nu akeekkachiisa.—Kes. 5:32; Isa. 30:21.

2 Mataduree kanaafi itti aanurratti dhiibbaawwan Michuun keenya Yihowaan akka irraa of eeggannu nu akeekkachiisu tokko tokko ilaalla. Yihowaan akeekkachiisa akkasii kan nuu kennu waan nuu yaaduufi waan nu jaallatuuf akka taʼe haa yaadannu. Bakka yaanne akka geenyu barbaada. Namoonni dhiibbaawwan gadhee taʼaniif moʼamanii yommuu karaarraa badan arguun isa gaddisiisa. (His. 33:11) Mataduree kana keessatti dhiibbaawwan gadhee sadii qorra. Inni jalqabaa dhiibaa alaa nutti dhufu siʼa taʼu, inni lammaffaanimmoo dhiibbaa keessa keenyaa nutti dhufudha. Inni sadaffaan ifatti kan hin mulʼanne yoo taʼellee balaa guddaa geessisa. Dhiibbaawwan kun maal akka taʼaniifi Abbaan keenya inni samii akkamitti moʼuu akka dandeenyu akka nu barsiisu beekuun nu barbaachisa. Faarfataan tokko hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Yihowaadhaan, “Karaa sobaa hundumaas nan jibba” jedheera. (Far. 119:128) Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Ilaalcha akkasii guddifachuufi haala kanaa wajjin walsimuun deddeebiʼuu akkamitti akka dandeenyu haa ilaallu.

“Tuuta Duukaa” Hin Buʼin

3. (a) Karaa kam akka deemnu yommuu wallaallutti, kara deemtota kaan duukaa buʼuun balaa kan qabu maaliifi? (b) Baʼuu 23:2⁠rratti seera buʼuuraa barbaachisaa taʼe akkamii arganna?

3 Karaa fagoo deemaa utuu jirtuu, karaan sirriin isa kam akka taʼe mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte maal goota? Keessumaa namoonni hedduun karaa tokko yoo filatan, atis isaan duukaa buʼuuf qoramta taʼa. Kana gochuun balaa qabachuu dandaʼa. Kana malees, namoonni kun bakka ati dhaqxu deemaa hin jiran taʼa ykn isaanis karaa wallaalanii taʼuu dandaʼa. Kanaa wajjin haala wal qabateen, seera buʼuuraa seerri Israaʼeloota duriitiif kenname tokko irratti hundaaʼe ilaali. Namoonni abboota firdii taʼan ykn murtoo wajjin haala wal qabateen dhugaa baatota taʼan, ‘tuuta duukaa buʼuun’ balaa akka qabu akeekkachiisni isaanii kennamee ture. (Baʼuu 23:2 dubbisi.) Dhiibbaa hiriyaatiif moʼamuudhaan firdii jalʼisuun namoota cubbuu dhaalaniif baayʼee salphaa akka taʼe hin shakkisiisu. Haataʼu malee, seerri buʼuuraa tuuta duukaa buʼuu ilaalchisee kenname, dhimmaa firdii wajjin wal qabate qofaaf kan hojjetudhaa? Matumaa.

4, 5. Iyaasuufi Kaaleb tuuta duukaa akka buʼan dhiibbaan kan isaanirra gaʼe akkamitti? Haataʼu malee, akka moʼan maaltu isaan gargaare?

4 Dhugaa dubbachuuf, ‘tuuta duukaa akka buunu’ yeroo kamittiyyuu dhiibbaan nurra gaʼuu dandaʼa. Dhiibbaan kun akka tasaa uumamuufi moʼuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, dhiibbaa hiriyaa yeroo tokko Iyaasuufi Kaalebirra gaʼe yaadadhu. Isaan namoota 12an Biyyattii Abdachiifamte akka gaadan ergaman keessa turan. Namoota sana keessaa kudhan yommuu deebiʼan, gabaasa abdii nama kutachiisu dhiheessan. Jiraattonni biyyichaa tokko tokko, hamma wayii akka gaʼaniifi sanyii Neefliimota ijoollee ergamootaafi dubartoota hamoo sanaa akka taʼan dubbatan. (Uma. 6:4) Jechisaanii kun soba ture. Diqaalonni hamoon sun ijoollee utuu hin godhatin jaarraawwan hedduu dura Bishaan Badiisaatiin balleeffamaniiru. Haataʼu malee, yaanni buʼuura hin qabnellee namoota amantiinsaanii dadhabaa taʼerratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Gabaasni gadheen gaaddonni kurnan dhiheessan, sodaafi naasuun namoota gidduutti hatattamaan akka babalʼatu godheera. Utuma hin turin, baayʼeensaanii akka Yihowaan ajajetti Biyyattii Abdachiifamtetti galuun dogoggora akka taʼe mirkanaaʼoo taʼan. Haala rakkisaa sana keessatti Iyaasuufi Kaaleb maal godhan?—Lak. 13:25-33.

