Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Walgaʼii Seena Qabeessa

Walgaʼii Seena Qabeessa

Walgaʼii Seena Qabeessa

“YEROO walgaʼiin kun xumuramu, ‘Walgaʼii waggaa seenaa tiʼookraasii keessatti bakka guddaa qabudha!’ jechuun keessan hin oolu.” Miseensa Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe Isteevan Leet, yaada dhaggeeffattoonni saganticha hawwiidhaan akka eeggatan godhu kana dubbachuudhaan jalqabe. Obboloonni walgaʼii waggaa 126⁠ffaatiif Waach Taawor Baayibil eendi Tiraakti Soosaayitii oov Pensilvaaniyaa, Onkoloolessa 2, 2010, Ameerikaatti Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa kutaa Niiwu Jeersii, Jeersii Siitiitti argamutti walgaʼanii turan. Wantoonni walgaʼii seena qabeessa taʼe kanarratti dhihaatan tokko tokko maalfaʼi?

Obboleessi keenya Leet waaʼee konkolaataa Yihowaa isa samii Macaafa Hisqiʼelirratti ibsamerratti hundaaʼee miira hoʼaadhaan haasaa jalqabaa dhiheesseera. Konkolaataan guddaan kun, jaarmiyaa Yihowaa isa balʼaa taʼeefi Yihowaan guutummaatti toʼatu kan argisiisudha. Kutaan jaarmiyaa kanaa inni samii uumamawwan hafuuraa kan qabate siʼa taʼu, saffisa guddaadhaan sochoʼa; kunimmoo saffisa yaada Yihowaa wajjin tokko akka taʼe Obboleessi keenya Leet dubbateera. Kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafarraas haaluma kanaan sochii gochaa jira. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa argamu kana keessatti, waggoota dhihoodhaa asitti jijjiiramni dinqisiisaa taʼe hedduun godhamaa akka jiru addeesseera.

Fakkeenyaaf, waajjiroonni damee hedduun waajjiroota damee muraasa jala akka taʼan godhamuunsaa, obboloonni biyyoota kanatti Betʼel keessatti tajaajilaa turan hedduun hojii lallabarratti akka xiyyeeffatan gargaareera. Obboleessi keenya Leet, Qaamni Olaanaan hojjetaa amanamaa bakka buʼu amanamaa qofa utuu hin taʼin, ogeessas taʼee akka itti fufuuf qaama kanaaf yeroo hunda akka kadhatan dhaggeeffattoota jajjabeesseera.—Mat. 24:45-47.

Gabaasa Nama Jajjabeessuufi Gaafannoo Nama Gammachiisu

Taab Haansibargar, inni Koree Waajjira Damee Heeyitii taʼee tajaajilu, balaan sochoʼa lafaa Amajjii 12, 2010⁠tti gaʼeefi tilmaamaan namoota 300,000 galaafate erga gaʼee booda sochii biyyichatti godhame ilaalchisee gabaasa miira namaa tuqu dhiheesseera. Luboonni, Waaqayyo namoota gaarii oolchee, warra amantii hin qabne akka adabe namootatti himaa akka turan ibseeraa. Haataʼu malee, yakkamtoonni kumaan lakkaaʼamaniifi mana sirreessaa keessa turan yeroo manichi sochoʼa lafaatiin diigamu gadhiifamaniiru. Namoonni Heeyitii garaa qajeelaa qaban hedduun, yeroon keessa jiraannu rakkinaan kan guutame maaliif akka taʼe dhugaa dhagaʼuudhaan jajjabina argachaa jiru. Obboleessi keenya Haansibargar, obboleessi Heeyitii amanamaa taʼeefi balaa sanaan haadha manaasaa dhabe tokko akkas jechuusaa dubbateera: “Amma harʼaattillee booʼaan jira. Hamma yoomiitti akkan gaddu beekuu baadhus, jaalalli ani jaarmiyaa Yihowaarraa argadhu na jajjabeessa. Abdiin qaba; warri kaanis abdii kana akka argatan gargaaruuf murteesseera.”

