Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gorsa Qeentee Taʼuufi Gaaʼela Godhachuu Ilaalchisee Kenname

Gorsa Qeentee Taʼuufi Gaaʼela Godhachuu Ilaalchisee Kenname

Gorsa Qeentee Taʼuufi Gaaʼela Godhachuu Ilaalchisee Kenname

“Kanas . . . isin wanta qajeelaa, wanta dhaabataas hojjechaa, yaadni keessan waan biraatti utuu hin harkifamin hojii gooftaatiif akka of kennitan nan barbaada.”—1 QOR. 7:35.

1, 2. Namni tokko qeentee taʼuufi gaaʼela godhachuu ilaalchisee gorsa Macaafa Qulqulluu qoruu kan qabu maaliifi?

WALITTI dhufeenya saala faallaa wajjin qabnu caalaa, wanti jireenya keenya keessatti gammachuu, gadda ykn dhiphina geessisu garabiraan hin jiru jechuun ni dandaʼama. Rakkoo gama kanaan nu mudatu akka gaariitti moʼuuf, qajeelfama Waaqayyoo barbaaduun keenya barbaachisaa taʼus, sababiin qajeelfama Waaqayyoo itti barbaaduu qabnu garuu kana qofa miti. Kiristiyaanonni qeentee taʼanii jiraachuu barbaadan tokko tokko, maatiinsaanii ykn hiriyoonnisaanii gaaʼela akka godhatan dhiibbaa isaanirratti gochaa akka jiran isaanitti dhagaʼama taʼa. Kaanimmoo gaaʼela godhachuu kan barbaadan taʼus nama isaaniif taʼu hin arganne taʼa. Tokko tokkommoo itti gaafatamummaa abbaa manaa ykn haadha manaa taʼuuf qabaniif akkamitti of qopheessuu akka dandaʼan qajeelfama argachuu barbaadu. Namoonni qeentee taʼanis taʼe gaaʼela godhatan, ejja akka raawwatan qorumsi isaan mudata.

2 Gammachuu dhuunfaatti argannu malees, qeentee taʼuus taʼe gaaʼela godhachuun ejjennoo Yihowaa duratti qabnu ni tuqa. Phaawulos ergaa warra Qorontosiif barreesse boqonnaa 7⁠rratti qeentee taʼuufi gaaʼela godhachuu ilaalchisee gorsa kenneera. Kaayyoon Phaawulos namoonni ergaasaa dubbisan ‘wanta qajeelaafi wanta dhaabataa hojjechaa, yaannisaanii waan biraatti utuu hin harkifamin hojii gooftaatiif akka of kennan’ kakaasuu ture. (1 Qor. 7:35) Qeentees taatan gaaʼela kan godhattan, gorsa inni dhimmoota barbaachisaa taʼan kanarratti kenne yommuu qortan, haalli keessa jirtan caalaatti Yihowaa tajaajiluuf kan isin gargaaru taʼuufi dhiisuusaa hubadhaa.

Murtoo Dhuunfaa Cimaa Taʼe

3, 4. (a) Yeroo tokko tokko namoonni michootasaanii ykn firootasaanii gaaʼela hin godhanneef yommuu yaaddaʼan rakkina akkamiitu uumama? (b) Gorsi Phaawulos kenne namni tokko gaaʼelaaf ilaalcha sirrii akka qabaatu kan isa gargaaru akkamitti?

3 Akkuma Yihudoota jaarraa jalqabaa, yeroo harʼaas aadaawwan hedduu keessatti gaaʼela godhachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼetti ilaalama. Dardarri ykn shamarreen tokko gaaʼela utuu hin godhatin umrii taʼe tokkorra yommuu darban, firoonniifi hiriyoonnisaanii gaarummaadhaan kakaʼanii gorsa isaanii kennuu akka qaban itti dhagaʼama. Yommuu haasaʼan, ‘Nama gaaʼelaaf sii taʼu barbaaddadhu malee!’ jedhu taʼa. ‘Abalu siif taʼa!’ jedhaniis nama beekan tokko caqasu taʼa. Kana malees, tooftaadhaan namoota gaaʼela hin godhanne lama walitti fidu taʼa. Gochawwan akkasii yeroo tokko tokko nama yeellaasisuu, hiriyummaa diiguufi miira namaa miidhuu dandaʼu.

