Dorgommicha Obsaan Fiigaa!
Dorgommicha Obsaan Fiigaa!
“Dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiigna!”—IBR. 12:1.
1, 2. Phaawulos jireenya Kiristiyaanaa maalii wajjin wal fakkeesseera?
FIIGICHI maaraatoonii waggaa waggaadhaan iddoo baayʼeetti godhama. Namoonni fiigichaan beekamoo taʼan galma tokko sammuutti qabatanii, jechuunis moʼuudhaaf jecha dorgomu. Warri kaan garuu kan fiigan moʼuudhaaf jedhanii miti. Namoonni kun dorgommee sana waan xumuraniif qofa kooratu isaanitti dhagaʼama.
2 Macaafa Qulqulluu keessatti jireenyi Kiristiyaanaa dorgommee fiigichaa wajjin wal fakkeeffameera. Phaawulos, ergaa isa duraa Kiristiyaanota hidhatasaa Qorontos durii keessa jiraniif barreesserratti yaada kana isaan hubachiisee ture. Phaawulos, “Warri wal dorgoman hundinuu yoo fiigan iyyuu, kan dura darbee kennaa argatu garuu, tokkicha akka taʼe hin beektanii ree? Isinis akkasuma kennaa sana akka argattaniif fiigaa!” jedheera.—1 Qor. 9:24.
3. Phaawulos nama dorgommee fiigichaarratti hirmaatu tokko qofatu moʼa kan jedhe maaliifi?
3 Phaawulos, Kiristiyaanota sana keessaa badhaasa kan argatu tokko qofa akka taʼeefi warri kaan garuu akkasumaan akka fiigan dubbachuusaa turee? Akkas jechuusaa hin turre! Namoonni dorgommee fiigichaarratti hirmaatan, ni leenjiʼu, akkasumas moʼuuf jecha carraaqqii cimaa godhu. Phaawulos Kiristiyaanonni hidhatasaa taʼaniifi jireenya barabaraa argachuu hawwan carraaqqii cimaa akkasii akka godhan barbaadee ture. Akkas kan godhan taanaan badhaasa jireenyaa argachuuf abdachuu dandaʼu. Eeyyee, dorgommee Kiristiyaanaarratti hamma dhumaatti kan fiigan hundi badhaasa argatu.
4. Dorgommee fuuldura keenya jiruu wajjin haala wal qabateen maal beekuu qabna?
4 Wanti Phaawulos dubbate kun namoota yeroo harʼaa dorgommee jireenyaa jalqaban hunda kan jajjabeessu taʼus akka laayyootti kan ilaalamu miti. Maaliif? Jireenya kan argatan samiirrattis haataʼu lafa Jannata taaturratti, badhaasa kanaa wajjin wanti wal gitu hin jiru. Dorgommichi dheeraafi dadhabsiisaa akka taʼe beekamaadha; karicharras gufuuwwan, wantoonni yaada namaa hihhiraniifi balaawwan hedduun jiru. (Mat. 7:13, 14) Kiristiyaanonni tokko tokko karaa hafuuraa akka dadhaban ykn Yihowaa tajaajiluu akka dhaaban kan isaan godhe maal ture? Dorgommee jireenya barabaraatiif godhamurratti balaawwaniifi gufuuwwan akkamii nama mudachuu dandaʼu? Kana hambisuu kan dandeessu akkamitti? Dorgommee kana xumuruufi moʼuuf maal gochuu dandeessa?
Moʼuudhaaf Obsi Barbaachisaadha
5. Phaawulos Ibroota 12:1rratti waaʼee dorgommee maal caqase?
5 Phaawulos ergaa Ibroota Kiristiyaana taʼaniifi Yerusaalem, akkasumas Yihudaa jiraniif barreesserratti irra deebiʼee waaʼee fiigichaa ykn dorgommee atleetiksii yaada tokko tokko caqaseera. (Ibroota 12:1 dubbisi.) Namni tokko dorgommeerratti kan hirmaatu maaliif akka taʼe qofa utuu hin taʼin, moʼuuf maal gochuu akka qabus caqaseera. Gorsa Phaawulos hafuuraan geggeeffamee Ibroota Kiristiyaana taʼaniif barreesserraa barumsa maalii akka argannu qoruu keenya dura, wanta ergicha barreessuuf isa kakaaseefi namoonni ergicha dubbisan maal akka godhan jajjabeessee akka ture haa ilaalu.
