Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Haalli Rakkisaan Yeroo Uumamu Akkuma Fiinehaas Gochuu Dandeessuu?

Haalli Rakkisaan Yeroo Uumamu Akkuma Fiinehaas Gochuu Dandeessuu?

Haalli Rakkisaan Yeroo Uumamu Akkuma Fiinehaas Gochuu Dandeessuu?

JAARSA gumii taʼanii tajaajiluun mirga guddaadha. Haataʼu malee, Dubbiin Waaqayyoo jaarsoliin haalli rakkisaan hedduun isaan mudachuu akka dandaʼu ibsa. Jaarsoliin yeroo dogoggorri raawwatamu hundatti ‘Waaqayyoof’ jedhanii ‘firdii kennuu’ qabu. (2 Sen. 19:6) Yookiin ilaaltuun olaanaa tokko hojiin tokko yeroo isaaf kennamu, akkuma Musee isa “Gara mootii Gibxii dhaq[uuf] . . . ani eenyu?” jedhee turee, gaʼumsa akka hin qabaanne isatti dhagaʼamuu dandaʼa.—Bau. 3:11.

Caaffanni Qulqullaaʼoon geggeessaa hafuuraatiin akkuma barreeffame, jaarsoliinis hafuuruma kanaan muudamu; Macaafni Qulqulluun, fakkeenya ilaaltoota olaanaa qorumsa isaan mudate karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼanii qabateera. Fiinehaas ilma Eleʼazaar, jechuunis akaakayyuu Aaron waan taʼeef angafa lubootaa taʼuuf mirga qaba ture. Wantoonni jireenyasaa keessatti isa mudatan sadii, jaarsoliin yeroo harʼaa jiran haala rakkisaa isaan mudatu moʼuuf ija jabinni, hubannaafi Yihowaatti amanamuun barbaachisaa akka taʼe ibsu.

Yerooma Sana “Kaʼe”

Yeroo sabni Israaʼel Dachaa Mooʼaab keessa buufatetti Fiinehaas dargaggeessa ture. Macaafni Qulqulluun, “Isaan keessaa jarri tokko dubartoota Moʼaabii wajjin ejjuutti in kaʼan. . . . Isaanis nyaatanii, waaqayyolii isaaniitiifis in sagadan” jedha. (Lak. 25:1, 2) Yihowaan namoonni cubbuu raawwatan sun dhaʼichaan akka dhuman godheera. Fiinehaas waaʼee cubbuu raawwatameefi waaʼee dhaʼicha sanaa yeroo dhagaʼu wanta isatti dhagaʼamee ture tilmaamuu dandeessaa?

Seenaansaa itti fufuudhaan akkas jedha: “Kunoo, Museenii fi guutummaan waldaa saba Israaʼel dunkaana itti wal gaʼan dura dhaabatanii utuu isaa booʼanii, namoota Israaʼel keessaa tokko utuma isaan ilaalanii, dubartii warra Miidiyaan tokko fudhatee gara maatii isaatii dhufe.” (Lak. 25:6) Yeroo kanatti Fiinehaas lubichi maal godha laata? Inni dargaggeessa jedhamuu kan dandaʼu taʼus, namni cubbuu raawwate sunimmoo saba sana karaa waaqeffannaa geggeessuuf itti gaafatamummaa kan qabu ture.—Lak. 25:14.

Fiinehaas garuu nama utuu hin taʼin Yihowaa sodaata ture. Namoota sana lamaan yeroo argu, yeruma sana kaʼee eeboosaa fudhatee dunkaana namichaatti ol lixee lamaansaanii walitti waraane. Yihowaan tarkaanfii Fiinehaas ija jabinaafi gara kuteenyaan fudhate kana akkamitti ilaale? Dhaʼichi sun yeruma sana akka dhaabatu gochuusaarrayyuu, kakuun lubummaa “bara baraan” sanyii Fiinehaas keessaa akka hin baane waadaa isaaf galuudhaan isa eebbiseera.—Lak. 25:7-13.

Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran tarkaanfii akkasii akka hin fudhanne beekamaadha. Haataʼu malee akkuma Fiinehaas, gara kuteenyaafi ija jabinaan tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼoo taʼuu qabu. Fakkeenyaaf, Giilyarmaan jaarsa taʼee erga muudame jiʼoota muraasa booda koree murtoo keessatti akka hojjetu gaafatame. Namni cubbuu hojjete sunimmoo, jaarsa yeroo inni ijoollee turetti isa gargaaraa turedha. Akkas jedha: “Koree murtii keessatti hojjechuun baayʼee waan na dhiphiseef, galgala gaafasii hirriba maleen bule. Miirri ani nama sanaaf qabu akka qajeelfama Yihowaatti dhimma sana ilaaluu akka na hin dhowwineef, tarkaanfiin fudhachuu qaburratti yaadaan ture. Guyyoota hedduutiif kadhannaadhaan irratti yaadeera; barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanis qoreera.” Kunimmoo ija jabina haala addaa isa mudate sana hiikuufi nama cubbuu hojjete sana karaa hafuuraa gargaaruuf isa dandeessisu akka argatu isa godheera.—1 Xim. 4:11, 12.

