Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafa Qulqulluu Dubbisuun Jireenyakoo Guutuu Jabina Naa Argamsiiseera

Macaafa Qulqulluu Dubbisuun Jireenyakoo Guutuu Jabina Naa Argamsiiseera

Macaafa Qulqulluu Dubbisuun Jireenyakoo Guutuu Jabina Naa Argamsiiseera

Marsoo Larwoon Akka Dubbatetti

CAQASA, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedhu dhoksaatti kutaa ciisichaa kootti dubbisuun jalqabe. Dhoksaatti kanan dubbisu maaliifi? Abbaankoo inni Waaqayyotti amanuu cimsee balaaleffatu Macaafa Qulqulluu akkan dubbisu akka narratti baru waanan hin barbaanneef ture.

Sanaan dura Macaafa Qulqulluu matumaa dubbisee kanan hin beekne waan tureef, yaanni jalqaba Macaafa Uumamaarra jiru kun akkuma balaqqeessa ifaa natti taʼee ture. ‘Ibsa sirrii seerawwan uumamaa yeroo hunda na dinqisiisuu wajjin walsimudha!’ jedheen yaade. Gaafa sana galgala saʼaatii lamaa kaasee hanga halkan saʼaatii kudhaniitti hawwiidhaanan dubbise. Kanaaf, Macaafa Qulqulluu dubbisuu isan bara dheeraadhaaf amaleeffadhe kanan jalqabe haala kanaan ture. Macaafa Qulqulluu dubbisuun guutummaa jireenya kootti jabina kan naaf argamsiise akkamitti akka taʼe isinittan hima.

“Guyyaa Guyyaadhaan Dubbisuu Qabda”

Kanan dhaladhe bara 1926, kaaba Faransaayi mandara Veermel jedhamtuufi albuudni kasalaa baʼuttidha. Yeroo waraana addunyaa lammaffaatti albuudni kasalaa madda galii biyyattii isa guddaa ture. Hojjetaa kasala baasu waanan taʼeef waraanarratti hirmaachuuf dirqamni narra hin jiru ture. Jireenyakoo fooyyessuu waanan barbaaduuf, barumsa raadiyoo elektirooniksiifi elektiriiksiitii, isa seerawwan uumamaa haala walsimuun sochii akka godhan na amansiise barachuun jalqabe. Gurbaan kutaakoo baratu tokko yommuu umriinkoo waggaa 21 turetti, yeroo jalqabaatiif Macaafa Qulqulluu kan naa kenne siʼa taʼu, innis “Kitaaba dubbifamuu qabudha” naan jedhee ture. Anis dubbisee yeroon fixu, Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo isa inni ilmaan namootaatiif kenne taʼuusaa amaneera.

Ollaawwankoos akkumakoo dinqisiifatu jedhee waanan yaadeef Macaafa Qulqulluu saddeetan bitadhe. Kan nama dhibu garuu qoosaafi mormiitu narra gaʼe. Firoonnikoo amantii sobaa hordofan, “Macaafa kana takkaa dubbisuu jalqabnaan guyyaa guyyaadhaan dubbisuu qabda!” naan jedhan. Anis guyyaa guyyaadhaan kanan dubbise yommuu taʼu, kana gochuu kootti matumaa gaabbee hin beeku. Kanaaf, macaafa kana dubbisuun jireenyakoo guutuu barsiifata naa taʼeera.

Ollaawwankoo tokko tokko fedhii ani Macaafa Qulqulluu baruuf qabu waan hubataniif, barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaarraa fudhatanii turan naa kennan. Buukleetota kanneen akka Waan Worlid, Waan Gavarnimenti * (afaan Faransaayitiin fakkicharra jiru) jiran, Macaafni Qulqulluun, abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofadha kan jedhu maaliif akka taʼe ibsa. (Mat. 6:10) Kunimmoo caalaatti abdii kana namootaaf hiruuf kutadhee akkan kaʼu na godheera.