6. Kiristiyaanonni geggeessitoota amantiirraa dhiibbaan akkamii isaanirra gaʼaa ture?
6 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa keessumaa warri Yerusaalemiifi Yihudaa keessa jiraatan qorumsaafi rakkina hedduu keessa turan. Geggeessitoota amantii Yihudootaa warra aboo guddaa qabaniifi namootarratti dhiibbaa cimaa geessisanirraa rakkinni isaanirra gaʼaa ture. Isaan, gara waggaa soddomaa dura, Yesus nama hamaa mootummaarratti fincila kaase akka taʼetti himatamee akka ajjeefamu godhanii turan. Sana boodas mormuusaanii hin dhiisne. Doorsisaafi ariʼatama isaan, dinqii Dh.K.B. bara 33 guyyaa HoE. 4:1-3; 5:17, 18; 6:8-12; 7:59; 8:1, 3.
Phenxeqosteetti raawwatamee kaasee walitti aansuudhaan Kiristiyaanotarra geessisan ilaalchisee macaafa Hojii Ergamootaa keessatti ibsameera. Kun namoonni amanamoo turan jireenyi rakkisaa akka isaanitti taʼu godhee akka ture hin shakkisiisu.—7. Kiristiyaanonni Phaawulos barreesseef haala rakkisaa akkamii keessa turan?
7 Kana malees, Kiristiyaanonni sun yeroo sirni Yihudootaa baduu jala gaʼe keessa jiraatu turan. Yesus badiisa saba Yihudaa gantuu taʼerra gaʼu ilaalchisee raajii dubbatee ture. Wanta badiisni kun gaʼuusaa dura raawwatamuufi duuka buutonnisaa badiisa kanarraa ooluuf tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qaban addaan baasee itti himeera. (Luqaas 21:20-22 dubbisi.) Kanaaf, maal gochuu qabu turan? Yesus, “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti baʼaa fiddanii, akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa” jedhee isaan akeekkachiiseera.—Luq. 21:34.
8. Wanti Kiristiyaanonni tokko tokko karaa hafuuraa akka dadhaban ykn abdii akka kutatan godhee ture maal taʼuu dandaʼa?
8 Yeroo Phaawulos ergaasaa Ibrootaaf barreessetti, erga Yesus akeekkachiisa kana kennee gara waggaa 30a darbee ture. Yeroon hammanaa darbuunsaa Kiristiyaanota sanarratti dhiibbaa akkamii geessiseera? Isaan keessaa tokko tokko dhiibbaa isaanirra gaʼuuf moʼamaniiru; jireenya guyyaa guyyaatiin yaannisaanii akka hihhiramu godhaniiru; akkasumas guddina karaa hafuuraa isaan cimsu utuu hin godhin hafaniiru. (Ibr. 5:11-14) Warri kaanimmoo, Yihudoota naannoosaanii jiran hedduu wajjin walsimanii yoo jiraatan jireenyi salphaa akka isaanii taʼu yaadanii akka turan haalasaarra hubachuun ni dandaʼama. Kana malees, Yihudoonni sun ammayyuu hamma tokko Seera Waaqayyoo waan hordofaniif, guutummaatti isa hin dhiisne turan. Kiristiyaanonni kaanimmoo, namoota gumicha keessa turaniifi Seera Musee, akkasumas barsiifatasaanii eeguun barbaachisaa akka taʼe falmaniin amansiifamaniiru ykn doorsifamaniiru. Phaawulos Kiristiyaanonni obbolootasaa taʼan karaa hafuuraa dammaqoo akka taʼaniifi dorgommee sana jabaatanii akka itti fufan gargaaruuf maal jedhee ture?
9, 10. (a) Ibroota boqonnaa 10, gara dhumaarratti Phaawulos gorsa nama jajjabeessu akkamii kenne? (b) Phaawulos wanta dhugaa baatonni amanamoon bara durii raawwatan kan caqase maaliifi?