Obboleessi keenya Maarki Saandeersan inni yeroo ammaa miseensa maatii Betʼel Biruukiliin taʼe, biyya Filippiinsi ilaalchisee gabaasa dhiheesseera. Obboleessi kun kanaan dura biyyattiitti miseensa Koree Waajjira Damee kan ture ennaa taʼu, guddina lakkoofsa babalʼistoota Mootummichaa haaraa walitti aansuudhaan siʼa 32f galmeeffameefi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu baayʼina babalʼistootaa caale gammachuu guddaadhaan ibseera. Muuxannoo obboleessa keenya Miiguʼeel jedhamuufi ilmi ilmasaa jalaa ajjeefamees dubbateera. Miiguʼeel namichi ilma ilmasaa ajjeese seeratti akka dhihaatuufi akka hidhamu carraaqqii guddaa godheera. Yeroo booda, Miiguʼel mana sirreessaa keessatti yommuu lallabu namichaa wajjin wal arge. Miiguʼeel yeroo namicha sana argu kan naʼe taʼus, obsaafi gaarummaadhaan isa haasofsiiseera. Boodas namicha fedhii argisiiseefi Yihowaa jaallachuu jalqabe kana qayyabsiiseera. Namni kun yeroo ammaatti cuuphameera. Miiguʼeel yeroo ammaa obboleessa kanaaf michuu siʼa taʼu, obboleessa haaraa argate kana waggaan itti murteeffame utuu hin gaʼin akka hiikamu carraaqqii gochaa jira. *

Sagantaan ittaansee dhihaate gaafannoo yommuu taʼu, Kutaa Manneen Barumsaa Tiʼookraasiitti barsiisaa kan taʼe obboleessa keenya Maarki Nuumaartu dhiheesse. Nuumaar hiriyoota gaaʼelaa sadiif jechuunis, Aliiksiifi Seeraa Raayinmuuler, Deevidiifi Kiriistaa Shaafar, akkasumas Roobartiifi Ketraa Siraankootiif gaafannoo godheera. Aliiksi Raayinmuuler, Koree Maxxansaa kan gargaaru yommuu taʼu, umrii waggaa 15iitti Kaanaadaatti yeroo qajeelchaa taʼee qofaasaa tajaajilaa turetti dhugaa kansaa godhachuu akkamitti akka dandaʼe dubbateera. Raayinmuuler, Betʼel keessatti namoota dhiibbaa gaarii isarratti geessisan ilaalchisee yommuu gaafatame, obboloota amanamoo taʼan sadii kan caqase yommuu taʼu, hundisaanii karaa hafuuraa akka guddatu akka isa gargaaran dubbateera. Haati manaasaa Seeraanimmoo, waaʼee obboleettii michuushee turteefi manneen sirreessaa Chaayinaa keessatti waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dabarsitee dubbatteetti. Seeraan obboleettiin kun kadhannaa dhuunfaa gochuudhaan Yihowaarratti amanamuu akka baratte dubbatteetti.

Deevid Shaafar, gargaaraa Koree Barumsaa yommuu taʼu, haadhasaa ishee amantii cimaa qabduufi obboloota gumii yeroo inni dargaggeessa turetti muka muruudhaan jiraatan qajeelchaa taʼee akka tajaajilu isa gargaaran guddaa akka galateeffatu dubbateera. Haati manaasaa Kiristinaanimmoo, waaʼee miseensota maatii Betʼel waggoota dheeraaf turaniifi akkuma Yesus ajaje ‘waan baayʼee xinnoorratti amanamaa taʼan’ dhiibbaa gaarii isheerratti geessisan gammachuudhaan dubbatteetti.—Luq. 16:10.

Roobarti Siraankoot, gargaaraa Koree Barreeffamaa siʼa taʼu, waaʼee akaakiliisaa arfan baqattoota Hangaarii Kiristiyaanota dibamoo turanii caqaseera. Baroota 1950⁠tti yeroo ijoollee ture, walgaʼiiwwan gurguddaarratti argamee kan ture ennaa taʼu, jaarmiyaan Yihowaa gumiisaa caalaa guddaa akka taʼe hubachuudhaan dinqisiifatee ture. Haati manaasaa Keetiraanimmoo, gumii gantummaafi rakkoo garaagaraa qabu keessatti qajeelchaa taatee ennaa tajaajiltetti akkamitti amanamtuu taʼuu akka baratte dubbatteetti. Obboleettiin kun jabaattee kan dhaabatte yommuu taʼu, yeroo boodas gumii tokkummaansaa garaashee tuqe keessatti qajeelchaa addaa taatee ramadamte.