Yeroo jalqabaatiif Macaafa Qulqulluu kan na harkaa fudhate, Noʼeel isa ijoollummaatti hiriyaakoo turedha. Amantii Kaatolikii waan hordofuuf, nama luba taʼuuf barachaa jiru tokkoo wajjin akka waliin mariʼannu qophii godhe. Haataʼu malee, yaadawwan Faarfannaa 115:4-8 fi Maatewos 23:9, 10⁠rra jiran dubbisuudhaan, Waaqayyo karaa wantoota harkaan tolfamanii waaqeffannaa dhiheessuufi maqaa ulfinaa geggeessitoonni amantii ittiin waamamaniin isaan waamuun Waaqayyo biratti fudhatama akka hin qabne beekus baayʼee sodaadheen ture. Kunis amantiikoo isa haaraatiif dhaabachuuf ija jabina naa kenneera. Kanaan kan kaʼes Noʼeel dhugaa fudhatee, hanga harʼaatti Dhugaa Baatuu amanamaa taʼee jiraateera.

Obboleettii koottis dhugaa nan hime. Abbaan manaashee kitaabota waaʼee hafuurota xuraaʼoo ibsan kan qabu yommuu taʼu, hafuuronni hamoon isa rakkisu turan. Jalqabarratti humna tokkoyyuu akkan hin qabne kan natti dhagaʼame taʼus, caqasoonni Macaafa Qulqulluu kanneen akka Ibroota 1:14 jiran, gargaarsi ergamoota Yihowaa na duukaa jiraachuusaa akkan amanu na godheera. Soddaankoo seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu yommuu jalqabu, gochawwan hafuurota hamoorraa walaba taʼeera. Yeroo boodas inniifi obboleettiinkoo Dhugaa Baatota hinaaffaa qaban taʼaniiru.

Bara 1947 Dhugaa Baatuun nama Yunaayitid Isteetis taʼeefi Aartar Emiyoot jedhamu manakoo dhufee na haasofsiise. Yeroo kanatti gammachuu guddaan kan natti dhagaʼame yommuu taʼu, bakka Dhugaa Baatonni itti walgaʼanan gaafadhe. Innis magaalaa Liiyavan ishee gara kiilomeetira 10 fagaattu keessa tuutni tokko jiraachuusaa natti hime. Yeroo sanatti saaykilii bitachuuf haallisaa rakkisaa waan tureef, jiʼoota hedduutiif walgaʼiirratti argamuuf miillaan deddeebiʼaan ture. Hojiin lallabaa Dhugaa Baatota Yihowaa Faransaayitti waggaa saddeetiif ittifamee ture. Guutummaa biyyattii keessa Dhugaa Baatota 2,380 qofti kan jiran yommuu taʼu, hedduunsaanii baqattoota Poolaandi turan. Haataʼu malee Fulbaana 1, 1947, hojiin lallabaa keenya Faransaayitti ifatti akka geggeeffamu deebiʼee seeraan nuuf heyyamame. Waajjirri damees, magaalaa Paaris naannoo Viilaa Giibertitti deebiʼee hundeeffameera. Biyyattii keessa qajeelchaan tokkollee waan hin jirreef, maxxansi Informaanti (yeroo harʼaa Tajaajila Mootummaa) jedhamuufi Muddee 1947 baʼe babalʼistoonni jiʼatti saʼaatii 150 tajaajiluu dandaʼan qajeelchaa akka taʼan jajjabeessee ture. Saʼaatiin kun bara 1949⁠tti 100⁠tti gad hirʼateera. Yaada Yesus, Yohannis 17:17⁠rratti “Dubbiin [Waaqayyoo] dhugaadha” jechuudhaan dubbatee wajjin haala walsimuun, bara 1948 cuuphameen Muddee 1949 qajeelchaa taʼe.