4 Phaawulos, namoonni gaaʼela akka godhatan ykn qeentee akka taʼan matumaa dhiibbaa isaanirratti hin goone. (1 Qor. 7:7) Inni haadha manaa utuu hin qabaatin Yihowaa tajaajiluutti gammadaa kan ture taʼus, mirga warri kaan gaaʼela godhachuuf qaban kabajeera. Yeroo harʼaattis, Kiristiyaanonni hundi gaaʼela godhachuu ykn qeentee taʼanii jiraachuu ilaalchisee murtoo dhuunfaa gochuuf mirga qabu. Kanaaf, namoonni kaan gama kanaan dhiibbaa isaanirratti gochuu hin qaban.

Yeroo Qeentee Taatanitti Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa

5, 6. Phaawulos qeentee taʼuun gaarii akka taʼe kan dubbate maaliifi?

5 Gorsi Phaawulos warra Qorontosiif barreesse qeentee taʼanii jiraachuuf ilaalcha sirrii akka qabu argisiisa. (1 Qorontos 7:8 dubbisi.) Phaawulos gaaʼela godhachuu baatus, akka luboota Saba Kiristiyaanaa warra gaaʼela hin godhannee, namoota gaaʼela qabanirratti of hin jajne. Kanaa mannaa, tajaajiltoonni qeentee taʼan hedduun misraachicha labsuurratti hirmaachuuf carraa hedduu akka qaban caqaseera. Carraan isaan qaban kun maalidha?

6 Kiristiyaanni qeenteen tokko yeroo baayʼee hojii warri gaaʼela godhatan fudhachuu hin dandeenye, jechuunis Yihowaa tajaajiluurratti hojii isaaf kennamu fudhachuuf haalasaa jijjiiruu dandaʼa. Phaawulos “saba Waaqayyoo warra hin taʼiniif ergamaa” taʼuuf mirga addaa argateera. (Rom. 11:13) Hojii Ergamootaa boqonnaa 13 hanga 20 dubbisuudhaan, Phaawulosiifi misiyoononni hidhatasaa taʼan naannoo itti lallabamee hin beekne yommuu dhaqaniifi bakka addaddaatti gumiiwwan yommuu hundeessan yaadaan ilaali. Phaawulos tajaajilasaarratti rakkinni Kiristiyaanota yeroo harʼaarra hin geenye isarra gaʼeera. (2 Qor. 11:23-27, 32, 33) Rakkinni kun hundi isarra kan gaʼe taʼullee, namoota hedduu bartoota gochuudhaan gammachuu argateera. (1 Tas. 1:2-7, 9; 2:19) Phaawulos gaaʼela kan godhate ykn maatii kan qabu utuu taʼee kana hundumaa gochuu dandaʼa turee? Taʼuu dhiisuu dandaʼa.

7. Dhugaa Baatota qeentee haala keessa jiranitti fayyadamanii hojii Mootummichaarratti hirmaannaa godhan caqasi.

7 Kiristiyaanonni qeentee taʼan hedduun, haala keessa jiranitti fayyadamanii hojii Mootummichaa raawwachuurratti hirmaannaa guddaa gochaa jiru. Saaraafi Liimbaaniyaan qajeelchitoota qeentee taʼaniifi biyya Booliiviyaa jiraatan yommuu taʼan, mandara waggoota dheeraadhaaf namni itti hin lallabne dhaqanii jiraachuu jalqaban. Ibsaan elektiriikii dhibuunsaa rakkina isaanitti taʼeeraa? Obboleettonni kun, “Wantoonni yaada namaa hihhiran jechuunis, raadiyoo ykn televijiiniin waan hin jirreef, namoonni yeroosaanii dubbisuurratti dabarsu” jedhaniiru. Jiraattonni mandarichaa tokko tokko barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo ammaa maxxanfamaa hin jirreefi hanga yeroo sanaatti dubbisaa jiran qajeelchitoota kanatti argisiisu turan. Manneen dhaqan hundatti jechuun ni dandaʼama namoota fedhii qaban waan argataniif, obboleettonni kun mandaricha waliin gaʼuu hin dandeenye. Dubartiin maanguddoon tokko: “Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo dheeraa booda waan nu bira gaʼaniif egaa amma yeroon dhumaa dhihaatee taʼuu qaba” jedhaniiru. Jiraattonni mandarichaa tokko tokko yerosuma walgaʼii gumiirratti argamuu jalqaban.

