Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nagaa Duukaa Buʼaa!

Nagaa Duukaa Buʼaa!

Nagaa Duukaa Buʼaa!

“Kottaa wanta nagaaf taʼu . . . duukaa in buunaa!” —ROM. 14:19.

1, 2. Dhugaa Baatonni Yihowaa nagaa qabaachuu kan dandaʼan maaliifi?

YEROO harʼaa biyya lafaa keessatti nagaa dhugaa argachuun ulfaataadha. Namoonni miseensota saba tokkoo taʼaniifi qooqa tokko dubbatanillee, yeroo baayʼee amantii, siyaasaafi bakka hawwaasa keessatti qabaniin wal qoqqoodu. Faallaa kanaatiinimmoo, sabni Yihowaa ‘saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaafi afaan dubbatamu hundumaa keessaa’ kan dhufan yoo taʼaniyyuu tokkummaa qabu.—Mul. 7:9.

2 Walumaa galatti nagaan gidduu keenya jiru akkasumaan kan dhufe miti. Adda durummaadhaan karaa Ilmasaa isa dhiignisaa dhangalaʼeen cubbuu keenyaaf dhiifama waan arganneef, ‘Waaqayyo biratti nagaa qabaachuu’ dandeenyeerra. (Rom. 5:1; Efe. 1:7) Kana malees, Waaqni dhugaan, tajaajiltootasaa amanamoo taʼaniif hafuura qulqulluu kan kennu siʼa taʼu, iji hojii hafuuraa kunimmoo nagaa kan dabalatudha. (Gal. 5:22) Sababiin garabiraanimmoo nuti “kan biyya lafaa” waan hin taaneefidha. (Yoh. 15:19) Dhimma siyaasaa kamiyyuu keessa hin seennu. ‘Billaa keenya maarashaa gochuuf waan tumsiifanneef’ waraana walii waliifi addunyaarratti godhamurratti hin hirmaannu.—Isa. 2:4.

3. Nagaan gidduu keenya jiru maal gochuuf nu dandeessiseera? Mataduree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

3 Nagaan gidduu keenya jiru obboloota keenya miidhuurraa fagaachuu malees waan dabalatu qaba. Gumiin Dhugaa Baatota Yihowaa nuyi keessatti argamnu, namoota qomoofi aadaa garaagaraa qaban hedduu kan qabate taʼus ‘wal jaallanna.’ (Yoh. 15:17) Nagaan keenya, ‘nama hundumaaf, addumaan immoo warra amantii keessa jiraniif gaarii akka hojjennu’ nu gargaara. (Gal. 6:10) Jannanni hafuuraa keenya inni nagaa qabu wanta gati jabeessa eegamuu qabudha. Kanaaf, gumii keessatti nagaa duukaa buʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Yommuu Walitti Buʼinsi Uumamu

4. Yommuu nama mufachiisinu nagaa duukaa buʼuuf maal gochuu dandeenya?

4 Yaaqoob bartichi, “Nuyi hundumti keenya baayʼee irraa in kaanna; namni dubbii isaatiin irraa hin kaanne nama fiixaan baʼee dha” jedhee barreesseera. (Yaq. 3:2) Kanaaf, namoota hidhata amantii taʼan gidduutti walitti buʼiinsaafi wal hubachuu dhabuun uumamuunsaa hin oolu. (Filp. 4:2, 3) Haataʼu malee rakkoowwan namoota gidduutti uumaman, utuu nagaa gumii hin booressin hiikamuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, nama tokko akka mufachiisne yoo hubanne gorsa hojiirra oolchuu qabnu kana hubadhaa.—Maatewos 5:23, 24 dubbisi.

5. Yommuu miidhaan nurra gaʼu, nagaa duukaa buʼuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Namni tokko miidhaa salphaa yoo nurratti raawwatehoo? Namni nu mufachiise sun dhufee akka dhiifama nu gaafatu eeguu qabnaa? Qorontos Inni Duraa 13:5, “[Jaalalli] waan hamaas nama irratti hin lakkaaʼu” jedha. Yommuu mufannu, dhiifama gochuufi irraanfachuu, jechuunis ‘waan hamaa namarratti lakkaaʼuu’ dhiisuudhaan nagaa duukaa akka buunu argisiisna. (Qolosaayis 3:13 dubbisi.) Namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin nagaa qabaachuufi nagaa sammuu argachuuf gumaacha waan godhuuf, irra daddarbaa guyyaa guyyaadhaan raawwataman haala kanaan hiikuun baayʼee gaariidha. Namni ogeessi Macaafa Fakkeenyaa barreesse, ‘Balleessaa irra namaaf darbuun ulfina’ jedheera.—Fak. 19:11.

