Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Dammaqoo’ Taʼuun Baayʼee Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

‘Dammaqoo’ Taʼuun Baayʼee Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

‘Dammaqoo’ Taʼuun Baayʼee Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?

“MILIKKINNI dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali?” (Mat. 24:3) Yesus gaaffii kana bartootasaatiif yeroo deebisu milikkita Maatewos boqonnaa 24, Maarqos boqonnaa 13, akkasumas Luqaas boqonnaa 21⁠rratti galmeeffamee jiruufi ifaa, balʼaa, addaan baafamee beekamuufi hin shakkisiisne isaanitti himeera. Itti dabaluudhaanis, “Dammaqaa!” isaaniin jedheera.—Mat. 24:42.

Milikkinni kun erga baayʼee ifa taʼee akeekkachiisa dabalataa kana kennuun kan barbaachise maaliifi? Mee sababiiwwan deebii taʼuu dandaʼan kana lamaan hubadhu. Tokkoffaa, wantoonni yaada namaa hihhiran namoonni tokko tokko milikkiticha akka dagatan gochuu kan dandaʼan siʼa taʼan, kunimmoo karaa hafuuraa akka dadhabaniifi dammaqoo akka hin taane gochuu dandaʼa. Lammaffaa, Kiristiyaanni tokko milikkiticha addaan baasee hubatus, wantoonni sun naannoosaatti waan hin raawwatamneef isarra gaʼuu akka hin dandeenye godhee yaaduu dandaʼa. Kanaaf, “rakkinni guddaan” raajii Yesus dubbate ittiin xumuramu, ammayyuu fagoo akka taʼeefi “dammaqaa!” taʼee jiraachuun akka isa hin barbaachisne itti dhagaʼamuu dandaʼa.—Mat. 24:21.

‘Utuu Hin Beekin Turan’

Yesus, namoota bara Nohitti jiraachaa turan duuka buutotasaa yaadachiiseera. Hojiin lallabaa Nohi, markabni guddaan inni ijaaraa tureefi hammeenyi yeroo sanatti raawwatamu ifatti kan mulʼatu ture. Haataʼu malee, namoonni hedduun ‘utuu hin beekin turan’ ykn hafan. (Mat. 24:37-39) Yeroo harʼaattis, ilaalchi namoonni akeekkachiisaaf qaban kanaa wajjin wal fakkaata. Fakkeenyaaf, saffisa konkolaataa ilaalchisee mallattoon ifatti barreeffame kan jiru taʼus namoonni hedduun isa hin hordofan. Kanaaf abbootiin taayitaa konkolaachiftoonni saffisasaanii akka daangessan wanta godhu hojjechuuf dirqamaniiru. Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni tokko tokko milikkita guyyoota gara dhumaa kan argan taʼus, sochiiwwan yaadasaanii hihhiran kan biraatiin qabamu taʼa. Aariʼeel, intalli umrii waggoota kurnanii keessatti argamtuufi biyya Dhiha Afriikaa tokko keessa jiraattu haalli akkasii ishee mudatee ture.

Aariʼeel tapha kubbaa harkaa dubartootaa televijiiniidhaan ilaaluun ishee gammachiisa ture. Manni barumsaashee tuuta tokko yeroo qindeessu tapha sanarratti hirmaachuuf yaaduunshee, karaa hafuuraa balaa isheerra gaʼuu dandaʼu akka hin hubanne ishee godhee ture. Achiis taphattuu goolii eegdu taatee galmeeffamte. Wanti sana booda taʼehoo maalidha? Akkas jechuudhaan ibsiti: “Ijoolleen garee keenya keessa jiran tokko tokko jaalallee qoricha sammuu namaa hadoochu fudhataniifi tamboo xuuxan qabu turan. Isaanirraa adda waanan taʼeef natti qoosu turan; haataʼu malee qoosaasaanii kana nan dandaʼa jedhee yaadeen ture. Utuman hin beekin, taphni suniyyuu walitti dhufeenyan Yihowaa wajjin qabu na jalaa mancaasuu jalqabe. Kubbaan harkaa sun sammuufi garaakoo toʼatee ture. Yeroon walgaʼii gumiirratti argamu, siʼa baayʼee yaannikoo Galma Mootummaa utuu hin taʼin dirree kubbaan harkaa itti taphatamu dhaqa. Amallikoos mancaʼee ture. Jaalalli ani taphaaf qabu hawwii guddaa ani moʼuuf qabutti jijjiirame. Hawwiikoo kana galmaan gaʼuufis cimsee shaakaluun jalqabe. Kunimmoo dhiphina guddaa narraan geessiseera. Tapha kubbaa harkaaf jecha michoota koollee aarsaa godheera.”