Ittaansuudhaan Obboleessi keenya Maanfireed Toonaak Itoophiyaa ilaalchisee gabaasa dhiheesseera. Biyyi kun durii kaastee Macaafa Qulqulluu keessatti kan beekamtu siʼa taʼu, yeroo ammaa babalʼistoota 9,000 ol qabaachuudhaan eebbifamteetti. Babalʼistoonni hedduunsaanii magaalaa guddittii Finfinnee keessa ykn naannooshee waan jiraataniif, naannoowwan fagoo jiranitti babalʼistoonni hedduun ni barbaachisu. Fedhii kana guutuuf Dhugaa Baatonni lammii Itoophiyaa taʼaniifi biyya alaa jiraatan naannoowwan kana keessaa bakka tokko tokkotti akka lallaban waamichi isaaniif dhihaatee ture. Obboloonni hedduun dhufuunsaanii, Dhugaa Baatota biyyichaa kan jajjabeesse siʼa taʼu, namoota dhugaa dhagaʼan baayʼees argataniiru.

Simpooziyemiin waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya Raashiyaa jiraniifi qabsoo isaan gama seeraatiin godhan ibsu dhihaatee ture. Aaʼulis Beergidaal inni miseensa Koree Waajjira Damee Raashiyaa taʼe, ariʼatama Dhugaa Baatota Raashiyaa keessumaammoo Mooskoo jiranirra gaʼe dhiheesseera. Filiip Biraamileen, waajjira damee Yuunaayitid Isteetisitti, Kutaa Seeraatti kan hojjetu siʼa taʼu, jiʼoota dhihootti Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa himata sagal Dhugaa Baatota Yihowaarratti dhihaaterratti murtoo kenname ilaalchisee ibsa nama dinqisiisu kenneera. Manni Murtichaa himatawwan salgan kun hundi haqarratti kan hin hundoofne taʼuusaa kan hubate yommuu taʼu, haqarraa kan fagaate taʼuusaa mirkaneessuuf tokkoo tokkoosaarratti ragaa dhiheessuuf carraaqqii godheera. Murtoon kun hojiirra ooluufi dhiisuusaa gara fuulduraatti kan arginu taʼus, himata biyyoota kaanitti nurratti dhihaatuufis kan nu fayyadu taʼuusaa Obboleessi keenya Biraamileen ibseera.

Oduu nama gammachiisu kanatti aansee Obboleessi keenya Leet, Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa qaraxa ilaalchisee falmii mootummaa Faransaayiifi Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu yeroo dheeraaf ture ilaaluuf walii galuusaa ibseera. Manni Murtii kabajamaa taʼe kun dhimmoota isaaf dhihaatan keessaa baayʼee muraasa qofa ilaala. Manni Murtichaa, dhimmoota Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee dhihaatan 39 kan ilaale ennaa taʼu, 37⁠rratti murtoo nu deggeru kenneera. Obboleessi keenya Leet dhimma yeroo ammaa jiru ilaalchisee Yihowaa kadhachuusaanii akka itti fufan obboloota hunda jajjabeesseera.

Riichaardi Moorlan Mana Barumsaa Jaarsolii Gumiitti barsiisaa kan taʼe gabaasa xumuraa dhiheesseera. Innis waaʼee mana barumsichaa miira hoʼaadhaan kan dhiheesse yommuu taʼu, dinqisiifannaa obboloonni mana barumsaa kanarratti hirmaatanii turan qaban ibseera.

Haasaa Miseensota Qaama Olaanaatiin Dhihaatan Kanneen Biroo

Gaay Piirsi miseensi Qaama Olaanaa, haasaa caqasa waggaa 2011, “Maqaa Yihowaatti kooluu gali” jedhurratti xiyyeeffate miira hoʼaadhaan dhiheesseera. (Sef. 3:12, NW) Yeroon kun saba Yihowaatiif karaawwan addaddaa yeroo gammachiisaa taʼus, akka laayyootti kan ilaalamu miti. Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhihaachaa kan jiru taʼus, namoonni ammayyuu amantii sobaatti, dhaabbata siyaasaatti, qabeenyatti, falaasamaafi kan kana fakkaatanitti kooluu galuusaanii itti fufaniiru. Bakka amansiisaa itti kooluu galan argachuuf maqaa Yihowaa waamuu qabna, kunis isa beekuu, kabaja guddaa isaaf kennuu, akkasumas qaama kanarratti amanannaa qabaachuufi wanta arganne hundaaf isa jaallachuu kan dabalatudha.