6. Nama miidhaa nurratti raawwateef dhiifama gochuun yoo baayʼee nutti ulfaate maal gochuu qabna?

6 Nama miidhaa nurratti raawwateef dhiifama gochuun yoo baayʼee nutti ulfaatehoo? Dhimma sana ilaalchisee nama nu dhagaʼu hundatti himuun sirrii akka hin taane beekamaadha. Hamiin akkasii nagaa gumii booressuu malee faayidaa tokkoyyuu hin qabu. Haataʼu malee, dhimmicha nagaadhaan hiikuuf maaltu godhamuu qaba? Maatewos 18:15, “Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan kophaa jirtanitti balleessaa isaa itti himi! Inni yoo si dhagaʼe obboleessa kee deebifatteetta” jedha. Yaanni Maatewos 18:15-17⁠rra jiru cubbuu cimaadhaaf kan hojjetu taʼus, seerri buʼuuraa lakkoofsa 15⁠rratti ibsame, nama nu miidhe sana kophaatti gaarummaadhaan haasofsiisuufi walitti dhufeenya gaarii nu gidduu ture deebisuuf carraaquu akka qabnu argisiisa. *

7. Waldhabiinsa uumame dafnee hiikuu kan qabnu maaliifi?

7 Phaawulos ergamaan, “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa!” jedheera. (Efe. 4:26, 27) Yesus, ‘Nama waan ittiin si hadheessu qabu dafii isa firoomfadhu’ jedheera. (Mat. 5:25) Kanaaf, nagaa duukaa buʼuun rakkina uumame tokko dafanii hiikuu gaafata. Maaliif? Kana gochuun walitti buʼiinsi sun akka madaa utuu hin yaalamin hafee malaa godhatuu akka hin taane waan gargaaruufidha. Kanaaf, koorri, hinaaffaan ykn qabeenyaaf iddoo guddaa kennuun, waldhabiinsa uumame dafnee hiikuurraa duubatti akka jennu akka nu godhan heyyamuu hin qabnu.—Yaq. 4:1-6.

Namoota Baayʼee Gidduutti Walitti Buʼiinsi Siʼa Uumamu

8, 9. (a) Gumii Roomaa jaarraa jalqabaa keessa ilaalcha garaagaraa akkamiitu jira ture? (b) Phaawulos waldhabiinsa gidduusaanii ture ilaalchisee Kiristiyaanota Roomaatiif gorsa akkamii kenne?

8 Yeroo tokko tokko walitti buʼiinsi gumii keessatti uumamu namoota lama qofa utuu hin taʼin, namoota baayʼee kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Kiristiyaanonni Roomaa haala akkasii keessa waan turaniif, Phaawulos hafuuraan kakaʼee ergaa isaaniif barreesseera. Kiristiyaanota Yihudoota taʼaniifi Yihudoota hin taane gidduutti waldhabiinsi uumamee ture. Namoonni gumii keessa turan tokko tokko, warra yaanni garaasaanii dadhabaa taʼe ykn wantoota tokko tokko akka hin goone cimsee isaan dhowwu akka tuffatan haalasaarra hubachuun ni dandaʼama. Namoonni akkasii wanta dhimma dhuunfaa taʼerratti karaa sirrii hin taaneen warra kaanitti faradu turan. Phaawulos gumichaaf gorsa akkamii kenneree?—Rom. 14:1-6.