“Balleessaa tuutni keenya raawwateen kan kaʼe, tuutni nu dorgomu goolii akka galchu carraan yeroo isaaf kennamu wanti hundumtuu ni raawwatame. Goolii sana eeguuf qophaaʼeen ture. Utuu natti hin beekamin gooliin sun akka hin galle akka na gargaaruuf Yihowaatti kadhannaan dhiheesse! Haalli kun walitti dhufeenyi ani Yihowaa wajjin qabu hangam akka mancaʼe akkan hubadhu na godheera. Walitti dhufeenyan Yihowaa wajjin qabu deebisee cimsachuu kanan dandaʼe akkamittiree?”

“Kanaan dura DVD Gaaffii Dargaggootaa—Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? * jedhamu ilaaleen ture. (Ingiliffa) Garuu yeroo lammataatiif of eeggannoodhaan ilaaluufan murteesse. Anis rakkina dargaggeessi Andiree jedhamuufi diraamaa sana keessatti ibsame qabuu wajjin wal fakkaatu keessan ture. Keessumaa wanta jaarsi tokko Andireedhaan, Filiphisiiyus 3:8 dubbisiitii irratti xiinxali jedhee tureef xiyyeeffannaa kenneera. Akkas gochuunkoos na gargaareera. Kanaaf tuuta sana keessaa baʼeera.”

“Akkas gochuunkoo faayidaa guddaa naaf argamsiiseera! Hawwiin dorgommiif qabuufi dhiphina kanaan natti dhuferraa walaba baʼeera. Caalaatti gammachuu kanan argadhe siʼa taʼu, michootakoo Kiristiyaana taʼanittis dhihaachuu dandaʼeera. Sochiiwwan hafuuraarratti hirmaannaa dabalataa gochuun jalqabe. Walgaʼiirratti yaadakoo sassaabbachuufi itti gammaduun jalqabe. Tajaajilakoos fooyyeffachuu dandaʼeera. Yeroo ammaatti utuu walirraa hin kutin qajeelchaa gargaaraa taʼee tajaajilaan jira.”

Wantoonni yaada namaa hihhiran mallattoowwan Yesus dubbate akka hin hubanne si gochaa kan jiran yoo taʼe, akkuma Aariʼeel goote tarkaanfii cimaa fudhadhu. Yaadawwan armaan gadii hojiirra oolchuuf carraaqi. Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa, isa kaartaa albuuda gati jabeessa argachuuf gargaaru jedhame ilaali. Kitaabni kun gorsa gaariifi muuxannoo namoonni qorumsa isaanirra gaʼe akkamitti akka moʼan dubbatu eessarratti akka argattu ibsa. Akka gaariitti qophaaʼuufi yaadannoo qabachuudhaan walgaʼii gumiirraa guutummaatti faayidaa argadhu. Obboloonni tokko tokko waltajjiitti dhihaatanii taaʼuun gaarii akka taʼe hubataniiru. Hirmaannaan dhaggeeffattootaa yeroo jiraatutti, jalqabarratti yaada kennuuf carraaqi. Kana malees, oduu dhageessu mallattoowwan “guyyoota gara dhumaa” argisiisanii wajjin walbira qabdee ilaaluudhaan karaa hafuuraa yeroo hundumaa dammaqaa taʼii jiraadhu.—2 Xim. 3:1-5; 2 Phe. 3:3, 4; Mul. 6:1-8.

“Qophaaʼoo Taʼaa!”

Mallattoowwan guyyoota gara dhumaa “guutummaa biyya lafaa” irratti kan raawwatamanidha. (Mat. 24:7, 14) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman biyyoota dhukkubaan, beelaan, sochoʼa lafaatiin ykn wantoota raajiidhaan dubbatan kaaniin hubaatii guddaan irra gaʼe keessa jiraatu. Faallaa kanaatiinimmoo, namoonni hedduun biyyoota hamma tokko nagaafi gabii qaban keessa jiraatu. Mallattoowwan guyyoota gara dhumaa tokko tokko dhuunfaatti sirra gaʼanii hin beekan taanaan, yeroo rakkinni guddaan itti dhufu baayʼee fagoo akka taʼe gootee yaaduu qabdaa? Akkas kan gootu taanaan ogummaa akka qabdu hin argisiisu.