Ittaansuudhaan Deevid Ispileen inni miseensa Qaama Olaanaa taʼe mataduree, “Boqonnaa Waaqayyootti Galtaniittuu?” jedhuun haasaa miira namaa kakaasu dhiheesseera. Obboleessi kun, wantoota lafarratti uumamanii wajjin haala wal qabateen kaayyoo Waaqayyoo akka gaariitti galmaan gaʼuuf guyyaa fakkeenyaan ibsame kanatti Yihowaafi Ilmisaa ‘hojjechaa’ waan jiraniif, boqonnaa Waaqayyoo jechuun yeroo hojiirraa walaba itti taʼan akka hin taane ibseera. (Yoh. 5:17) Boqonnaa Waaqayyootti galuu kan dandeenyu akkamitti? Namni tokko yaada ofiitiin geggeeffamuurraa fagaachuu yoo barbaade Kiristosiifi aarsaa inni dhiheessetti amanuu qaba. Amantii qabaachuu, kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimnee jiraachuufi kaayyoo sana galmaan gaʼuuf wanta nurraa barbaadamu hunda gochuu qabna. Yeroo tokko tokko akkas gochuun baayʼee rakkisaa taʼus, gorsaafi qajeelfama jaarmiyaa Yihowaarraa kennamu hojiirra oolchuu qabna. Obboleessi keenya Ispileen, dhaggeeffattoonni boqonnaa Waaqayyootti galuuf wanta isaanii dandaʼame hunda akka godhan kadhateera.

Obboleessi keenya Antoonii Mooris inni miseensa Qaama Olaanaa taʼe, mataduree “Maal Eegaa Jirra?” jedhuun haasaa xumura dhiheesseera. Miira ariifannaafi jaalala argisiisuun haasaa inni dhiheesse, raajii namoonni amanamoon hundi hawwiidhaan eegaa jiran yaadachiiseera. Kunis labsii, “Nagaa dha, gabii dha” jedhuufi badiisa amantii sobaa kan dabalatudha. (1 Tas. 5:2, 3; Mul. 17:15-17) Raajiiwwan kun raawwatamaa akka jiran waan hin argisiisneef, yeroo oduu tokko tokko dhageenyu, “Kun Armaagedoon taʼuu qaba” jechuu akka hin qabne akeekkachiiseera. Kanaa mannaa akkuma Miikiyaas 7:7⁠rratti ibsame gammadoo taanee obsaan akka eegnu jajjabeesseera. Kana malees, akkuma yommuu lolli cimu loltoonni wal deggeran, nuyis Qaama Olaanaa deggeruu akka qabnu akeekkachiiseera. Mooris, “Isin warri Waaqayyoon eeggattan hundinuu, jabaadhaa, laphee jabaadhaas!” jechuudhaan haasaasaa xumureera.—Far. 31:24.

Achiis, beeksisni seena qabeessi nama gammachiisu dubbifameera. Jeefrii Jaaksan miseensi Qaama Olaanaa, namoota Ingiliffa akka gaariitti dubbisuu hin dandeenyeef, waggaa tokkoof yaaliidhaaf Masaraa Eegumsaa Ingiliffa salphaadhaan maxxansuuf qophiin godhamuusaa beeksise. Achiis Isteefan Leet, Qaamni Olaanaa Yuunaayitid Isteetisitti daawwattoota olaanaafi haadhotii manaasaanii akka daawwataman qophiin godhamuusaa beeksise. Ittaansuudhaanis Manni Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa kana booda, Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee Taʼaniif Qophaaʼe akka jedhame beeksise. Kana malees dhiheenyatti Manni Barumsaa Macaafa Qulqulluu Kiristiyaanota Gaaʼela Qabaniif qophaaʼe ni banama. Manni barumsaa kun, hiriyoonni gaaʼelaa jaarmiyaa Yihowaa keessatti caalaatti hojjechuu akka dandaʼan isaan leenjisa. Obboleessi keenya Leet, Manni Barumsaa Daawwattoota Olaanaafi Haadhotii Manaasaanii, akkasumas Manni Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Dameefi Haadhotii Manaasaanii, Paatarsanitti waggaa waggaadhaan al lama akka geggeeffamu kan beeksise siʼa taʼu, obboloonni kanaan dura mana barumsichaarratti hirmaatan yeroo lammataatiif akka hirmaatan qophiin godhameera.

Xumurarratti obboleessi keenya Joon Baar inni umriinsaa waggaa 97 taʼe gad of deebisuudhaan kadhannaa garaadhaa madde dhiheesseera. * Sagantichi yommuu xumuramu dhaggeeffattoonni hundi guyyichi dhuguma seena qabeessa akka taʼe isaanitti dhagaʼameera.

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2011, fuula 62-63 ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 20 Obboleessi keenya Baar Muddee 4, 2010 jireenyasaa isa lafarraa xumureera.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 19rra jiru]

Dhaggeeffattoonni hundi gaafannoo godhametti gammadaniiru

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 20rra jiru]

Yihowaan hojii lallabaa Itoophiyaatti geggeeffamu eebbiseera