9 Akkaataa Phaawulos hafuuraan geggeeffamee Ibroota Kiristiyaana taʼan jajjabeessuuf itti yaale hubachuun keenya barbaachisaadha. Phaawulos ergaasaa boqonnaa 10rratti, Seerichi, “gaadidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa” qofa akka taʼeefi faayidaa aarsaan furii Kiristos qabu akka gaariitti ibseera. Phaawulos boqonnaa sana gara dhumaarratti, “Jaalala Waaqayyoo gootanii, isa Waaqayyo abdachiise argachuudhaaf obsaan dandaʼuun isin in barbaachisa. Caaffanni qulqullaaʼaan, ‘Yeroo xinnoo isheetu jira, inni dhufuuf jiru sunis, in dhufa malee hin turuʼ” jedhee gorseera.—Ibr. 10:1, 36, 37.
10 Phaawulos Ibroota boqonnaa 11rratti, Waaqayyorratti amantii dhugaa qabaachuu jechuun maal jechuu akka taʼe akka gaariitti ibseera. Kana ibsuufis seenaa dhiirotaafi dubartoota nama amantii turan akka fakkeenyaatti caqaseera. Seenaan kun ofumaa kan barreeffame turee? Matumaa. Phaawulos namoonni hidhata amantiisaa taʼan amantiisaaniitiin dhaabachuuf, ija jabinniifi obsi akka isaan barbaachisu beekuu akka qaban hubatee ture. Fakkeenyi gaariin tajaajiltoota Yihowaa amanamoo durii, Ibroonni Kiristiyaana taʼan qorumsaafi rakkina isaanirra gaʼu akka moʼan kan isaan jabeessu ture. Kanaaf Phaawulos, wanta namoonni amanamoon sun raawwatan hedduu erga caqasee booda akkas jechuu dandaʼeera: “Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa qabna; kanaafis kottaa wanta baʼaa nutti taʼu hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!”—Ibr. 12:1.
“Dhuga-Baatota Akka Duumessaa”
11. Waaʼee “dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan” yaaduun keenya dhiibbaa akkamii nurratti gochuu dandaʼa?
11 “Dhuga-baatota akka duumessaa lafa
uffisan” kan jedhaman, namoota akkasumaan dhaabatanii ilaalan, atleetiin ykn tuutni isaan deggeran tokko yommuu moʼu daawwatan miti. Kanaa manaa, namoonni kun fakkeenyaan dorgommeerratti kan hirmaatan turan jechuun ni dandaʼama. Isaan hamma dhumaatti fiiganii dorgommicha xumuraniiru. Namoonni kun kan duʼan taʼaniyyuu, fiigaa akka jiraniifi namoota dorgommee fiigichaa sana jalqaban jajjabeessuu akka dandaʼanitti ibsamaniiru. Namni fiigaa jiru tokko warra dhaabatanii isa ilaalan keessaa tokko tokko namoota dorgommee kana moʼuudhaan beekamaan taʼuusaanii yommuu hubatu wanta isatti dhagaʼamu yaadi! Hamma humnasaa ykn humnasaatii ol fiiguuf hin kakaʼuu? Dorgommeen fakkeenyaan ibsame kun cimaa yoo taʼeyyuu, dhugaa baatonni durii kun moʼuun akka dandaʼamu mirkaneessaniiru. Kanaaf, Ibroonni Kiristiyaana taʼaniifi jaarraa jalqabaatti turan, fakkeenya “dhuga-baatota akka duumessaa” kana yaadatti qabachuudhaan, jabina ‘obsaan fiiguuf isaan gargaaru argachuu dandaʼaniiruʼ; nuyis yeroo harʼaa akkas gochuu dandeenya.12. Namoonni Phaawulos caqase haala nuyi keessa jiruu wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?
