Yihowaan Gaʼaa Kooti!
Yihowaan Gaʼaa Kooti!
“Israaʼeloota keessaa gaʼaan kee fi dhaalli kee ana.”—LAK. 18:20.
1, 2. (a) Lafa akka dhaalaatti argachuu ilaalchisee haalli Lewwootaa akkam ture? (b) Yihowaan maal jedhee Lewwootaaf mirkaneessee ture?
IYAASUUN, Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte keessaa gara caalaasaa moʼanii erga qabatanii booda, muka buusee lafa hiruurratti xiyyeeffate. Hojii kana raawwachuufis Angafni Lubootaa Eleʼazaariifi dura buutonni gosaa akka isa gargaaran godhe. (Lak. 34:13-29) Lewwootaaf garuu akka gosoota kaanii lafti dhaala isaaniif taʼu hin kennamuuf ture. (Iya. 14:1-5) Lewwoonni Biyyattii Abdachiifamte keessaa dhaala ykn gaʼaa kan hin arganne maaliifi? Waan dagatamaniifidhaa?
2 Deebii kanaa wanta Yihowaan Lewwootatti dubbaterraa arganna. Dagatamanii akka hin taane argisiisuuf Yihowaan, “Israaʼeloota keessaa gaʼaan kee fi dhaalli kee ana Waaqayyo kee ti” jedheera. (Lak. 18:20) Yaanni ‘gaʼaankee ana’ jedhu baayʼee kan nama jajjabeessu mitii? Yihowaan utuu akkas siin jedhee maaltu sitti dhagaʼama ture? Jalqaba, ‘Waaqni Hundumaa Dandaʼu akkas naan jechuunsaa kan anaaf maludhaa?’ jetta taʼa. Kana malees, ‘Yihowaan dhuguma yeroo harʼaa Kiristiyaana cubbuu dhaale tokkoof gaʼaa taʼuu dandaʼaa? jettee gaafatta taʼa. Gaaffiiwwan kun siinis taʼe namoota ati jaallatu kan ilaallatanidha. Mee wanti Yihowaan dubbate kun hiika maalii akka qabu haa ilaallu. Kunis Yihowaan yeroo harʼaatti Kiristiyaanotaaf gaʼaa taʼuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Kanaaf, abdiinkee samiirras taʼe lafa jannata taaturra jiraachuu, inni dhuunfaatti gaʼaakee sii taʼuu dandaʼa.
Yihowaan Wanta Lewwootaaf Barbaachisu Ni Kenna
3. Waaqayyo tajaajilasaatiif Lewwoota akka filatu kan isa godhe maal ture?
3 Yihowaan, Israaʼelootaaf Seericha kennuusaa dura mataawwan maatii, maatiisaaniif akka lubaatti tajaajilu turan. Yommuu Seericha isaanii kennu garuu, namoonni yeroo guutuu luboota taʼanii tajaajilan akka jiraataniifi gosti Lewwiimmoo akka isaan gargaaran qophii godhe. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Waaqayyo yommuu angafoota Gibxii ajjeese, angafoota Israaʼelootaa ofiisaatiif akka qabeenyasaatti adda baasuudhaan isaan qulqulleesse. Achiis Waaqayyo, ‘Ani qooda angafa Israaʼeloota hundumaa warra Lewwootaa fudhadheera’ jechuudhaan jijjiirama guddaa kana godhe. Lakkoofsi uummataa godhame baayʼinni angafa dhiirota Israaʼel Lewwoota akka caalu kan argisiise yommuu taʼu, garaagarummaa kana wal qixxeessuufis furiin akka kaffalamu godhameera. (Lak. 3:11-13, 41, 46, 47) Kanaaf, Lewwoonni Waaqa Israaʼel tajaajiluurratti hojiisaanii raawwachuu dandaʼu turan.
4, 5. (a) Waaqayyo gaʼaa Lewwootaa taʼuunsaa isaaniif hiika maalii qaba ture? (b) Waaqayyo Lewwoonni wanta jireenyaaf isaan barbaachisu akka argatan kan godhe akkamitti?