Mana Hidhaatii Gadhiifameen Daankarkitti Deebiʼe

Jalqaba Ajeen ishee kibba Faransaayitti argamutti kanan ramadame siʼa taʼu, iddoo sana kanan ture yeroo muraasaaf qofadha. Hojii albuuda baasuu waanan dhiiseef waraana dhaquuf dirqamni narra jira ture. Haataʼu malee, waraanarratti hirmaachuu waanan dideef mana hidhaattan ergame. Macaafa Qulqulluu fudhadhee seenuun kan naaf hin heyyamamne taʼus, Macaafa Faarfannaa keessaa fuula muraasa argachuu dandaʼeen ture. Isaaniin dubbisuun baayʼee na jajjabeesseera. Ergan hiikamee boodas, ‘Tajaajila yeroo guutuu dhiisee hojii qabadhee mana ijaarradhuu?’ gaaffii jedhurratti murtoo gochuun qaba ture. Yeroo kanattis wantin Macaafa Qulqulluurraa dubbise na gargaareera. Yaada Phaawulos Filiphisiiyus 4:11-13⁠rratti, “Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan dandaʼa” jedhurrattan xiinxale. Kanaan kan kaʼes, qajeelchaa taʼee itti fufuu akkan qabun of amansiise. Bara 1950, magaalaa Daankarki isheen kanaan dura itti lallabee turettan ramadame.

Yommuun achi gaʼu waan tokkoyyuu of harkaa hin qabun ture. Magaalattiin Waraana Addunyaa Lammaffaatiin waan hubamteef bakka jireenyaa argachuun baayʼee rakkisaa ture. Kanaaf, maatiin kanaan dura haasofsiisaa ture tokko bira dhaquufan murteesse; haati manichaa baayʼee gammaddee, “Obbo Larwoo baga nagaan dhufte! Ni hiikamtee! Abbaan manaakoo namoonni akkakee hedduun utuu jiraatanii waraanni hin jiraatu ture jedhe” naan jette. Mana kireessan kan qaban yommuu taʼu, hanga yeroo daawwattoonni biyya alaa dhufanii kireeffatanitti achi akkan taaʼu naa heyyaman. Guyyuma sana obboleessa Aartar Emiyoot kan taʼe Evanzi hojii naa arge. * Evanzi bakka buufata dooniitti turjumaana taʼee kan hojjetu yommuu taʼu, waardiyyaa halkan doonii eegu tokko qacaruu barbaada ture. Innis itti gaafatamtoota doonii keessaa isa tokkoo wajjin wal na barsiise. Ergan mana hidhaa galee booda huqqadhee huuba taʼeen ture. Evanzi maaliif akkan huqqadhe itti gaafatamichatti yommuu himu, namichis firiijii keessaa nyaata fudhee nyaachuu akkan dandaʼu natti hime. Guyyaadhuma tokkotti mana, hojiifi nyaata argachuu dandaʼeera! Kunis amanannaa ani yaada Yesus Maatewos 6:25-33⁠rratti dubbaterratti qabu caalaatti naa cimseera.

Daawwattoonni biyya alaa yeroo dhufan, aniifi Siimon Apooliinaariskii inni waliin qajeelchaa taanee tajaajillu, mana barbaaddachuu kan jalqabne taʼus tajaajila keenya itti fufuuf murteessinee turre. Moonaa dulloomaa fardi keessa jiraatu kan arganne yommuu taʼu, achi keessa firaashii okaarra ciisna turre. Guyyaa guutuu tajaajilaa oolla. Namicha moonaa sana nuu kenneef kan lallabne yommuu taʼu, innis namoota hedduu dhugaa fudhatan keessaa tokko taʼeera. Utuma baayʼee hin turin, gaazexaan naannichatti maxxanfamu tokko jiraattonni Daankarki, ‘Dhugaa Baatota Yihowaa biyyicha guutanirraa’ akka of eegan isaan akeekkachiise. Naannicha keessa kan turre garuu ana, Siimoniifi babalʼistoota qubaan lakkaaʼaman qofa turre! Rakkoowwan yommuu nu mudatan abdii qabnurratti xiinxaluufi karaa Yihowaan itti eegumsa nuuf godhe yaadachuudhaan jajjabaanna turre. Bara 1952 yommuun bakka biraatti jijjiiramu Daankarki keessa gara babalʼistoota 30 taʼanii turan.