5 Isaan tuuta duukaa hin buune. Tuutni sun dhagaʼuu akka hin barbaanne isaanitti himaniifi dhagaadhaan rukutanii akka isaan ajjeesan isaan doorsisanillee, dhugaasaa dubbataniiru, akkasumas dhugaatti cichaniiru. Ija jabina akkasii kan isaaniif argamsiise maalidha? Amantii Yihowaarratti qabanidha. Namoonni amantii qaban, garaagarummaa soba namoonni dubbataniifi abdii Yihowaan kenne gidduu jiru ifatti hubatu. Lamaanuu yeroo booda, seenaa Yihowaan abdii kenne hunda raawwachuudhaan galmeessise ilaalchisee maal akka isaanitti dhagaʼame ibsaniiru. (Iyaasuu 14:6, 8; 23:2, 14 dubbisi.) Iyaasuufi Kaaleb Waaqasaanii isa amanamaatti waan maxxananiif, tuuta amantii hin qabne duukaa buʼuuf jecha isa gaddisiisuu yaaduu hin dandaʼan turan. Kanaafuu, jabaatanii dhaabachuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼaniiru.—Lak. 14:1-10.

6. Tuuta duukaa akka buunu karaawwan kamiin dhiibbaan nurra gaʼuu dandaʼa?

6 Tuuta duukaa akka buutu dhiibbaan sirra gaʼee beekaa? Yeroo harʼaa namoonni Yihowaarraa fagaataniifi seera buʼuuraa inni amalaaf baasetti qoosan tuuta baayʼee akka taʼan hin shakkisiisu. Tuutni kun bohaartiifi bashannana ilaalchisee yeroo baayʼee yaada hundee hin qabne babalʼisu. Ejji, gooliifi gochi hafuura xuraaʼummaa sagantaa televijiinii, fiilmiifi tapha viidiyoorratti balʼinaan mulʼatu miidhaa akka hin qabne dubbatu. (2 Xim. 3:1-5) Ofiikeetiif ykn maatiikeetiif bohaartiifi bashannana yommuu filattu, dhageettiin yaada garaa warra kaanii inni dadhabaan, murtookeefi dhageettii yaada garaa keerratti dhiibbaa akka godhu ni heyyamtaa? Kana gochuun tuuta duukaa buʼuu wajjin tokko mitii?

7, 8. (a) “Sammuun” keenya leenjiʼuu kan dandaʼu akkamitti? Leenjiin akkasii seera asiifi achi hin jenne hedduu hordofuu caalaa gaarii kan taʼe maaliifi? (b) Fakkeenyi dargaggoota Kiristiyaana taʼan hedduu kan si gammachiisu maaliifi?

7 Yihowaan kennaa gati jabeessa murtoo gochuuf nu gargaaru, jechuunis “sammuu” nuu kenneera. Haataʼu malee, sammuun keenya “hojiidhaan itti bare[e]” leenjifamuunsaa barbaachisaadha. (Ibr. 5:14) Tuuta duukaa buʼuunis taʼe, dhageettii yaada garaa ilaalchisee seera asiifi achi hin jenne hedduu baasuun sammuu keenya hin leenjisu. Sabni Yihowaa fiilmii, kitaabotaafi Weebsaayitii Intarneetii warra kamirraa fagaachuu akka qaban barreeffamee kan isaanii hin kennamne kanaafidha. Biyyi lafaa kun hatattamaan waan jijijjiiramuuf, barreeffamee utuu isaanii kennamee utuma hin turin yeroon kan itti darbe taʼa. (1 Qor. 7:31) Kana caalaa kan nama gaddisiisummoo, seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu of eeggannoofi kadhannaadhaan gamaaggamuu, achiis isaanirratti hundaaʼanii murtoo gochuu isa baayʼee barbaachisaa taʼe akka hin raawwanne kan nu godhu taʼuusaati.—Efe. 5:10.