4 Hojii sana hojjechuun Lewwootaaf hiika maalii qaba ture? Yihowaan, lafa akka dhaalaatti kennuufii mannaa, mirga guddaa hadaraadhaan isaanii kennuudhaan gaʼaasaanii akka taʼe dubbachuusaa ture. Dhaallisaanii ‘luboota Iya. 18:7) Yaanni naannoo Lakkoobsa 18:20rra jiru akka argisiisutti, kun wanta jireenyaaf isaan barbaachisu kan isaan dhabsiisu hin turre. (Lakkoobsa 18:19, 21, 24 dubbisi.) Lewwoonni, “hojii waan hojjetaniif, kudhan keessaa tokko waan Israaʼeloonni fidan hundumaa” fudhatu turan. Wanta Israaʼeloonni oomishan harka kudhan keessaa tokko, akkasumas horii manaa dabalataan argatan kudhan keessaa tokko Lewwootaaf kennamuu qaba ture. Lewwoonnis wanta fudhatan “isa hundumaa caaluu” harka kudhan keessaa tokko lubootaaf kennuu qabu turan. * (Lak. 18:25-29) Luboonni wanta Israaʼeloonni iddoo waaqeffannaa Waaqayyootti fidan keessaa, ‘wanta qullaaʼaa Israaʼeloonni Waaqayyoof addaan baasan hundumaa keessaa’ fudhachuu qabu turan. Kanaaf, luboonni Yihowaan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu akka isaanii kennu amanuuf sababii gaʼaa qabu turan.
Waaqayyoo taʼuu’ ture. (5 Akkasumas Seerri Musee, maatichi yeroo walgaʼii qulqullaaʼaa waggaa waggaadhaan godhutti nyaatee akka itti gammaduuf, ammas kudhan keessaa tokko adda baasee akka kaaʼu kan ajaju taʼuusaa haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (Kes. 14:22-27) Haataʼu malee, hamma waggaan sanbataa torbaffaan gaʼu hundaatti oomisha dhuma waggaa sadaffaafi jaʼaffaatti argamu harka kudhan keessaa harki tokko, hiyyeessotaafi Lewwootaaf karra mandaraa duratti walitti qabamuu qaba ture. Lewwoonni asirratti kan dabalaman maaliifi? Israaʼel keessaa ‘qooda yookiis dhaala waan hin qabneefidha.ʼ—Kes. 14:28, 29.
6. Lewwoonni lafa gosasaaniitiif dhala taʼu qabaachuu baatanis eessa jiraatu turan?
6 ‘Lewwoonni lafa isaanii kenname hin qaban taanaan eessa jiraaturee?’ jettee gaafatta taʼa. Waaqayyo qophii isaanii godheera. Lafa horii itti tikfatan dabalatee mandaroonni 48 isaanii kenneera. Isaanis mandaroota kooluu itti galan jaʼa kan dabalatan turan. (Lak. 35:6-8) Kanaaf, Lewwoonni yommuu mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa hin tajaajilletti bakka jiraatan qabu. Yihowaan namoota tajaajilasaatiif of kennaniif wanta jireenyaaf isaan barbaachisu baayʼinaan kenna. Lewwoonni, yommuu mana qulqulluummaatti tajaajilan Yihowaan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu isaanii kennuuf fedhiifi humna akka qabu isatti amanamuudhaan, Waaqayyoon gaʼaasaanii akka godhatan argisiisuu akka dandaʼan hin shakkisiisu.
7. Lewwoonni, Yihowaa gaʼaasaanii godhachuuf maaltu irraa eegama ture?
7 Seerichi, namni Israaʼel harka kudhan keessaa tokko utuu hin kenniin hafe akka adabamu hin ibsu. Sabichi harka kudhan keessaa harka tokko utuu hin kennin yommuu hafu garuu, luboonniifi Lewwoonni ni miidhamu turan. Bara Nahimiiyaatti wanti akkasii uumamee ture. Kanaan kan kaʼes, Lewwoonni tajaajilasaanii dhiisanii maasiisaaniirratti hojjechuuf dirqamanii turan. (Nahimiyaa 13:10 dubbisi.) Gosti Lewwii wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuunsaanii, sabichi karaa hafuuraa haala gaariirratti kan argamu taʼuusaarratti kan hundaaʼe akka taʼe beekamaadha. Luboonniifi Lewwoonnis, Yihowaafi qophii inni wanta jireenyaaf isaan barbaachisu isaanii kennuuf godherratti amantaa qabaachuu qabu.
