Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Lakkoofsa gabaasa tajaajilaa waggaatti baʼan akkamitti hubachuu qabna?

Waggaa waggaadhaan, gabaasa tajaajilaa Kitaaba Waggaa ykn Tajaajila Mootummaa Guraandhalaarratti baʼu hawwiidhaan eegganna. Sabni Yihowaa addunyaa maratti misraachoo Mootummichaa lallabuufi barsiisuudhaan akka gareetti wanta isaan raawwatan arguun baayʼee nama gammachiisa. Haataʼu malee, gabaasa kana guutummaatti hubachuuf, wantoonni achirratti baʼan maal akka argisiisan, akkasumas lakkoofsota baʼan sirriitti beekuu qabna. Fakkeenyawwan armaan gadii ilaali.

Waggaa tajaajilaa. Fulbaanaa kaasee hanga Hagayya waggaa ittaanuutti kan jirudha. Gabaasni yeroo hunda dhihaatu kan waggaa isa darbeeti. Kanaaf, Tajaajilli Mootummaa Guraandhala 2011, gabaasa waggaa tajaajilaa 2010 qabatee baʼa; kunis gabaasa Fulbaana 1, 2009 hanga Hagayya 31, 2010 kan qabatedha.

Lakkoofsa guddaa babalʼistootaafi lakkoofsa giddu galeessa babalʼistootaa. “Babalʼistoota” kan jedhaman namoota cuuphamaniifi Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan, akkasumas namoota cuuphamuu baatanis misraachoo Mootummichaa lallabuuf gaʼumsa qabanidha. “Lakkoofsa guddaa babalʼistootaa” kan jedhamemmoo, waggaa tajaajilaa sana keessatti gabaasa guddaa jiʼa kamittiyyuu gabaafame yommuu taʼu, gabaasa tajaajilaa jiʼa darbetti utuu hin gabaafamin hafe dabalachuu dandaʼa. Haala kanaan babalʼistoonni tokko tokko al lama lakkaaʼamuu dandaʼu. Haataʼu malee gabaasni kun, baayʼina babalʼistootaa tajaajilarratti hirmaatanii saʼaatiisaanii utuu hin gabaasin hafan kan dabalatu miti. Kunis tokkoon tokkoon babalʼistootaa dafanii jiʼa jiʼaan saʼaatii tajaajilan gabaasuun barbaachisaa taʼuusaa argisiisa. “Giddu galeessi babalʼistootaa,” idaʼama gabaasa jiʼoota hundaa 12f hiruudhaan argama.

Saʼaatii dimshaashaa. Gabaasni 2011 akka ibsutti, Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajilarratti saʼaatii biliyoona 1.6 ol taʼu dabarsaniiru. Haataʼu malee saʼaatiin caqasame kun, saʼaatii nuyi hoolota Yihowaa tiksuurratti, walgaʼiirratti, akkasumas Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi xiinxaluudhaan dabarsinu hin dabalatu.

Baasii qarshii. Waggaa tajaajilaa 2010⁠tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelchitoota addaa, misiyoonotaafi daawwattoota olaanaa taʼanii tajaajilaa jiran deggeruuf doolaara Ameerikaa miliyoona 155 ol baasaniiru. Haataʼu malee, qarshiin caqasame kun baasii barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan maxxansuuf, akkasumas obboloota 20,000 ol taʼaniifi Betʼel addunyaa maratti argaman keessatti tajaajilaniif baʼu hin dabalatu.

Namoota maxinoofi wayinii dhihaaturraa fudhatan. Kun lakkoofsa namoota cuuphamaniifi maxinoofi wayinii Ayyaana Yaadannoorratti dhihaaturraa fudhatan argisiisa. Lakkoofsi kun dibamtoota addunyaa mararra jiran hunda argisiisaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko sababa amantii dura hordofaa turaniin ykn rakkina sammuu ykn rakkina miiraa qabaniin kan kaʼe abdii gara samii dhaquu akka qaban godhanii dogoggoraan yaaduu dandaʼu. Kanaaf, baayʼina lakkoofsa dibamtoota lafarra jiranii sirriitti beekuun kan hin dandaʼamne yommuu taʼu, beekuunis nu hin barbaachisu. Qaamni Olaanaa namoota maxinoofi wayinii Ayyaana Yaadannoorratti dhihaaturraa fudhatan hunda hin galmeessu. *

Wanti beeknu, yeroo qilleensi rakkina guddaa badiisa geessisu gadhiifamutti dibamtoonni “hojjetoota Waaqayyo keenyaa” tokko tokko lafarra kan jiran taʼuusaaniiti. (Mul. 7:1-3) Hammasitti dibamtoonni hojii lallabaafi barsiisuu isa seenaa ilmaan namootaa keessatti hunda caalu kanarratti adda durummaadhaan hirmaachuusaanii itti fufu.

[Miiljalee]

^ key. 8 Mataduree “Hojii Adeemsiftuufi Qaama Olaanaa,” jedhu Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2009, fuula 24 ilaali.