Fakkeenyaaf wanta Yesus “beellii fi dhaʼichi” akka taʼu dubbaterratti xiinxali. (Luq. 21:11) Tokkoffaa, rakkoowwan kun bakka hundumaatti ergaan takkaa akka gaʼan ykn qixxee akka raawwataman hin dubbanne. Kanaa mannaa, “iddoo adda addaatti” akka raawwataman dubbateera. Kanaaf haalawwan wal fakkaatan bakka hundaatti ergaan takkaa raawwatamu jennee eeguu hin qabnu. Lammaffaa, Yesus waaʼee beelaa erga dubbatee booda, duuka buutonnisaa tokko tokko garmalee nyaachuurraa of qusachuu akka qaban yeroo ibsu, ‘garaan keessan albaadhummaadhaan akka hin jabaanne of eeggadhaa’ jedheera. (Luq. 21:34, hiika bara 1899) Kanaaf Kiristiyaanonni hundi mallattoon dubbataman hundi akka isaanirra gaʼan eeguu hin qaban. Kanaa mannaa Yesus, “Akkasuma isin immoo kun hundinuu akka taʼu yommuu argitan, mootummaan Waaqayyoo akka dhiʼaate beekaa” jedheera. (Luq. 21:31) Wantoonni naannoo keenyatti raawwataman maaliyyuu yoo taʼan, sabqunnamtiin mallattoowwan dubbataman hundi yeroo raawwataman arguuf nu gargaareera.

Yihowaan, “guyyicha sanaa fi yericha sana,” jechuunis yeroo rakkinni guddaan itti jalqabu akka murteesses yaadadhaa. (Mat. 24:36) Wantoonni walitti aansuudhaan lafarratti raawwataman guyyaa kanarratti jijjiirama fidan hin qaban.

Yesus, “Isinis immoo qophaaʼoo taʼaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota bakka hundumaa jiran gorseera. (Mat. 24:44) Kanaaf, yeroo hundumaa qophaaʼoo taʼuu qabna. Guyyaa hundumaa ganamaa hanga galgalaatti sochiiwwan tiʼookraasiirratti hirmaachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Kana malees, hundi keenyayyuu yeroo rakkinni guddaan sun jalqabutti maal hojjechaa akka jirru beekuu hin dandeenyu. Namoonni tokko tokko lafa qonnaatti ykn hojii mana keessaa hojjechaa jiru taʼa. (Mat. 24:40, 41) Maarree qophaaʼoo taʼuuf maal gochuu dandeenya?

Eemaanuweliifi Viiktooriin, akkasumas ijoolleensaanii durbaa jaʼa, biyya Afriikaatti argamtuufi mallattoowwan guyyoota gara dhumaa ilaalchisee dubbataman guutummaatti arguuf isaan hin dandeessisne keessa jiraatu. Kanaaf qophaaʼoo taʼuuf akka isaan gargaaruuf guyyaa hundumaa dhimmoota hafuuraarratti maree gochuuf murteessan. Eemaanuwel akkas jedha: “Yeroo hunda keenyaaf mijaaʼaa taʼu argachuun rakkisaa ture. Dhumarratti ganama keessaa saʼaatii kudha lamaa hanga kudha lamaaf walakkaa jirutti fayyadamuu filanne. Caqasa guyyaarratti erga mariʼannee booda, barreeffamoota torban sana walgaʼiirratti dhihaatan keessaa keeyyata muraasa qophoofna.” Maarree sagantaan kun qophaaʼoo akka taʼan isaan gargaareeraa? Eeyyee! Eemaanuwel gumii keessatti qindeessaa qaama jaarsolii taʼee tajaajila. Viiktooriinimmoo yeroo baayʼee qajeelchaa gargaaraa taatee kan tajaajiltu siʼa taʼu, namoonni hedduun dhugaa akka fudhatan gargaarteetti. Ijoolleensaaniis karaa hafuuraa guddina gochaa jiru.

Yesus gorsa, “Akeekkadhaa, dammaqaas!” jedhu nuu kenneera. (Mar. 13:33) Wantoonni yaada namaa hihhiran karaa hafuuraa dammaqoo akka hin taane akka isin godhan hin heyyaminaa. Kanaa mannaa, akkuma Aariʼeel goote gorsa gaarii barreeffamoota keenyaafi walgaʼiiwwan gumiirratti kennaman xiyyeeffannaadhaan hordofaa. Akkuma maatii Eemaanuwel, qophaaʼoofi ‘dammaqoo’ taʼuu keessan argisiisuuf, guyyaa hundumaa waan taʼe tokko gochuuf carraaqqii godhaa.

[Miiljalee]

^ key. 8 Diraamaa bara keenyatti hojjetame siʼa taʼu, Kiristiyaana dargaggeessa taʼeefi wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe raawwachuun isa rakkise kan ibsudha.

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

Guyyaa guyyaadhaan dhimmoota hafuuraarratti mariʼachuun Eemaanuweliifi maatiinsaa ‘qophaaʼoo akka taʼan’ isaan gargaareera