Namoota Yihowaa Gaʼaasaanii Godhatanii Turan
8. Jeequmsa Asaaf Lewwicha mudatee ture ibsi.
8 Lewwoonni akka gosaatti Yihowaa gaʼaasaanii godhachuu qabu turan. Haataʼu malee, Lewwoonni dhuunfaatti Waaqayyoof kan bulaniifi isatti kan amanaman taʼuusaanii argisiisuuf “Waaqayyo qooda koo ti” jechaa akka turan hubachuunis barbaachisaadha. (Faru. 3:24) Lewwoota akkasii keessaa tokko faarfataafi qindeessaa walaloo ture. Namni kun Lewwii isa bara Daawit Mootichaatti geggeessituu faarfattootaa taʼeefi miseensa maatii Asaaf taʼuu hin ollee yoo taʼeyyuu, Asaaf jennee waamna. (1 Sen. 6:31-43) Faarfannaa 73rratti Asaaf (ykn sanyiisaa keessaa tokko taʼuu hin oolu) jireenyi badhaadhaan jalʼoonni jiraatan gaaffii isatti taʼee, akkasumas akka hinaafu isa godhee ture. Inni, “Yoos immoo ani ofumaan garaa koo qulqullinatti eeggachuuf dhamaʼee ree? Yakka akkan hin qabne argisiisuufis ofumaan harka koo dhiqadhee ree?” hamma jechuutti gaʼee ture. Mirga tajaajiluuf argaterratti utuu hin xiyyeeffatin kan hafe taʼuusaarrayyuu, Yihowaan qoodasaa taʼuusaa utuu hin dinqisiifatin akka hafe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. ‘Hamma mana qulqullummaa Waaqayyoo galutti’ karaa hafuuraa jeeqamee ture.—Far. 73:2, 3, 12, 13, 17.
9, 10. Asaaf, Waaqayyo ‘barabaraaf qoodasaa’ akka taʼe kan dubbate maaliifi?
9 Asaaf yeroo mana qulqullummaa seenu ilaalcha Waaqayyo wantootaaf qabu hubachuu jalqabe. Haalli akkasii siinis si mudatee beeka taʼa. Tarii yeroo tokkotti hamma tokko mirga hafuuraa qabdu utuu hin dinqisiifatin hafuudhaan, wanta karaa foonii dhabderratti xiyyeeffachuu jalqabdee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuudhaan ilaalcha Yihowaan wantoota tokko tokkoof qabu hubatteetta. Asaaf wanta dhumarratti hamootarra gaʼu hubatee ture. Waaʼee gaʼaasaa kan yaade siʼa taʼu, Yihowaan harkasaa mirgaa qabee akka isa geggeessu hubateera. Kanaaf, Asaaf Yihowaadhaan, “Lafa irrattis si malee maalan eeggadha ree?” jechuu dandaʼeera. (Far. 73:23, 25) Sana booda, Waaqayyo qoodasaa akka isaaf taʼe dubbateera. (Faarfannaa 73:26 dubbisi.) ‘Foonsaafi keessi namummaa’ faarfatichaa “yoo gad dhumaniyyuu,” Waaqayyo ‘barabaraan qooda isaaf taʼa.’ Faarfatichi Yihowaan akka michuusaatti akka isa yaadatu mirkanaaʼaa ture. Tajaajilli inni amanamummaadhaan raawwachaa ture hin irraanfatamne. (Lal. 7:1) Kun Asaafiin baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba! “Waaʼee koof yoo taʼe garuu Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa . . . ani daʼoo si godhadheera” jedhee faarfateera.—Far. 73:28.
10 Waaqayyo qooda Asaaf taʼeera jechuun, wanta akka Lewwii tokkootti jireenyaaf isa barbaachisu argachuu caalaa waan dabalatu qaba. Wanti Asaaf caqase inni guddaan, mirga tajaajilaasaafi michooma Waaqayyo Isa Hundumaa Gararraa jiruu wajjin qabu ture. (Yaq. 2:21-23) Faarfatichi walitti dhufeenya kana eegee itti fufuuf, amantii Yihowaarratti qabu cimsachuufi isatti amanamuu qaba ture. Asaaf seera Waaqayyo qajeelinaaf baase eegee yoo jiraate, dhumarratti eebba akka argatu mirkanaaʼaa ture. Atis Isa Hundumaa Gararraa jirurratti amantii akkasii qabaachuu dandeessa.