Itti Gaafatamummaa Haaraa Akkan Fudhadhun Jajjabeeffame

Magaalaa Amiyen keessa yeroo muraasaaf ergan turee booda, qajeelchaa addaa taʼeen Buuloon Biiyaankuur, ishee moggaa Paarisitti argamtuttan ramadame. Namootan Macaafa Qulqulluu qayyabachiisu hedduu kanan argadhe siʼa taʼu, kanneen keessaa tokko tokko yeroo booda tajaajila yeroo guutuufi hojii misiyoonummaarratti hirmaataniiru. Dargaggeessi Gii Maabiilaa jedhamu dhugaa kan fudhate yommuu taʼu, dura daawwataa olaanaa aanaa, achiis daawwataa olaanaa koonyaa taʼeera. Boodas, magaalaa Luuviyee ishee Paarisirraa xinnoo fagaattutti Betʼel amma jiru keessatti yommuu meeshaan maxxansaa dhaabatu hojicha adda durummaan toʼachuuf mirga argateera. Tajaajilarratti yeroo hunda waaʼee Macaafa Qulqulluu mariʼachuun, Dubbii Waaqayyoo akkan yaadadhu, gammachuu akkan qabaadhuufi dandeettii barsiisuu fooyyeffachuuf caalaatti na gargaareera.

Bara 1953 itti gaafatamummaan yaadee hin turre, jechuunis naannoo Aalsaas Looreenitti daawwataa olaanaa aanaa taʼeen muudame; naannoon kun bara 1871fi 1945 gidduutti al lama Jarmaniin qabamtee turte. Kanaaf, afaan Jarman barachuun qaban ture. Yeroon daawwataa olaanaa aanaa taʼee tajaajiluu jalqabe, konkolaataan, televijiiniin ykn taayippiin ittiin barreessan muraasni qofti naannicha keessa kan jiran siʼa taʼu, raadiyoo ykn kompiitarris hin turre. Taʼus jireenyikoo gaddaan kan guutame miti. Kanaa mannaa yeroon gammachuu guddaa itti dabarse ture. Baras akka isa yeroo harʼaa wantoonni yaada namaa hihhiran hedduu waan hin turreef, gorsa Macaafni Qulqulluun ‘ija fayyaa’ akka qabaannu kennu hojiirra oolchuun salphaa ture.—Mat. 6:19-22.

Walgaʼii guddaa bara 1955 Paarisitti “Mootummicha Isa Injifatu” jedhuun geggeeffame yoomiyyuu hin irraanfadhu. Walgaʼicharratti Iireen Koolaaniskii ishee yeroo booda haadha manaakoo taateefi waggaa tokko na dursitee tajaajila yeroo guutuu jalqabdee wajjin wal barre. Warrishee Dhugaa Baatota lammii Poolaandi yeroo dheeraaf hinaaffaadhaan tajaajilan turan. Maatiinshee Faransaayitti dhugaa kan dhagaʼe Obboleessa keenya Adoolfi Viibeer jedhamurraa ture. Viibeer Obboleessa keenya Raasiliif biqiltuu kunuunsaa kan tureefi yeroo booda misraachicha labsuuf Awurooppaa dhufedha. Aniifi Iireen bara 1956 erga gaaʼela godhannee booda, isheenis anaa wajjin hojii daawwannaarratti hirmaachuu jalqabde. Isheen waggoota kana hundumaatti gargaarsa guddaa naa gooteetti!

