Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Intarneetiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa

Intarneetiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa

Intarneetiitti Ogummaadhaan Fayyadamaa

MEESHAAN maxxansaa jaarraa hedduu dura uumamuunsaa akkaataa namoonni itti wal qunnamanirratti jijjiirama fideera. Intarneetiin yeroo harʼaatti uumames kanaa wajjin wal fakkaata. Meeshaan kun meeshaa odeeffannoo addunyaa mararra jiru argachuuf gargaaru jedhameera; akkas jedhamuunsaas sirriidha. Kanaaf, ‘meeshaa odeeffannoo addunyaa mararra jiru argachuuf gargaaru’ kanatti yommuu fayyadamtu dhimmawwan addaddaa ilaalchisee ragaa, lakkoofsaafi yaada hedduu balʼinaan argachuu dandeessa.

Dandeettiin wal qunnamuu kennaa dinqisiisaa Uumaa keenya biraa argannedha. Kennaan kun yaada wal jijjiiruufi odeeffannoo warra kaaniif hiruuf nu gargaara. Gama kanaan fakkeenya jalqabaa kan taʼe Yihowaa yommuu taʼu, ilmaan namootaa akkamitti jireenya gaarii jiraachuu akka qaban ilaalchisee odeeffannoo ifaafi sirrii taʼe isaanii kennee ture. (Uma. 1:28-30) Haataʼu malee akkuma jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti mulʼate, kennaan kun karaa sirrii hin taaneen faayidaarra ooluu dandaʼa. Seexanni Hewwaanitti odeeffannoo sobaa himee ture. Isheenis wanta inni dubbate fudhachuudhaan Addaamitti dabarsitee himte; kunimmoo ilmaan namootaarratti badii geessiseera.—Uma. 3:1-6; Rom. 5:12.

Intarneetiitti fayyadamuu ilaalchiseehoo maal jechuutu dandaʼama? Intarneetiin odeeffannoo gaarii dhiheessuu, yeroo nuu qusachuufi faayidaa gaarii nuuf argamsiisuu dandaʼus, odeeffannoo dogoggoraa dhiheessuu, yeroo baayʼee nu jalaa gubuufi amala keenya mancaasuu dandaʼa. Mee meeshaa addunyaa maratti wal qunnamuuf gargaaru kanatti karaa sirrii taʼeen akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu haa ilaallu.

Odeeffannichi Dhugaamoo Sobadha?

Odeeffannoon Intarneetiirraa argamu hundi gaariifi faayida qabeessa akka taʼe hin yaadinaa. Intarneetiin, namoota waakkoo nyaatamuufi hin nyaatamne walitti makanii akka nyaannu qodaa tokkotti nuu dhiheessanii wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Waakkoo kana of eeggannoodhaan tokko tokkoon utuu hin ilaalin ni nyaattaa? Akka hin nyaanne beekamaadha! Intarneetiin kompiitaroota hedduutti fayyadamee odeeffannoowwan baayʼee gaariifi baayʼee gadhee biliyoonaan lakkaaʼaman Weeb saayitii hedduurratti nuu dhiheessa. Akkuma qamadiifi qolasaa gargar baasuuf hubannaan barbaachisu, odeeffannoo dogoggoraatiin sammuun keenya akka hin mancaasnes hubannaan barbaachisaadha.

Barruun beekamaa taʼe tokko bara 1993⁠tti fakkii kaartuunii saroota kompiitara fuuldura taaʼan lama argisiisu maxxansee ture. Sareen inni tokko isa kaaniin, “Intarneetiirratti, namni saree taʼuukee beeku hin jiru” jedhaan. Bara dheeraa dura, Seexanni eenyummaasaa dhoksuudhaan bofatti fayyadamee akka Waaqayyoo akka taatu Hewwaanitti dubbatee ture. Yeroo harʼaatti, namni Intarneetiidhaan wal qunnamaa jiru tokko eenyuuyyuu waan isa hin beekneef, maqaasaa ibsuun utuu isa hin barbaachisin beekaa fakkaachuu dandaʼa. Nama Intarneetiirratti yaada, odeeffannoo, fakkiifi gorsa kennu ilaalchisee seerri baʼe hin jiru.

