Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Masiihicha Eeggachaa Turaniiru

Masiihicha Eeggachaa Turaniiru

Masiihicha Eeggachaa Turaniiru

“Jarreen waa eeggachaa waan turaniif, Yohannis kun Kristos [Masiihii] taʼinna laataa? jedhanii hundumti isaanii garaa isaaniitti gaafatan.”—LUQ. 3:15.

1. Tiksitoonni tokko ergamaan Waaqayyoo yommuu maal jedhu dhagaʼanii turan?

YEROONSAA dhiheera. Tiksitoonnimmoo bakkee keessatti hoolotasaanii eegaa jiru. Yommuu ergamaan Yihowaa isaan maddii dhaabatuufi ulfinni Waaqayyoo naannoosaaniitti calaqqisu baayʼee naʼanii taʼuu qaba! Mee dhaggeeffadhu! Ergamichi akkas jechuudhaan yaada nama ajaaʼibsiisu dubbate: “Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misraachoo gammachuu guddaa isinittan himaʼo, kunis saba hundumaaf kan taʼuu dha. Harʼa . . . fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha” isa Masiihii taʼudha. Tiksitoonni sun mucichi mandara isaanitti dhihoo jirtu siree horiin keessaa nyaaturra ciibsamee arguu dandaʼu. Yommuusuma, “kutata ergamoota Waaqayyoo keessaa baayʼeen,” “Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti” jedhanii Yihowaa faarfachuu jalqaban.—Luq. 2:8-14.

2. “Masiihii” jechuun maal jechuudha? Isa beekuun kan dandaʼamuhoo akkamitti?

2 Dhugaadha, Yihudoonni tiksitoota taʼan sun “Masiihiin” ykn “Kiristos,” “Isa [Waaqayyo] Dibe” akka taʼu beeku turan. (Bau. 29:5-7) Haataʼu malee, Masiihiin inni Yihowaan muudu mucaa ergamichi caqase sana taʼuusaa ilaalchisee caalaatti barachuufi ragaa dhiheessuu kan dandaʼan akkamitti? Raajiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti argaman qoruudhaan, akkasumas raajiiwwan kana wanta mucaan kun hojjetuufi akkaataa jireenyaasaa wajjin walbira qabanii ilaaluudhaan beekuu dandaʼu.

Namoonni Masiihicha Eeggachaa Kan Turan Maaliifi?

3, 4. Raajii Daaniʼel 9:24, 25⁠rra jiru hubachuu kan qabnu akkamitti?

3 Waggoota hedduu booda, Yohannis Cuuphaan hojii lallabaasaa kan jalqabe yommuu taʼu, dubbiinsaafi gochisaa namoonni tokko tokko inni Masiihii taʼinnaa laata jedhanii akka yaadan godheera. (Luqaas 3:15 dubbisi.) Haataʼu malee, raajiin Masiihiin yoom akka dhufu beekuuf namoota gargaaru Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameera. Raajichi, “Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin baʼee jalqabee, hamma bara geggeessituu isa dibamee moosifameetti waggaa torba siʼa torba . . . mandarattiin . . . waggaa torba siʼa jaatamii lamaaf dhaabachuuf jirti” jedha.—Dan. 9:24, 25

4 Sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiran, waggaan torba siʼa torbaafi waggaan torba siʼa jaatamii lamaan Daaniʼel 9:25⁠rratti caqasame Dh.K.D. bara 455⁠tti akka jalqabe hubataniiru. Kun kan jalqabe yeroo Artashaastaa Mootichi Faares, Nahimiiyaan Yerusaalemiin akka suphuufi deebisee akka ijaaru itti himetti ture. (Nah. 2:1-8) Waggaan torba siʼa torbaafi waggaan torba siʼa jaatamii lamaan sun kan xumurame Dh.K.B. bara 29 yeroo Yesus cuuphametti ture. Yeroo sanatti, Yihowaan hafuura qulqulluudhaan kan isa dibe siʼa taʼu innis Masiihicha taʼeera.—Mat. 3:13-17. *

5. Raajiiwwan warra kam qorra?

5 Raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffaman hedduu keessaa muraasasaanii, jechuunis dhalachuusaa, jireenyasaafi tajaajilasaa ilaalla. Kunis amantii dubbii Waaqayyoorratti qabnu akka nuu cimsu beekamaadha. Yesus Masiihii isa yeroo dheeraaf eegamaa ture taʼuusaatiifis ragaa ifa taʼe nuu kenna.