11. Gaaffiin Ermiyaas maal ture? Deebii kan argatehoo akkamitti?
11 Lewwiin gara biraan Yihowaan qoodasaa akka taʼe dubbatemmoo Ermiyaas raajicha ture. Inni yommuu akkas jedhu maal jechuusaa akka ture mee haa qorru. Ermiyaas, mandara Lewwootaa Anaatot jedhamtuufi Yerusaalemitti dhihoo jirtu keessa jiraata ture. (Er. 1:1) Yeroo tokko gaaffiin, ‘Hamoonni gabiitti kan jiraataniifi qajeelonnimmoo kan rakkatan maaliifi?’ jedhu isa dhiphisee ture. (Er. 12:1) Wanta Yerusaalemiifi Yihudaa keessatti raawwatamaa jiru erga ilaalee booda wanta arge ilaalchisee ‘falmata dhiheeffachuu’ akka qabu isatti dhagaʼameera. Ermiyaas Yihowaan qajeelaa akka taʼe beeka ture. Wanti Yihowaan sana booda Ermiyaas akka raajii dubbatu isatti himeefi akki inni itti raajiiwwan kana raawwate gaaffii raajichi gaafatee tureef deebii quubsaa kenneera. Haala raajiiwwan sanaa wajjin walsimuun warri qajeelfama Yihowaatiif abboomaman, ‘lubbuusaanii kan oolfatan’ siʼa taʼu, hamoonni sooreyyii turan garuu akeekkachiisa sana waan tuffataniif badaniiru.—Er. 21:9.
12, 13. (a) Ermiyaas “Waaqayyo qooda koo ti” jechuuf kan isa kakaase maalidha? Ilaalcha akkamii qaba ture? (b) Gosoonni Israaʼel hundi abdii qabaachuun kan isaan barbaachisu maaliif ture?
12 Yeroo booda Ermiyaas, biyyasaa ishee badde yommuu ilaalu, akka nama dukkana keessa adeemuu akka taʼe isatti dhagaʼameera. Yihowaan ‘warra dur duʼanii awwaalaman keessa akka isa jiraachiseetti’ isatti dhagaʼamee ture. (Faru. 1:1, 16; 3:6) Ermiyaas sabni jalʼaan sun gara Abbaasaa isa samiitti akka deebiʼu itti himee kan ture taʼus, hammeenyisaanii hamma Waaqayyo Yerusaalemiifi Yihudaa balleessutti gaʼee ture. Ermiyaas balleessaa raawwachuu baatus kun isa dhiphisee ture. Raajichi utuu dhiphachaa jiruu araara Waaqayyoo yaadateera. “Badiisa keessaa baraaramne” jedheera. Dhugumayyuu, araarri Yihowaa ganama ganama in haareffama! Ermiyaas “Waaqayyo qooda koo ti” jedhee kan dubbate yeroo kanatti ture. Kanaaf, mirga raajii taʼee Yihowaa tajaajiluuf argate itti fufuu dandaʼeera.—Faaruu 3:22-24 dubbisi.
13 Israaʼeloonni waggoota 70f biyyasaaniitii baafamaniiru. Biyyisaaniis ona taatee turte. (Er. 25:11) Haataʼu malee, yaanni Ermiyaas “Waaqayyo qooda koo ti” jechuudhaan dubbate araara Waaqayyoorratti amanannaa akka qabu kan argisiisu taʼuusaarrayyuu ‘isa abdachuuf’ sababii akka qabaatu godheera. Gosoonni Israaʼel hundi dhaalasaanii dhabanii waan turaniif, ilaalcha akka Ermiyaas qabaachuun isaan barbaachisa ture. Yeroo kanatti abdiinsaanii Yihowaa qofa ture. Namoonni Israaʼel keessa turaniifi Waaqayyoon qoodasaanii godhatan hin gatamne. Sabni Waaqayyoo waggaa 70 booda gara biyyasaaniitti kan deebiʼan siʼa taʼu, achitti isa tajaajiluuf mirga argataniiru.—2 Sen. 36:20-23.
Namoonni Kaanis Yihowaa Qoodasaanii Godhachuu Dandaʼaniiru
14, 15. Lewwoota malees Yihowaa qoodasaa kan godhate eenyu ture? Maaliif?
14 Asaafis taʼe Ermiyaas gosa Lewwii turan; haataʼu malee Waaqayyoon qoodasaanii godhachuu kan dandaʼan Lewwoota qofa turanii? Matumaa! Daawit dargaggeessichi inni gara fuulduraatti mootii Israaʼel taʼuuf jirus, Waaqayyo “biyya warra jiraatoo keessattis qooda koo ti” jedheera. (Faarfannaa 142:1, 5 dubbisi.) Daawit yeroo faarfannaa kana qindeessu mana mootummaa ykn mana dhuunfaasaa keessa hin turre. Kanaa manaa, diinotasaa jalaa dhokatee holqa keessa ture. Daawit yoo xinnaate siʼa lama, jechuunis yeroo tokko Adulaamitti dhihootti, yeroo kaanimmoo lafa onaa En-Gediitti holqa keessa dhokatee ture. Faarfannaa 142 kan qindeessee holqoota kana keessaa isa tokko keessatti taʼuu hin oolu.
