Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Raajiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti waaʼee Masiihichaa dubbataman meeqa akka taʼan sirriitti beekuun ni dandaʼamaa?

Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa of eeggannoodhaan qoruun keenya, raajiiwwan Yesus Kiristosirratti raawwataman hedduu beekuuf nu gargaara. Raajiiwwan kun maatii inni keessaa dhalatu, yeroo inni itti Masiihii taʼu, wanta inni hojjetu, wanta namoonni isarratti raawwataniifi wanta Waaqayyo akka inni raawwatu barbaadu argisiisu. Raajiiwwan kun hundi Yesus Masiihicha taʼuusaa addaan baasnee beekuuf nu gargaaru. Haataʼu malee, raajiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti waaʼee Masiihichaa dubbataman hammana jennee murteessuuf kan yaallu taanaan of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.

Yaada raajii waaʼee Masiihichaa ibsu kennamurratti kan walii galan namoota hunda miti. Alfireed Edarshaayim kitaabasaanii isa Ze Laayif eendi Taayimsi oov Jiisas ze Messaayaa jedhamurratti, barreeffamoota barsiisota Yihudootaa durii caqasoota 456 Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessa jiran Masiihii argisiisa jedhanii kan ibsan taʼus, caqasoonni kun hedduunsaanii kallattiidhaan Masiihicha kan argisiisan miti. Caqasoota 456n kana tokko tokkoon yoo ilaalle, raajii waaʼee Yesus Kiristos dubbataman taʼuufi dhiisuusaaniirratti gaaffii kaasu. Fakkeenyaaf Edarshaayim, Yihudoonni Uumamni 8:11 Masiihicha argisiisa jedhanii akka dubbatan ibsaniiru. Yihudoonni “gugeen sun baala ejersaa kan fidde Gaara Masiihichaarraa” akka taʼe amanu. Kana malees, yaada Baʼuu 12:42⁠rra jirurratti hundaaʼuudhaan, “Akkuma Museen lafa onaa keessaa dhufe, Masiihichi Roomaa keessaa dhufa” jechuudhaan caqasa kana karaa dogoggoraa hubatanii akka turan ibsaniiru. Hayyoonni hedduuniifi namoonni kaan, caqasoonni kun lamaaniifi ibsi dogoggoraa irratti kenname, Yesus Kiristosiin kan argisiisan taʼuusaanii amanuun akka isaan rakkisu beekamaadha.

Raajiiwwan Yesus Kiristosirratti kallattiidhaan raawwatamanirratti yoo xiyyeeffannellee lakkoofsisaanii meeqa akka taʼan walii galuun nu rakkisa. Fakkeenyaaf, raajii hedduu Isaayaas boqonnaa 53⁠rratti Masiihicha ilaalchisee dubbatame ilaali. Raajiin Isaayaas 53:2-7⁠rra jiru akkas jedha: “Simboo . . . waan hin qabneef . . . namoonni isa tuffatan . . . Dhiphina keenya of irra in kaaʼe . . . Balleessaa keenyaaf in waraaname . . . Akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame.” Raajiiwwan Isaayaas boqonnaa 53⁠rratti waaʼee Masiihichaa ibsan kana akka tokkoottimoo, akka raajiiwwan hedduutti fudhanna?

Yaada Isaayaas 11:1⁠rratti, “Hidda Iseyi keessaa latiin in baʼa, dameenis hundee isaa keessaa baʼee ija in godhata” jedhus ilaali. Raajiin kun lakkoofsa 10⁠rrattis irra deebiʼamee caqasameera. Caqasoota kana raajiiwwan garaagara taʼan lama gooneemoo, akka raajii tokkootti fudhanna? Isaayaas boqonnaa 53fi Isaayaas boqonnaa 11 ilaalchisee murtoon irra gaʼamu, baayʼina raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbatamanirratti jijjiirama fida.

Kanaafuu, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman guutummaatti hangana jennee murteessuurraa of eeggachuu qabna. Jaarmiyaan Yihowaa raajiiwwan waaʼee Yesus dubbatamaniifi isarratti raawwataman hedduu ibseera. * Ibsawwan kennaman kana qayyabannaa dhuunfaa, qayyabannaa maatiifi tajaajila keenyarratti itti fayyadamuu dandeenya. Ibsawwan kunis amantii wanti Yihowaan dubbate hundi akka raawwatamu qabnu nuu cimsu. Kana malees, raajiiwwan hedduun waaʼee Masiihichaa dubbataman hammam yoo taʼaniyyuu Yesus, Kiristos ykn Masiihii taʼuusaatiif ragaa cimaa nuuf taʼu.

[Miiljalee]

^ key. 7 Insaayit oon za Iskiriipcharsi, Jildii 1, fuula 1223; Jildii 2, fuula 387; “Ool Iskiriipcharsi Iiz Inispaayerdi oov Good eendi Beeneefiishal,” fuula 343-344, (Ingiliffa); Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? fuula 200.