Yeroo Ijoollummaasaa Ilaalchisee Raajiin Dubbatameera

6. Uumamni 49:10 akkamitti akka raawwatame ibsi.

6 Masiihichi saba Israaʼel gosa Yihudaa keessaa dhalata. Abbaa amantii kan taʼe Yaaqoob duʼuusaa dura yommuu ijoolleesaa eebbisu raajii akkas jedhu dubbatee ture: “Siiqqeen Yihudaa irraa hin darbu, uleen mootummaas dhala dhala isaa harkaa hin dhabamu! Kunis hamma inni qabachuun taʼuuf [“Shiiloon,” miiljalee], hamma inni sabni abboomamuuf sun dhufutti in taʼa.” (Uma. 49:10) Hayyoonni Yihudootaa durii hedduun raajiin kun Masiihicha argisiisa jedhanii amanu turan. Bulchiinsa Yihudootaa Daawit Mooticharraa kaasee siiqqeeniifi (mootummaafi) uleen mootummaa (aangoon bulchuu) gosa Yihudaa keessa tureera. “Shiiloo” jechuun hiika “[Mootummaan] Kan Isaaf Taʼu” jedhu qaba. Waaqayyo, Zedeqiiyaa mootii Yihudaa isa xumuraatiin mootummaan abbaa firdii isa isaaf maluuf kennama jedhee akkuma itti dubbate, mootiin toora Yihudaa ‘isa sabni abboomamuuf irratti [“Shiiloorratti,” miiljalee]’ dhaabata. (His. 21:26, 27) Zedeqiiyaa booda sanyii Daawit keessaa mootummaan akka isaaf kennamu kan abdachiifame Yesus qofa ture. Yesus dhalachuusaa dura, Gabriʼel ergamichi Maariyaamiin, “Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in moʼa, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jedhee ture. (Luq. 1:32, 33) Kanaaf, Shiiloon Yesus Kiristos isa sanyii Yihudaafi Daawitirraa dhufe taʼuu qaba.—Mat. 1:1-3, 6; Luq. 3:23, 31-34.

7. Masiihichi eessatti dhalate? Kunoo xiyyeeffannaan guddaan kan kennamuuf maaliifi?

7 Masiihichi Betlihemitti dhalata. Miikiyaas raajichi akkas jedhee barreesseera: “Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israaʼelin kan moʼu tokko si keessaa anaaf in baʼa; hundeen isa si keessaa baʼuuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti.” (Mik. 5:2) Masiihiin mandara Betlihem ishee duraan maqaanshee tarii Efraataa jedhamu keessatti dhalata. Haati Yesusiifi abbaan buddeenaasaa Yoseef kan jiraatan Naazireet taʼuyyuu, labsiin mootummaan Roomaa akka galmeeffamaniif baase, gara Betlihem bakka Yesus Dh.K.D. bara 2⁠tti itti dhalate akka dhaqan isaan dirqisiisee ture. (Mat. 2:1, 5, 6) Raajiin kun haala dinqisiisaa taʼeen raawwatameera.

8, 9. Dhalachuu Masiihichaafi wantoota isa booda raawwataman ilaalchisee raajii akkamiitu dubbatamee ture?