8 Dhugaadha, yeroo tokko tokko murtoon keenya inni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe akka jibbamnu nu gochuu dandaʼa. Dargaggoonni Kiristiyaanaa barattoota taʼan wanta namoonni hundi ilaalaniifi godhan isaanis akka ilaalaniifi godhan namoonni baayʼeen dhiibbaa isaanirraan gaʼu. (1 Phe. 4:4) Kanaaf, Kiristiyaanota dargaggootaafi maanguddoota akka Iyaasuufi Kaaleb tuuta duukaa buʼuu didan arguun nama gammachiisa.

“Hawwii garaa Keessanii Fi Hawwii Ija Keessanii” Duukaa Hin Buʼinaa

9. (a) Karaa yommuu deemtu waan jaallateef qofa karaa sana hordofuun balaa kan qabu maaliifi? (b) Seerri Lakkoobsa 15:37, 38⁠rratti kenname saba Waaqayyoo duriitiif barbaachisaa kan ture maaliifi?

9 Dhiibbaa hamaan ilaallu inni lammaffaan isa keessa keenyaa nutti dhufudha. Fakkeenyaaf, bakka tokko dhaquuf kaartaa qabattee deemaa jirta haa jennu. Haataʼu malee, kaartaa kana hordofuu dhiistee karuma wanti ijakeetti bareedu sitti mulʼatu hundarra deemuu yoo filatte maaltu taʼa? Matumaa bakka yaadde sana gaʼuu hin dandeessu. Gama kanaan seera Yihowaan Israaʼeloota duriitiif kenne garabiraa ilaali. Namoonni yeroo harʼaa baayʼeen seera fiixee uffataatti shaasharaafi foʼaa bifa waaqaa fakkaatu akka godhatan kenname hubachuun isaan rakkisa taʼa. (Lakkoobsa 15:37, 38 dubbisi.) Haataʼu malee, kun barbaachisaa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Sabni Waaqayyoo seera akkasiitiif ajajamuunsaanii, saboota naannoosaanii Yihowaa hin waaqeffannerraa adda akka taʼan isaan gargaareera. Yihowaa biratti fudhatama argachuufi kanaanis itti fufuuf akkas gochuunsaanii barbaachisaa ture. (Lew. 18:24, 25) Taʼuyyuu, seerri kun dhiibbaa hamaa keessa keenyaa nutti dhufuufi galma keenya isa jireenya barabaraatti geessurraa nu gufachiisus ifa godha. Akkamitti?

10. Yihowaan uumama namootaa akka gaariitti akka beeku kan argisiise akkamitti?

10 Yihowaan sababa seera kana sabasaatiif itti kenne ilaalchisee, ‘Hawwii garaa keessaniifi hawwii ija keessanii isa karaarraa isin kaachisu duukaa hin buʼinaa’ jechuusaa hubadhu. (Lak. 15:39) Yihowaan uumama ilmaan namootaa akka gaariitti beeka. Garaan ykn keessi keenya wanta iji keenya ilaaluun salphaadhumatti gowwoomfamuu akka dandaʼu baʼeessa godhee beeka. Kanaan kan kaʼes Macaafni Qulqulluun, “Garaan namaa waan hundumaa irra jalʼaa dha, namnis isa qajeelchuu hin dandaʼu; egaa eenyutu isa beekuu dandaʼa ree?” jedhee akeekkachiisa. (Er. 17:9) Kanaaf, akeekkachiisni Yihowaan Israaʼelootaaf kenne barbaachisaa akka taʼe hubatteettaa? Saboota Yihowaa hin waaqeffanneefi naannoosaanii jiran ilaaluudhaan gowwoomfamuu akka dandaʼan beekee ture. Namoota hin amanne sana fakkaachuu, achiis akkasaaniitti yaaduu, miira akkasaanii qabaachuufi akkasaanii gochuuf qoramuu dandaʼu taʼa.—Fak. 13:20.

11. Wanti arginuufi wanti dhageenyu nu gowwoomsuu kan dandaʼu akkamitti?

11 Yeroo harʼaa garaan keenya inni jalʼaan waan arginuufi waan dhageenyuun salphaatti gowwoomfama. Biyya lafaa fedhii dogoggoraa hordofuun salphaa akka nuuf taʼu godhu keessa jiraanna. Seera buʼuuraa Lakkoobsa 15:39⁠rratti ibsame hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamittiree? Fakkeenyaaf, namoonni wajjin barattu, wajjin hojjettu ykn naannookee jiran, haala fedhii saalqunnamtii kakaasuun uffachuunsaanii dhiibbaa sirratti godhaa? ‘Hawwii garaafi ija keetii duukaa buʼuudhaan’ wanta argiteen ni gowwoomfamtaa? Sana boodammoo akka isaaniitti uffachuudhaan ejjennookee laaffisuuf ni qoramtaa?—Rom. 12:1, 2.

