Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Wantan Macaafa Qulqulluu keessaa dubbise ilaalchisee gaaffii yoon qabaadhe ykn rakkina dhuunfaa ilaalchisee gorsa yoon barbaade maal gochuun qaba?

Fakkeenyi 2:1-5 hubannaa argachuuf akka nama “qabeenya dhokfame” “qoratuutti” akka barbaannu hunda keenya gorsa. Yaanni kun gaaffii Macaafa Qulqulluu qabnuuf deebiisaa argachuuf, akkasumas rakkina nu mudate hiikuuf carraaqqii gochuu akka qabnu argisiisa. Haataʼu malee kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Kitaabni Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu, fuula 33 hanga 38⁠rratti mataduree “Qorannaa Gochuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu jalatti barreeffamoota “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheessetti akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu ibsa. (Mat. 24:45) Fuula 36⁠rratti Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa akkamitti itti fayyadamuun akka dandaʼamu kan ibsu yommuu taʼu, Indeeksiin kun baafata matadureefi baafata caqasaa jedhamee bakka lamatti akka hirame dubbata. Kunimmoo jecha ijoo taʼetti ykn caqasoota Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan barreeffamoota barbaaddu jalatti tarreeffaman argachuuf si dandeessisa. Kallattiidhaan deebii ykn qajeelfama argachuuf ennaa qorannaa gootu obsa qabaadhu. “Qabeenya dhokfame” barbaadaa akka jirtu, kunimmoo yeroofi carraaqqii cimaa gochuu akka gaafatu hin dagatin.

Yaadaafi caqasa barreeffamoonni keenya kallattiidhaan irratti ibsa hin kennine tokko tokko akka jiran beekamaadha. Ibsi caqasa Macaafa Qulqulluu beekamaa taʼe tokkorratti kennamellee, gaaffii ati yaadde kallattiidhaan kan hin deebisne taʼuu dandaʼa. Akkasumas seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran tokko tokko balʼinaan waan hin ibsamneef gaaffii kaasuu dandaʼu. Kanaaf gaaffiiwwan kaʼan hundaaf kallattiidhaan deebii argachuu hin dandeenyu. Yeroo haalli akkasii nu mudatu, wanta salphaatti deebisuu hin dandeenye tilmaamaan dubbachuurraa of qusachuu qabna; taʼuu baannaan, “[falmii kaasa] malee, akeeka Waaqayyoo isa amantiidhaan fudhatamu sanaaf hin hojjetu.” (1 Xim. 1:4; 2 Xim. 2:23; Tit. 3:9) Waajjirri damees taʼe, waajjirri muummee gaaffiiwwan barreeffama keenyarratti hin baʼin jiran hundarratti ibsas taʼe deebii kennuu qabu jennee eeguu hin qabnu. Macaafni Qulqulluun barumsa jireenya keenya guutuu nu qajeelchuu dandaʼu kan qabate taʼus, Waaqayyo isa Abbaa Barruu kitaaba kanaa taʼerratti amantii cimaa akka qabaannuuf ibsa balʼaa nu kennuu dhiisuu dandaʼa.—Kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu fuula 185 hanga 187 ilaali. (Amaariffa)

Dhimma dhuunfaadhaan si ilaallatuu wajjin haala wal qabateen hamma dandeesse qorannaa gooteyyuu qajeelfamas taʼe furmaata yoo dhabde maal goota? Namoota hidhata amantiikee taʼaniifi muuxannoo qaban, tariimmoo jaarsa gumiikee gaafachuu dandeessa. Obboloonni kun beekumsa Macaafa Qulqulluufi turtii mana dhugaa keessatti qabaniin muuxannoo hedduu qabu taʼa. Rakkina si mudate ilaalchisee gorsa argachuu ykn murtoo tokko gochuu yoo barbaadde, jaarsoliin siinis taʼe haala keessa jirtu akka gaariitti waan beekaniif gorsa sirrii taʼe sii kennuu dandaʼu. Keessumaa wanta adda taʼeefi si yaaddessu ilaalchisee ‘ogummaafi hubannaa kan kennu Waaqayyo’ waan taʼeef, kadhannaa dhiheessuufi hafuurasaatiin yaadakee akka sii qajeelchu Yihowaa gaafachuu matumaa hin dagatin.—Fak. 2:6; Luq. 11:13.