8 Masiihichi durba tokkorraa dhalata. (Isaayaas 7:14 dubbisi.) Caqasni kun durbi ilma akka deessu dubbata. Jechoonni afaan Ibrootaa beetulaafi almaa jedhan durba argisiisuuf itti hojjetamu. Caqasa kanarratti jechi almaa jedhu ‘intala’ kan jedhame yommuu taʼu, Ribqaan heerumuushee dura jecha kanaan waamamteetti. (Uma. 24:16, 43) Hafuurri Qulqulluun, Maatewos raajiin Isaayaas 7:14⁠rratti dubbatame yommuu Yesus dhalate raawwatamuusaa akka barreessu isa kakaaseera. Maatewos, caqasa kanarratti jecha afaan Giriikii paartenoos jedhuufi ‘durba’ argisiisutti fayyadameera. Barreessitoota Wangeelaa kan taʼan Maatewosiifi Luqaas, Maariyaam durba akka turteefi hafuura qulqulluutiin akka ulfoofte dubbataniiru.—Mat. 1:18-25; Luq. 1:26-35.

9 Masiihichi erga dhalatee booda ijoolleen ni ajjeefamu. Jaarraawwan hedduu dura yommuu Faraʼoon mootichi Gibxii ijoolleen dhiiraa Ibroota taʼan Laga Abbayyaa keessa akka buufaman labsii baasettis, haalli kanaa wajjin wal fakkaatu raawwatamee ture. (Bau. 1:22) Haataʼu malee, keessumaa raajiin Raahel ijoolleenshee ‘biyya diinaatti’ waan fudhatamaniif akka boossetti Ermiyaas 31:15, 16⁠rratti dubbatame iddoo guddaan kan kennamuufidha. Booʼichishee fagootti, jechuunis Raamaa ishee kutaa Beniyaam taateefi kaaba Yerusaalemitti argamtutti ni dhagaʼama ture. Maatewos, raajiin Ermiyaas kan raawwatame yommuu Herodis Mootichi ijoollee dhiiraa xixinnoon Betlihemiifi naannooshee jiran akka ajjeefaman ajajetti akka taʼe ibseera. (Maatewos 2:16-18 dubbisi.) Mee gadda guddaa namoota sanatti dhagaʼamee ture yaadi!

10. Yaanni Hoseʼaa 11:1⁠rra jiru Yesusirratti akkamitti akka raawwatame ibsi.

10 Akkuma Israaʼelootaa Masiihichis Gibxii keessaa waamama. (Hos. 11:1) Herodis ijoolleen akka ajjeefaman labsii baasuusaa dura, ergamaan Waaqayyoo tokko Yoseef, Maariyaamiifi Yesus gara Gibxiitti akka baqatan isaan ajaje. Isaanis, “hamma yeroo Herodis duʼetti . . . waan Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin, [Hoseʼaatiin] ‘Ani biyya Gibxii[tii] ilma koo waame’ jedhee dubbate haa raawwatamuuf” achuma turan. (Mat. 2:13-15) Yesus raajiiwwan dhalachuusaafi wantoota yeroo ijoollummaasaatti raawwataman ilaalchisee dubbataman isarratti akka raawwataman gochuu akka hin dandeenye beekamaadha.

Masiihichi Lallabuu Jalqabe

11. Isa Yihowaan Dibeef karaan kan qopheeffame akkamitti?

11 Isa Waaqayyo Dibeef karaan ni qophaaʼa. ‘Eliyaas raajichi,’ Masiihii dhufuuf garaa namootaa akka qopheessuu Miilkiyaas raajii dubbateera. (Miilkiyaas 4:5, 6 dubbisi.) Yesus mataansaa Yohannis Cuuphaan “Eliyaas” taʼuusaa ibseera. (Mat. 11:12-14) Maarqosis, Yohannis tajaajilasaatiin raajii Isaayaasirratti dubbatame akka raawwate caqaseera. (Isa. 40:3; Mar. 1:1-4) Yesus, Yohannis isa dura deemuudhaan hojii akka Eliyaas akka hojjetu qophii hin goone. Hojiin “Eliyaas” inni raajiidhaan dubbatame hojjete kun fedha Waaqayyoo wajjin haala walsimuun Masiihicha addaan baasanii beekuuf kan raawwatamedha.