Jaarsoliin haalli akkasii gumii keessatti yeroo uumamu, ija jabinaafi gara kuteenyaan tarkaanfii fudhachuudhaan amantiifi amanamummaa argisiisuurratti fakkeenya taʼuu qabu. Kiristiyaanonni kaanis cubbuu cimaa raawwatame yeroo argan himuudhaan ija jabina argisiisuu akka qaban beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, walitti dhufeenya michuu ykn fira gumiitii baafamee wajjin qaban dhaabuun amanamummaa gaafata.—1 Qor. 5:11-13.

Hubannaan Balaarraa Nama Eega

Fiinehaas tarkaanfii ija jabinaa kana kan fudhate miira dargaggummaatiin kakaʼee hin turre. Yeroo garabiraa oduu tokko yommuu dhagaʼetti hubannaa qabachuusaa akkamitti akka argisiise ilaali. Gosni Ruuben, Gaadiifi walakkaan gosa Minaasee qarqara Laga Yordaanositti iddoo aarsaa ijaaran. Israaʼeloonni kaan waaqayyolii sobaatiif kan ijaaramedha jedhanii waan yaadaniif isaanirratti lola banuuf qophaaʼanii turan.—Iya. 22:11, 12.

Yeroo kanatti Fiinehaas maal godhe? Fiinehaas geggeessitoota Israaʼel kaanii wajjin taʼuudhaan hubannaadhaan warra iddoo aarsichaa ijaaranii wajjin mariʼate. Gosonni himataman sun iddoo ‘Waaqayyoof itti sagadan’ akka taʼe dubbachuudhaan haalasaa ibsaniiru. Kanaaf balaan gaʼuuf ture hafeera.—Iya. 22:13-34.

Kiristiyaanni tokko nama hidhata amantiisaa taʼe ilaalchisee himata ykn oduu gadhee yeroo dhagaʼutti, fakkeenya Fiinehaas hordofuunsaa baayʼee gaariidha! Hubannaan, aaruurraa ykn waaʼee obboleessa keenyaa wanta gadhee dhageenye sana dubbachuurraa akka of qusannu nu godha.—Fak. 19:11.

Hubannaan, jaarsoliin fakkeenya Fiinehaas akka hordofan kan isaan gargaaru akkamitti? Haayimee inni waggoota kudhaniif jaarsa taʼee tajaajilaa jiru akkas jedheera: “Babalʼisaan tokko walitti buʼiinsa nama kan biraa wajjin qabu yeroo natti himu, utuu hin loogin gorsa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe kennuuf Yihowaan akka na gargaaruuf yeruma sanan kadhannaa dhiheessa. Gaaf tokko, obboleettiin tokko obboleessa itti gaafatamummaa qabuufi gumii kan biraa jiruu wajjin rakkoo dhuunfaa qabdu natti himte. Obboleessi sun michuukoo waan tureef, dhimma sana isa gaafachuun anaaf salphaa ture. Haataʼu malee, obboleettii kanaa wajjin seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo hedduurratti mariʼanne. Isheenis yaadicharratti walii galuudhaan, ofumasheetii dhaqxee obboleessa sana haasofsiisuuf murteessite. (Mat. 5:23, 24) Walitti buʼinsi sun yeruma sana furmaata hin arganne. Ammas seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo kan biraa hojiirra akka oolchitun ishee jajjabeesse. Yeroo kanattis dhimmicha ilaalchisee kadhannaa dhiheessuu malees, dhiifama gochuuf carraaqqii akka gootu murteessiteetti.”

Kunoo buʼaa maalii argamsiise? Haayimeen akkas jedha: “Jiʼoota hedduu booda obboleettiin sun na bira dhuftee, obboleessi sun yeroo booda wanta dubbatetti akka gaabbe natti himte. Ishee wajjin beellama qabatee kan tajaajilan taʼuusaaniirrayyuu, dinqisiifannaa isheef qabu akka ibseef natti himteetti. Dhimmisaa haala kanaan furmaata argateera. Utuu hin barbaachisin dhimmicha keessa galeera utuun taʼee buʼaa kana caalu argamsiisuun dandaʼa turee? Walitti buʼiinsa kana keessa utuun galeera taʼee waanan looge na fakkeessa ture.” Macaafni Qulqulluun, “Wanta tokko ijuma keetiin argiteef ariifattee gara yaaʼiitti hin fidin!” jedhee gorsa. (Fak. 25:8) Jaarsoliin hubannaa qaban, Kiristiyaanonni walitti buʼiinsi gidduusaaniitti uumame seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo hojiirra oolchuudhaan nagaa akka buusan isaan jajjabeessu.