9 Gorsi Phaawulos, warra miidhes taʼe warra miidhaman kan ilaallatu ture. Namoonni Seera Musee jala akka hin jirre hubatan, obbolootasaanii kaan akka hin tuffanne gorseera. (Rom. 14:2, 10) Tuffiin akkasii, Kiristiyaanota ammayyuu wanta seericha jalatti dhowwame nyaachuun isaanitti ulfaatu kan gufachiisu ture. Phaawulos, “Nyaataaf jettee hojii Waaqayyoo hin diigin . . . Egaa foon nyaachuu, daadhii waynii dhuguu yookiis waanuma obboleessi kee ittiin gufatu dhiisuun gaarii dha” jedhee gorseera. (Rom. 14:14, 15, 20, 21) Karaa garabiraammoo Phaawulos, namoonni yaanni garaasaanii wantoota tokko tokko gochuu isaan dhowwu, warra yaada garaa isaanirraa adda taʼe qabanitti akka hin faranne gorseera. (Rom. 14:13) Phaawulos, “namni waan yaaduun isaaf taʼu caalaatti akka of hin yaadne” gorseera. (Rom. 12:3) Waldhabiinsa kana ilaalchisee warra miidhes taʼe warra miidhaman yommuu gorsu, “Kanaafis kottaa wanta nagaaf taʼu, waan ittiin jireenya tokkummaa waliif ijaarru duukaa in buunaa!” jedheera.—Rom. 14:19.

10. Akkuma gumiin Roomaa jaarraa jalqabaa godhe, yeroo harʼaattis walitti buʼiinsa hiikuuf maaltu barbaachisa?

10 Gumiin Roomaa gorsa Phaawulos hojiirra oolchuudhaan sirreeffama barbaachisu akka godhe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yeroo harʼaas yommuu Kiristiyaanota gidduutti waldhabiinsi uumamu, gaarummaafi gad of deebisuudhaan gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo hojiirra oolchuudhaan hiikuu hin qabnuu? Akkuma warri Roomaa godhan yeroo harʼaas ‘walii keenyaaf nagaa qabaachuuf,’ warri waldhabiinsi gidduusaaniitti uumame hundi sirreeffama gochuun isaan barbaachisa taʼa.—Mar. 9:50.

Jaarsoliin Gargaarsa Kennuu Kan Dandaʼan Akkamitti?

11. Jaarsi tokko, Kiristiyaanni tokko waldhabiinsa nama hidhata amantiisaa taʼee wajjin qabu isatti himuu yoo barbaade of eeggannoo akkamii gochuu qaba?

11 Kiristiyaanni tokko rakkina fira ykn nama hidhata amantiisaa taʼee wajjin qabu jaarsa tokkotti himuu yoo barbaadehoo? Fakkeenyi 21:13, “Nama, hiyyeessa rakkatee gargaarsaaf iyyuuf, inni dhagaʼuu didu, yommuu inni ofii rakkatee gargaarsaaf iyyus immoo hin dhagaʼamuuf” jedha. Jaarsi tokko ‘dhagaʼuu akka hin didne’ beekamaadha. Haataʼu malee fakkeenyi kan biraan akeekkachiisa, “Namni kan biraa dhufee hamma isaan mormutti, inni dura dhufee dubbii isaa yaaʼiitti dhiʼeeffatu, waan dhugaa qabu fakkaata” jedhu kenna. (Fak. 18:17) Jaarsi tokko gaarummaadhaan dhaggeeffachuu kan qabu taʼus, nama miidhaan akka isarratti raawwatame dubbatu sanarra akka hin gorre of eeggachuu qaba. Dhimma sana erga dhaggeeffatee booda, namni miidhaan irra gaʼe sun nama isa miidhe haasofsiisuufi dhiisuusaa gaafachuunsaa hin oolu. Nagaa duukaa buʼuuf Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼee tarkaanfii akkamii fudhachuu akka dandaʼus isa yaadachiisa taʼa.