15 Akkas taanaan, Daawitiin ajjeesuuf faana dhaʼee isa ariʼaa kan ture Saaʼol Mootichadha. Daawit gara holqa cimaa tokkotti baqateera. (1 Sam. 22:1, 4) Daawit bakka fagoo kanatti, michuu isa cinaa dhaabbatee isa gargaaru akka hin qabne itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. (Far. 142:4) Daawit Waaqayyoon kan waammate yeroo kanatti ture.
16, 17. (a) Sababiiwwan Daawit gargaarsa akka hin qabne akka itti dhagaʼamu godhan maalfaa turan? (b) Daawit gargaarsaaf eenyutti garagaluu qaba ture?
16 Daawit yeroo Faarfannaa 142 qindeesse, Abiimelek isa Angafa Lubootaa tureefi yommuu Daawit baqatu utuu hin beekin isa gargaarerraa maal akka gaʼe beekee taʼuu dandaʼa. Saaʼol Mootichi inni hinaafaa ture, Abiimelekiifi maatiisaa hunda ajjeeseera. (1 Sam. 22:11, 18, 19) Daawit sababiisaatiin akka duʼan itti dhagaʼameera. Luboota isa gargaaran akka ofumasaatii ajjeesetti itti dhagaʼamee ture. Ati bakka Daawit utuu taatee, akka itti gaafatamtu sitti dhagaʼama turee? Wanti Daawit caalaatti akka dhiphatu isa godhee kan biraanimmoo, Saaʼol isa ariʼuudhaan bakka boqonnaa isa dhabsiisuusaa ture.
17 Utuma baayʼee hin turin, Saamuʼel raajichi inni Daawit mootii akka taʼuuf isa dibee ture ni duʼe. (1 Sam. 25:1) Kunis Daawit caalaatti akka abdii kutatu godhee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Daawit gargaarsa argachuuf Yihowaatti garagaluu akka qabu hubateera. Mirga tajaajilaa Lewwoonni qaban kan hin qabne taʼus, tajaajila gara biraa raawwachuuf, jechuunis gara fuulduratti mootii saba Waaqayyoo taʼuuf dibamee ture. (1 Sam. 16:1, 13) Kanaaf, Daawit wanta garaasaa keessa jiru hundaa Waaqayyotti dhangalaasuudhaan qajeelfama akka isaa kennu eeggachuusaa itti fufeera. Atis tajaajilasaa raawwachuuf yommuu carraaqxu, Waaqayyoon qoodakeefi bakka kooluu itti galtu godhachuu dandeessa; gochuus qabda.
18. Namoonni mataduree kana keessatti ilaalle, Yihowaa gaʼaasaanii akka godhatan kan argisiisan akkamitti?
18 Namoonni olitti ilaallee Yihowaa gaʼaasaanii kan godhatan, isa tajaajiluudhaaf itti gaafatamummaa fudhachuudhaan ture. Waaqayyoon yommuu tajaajilan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu akka isaanii kennu isatti amanamaniiru. Lewwoonnis taʼan gosoonni Israaʼel kaan kan akka Daawit jiran, Waaqayyo gaʼaasaanii akka taʼu gochuu dandaʼaniiru. Atoo Yihowaan gaʼaakee akka taʼu gochuu kan dandeessu akkamitti? Mataduree ittaanurratti waaʼee kanaa mariʼanna.
[Miiljalee]
^ key. 4 Luboonni wanta jireenyaaf isaan barbaachisu akkamitti akka argatan ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Insaayit Oon Za Iskiriipcharsi, Jildii 2, fuula 684 ilaali. (Ingiliffa)
Maal Jettee Deebista?
• Yihowaan Lewwootaaf gaʼaasaanii ture jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?
• Asaaf, Ermiyaasiifi Daawit Yihowaan qoodasaanii akka ture argisiisuuf maal godhaniiru?
• Waaqayyo gaʼaakee akka taʼuuf amala akkamii qabaachuun si barbaachisa?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 8rra jiru]
Lewwoonni akka dhaalaatti lafa hin fudhanne. Kanaa mannaa, isa tajaajiluuf mirga guddaa waan qabaniif Yihowaan gaʼaasaanii ture
[Fakkii fuula 7rra jiru]
Yihowaan Lubootaafi Lewwootaaf gaʼaasaanii kan ture akkamitti?
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Asaaf Yihowaa qoodasaa godhachuusaa akka itti fufu kan isa gargaare maalidha?