Waggaa lama boodas, daawwataa olaanaa koonyaa taʼee muudamuunkoo baayʼee na dinqisiiseera. Taʼus obboloonni gaʼumsa qaban muraasa waan turaniif, daawwataa olaanaa aanaa taʼee gumiiwwan tokko tokko daawwachuukoo ittan fufe. Yeroo itti hojii hedduun hojjetamu ture! Jiʼatti saʼaatii 100 lallabuu malees, torbee hundumaa haasaa kennuuf qophaaʼuu, qayyabannaa macaafaa gumii sadii daawwachuu, galmeewwan sakattaʼuufi gabaasa qopheessuun qaban ture. Haataʼu malee, Macaafa Qulqulluu dubbisuuf yeroo argachuu kanan dandaʼu akkamitti? Furmaannisaa tokko qofa, jechuunis Macaafa Qulqulluu moofaa tokko keessaa fuulawwan muraasa ciree qabachuudha. Yeroon beellamaaf nama eegutti, fuulawwan kana baaseen dubbisan ture. Yeroo muraasaaf taʼullee Macaafa Qulqulluu dubbisuunkoo murtoon hojii kana itti fufuuf godhe naa cimseera.

Bara 1967 aniifi Iireen, Buuloon Biiyaankuuritti miseensa maatii Betʼel akka taanu afeeramne. Kutaa Tajaajilaatti hojjechuu kanan jalqabe ennaa taʼu, ammas waggaa 40 oliif achuma tajaajilaan jira. Wantoota gammachiisaa ani hojjedhu keessaa gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu xalayaadhaan gaafatamaniif deebii kennuudha. Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qotuufi “wangeelaaf falmuu[n]” baayʼee natti tola! (Filp. 1:7) Kana malees, waaqeffannaa ganama ciree dura Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼee godhamu geggeessuun na gammachiisa. Bara 1976⁠ttimmoo, Faransaayitti miseensa Koree Waajjira Damee taʼeen muudame.

Karaa Jireenyaa Hundarra Caalu

Rakkina hedduu kanan dabarse taʼus, yeroo kamiiyyuu caalaa kan natti ulfaate dullumaafi dhibeen fayyaa sochii aniifi Iireen goonu nu jalaa daangessuusaati. Taʼus, Macaafa Qulqulluu waliin dubbisuufi qayyabachuun abdii keenyarratti xiyyeeffachuuf nu gargaareera. Abdii kana namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argamaniif hiruuf atoobisiidhaan deemuun nu gammachiisa. Lamaan keenya dimshaashaan waggaa 120 ol tajaajila yeroo guutuurratti dabarsineerra; namoonni jireenya gaarii, dinqisiisaafi gammachuu qabu hordofuu barbaadan daandii kana akka filatan afaan keenya guunnee isaan jajjabeessuu dandeenya. Daawit Mootichi Faarfannaa 37:25 yeroo barreesse kan ‘dulloome’ taʼus, anis akkumasaa “namni qajeelaan utuu gatamuu . . . takkaa argee hin beeku.”

Yihowaan guutummaa jireenyakoo keessatti karaa Macaafa Qulqulluu na jajjabeesseera. Firoonnikoo Macaafa Qulqulluu dubbisuun barsiifata jireenya guutuu taʼuu akka qabu waggaa 60 dura natti himanii turan. Wanti isaan dubbatanis sirrii ture. Macaafa Qulqulluu dubbisuu barsiifata guyyaa guyyaa godhachuu kootti matumaa gaabbee hin beeku!

[Miiljaleewwan]

^ key. 8 Bara 1944⁠tti Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfame siʼa taʼu, yeroo ammaa maxxanfamaa hin jiru.

^ key. 14 Waaʼee Evanzi Emiyoot odeeffannoo dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa, Amajjii 1, 1999, fuula 22fi 23 ilaali.

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Anaafi Siimon

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Macaafa Qulqulluu isan jalqaba argadhee wajjin wal fakkaatu

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Daawwataa olaanaa aanaa taʼee yommuun tajaajilu

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

Guyyaa cidha keenyaa

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

Aniifi Iireen ammayyuu Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuun nu gammachiisa