12 Namoonni Phaawulos caqase baayʼeen haala nuyi keessa jirruu wajjin wal fakkaatu keessa turan. Fakkeenyaaf, Nohi kan jiraate yeroo biyyi lafaa Bishaan Badiisaa dura ture baduu jala gaʼe keessa ture. Nuyis kan jiraannu yeroo sirni biyya lafa baduu jala gaʼe keessadha. Abrahaamiifi Saaraan waaqeffannaa dhugaa hordofuufi abdiin Yihowaa yommuu raawwatamu eeggachuuf biyyasaanii dhiisanii deemuun isaan barbaachisee ture. Nuyis waaʼee ofii keenyaa yaaduu akka dhiisnu, Yihowaa biratti fudhatama akka argannuufi eebba gara fuulduraatti argannu akka eeggannu jajjabeeffamneerra. Museen lafa onaa sodaachisaa keessa gara Biyyattii Abdachiifamteetti deemeera. Nuyis sirna biyya lafaa badaa jiru kana keessa gara addunyaa haaraa abdachiifametti deemaa jirra. Kanaaf, haala namoonni kun keessa darban, milkaaʼina isaan argataniifi utuu hin argatin hafan, akkasumas ciminaafi dadhabinasaanii qoruun keenya barbaachisaadha.—Rom. 15:4; 1 Qor. 10:11.
Milkaaʼina Kan Argatan Akkamitti?
13. Nohi rakkoowwan akkamii isa mudatanii turan? Moʼuuf kan isa gargaarehoo maalidha?
13 Tajaajiltoonni Yihowaa kun dorgommee sanarratti jabaatanii akka itti fufaniifi milkaaʼina akka argatan kan isaan gargaare maal ture? Phaawulos Nohiin ilaalchisee wanta inni barreesse hubadhaa. (Ibroota 11:7 dubbisi.) Nohi, ‘bishaan badiisaa uumama foon uffate balleessuudhaaf lafarratti dhufu argee hin beeku’ ture. (Uma. 6:17) Wanta sanaan dura taʼee hin beekneefi ni dhufa jedhamee matumaa hin eegamne ture. Nohi garuu hin shakkine ykn taʼuu hin dandaʼu jedhee hin mamne. Maaliif? Yihowaan wanta dubbate hunda akka raawwatu amantii waan qabuuf ture. Nohi wanti akka raawwatu abboomame baayʼee ulfaataa akka taʼe isatti hin dhagaʼamne. Kanaa manaa, akkuma abboomametti “hojjetee in raawwate.” (Uma. 6:22) Nohi markaba ijaaruu, bineeldota walitti qabuu, nyaata namootaafi bineeldotaaf taʼu sassaabuu, ergaa akeekkachiisaa lallabuufi maatiinsaa karaa hafuuraa cimaa akka taʼu eeguun akka isarra ture yommuu ilaallu, akkuma abboomametti ‘hojjetee raawwachuun’ isaaf salphaa akka hin turre hubanna. Taʼus Nohi, amantiifi obsa qabaachuunsaa inniifi maatiinsaa badiisarraa oolanii eebba akka argatan isa gargaareera.
14. Abrahaamiifi Saaraan qorumsa akkamii keessa darbaniiru? Nuhoo isaanirraa barumsa akkamii arganna?
14 Phaawulos itti aansuudhaan, Abrahaamiifi Saaraan ‘dhuga-baatota akka duumessaa naannoo keenya jiran’ jedhaman keessatti akka argaman caqaseera. Jireenya tasgabbaaʼaa Ur keessatti jiraatan dhiisanii kan baʼan siʼa taʼu, wanta gara fuulduraatti isaan mudatus hin beekan turan. Yeroo rakkisaa keessatti amantii cimaa qabaachuufi abboomamuudhaan fakkeenya taʼuusaanii mirkaneessaniiru. Wanta Abrahaam waaqeffannaa dhugaatiif jecha fedhiisaatiin aarsaa godhe hunda yommuu ilaallu, ‘warra amanan hundumaaf abbaa taʼe’ jedhamuunsaa kan nama dinqisiisu miti. (Rom. 4:11) Namoonni inni barreesseef seenaa Abrahaam akka gaariitti waan beekaniif, Phaawulos kan caqase wantootuma gurguddaa qofa ture. Taʼus Phaawulos akkas jechuudhaan barumsa cimaa kenneera: “Jarreen kun [Abrahaamiifi maatiisaa dabalatee] isa abdachiifaman yoo hin fudhanne taʼan iyyuu, amantii isaanii utuu hin dhiisin duʼan; garuu isa abdachiifaman fagootti ilaalanii simachuudhaaf itti gammadaniiru, biyya lafaa irrattis ormaa fi kara-adeemtuu akka turan beekaniiru.” (Ibr. 11:13) Amantiifi walitti dhufeenyi Waaqayyoo wajjin qaban cimanii dorgommee sana akka fiigan kan isaan gargaare taʼuusaa ifatti hubachuun ni dandaʼama.