Atis yeroo Intarneetiitti fayyadamtu akka Hewwaan akka hin gowwoomfamne of eeggadhu. Odeeffannoo dhihaate tokko amanuukee dura of eeggannoodhaan qori. Sirrii taʼuusaa amanuukee dura akkas jedhii of gaafadhu: (1) Yaada kana kan barreesse eenyu? Nama amanamuu dandaʼutu barreesse? (2) Barreeffamni kun kan qophaaʼe maaliifi? Namni sun yaada sana akka barreessu wanti isa kakaase maalidha? Yaadasaa babalʼisuuf barreessee? (3) Odeeffannicha eessaa argate? Madda odeeffannoo sana irraa mirkaneessuun dandaʼamu caqaseeraa? (4) Odeeffannichi dhiheenyatti kan baʼedhaa? Phaawulos jaarraa tokkoffaatti, gorsa yeroo sanattis taʼe yeroo harʼaatti nu gargaaruu dandaʼu Ximotewosiif kenneera. “Wanta hadaraa sitti kenname jabeessii eegi! Dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaaʼaadhaan mormu irraa, wanta sobaa isa ‘Beekumsa’ jedhame dhugaadhaan mormu irraas fagaadhu!” jedhee barreesseera.—1 Xim. 6:20.

Yeroo Kan Qusatumoo, Yeroo Kan Gubudha?

Ogummaadhaan itti fayyadamnaan, Intarneetiin yeroo, humnaafi qarshii keenya nuu qusachuu akka dandaʼu beekamaadha. Mana keenya teenyee Intarneetiidhaan akka nuu mijatetti waan barbaanne bitachuu dandeenya. Gatii walbira qabnee ilaaluun qarshii keenya nuu qusachuu dandaʼa. Intarneetiitti fayyadamanii baankiirraa tajaajila argachuun, jireenyi namoota hedduu salphaa akka taʼu godheera. Dhimmawwan qarshii wajjin wal qabatan manuma keenya teenyee yeroo kamittiyyuu raawwachuu dandeenya. Intarneetiin bakka adeemuu barbaannu ilaalchisee baasii xinnoodhaan odeeffannoo karoora baafachuuf nu gargaaru argachuuf, akkasumas wantoota bakka adeemnutti nu barbaachisan galmeeffamuuf nu gargaaruu dandaʼa. Dadhabbii tokko malee, lakkoofsota bilbilaa, teessoowwaniifi karaawwan addaddaa bakka barbaanne dhaquuf nu gargaaran beekuu dandeenya. Waajjiroonni damee Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman, yeroo, humna namaafi qarshii qusachuuf tajaajilawwan kana keessaa hedduusaaniitti ni fayyadamu.

Haataʼu malee, meeshaan kun miidhaas geessisuu akka dandaʼu hubachuun barbaachisaadha. Miidhaa geessisu keessaa inni tokko yeroo keenya kan nu jalaa gubu taʼuusaati. Namoota tokko tokkoof, Intarneetiin meeshaa faayidaa qabeessa taʼuu mannaa, meeshaa gaarii taphaaf isaan gargaaru taʼeera. Taphachuudhaan, miʼa bituudhaan, waliin haasaʼuudhaan, ergaa walii barreessuudhaan, odeeffannoo barbaaduufi wantoota kan biraa sakattaʼuudhaan yeroo hangana hin jedhamne dabarsu. Oolee bulees, namoonni kun maatii, michootaafi gumii dabalatee wantoota caalaatti barbaachisaa taʼan dagachuu jalqabuu dandaʼu. Intarneetiitti fayyadamuun araada namatti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qorannoon bara 2010 godhame, Kooriyaa keessatti tilmaamaan dargaggoonni dhibbeentaa 18.4 taʼan araada Intarneetiitiin akka qabaman ibseera. Qorattoonni Jarman, “Dubartoonni lakkoofsisaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe hiriyoota gaaʼelaasaanii araada kanaan qabamanirratti komii dhiheessaa” akka jiran ibsaniiru. Dubartiin tokko abbaan manaashee araada Intarneetiitiin qabamuunsaa hamma gaaʼelasaanii diigutti jijjiirama guddaa isarratti fideera.

Waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa nama araada Intarneetiitiin qabame tokkorraa xalayaan isa gaʼee ture. Al tokko tokko Intarneetiitti fayyadamuudhaan guyyaatti saʼaatii kudhan dabarsa ture. Namichi kun, “Jalqabarratti waanuma miidhaa hin qabne fakkaata ture. Yeroo booda garuu, qophiin walgaʼiitiif godhu hirʼachaa kan adeeme siʼa taʼu kadhannaa gochuus nan dhaabe” jedheera. Utuu hin qophaaʼin walgaʼii kan dhaqu taʼuusaarrayyuu, achi taaʼee “yooman galee banadha” jedhee yaada ture. Taʼus, yeroo booda rakkinni kun cimaa taʼuusaa hubatee of sirreessuuf tarkaanfii fudhachuunsaa kan nama gammachiisudha. Intarneetiitti fayyadamuun araada akka nutti taʼu matumaa heyyamuu hin qabnu.