12, 13. (a) Iji keenya bakka ilaaluu hin qabne ilaaluu yoo bare maal gochuu qabna? (b) Namoota kaanitti madda qorumsaa taʼuurraa fagaachuuf maaltu nu kakaasuu dandaʼa?

12 Of qabuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Iji keenya bakka ilaaluu hin qabne ilaaluu kan bare yoo taʼe, murtoo cimaa Iyoob inni nama amanamaa taʼe, dubartii haadha manaasaa hin taane fedhii saalqunnamtiitiin ilaaluu dhiisuuf ijasaa wajjin kakuu galuudhaan godhe haa yaadannu. (Iyo. 31:1) Daawit Mootichis, “Wanta gadhee ija koo dura kaaʼee hin taaʼu” jedheera. (Far. 101:3) Wanti yaada garaa keenya isa qulqulluufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu balleessuu dandaʼu kamiyyuu nuuf ‘wanta gadheedha.’ Kunis, wanta ija keenya hawwatuufi garaan keenya dogoggora raawwachuuf akka gowwoomfamu godhu kamiyyuu kan dabalatudha.

13 Karaa garabiraammoo, namoonni kaan dogoggora raawwachuu akka yaadan isaan qoruudhaan matumaa “wanta gadhee” isaanitti taʼuu hin barbaannu. Kanaafuu, gorsa Macaafni Qulqulluun inni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame maal naan jedhuudhaan uffata qajeelaa uffachuu ilaalchisee kennuuf bakka guddaa laanna. (1 Xim. 2:9) Maal naan jedhuun wanta karaa barbaanneen hiika kenninuuf miti. Nageenya sammuu namoota kaanii filannaa keenyarra caalchisuudhaan, yaada garaafi miira namootaa xiyyeeffannaa keessa galchuun nu barbaachisa. (Rom. 15:1, 2) Gumiin Kiristiyaanaa dargaggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamaniifi gama kanaan fakkeenya guddaa taʼan qabaachuudhaan eebbifameera. Akkaataa uffannaasaanii dabalatee wanta godhan hundaan, ‘hawwii garaafi ijasaanii duukaa buʼuu’ mannaa Yihowaa gammachiisuu filachuunsaanii baayʼee nu gammachiisa.

Wantoota “Waaʼee Hin Baafne” Hin Hordofinaa

14. Saamuʼel wantoota “waaʼee hin baafne” hordofuu ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kenne?

14 Gammoojjii balʼaa keessa deemaa akka jirtu godhii yaadi. Fagoodhaa bishaan kan argite sitti fakkaatee isa argachuuf jettee utuu karaarraa jalʼattee maaltu sitti dhagaʼama? Waan dhugaa hin taane akkasii barbaaduun jireenya si dhabsiisuu dandaʼa. Yihowaan, balaan akkasii gaʼuu akka dandaʼu beeka. Fakkeenya tokko ilaali. Israaʼeloonni akka saboota naannoosaanii mootota namaatiin bulanii taʼuu barbaadan. Hawwiinsaanii kun, Yihowaa isa Mootiisaanii taʼe tuffachuusaanii waan argisiisuuf cubbuu guddaa ture. Yihowaan mootii akka qabaatan kan isaanii heyyame taʼus, Saamuʼel raajichi “waaqayyolii tolfamoo” ykn wantoota waaʼee hin baafne hordofuu ilaalchisee akeekkachiisa akka isaanii kennu godheera.—1 Saamuʼel 12:21 dubbisi.