15. Museen jireenyaa qananii jiraachuu dhiisuuf kan isa kakaase maalidha?
15 Namoota “dhuga-baatota akka duumessaa” jedhaman keessaa Yihowaa tajaajiluurratti fakkeenya kan nuu taʼu gara biraanimmoo Museedha. Museen jireenya qananii jiraachuu mannaa, “saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu foʼate[era].” Kana gochuuf kan isa kakaase maalidha? Phaawulos, ‘Ijasaa gatiisaa isa booddeerra kaaʼateeʼ; “Isa ijaan hin argamne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate” jechuudhaan deebii kenneera. (Ibroota 11:24-27 dubbisi.) Museen “Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu[n]” yaadasaa akka jalaa hihhiru hin goone. Museedhaaf, Waaqayyoofi abdiin inni kenne dhugaa waan turaniif ija jabinaafi obsa guddaa isaaf argamsiisaniiru. Kanaaf, Israaʼeloota geggeessuudhaan Gibxii baasee gara Biyyattii Abdachiifamteetti galchuuf carraaqqii cimaa godheera.
16. Museen Biyyattii Abdachiifamtetti akka hin galle yommuu itti himame kan hin gaddine maaliif ture?
16 Museenis akkuma Abrahaam abdiin Waaqayyo kenne yommuu raawwatamu hin argine. Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu galuuf jedhan Yihowaan Museedhaan, “Ati biyyicha fuulleetti in argita, garuu ofii keetii biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu” jedheera. Kun kan taʼe inniifi Aaron fincila sabichi sanaan dura kaasetti garmalee aaruudhaan, ‘Israaʼeloota duratti bishaan Mariibaa biratti, waan Waaqayyoon yakkitaniif’ ture. (Kes. 32:51, 52) Yeroo kanatti Museen gaddee ykn haaloo qabatee turee? Matumaa. Sabicha kan eebbise yommuu taʼu, “Yaa Israaʼel, ati gammadi! Eenyu sabni akka kee Waaqayyo oolche? Gaachannii kee fi gargaarsi kee isa; billaan kee inni ulfina-qabeessis” jechuudhaan xumureera.—Kes. 33:29.
Barumsa Argannu
17, 18. (a) Dorgommee jireenya barabaraatiif goonurratti namoota “dhuga-baatota akka duumessaa” jedhamanirraa maal baranna? (b) Mataduree ittaanurratti waaʼee maalii ilaalla?
17 Qorannaa jireenya ‘dhuga-baatota akka duumessaa naannoo keenya jiran’ tokko tokkorratti goonerraa kaʼuudhaan, dorgommicha hamma dhumaatti fiiguuf, Waaqayyoofi abdii inni kennerratti amantii cimaa qabaachuun barbaachisaa taʼuusaa ifatti hubanneerra. (Ibr. 11:6) Amantiin jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qabaachuu qaba. Namoota amantii hin qabnerraa haala faallaa taʼeen, tajaajiltoonni Yihowaa wanta yeroo amma jirurra darbanii ilaaluu dandaʼu. Kanaaf, “isa ijaan hin argamne” arguufi dorgommicha obsaan fiiguu dandeenya.—2 Qor. 5:7.
18 Dorgommeen Kiristiyaanaa salphaa miti. Taʼus, dorgommicha akka gaariitti xumuruu dandeenya. Mataduree ittaanurratti gama kanaan gargaarsa dabalataa akkamii akka qabnu ilaalla.
Ibsuu Dandeessaa?
• Phaawulos waaʼee dhugaa baatota durii balʼinaan kan barreesse maaliifi?
• ‘Dhuga-baatota akka duumessaa naannoo keenya jiran’ yaadaan ilaaluun keenya obsaan fiiguuf kan nu jajjabeessu akkamitti?
• Seenaa dhugaa baatota akka Nohi, Abrahaam, Saaraafi Musee qoruudhaan maal baratte?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Abrahaamiifi Saaraan jireenya tasgabbaaʼaa Ur keessatti jiraatan fedhiidhaan dhiisaniiru