Odeeffannoo Faayidaa Qabudhamoo, Miidhaa Geessisudha?

Tasaloniiqee Isa Duraa 5:21, 22⁠rraatti gorsi, “Waan hundumaa qoraa, isa gaarii jabeessaatii qabadhaa! Waanuma hamaa taʼe dhiisaa!” jedhu nuu kennameera. Odeeffannoon Intarneetiirraa arganne Waaqayyo duratti fudhatama kan qabuufi sadarkaa qajeelinaasaa wajjin kan walsimu taʼuusaa mirkaneessuu nu barbaachisa. Akkasumas qulqulluufi Kiristiyaana tokkoof kan malu taʼuu qaba. Keessumaa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan Intarneetiirratti bakka hundaatti waan argamaniif, of eeggachuu baannaan salphaadhumatti kiyyootti nu galchuu dandaʼu.

Kanaaf, ‘Wantan ilaalaa jiru, yeroo hiriyaan gaaʼelaakoo, warrikoo ykn obboloonnikoo Kiristiyaana taʼan gara kutichaa seenan dafeen isaan jalaa dhoksaa?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Deebiin keenya “Eeyyee” kan jedhu yoo taʼe, bakka namoonni jiran qofatti Intarneetiitti fayyadamuun keenya gaariidha. Dhugumayyuu, Intarneetiin akkaataan namootaa wajjin itti wal qunnamnuufi miʼa itti binnu akka jijjiiramu godheera. Kana malees, karaa haaraa namoonni ‘garaasaaniitti ejja’ akka raawwatan godhu baneera.—Mat. 5:27, 28.

Namoota Kaaniif Dabarsumoo Dhiisu?

Intarneetiitti fayyadamuun odeeffannoo argachuufi wanta arganne sana tamsaasuu dabalata. Odeeffannoo argachuufi warra kaaniif dabarsuuf mirga qabaannus, odeeffannoon sun sirriifi sadarkaa qajeelinaa Yihowaa wajjin kan walsimu taʼuusaa mirkaneessuu qabna. Wanti barreessinu ykn wanti dabarsinee namootaaf erginu sirrii taʼuusaa mirkaneessuu dandeenyaa? Odeeffannoo kana warra kaaniif dabarsuuf heyyama qabnaa? * Odeeffannoon sun faayidaa kan qabuufi kan nama jajjabeessudhaa? Kana dabarsuuf kan nu kakaase maalidha? Namoota ajaaʼibsiisuu waan barbaanneef qofadhaa?

Karaa sirrii taʼeen kan itti fayyadamnu yoo taʼe iimeeliin faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Odeeffannoo barbaachisaa hin taane hedduus nutti fiduu dandaʼa. Oduu haaraa arganne ykn yaada waaʼee hin baasne namoota beeknu hundatti erguudhaan yeroosaanii jalaa gubaa jirraa? Ergi jechuu keenya dura sababii erguu itti barbaanneef qoruu hin qabnuu? Wanti dhugumaan gochuu barbaannu maalidha? Yeroo dheeraa dura namoonni maatiifi michoonnisaanii muuxannoofi haala irra jiran akka beekaniif xalayaa barreessu turan. Nutis wanti iimeeliidhaan erginu kanumarratti kan xiyyeeffate taʼuu hin qabuuree? Wanta mirkaneessuu hin dandeenye tokko namoota kaaniif dabarsuu hin qabnu.

Maarree Intarneetii wajjin haala wal qabateen maal gochuu qabna? Matumaa itti fayyadamuu hin qabnu jechuudhaa? Al tokko tokko akkas gochuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Namni araada Intarneetiitiin qabameefi olitti caqasame, araada kanarraa walaba taʼuuf waggoota dheeraa isatti fudhateera. Karaa biraatiinimmoo, ‘of eeggannoon akka nu golgu, hubannaanis akka nu eegu’ kan heyyamnu taanaan Intarneetiin nu fayyaduu dandaʼa.—Fak. 2:10, 11.

[Miiljalee]

^ key. 17 Kun suuraawwaniifis ni hojjeta. Namoota suuraa kaafannus, suuraa kana tamsaasuu, maqaafi teessoo namoota suuraa sanarra jiranii warra kaaniif kennuu akka dandeenyu nutti dhagaʼamuu hin qabu.

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

Odeeffannoo dogoggoraatiif saaxilamuurraa of eeguu kan dandeessu akkamitti?

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Ergi jechuukee dura maal yaaduu qabda?