12. Hojiin Masiihicha addaan baasanii beekuuf gargaaru isa kami?

12 Hojiin Waaqayyo isaaf kenne Masiihicha addaan baasanii beekuuf gargaara. Yesus mana sagadaa mandara itti guddate Naazireet jiru keessatti maraa macaafa Isaayaasirraa dubbisuudhaan raajichi isarratti raawwatamuusaa ibseera. Caqasichi akkas jedha: “Hafuurri gooftichaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti himuudhaaf na dibeera; warra boojiʼamanitti akka gad dhiifaman labsuudhaaf; warra jaamaniif agartuu isaanii deebisuudhaaf; warra cunqurfaman luba baasuudhaaf; waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera.” Yesus dhugumaan Masiihicha waan tureef, “Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti harʼa raawwatame” jechuu dandaʼeera.—Luq. 4:16-21.

13. Bakki Yesus tajaajilasaa itti jalqabu Galiilaa taʼuusaa raajiidhaan kan dubbatame akkamitti?

13 Bakki Masiihichi tajaajilasaa itti jalqabu Galiilaa akka taʼe raajiidhaan dubbatameera. Isaayaas, “Biyya Zaabiloonii fi biyya Niftaalem . . . Galiilaa isa kan saba warra kaanii” ilaalchisee, “Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa isaa in arga, warra gaadidduu duʼaa jala jiraataniifis ifni in baʼa” jedhee barreesseera. (Isa. 9:1, 2) Yesus tajaajilasaa kan jalqabe Qifirnaahom ishee Galiilaa keessatti argamtutti yommuu taʼu, achitti jiraattonni Zaabilooniifi Niftaalem hedduun ifa hafuuraa isaanii dhuferraa fayyadamaniiru. (Mat. 4:12-16) Yesus Galiilaatti, Lallaba Gaaraarraa miira namaa kakaasu kenneera; duuka buutotasaa filateera; dinqiisaa isa jalqabaa raawwateera; erga duʼaa kaʼee boodas namoota gara 500 taʼanitti kan mulʼate iddoo kanatti taʼuu hin oolu. (Mat. 5:1–7:27; 28:16-20; Mar. 3:13, 14; Yoh. 2:8-11; 1 Qor. 15:6) Kanaan kan kaʼes raajiin Isaayaas, Masiihichi “biyya Zaabiloonii fi biyya Niftaalem[itti]” akka lallabu dubbate raawwatameera. Haataʼu malee, Yesus Israaʼel keessa bakka biraattis ergaa Mootummichaa lallabeera.

Raajiiwwan Masiihicha Ilaalchisee Dubbataman Kanneen Biroo

14. Faarfannaan 78:2 Yesusirratti kan raawwatame akkamitti?

14 Masiihichi seenaafi fakkeenyatti fayyadamee barsiisa. Asaaf faarfatichi, “Ani jecha ogummaatiin afaan koo nan saaqqadha” jedhee faarfateera. (Far. 78:2) Raajiin kun Yesusirratti akka raawwatame akkamitti beekna? Maatewos, Yesusirratti raawwatamuusaa nutti hima. Maatewos, fakkeenya Yesus Mootummicha ija sanaaficaafi raacitiitti fakkeessuudhaan dubbate erga caqasee booda, “[Yesus] fakkeenya malees waan tokko isaanitti hin dubbanne. Kanaan raajichaan inni, ‘Fakkeenyaanan afaan saaqqadha, uumamuu biyya lafaatii jalqabee isa dhokatee tures nan beeksisa’ jedhamee dubbatame in raawwatame” jedheera. (Mat. 13:31-35) Seenaafi fakkeenyi Yesus itti fayyadame hundi, namoonni hedduun dhugaa waaʼee Yihowaa akka hubatan gargaareera.