12. Fakkeenyota himata tokko dhagaʼanii ariitiidhaan tarkaanfii fudhachuun balaa akka qabu argisiisan caqasi.

12 Yommuu rakkinni uumamu gama tokko qofa dhagaʼanii ariitiidhaan tarkaanfii fudhachuun balaa qaba. Fakkeenyonni Macaafa Qulqulluu keessa jiran sadii kun dhugaa taʼuusaa argisiisu. Phoxiifaar oduu haatimanaasaa, Yoseef ishee gudeeduuf akka yaale itti himte amaneera. Phoxiifaar oduu kana utuu hin mirkaneeffatin aariidhaan kakaʼee Yoseefiin mana hidhaa galcheera. (Uma. 39:19, 20) Daawit Mootichi dubbii Ziibaan, gooftaansaa Mefii-Bosheet, diinota Daawit wajjin akka walitti hidhate dubbate amaneera. Daawit, “Wanti Mefii-Bosheet qabu hundinuu siif haa taʼu!” jedhee ariitiidhaan deebiseera. (2 Sam. 16:4; 19:25-27) Artashaastaa Mootichi oduu Yihudoonni Mootummaa Faaresirratti kaʼuudhaaf dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaraa jiru jedhu dhagaʼe. Mootiin kun oduu sobaa kana amanuudhaan ijaarsi Yerusaalemitti godhamu hundi akka dhaabatu ajaje. Kanaan kana kaʼes, Yihudoonni mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruusaanii dhaaban. (Iz. 4:11-13, 23, 24) Jaarsoliin, gorsa Phaawulos Ximotewosiif kenne hordofuunsaanii barbaachisaa taʼuusaarrayyuu, waaʼee dhimma tokkoo dhugaa jiru utuu hin mirkaneessin murtoo gochuu hin qaban.—1 Ximotewos 5:21 dubbisi.

13, 14. (a) Waldhabiinsa namoota gidduutti uumamu ilaalchisee hundi keenya hirʼina akkamii qabna? (b) Jaarsoliin namoota hidhata amantiisaanii taʼan ilaalchisee murtoo sirrii gochuuf gargaarsa maalii qabu?

13 Wanti namoota lama gidduutti waldhabiinsi akka uumamu godhe kan beekamu yommuu fakkaatuttillee, gorsa “Namni caalaa beeka of seʼu amma illee akka beekuun isaaf taʼutti hin beeku” jedhu hubachuun barbaachisaadha. (1 Qor. 8:2) Wanta waldhabiinsa sanaaf sababa taʼan gad fageenyaan beeknaa? Akkaataa guddinaa namoota waldhabiinsi gidduusaaniitti uumame kanaahoo guutummaatti beekuu dandeenyaa? Jaarsoliin yommuu murtoo godhan, sobaan, mala haxxummaatiin ykn jette jetteedhaan akka hin gowwoomfamne of eeggachuunsaanii baayʼee barbaachisaadha! Yesus Kiristos inni Abbaa Firdii taʼeefi Waaqayyoon muudame murtoo qajeelaa kenna. Inni, “faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhagaʼuu isa hin barbaachisu.” (Isa. 11:3, 4) Kanaa mannaa, Yesus hafuura Yihowaatiin geggeeffama. Jaarsoliinis hafuura qulqulluutiin geggeeffamuu qabu.

14 Jaarsoliin, namoota hidhata amantiisaanii taʼan ilaalchisee murtoo gochuusaanii dura, gargaarsa argachuuf hafuura Yihowaa kadhachuu qabu. Akkasumas, Dubbii Waaqayyoofi barreeffamoota kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessi baasu qoruudhaan qajeelfama hafuurichaatiin geggeeffamuu qabu.—Mat. 24:45.

Yeroo Hundaa Nagaa Buusuu Qabnaa?

15. Cubbuu cimaa akka raawwatame beeknu tokko himuu kan qabnu yoomidha?

15 Kiristiyaanota waan taaneef, nagaa duukaa akka buunu gorfamneerra. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun, “Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaaʼaa dha, akkasumas naga-qabeessa” jedha. (Yaq. 3:17) Qulqullummaan, jechuunis ulaagaa Waaqayyo amalaafi qajeelummaaf baasee wajjin walsimuun naga-qabeessa taʼuu kan dursudha. Kiristiyaanni tokko namni hidhata amantiisaa taʼe cubbuu cimaa akka hojjete yoo beeke, cubbuu sana jaarsoliitti akka himu isa jajjabeesuu qaba. (1 Qor. 6:9, 10; Yaq. 5:14-16) Namni cubbuu hojjete sun yoo dubbachuu baate garuu, Kiristiyaanni waaʼee dhimmichaa beeku himuu qaba. Nama cubbuu hojjete sanaa wajjin nagaa qabaachuuf jecha himuu dhiisuun cubbuu hojjechuu wajjin tokkodha.—Lew. 5:1; Fakkeenya 29:24 dubbisi.