15. Israaʼeloonni wantoota waaʼee hin baafne kan hordofan karaawwan kamiini?

15 Namoonni sun mootiin tokko Yihowaa caalaa hamma tokko akka isaanii dhugoomuufi itti amanamuun akka dandaʼamu yaadanii turanii? Taanaan, dhugumaan wanta waaʼee hin baafne hordofaa turan jechuudha. Soba Seexanni babalʼisu hedduu duukaa buʼuufis saaxilamanii turan. Mootonni salphaadhumatti waaqayyolii tolfamoo akka waaqeffatan isaan gochuu dandaʼu. Namoonni waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan, waaqayyoliin muka ykn dhagaarraa tolfaman, Yihowaa isa waan hundumaa uumeefi hin mulʼanne caalaa hamma tokko dhugaafi amansiisaa akka taʼanitti dogoggoraan yaadu. Haataʼu malee, Phaawulos waaqayyolii tolfamoon “jireenya akka hin qabne” dubbateera. (1 Qor. 8:4) Arguu, dhagaʼuu, dubbachuu ykn hojjechuu hin dandaʼan. Isaan arguufi harkaan qabuu kan dandeessu taʼus, kan isaan waaqeffattu yoo taʼe waan waaʼee hin baafne, jechuunis wanta soba taʼeefi badiisa sitti fidu hordofaa jirta jechuudha.—Far. 115:4-8.

16. (a) Seexanni namoonni baayʼeen wanta waaʼee hin baafne akka hordofan gochaa kan jiru akkamitti? (b) Yihowaa wajjin yommuu walbira qabamu qabeenyi wanta waaʼee hin baafnedha kan jennu maaliifi?

16 Seexanni ammayyuu, namoonni wantoota waaʼee hin baafne akka hordofan amansiisuuf dandeettii qaba. Fakkeenyaaf, namoonni baayʼeen qarshii, hojii mindaa gaarii argamsiisuufi wantoota gaggaarii hedduu yoo qabaatan, gammachuufi nageenya arganna jedhanii akka yaadan godha. Haataʼu malee, yommuu fayyaa dhaban, yommuu dinagdeen kufu ykn yommuu balaan uumamaa gaʼu qabeenyi maal gochuu dandaʼa? Namoonni gatii akka hin qabne yommuu isaanitti dhagaʼamu, yommuu kaayyoo jireenyaa beekuun isaan barbaachisu, yommuu qajeelfama barbaadaniifi gaaffiiwwan gurguddaa jireenya keessatti kaʼaniif deebii barbaadan qabeenyi maal gochuu dandaʼa? Duʼarraahoo nama oolchuu dandaʼaa? Qarshiifi qabeenyatti yoo amanamne abdii kutanna. Qabeenyi wanta waaʼee hin baafne waan taʼeef fayyina argamsiisuu hin dandaʼu. Qarshiifi qabeenyi gammachuu dhugaa kan hin argamsiisne, akkasumas dhukkubaafi duʼarraa nu oolchuu kan hin dandeenye waan taʼaniif, wanta ‘waaʼee hin baafnedha.’ (Fak. 23:4, 5) Waaqni keenya Yihowaan garuu akkas miti. Nageenya dhugaa argachuu kan dandeenyu isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa yoo qabaanne qofadha. Kun eebba guddaadha! Wanta waaʼee hin baafne hordofuuf jecha matumaa isarraa fagaachuu hin qabnu.

17. Dhiibbaawwan gadhee qorre ilaalchisee murtoonkee maalidha?

17 Adeemsa jireenyaaf goonurratti Yihowaan Michuu keenyaafi Geggeessaa keenya taʼuusaatti eebbifamneerra. Akeekkachiisa inni jaalalarratti hundaaʼee dhiibbaawwan sadan jechuunis, tuuta, garaa keenyaafi wanta waaʼee hin baafne ilaalchisee kenne dhagaʼuu keenya yoo itti fufne, carraan bakka deemuu barbaannu gaʼuuf, jechuunis jireenya barabaraa argachuuf qabnu guddaa taʼa. Mataduree itti aanurratti, karaawwan sobaa namoonni baayʼeen akka dogoggoran godhan ilaalchisee akeekkachiisa dabalataa Yihowaan kennu sadii qorra.—Far. 119:128.

Maal Jettee Deebista?

Seerawwan buʼuuraa caqasoota armaan gadii keessatti ibsaman dhuunfaatti hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

Baʼuu 23:2

Lakkoobsa 15:37-39

1 Saamuʼel 12:21

Faarfannaa 119:128

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 11⁠rra jiru]

Tuuta duukaa buʼuuf qoramtee beektaa?

[Fakkii fuula 13⁠rra jiru]

Hawwii ofii hordofuun balaa kan qabu maaliifi?

[Fakkii fuula 14⁠rra jiru]

Wantoota waaʼee hin baafne hordofaa jirtaa?