15. Isaayaas 53:4 akkamitti akka raawwatame ibsi.

15 Masiihichi namoota ni fayyisa. Isaayaas raajii, “Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaaʼe, muddama keenyas in baate” jedhu dubbateera. (Isa. 53:4) Maatewos, Yesus amaatii Phexros erga fayyisee booda, “Kunis raajicha Isaayaasiin, ‘Inni waraansa keenya nu irraa fuudhe, dhukkuba keenyas baate’ kan jedhame akka raawwatamuuf” namoota kaanis akka fayyise caqaseera. (Mat. 8:14-17) Haataʼu malee, kun seenaa Yesus namoota akka fayyise galmeeffame hedduu keessaa tokko qofadha.

16. Yohannis, raajiin Isaayaas 53:1⁠rra jiru Yesusirratti raawwatamuusaa kan ibse akkamitti?

16 Masiihichi wantoota gaggaarii hedduu raawwatus, namoonni baayʼeen isatti hin amanan. (Isaayaas 53:1 dubbisi.) Yohannis ergamaan raajiin kun raawwatamuusaa yommuu argisiisu, “Utuma Yesus milikkita baayʼee isaan duratti hojjetee argisiisuu iyyuu, isaan isatti hin amanne. Kun immoo dubbiin raajicha Isaayaas akka raawwatamuuf, isa inni, ‘Yaa gooftaa, eenyutu waan nuyi dhageenyee itti himne amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mulʼate?ʼ” jedhee dubbateera. (Yoh. 12:37, 38) Yeroo Phaawulos tajaajilaa turettis, namoonni baayʼeen misraachoo inni waaʼee Yesus Masiihichaa lallabetti hin amanne.—Rom. 10:16, 17.

17. Yohannis, Faarfannaan 69:4 eenyurratti raawwatamuusaa ibse?

17 Masiihichi sababii malee jibbama. (Far. 69:4) Yohannis ergamaan, Yesus, “Utuu hojii namni biraa tokko illee hin hojjetin kana hundumaa, ani isaan [namoota] gidduutti hin hojjenne taʼee, cubbuu isaanitti hin taʼu ture; amma garuu hojii kana hundumaa utuma arganii, anas abbaa koos in jibban. Kana gochuun isaaniis, dubbiin seera isaanii keessatti, ‘Sababiidhuma malee na jibban’ jedhamee caafame akka raawwatamuuf” jechuusaa caqaseera. (Yoh. 15:24, 25) “Seera” jechuun yeroo baayʼee guutummaa Caaffata Qulqullaaʼoo kan argisiisudha. (Yoh. 10:34; 12:34) Seenaawwan Wangeelarra jiran, Yesus keessumaa geggeessitoota amantii Yihudootaatiin akka jibbame mirkaneessu. Kana malees, Yesus bartootasaatiin, “Biyyi lafaa isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu, hojiin isaa hamaa akka taʼe waanan dhugaa itti baʼuuf, in jibba” jedheera.—Yoh. 7:7.

18. Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii baranna?

18 Yesus raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibroota keessatti argaman guutummaatti waan raawwateef, duuka buutonnisaa jaarraa jalqabaa inni Masiihicha taʼuusaa mirkanaaʼoo taʼanii turan. (Mat. 16:16) Akkuma olitti ilaalle, raajiiwwan kana keessaa muraasni kan raawwataman yeroo Yesus ijoollee turetti, akkasumas yeroo inni Naazireetitti tajaajilaa turettidha. Mataduree ittaanurrattis raajiiwwan waaʼee Masiihichaa dubbataman kan biraa baranna. Raajiiwwan kanarratti kadhannaadhaan xiinxaluun keenya, amanannaa Yesus Kiristos dhugumaan Masiihii isa Yihowaadhaan muudame akka ture qabnu nuu jabeessa.

[Miiljalee]

^ key. 4 Waaʼee raajii Daaniʼel caalaatti barachuuf kutaa dabalataa kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 197-199 ilaali.

Maal Jettee Deebista?

• Raajiiwwan dhalachuu Yesusii wajjin haala wal qabateen raawwataman kamfaʼi?

• Masiihichaaf karaan kan qopheeffame akkamitti?

• Raajiiwwan Isaayaas 53⁠rratti argaman kamfaatu Yesusirratti raawwatame?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]