Yihowaa Gaafateera

Fiinehaas luba taʼee saba Waaqayyoo filatamaa tajaajiluuf mirga argateera. Akkuma olitti ibsame, dargaggeessa jedhamuu kan dandaʼu taʼus, ija jabinaafi hubannaa guddaa qaba ture. Haataʼu malee, rakkoowwan isa mudatan moʼuu kan dandaʼe Yihowaatti waan amanameef ture.

Gosni Beniyaam warri Giibeʼaa jiraatan saajjatoo nama Lewwii haala suukanneessaa taʼeen gudeedanii erga ishee ajjeesanii booda, gosonni kaan isaanirratti lola banuuf kaʼan. (Abo. 20:1-11) Lola banuusaanii dura Yihowaan akka isaan gargaaru kadhannaa dhiheessanii kan turan taʼus, al lama moʼamaniiru. (Abo. 20:14-25) Kadhannaan isaan dhiheessan gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamee turee? Yihowaan dhuguma wanta gadhee raawwatameef tarkaanfii fudhachuusaaniitti hin gammanne jechuudhaa?

Yeroo kanattis Fiinehaas inni angafa lubootaa Israaʼel taʼe amanannaadhaan dura buʼeera. “Obboloota keenya warra Beniyaamin loluudhaaf ammas baanu moo yookiis dhiifnu?” jedhee kadhate. Yihowaan, kadhannaa kanaaf deebii kennuudhaan warra Beniyaam dabarsee harkasaaniitti waan kenneef, mandara Giibeʼaa gubanii balleessaniiru.—Abo. 20:27-48.

Kanarraa barumsa maalii argannaree? Jaarsoliin jabaatanii kan hojjetaniifi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf kan kadhatan taʼus, rakkoowwan gumii keessatti uumaman tokko tokko dafanii furmaata hin argatan taʼa. Yeroo haalli akkasii uumamutti, jaarsoliin gorsa Yesus, “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama” jedhu yaadachuu qabu. (Luq. 11:9) Deebiin kadhannaa sanaa akka ture yommuu isaanitti dhagaʼamutti, jaarsoliin Yihowaan yeroosaatti deebii akka isaaniif kennu mirkanaaʼoo taʼuu qabu.

Fakkeenyaaf, Ayerlaandi keessatti gumiin tokko Galma Mootummaa argachuu barbaadee kan ture siʼa taʼu, namni waajjira dhimmi kun ilaallatutti itti gaafatamaa taʼe isaanii heyyamuu dide. Pilaanii ijaarsaa obboloonni dhiheessan hunda tole jechuu dide. Heyyama isaanii kennuu kan dandaʼu, dhimma kana ilaalchisee nama guutummaa biyyattiitti itti gaafatamaa taʼe qofa ture. Maarree, akkuma bara Fiinehaas kadhannaan isaan gargaaruu dandaʼeeraa?

Jaarsi gumichaa tokko akkas jedheera: “Irra deddeebinee erga kadhannaa dhiheessinee booda, gara nama guutummaa biyyattiitti itti gaafatamaa waajjirichaa taʼee dhaqne. Isa argachuufis torban hedduu eeguu akka qabnu natti himame. Haataʼu malee, daqiiqaa shaniif qofa isa haasofsiisuuf heyyama arganne. Innis pilaanii keenya erga ilaalee booda, yerosuma heyyama kan nuuf kenne siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee namichi magaalaa nuyi jirrutti itti gaafatamaa taʼe sun gargaarsa hedduu nuu godheera. Muuxannoon kun kadhannaan humna akka qabu nu hubachiiseera.” Eeyyee, Yihowaan kadhannaa jaarsoliin isatti amanaman garaa qulqulluudhaan dhiheessaniif deebii ni kenna.

Fiinehaas Israaʼel durii keessatti itti gaafatamummaa guddaan kan isarra ture taʼus, ija jabinaan, hubannaadhaan, akkasumas Waaqayyotti amanamuudhaan rakkoowwan isa mudatan hunda karaa buʼa qabeessa taʼeen moʼuu dandaʼeera. Fiinehaas gumii Waaqayyootiif carraaqqii guddaa gochuunsaas Yihowaa duratti fudhatama isaaf argamsiiseera. Gara waggaa 1,000 booda, Izraan geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “Fiinehaas ilmi Eleʼazaar dur bulchaa karra-eegdotaa ti, Waaqayyos isaa wajjin ture” jedhee barreesseera. (1 Sen. 9:20) Yihowaan, yeroo harʼaatti obboloota dura buʼuudhaan saba Waaqayyoo tajaajilaa jiraniifi Kiristiyaanota amanamummaadhaan isa tajaajilan hundaa wajjin akka taʼu hawwii keenyadha.