16. Wanta Yehuun Yoraam Mooticharratti raawwaterraa maal baranna?

16 Seenaan waaʼee Yehuu ibsu qajeelummaan Waaqayyoo, naga qabeessa taʼuu caalaa dursi kennamuufii akka qabu argisiisa. Waaqayyo, mana Ahaab Mootichaarratti murtoosaa akka raawwatu Yehuu erge. Yeroo kanatti, Yoraam Mootichi inni hamaan, ilmi Ahaabiifi Iizaabel konkolaataadhaan Yehuu simachuuf itti adeemanii, “Yehuu! Yaada nagaatiif dhufte moo?” jedhan. Yehuun deebii akkamii kenne? “Ejjuunii fi qoricha namatti gochuun inni haati kee Iizaabel, jalqabde baayʼachaa utuu jiruu nagaa maaliitu jira?” jedheen. (2 Mot. 9:22) Yehuun yeruma sana xiyyasaatiin onnee Yoraam keessa baase. Akkuma Yehuun godhe, jaarsoliinis nagaadhaaf jecha nama taʼe jedhee cubbuu hojjetuufi yaada garaa hin geddarannerratti tarkaanfii fudhachuurraa duubatti jechuu hin qaban. Gumichi Waaqayyoo wajjin nagaa qabaachuusaa akka itti fufuuf, nama yaada gara hin geddaranne gumiidhaa baasu.—1 Qor. 5:1, 2, 11-13.

17. Kiristiyaanonni hundi nagaa duukaa buʼuurratti gaʼee maalii qabu?

17 Waldhabiinsi obboloota gidduutti uumamu baayʼeen garuu cubbuu cimaa jaarsoliin koreedhaan ilaalan miti. Kanaaf, dogoggora warra kaanii jaalalaan bira darbuun keenya baayʼee gaariidha. Dubbiin Waaqayyoo, “Namni irra-daddarbaa namaa namaaf dhiisu jaalala barbaada; namni dubbii hafe keessa deddeebiʼu garuu firoota gargar baasa” jedha. (Fak. 17:9) Gorsa kana hordofuun, hundi keenya nagaa gumii eeguufi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf nu gargaara.—Mat. 6:14, 15.

Nagaa Duukaa Buʼuun Eebba Argamsiisa

18, 19. Nagaa duukaa buʼuun eebba akkamii argamsiisa?

18 “Wanta nagaaf taʼu” duukaa buʼuun keenya eebba hedduu nuuf argamsiisa. Karaasaa yommuu hordofnu Yihowaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya cimaa qabaanna; akkasumas tokkummaa jannata hafuuraa keenyaaf gumaacha goona. Gumii keessatti nagaa duukaa buʼuun keenya, namoota “wangeela nagaa” lallabnuuf wajjinis karaa nagaa duukaa buʼuu itti dandeenyu hubachuuf nu gargaara. (Efe. 6:15) Amma, ‘waan hamaa obsaan namaaf dandaʼuufi nama qoccoluurraa’ fagaachuuf caalaatti qophoofneerra.—2 Xim. 2:24.

19 Kana malees, “Warra qajeelotaa fi warra jalʼootaafis duʼaa kaʼuun akka jiru” yaadadhaa. (HoE. 24:15) Abdiin kun yommuu lafa kanarratti raawwatamu, “uumama biyya lafaatii” kaasee namoonni akkaataa guddinaa, miiraafi amala garaagaraa qaban gara jireenyaatti deebifamu. (Luq. 11:50, 51) Namoota duʼaa kaʼan kana nagaa akka jaallatan barsiisuun mirga guddaadha. Leenjiin yeroo ammaa namoota nagaa buusan taʼuudhaan argannu yeroo sanatti gargaarsa guddaa nuu godha!

[Miiljalee]

^ key. 6 Seera Caaffata Qulqullaaʼoo cubbuu cimaa kan akka maqaa balleessuufi gowwoomsuu wajjin wal qabate ilaalchisee, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1999, fuula 17-22 ilaali. (Amaariffaa)

Maal Baratte?

• Nama tokko yoo mufachiisne nagaa duukaa buʼuu kan dandeenyu akkamitti?

• Yommuu miidhaan nurratti raawwatamu nagaa duukaa buʼuuf maaltu godhamuu qaba?

• Waldhabiinsa namoota gidduutti uumame ilaalchisee gama tokko deggeruu kan hin qabne maaliifi?

• Yeroo hunda nagaa duukaa buʼuu kan hin qabne maaliif akka taʼe ibsi.

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 29⁠rra jiru]

Yihowaan namoota waliif dhiisan ni jaallata