8, 9. (a) Phaawulos qeentee taʼuun gaarii akka taʼe siʼa gorsu maal yaadatti qabatee ture? (b) Kiristiyaanonni qeenteen carraawwan akkamii qabu?

8 Kiristiyaanonni gaaʼela godhatanis naannoo tajaajilaa rakkisaa taʼetti misraachicha lallabuudhaan buʼaa guddaa argachaa akka jiran beekamaadha. Haataʼu malee, mirgi tajaajilaa obboloonni qeentee taʼan argachuu dandaʼan tokko tokko, warra gaaʼela godhatan ykn ijoollee qabaniif rakkisaa taʼuu dandaʼa. Phaawulos gumii keessatti misraachicha babalʼisuuf wanti hojjetamuu qabu hedduun akka jiru yaadee ture. Hundisaanii akkumasaa gammachuu akka argatan barbaada ture. Qeentee taʼanii Yihowaa tajaajiluun gaarii akka taʼe kan dubbate kanaafi.

9 Obboleettiin qeenteen Yunaayitid Isteetis jiraattu tokko akkas jetteetti: “Namoonni tokko tokko warri qeentee taʼan gammachuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Ani garuu namni tokko gammachuu guddaa argachuunsaa Yihowaa michuusaa godhachuurratti kan hundaaʼe taʼuusaa hubadheera. Qeentee taʼuun aarsaa kan gaafatu taʼus, akka gaariitti itti fayyadamnaan kennaa dinqisiisaadha.” Gammachuu argachuu ilaalchisee akkas jettee barreessiteetti: “Qeentee taʼuun gufuu utuu hin taʼin riqicha gara gammachuutti geessu taʼuu dandaʼa. Yihowaan warra qeentee taʼanis taʼe, warra gaaʼela godhatan akka jaallatu nan beeka.” Obboleettiin kun yeroo ammaa biyya babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajilaa jirti. Atis qeentee yoo taate, caalaatti waaʼee dhugaa namoota barsiisuuf haala keessa jirtu kanatti fayyadamuu dandeessaa? Taanaan atis qeentee taʼuun kennaa guddaa Yihowaa biraa dhufe taʼuusaa akka hubatte argisiista.

Namoota Gaaʼela Godhachuu Barbaadan

10, 11. Yihowaan warra gaaʼela godhachuuf jecha nama isaaniif taʼu barbaadan kan gargaaru akkamitti?

10 Dhugaa Baatonni Yihowaa amanamoo hedduun yeroo muraasaaf qeentee taʼanii erga jiraatanii booda gaaʼela godhachuuf murteessu. Gama kanaan qajeelfama argachuun akka isaan barbaachisu waan beekaniif nama isaaniif taʼu argachuuf Yihowaan akka isaan gargaaru gaafatu.—1 Qorontos 7:36 dubbisi.

11 Nama akkakee garaa guutuu Yihowaa tajaajiluu wajjin gaaʼela godhachuu barbaadda taanaan dhimma kana kadhannaadhaan Waaqayyotti himi. (Filp. 4:6, 7) Nama siif taʼu argachuun yeroo dheeraa yoo sitti fudhatellee abdii hin kutatin. Waaqni keenya inni jaalala qabeessi akka si gargaaru itti amanami; inni karaa miiraa deggersa si barbaachisu sii godha.—Ibr. 13:6.

12. Kiristiyaanni tokko gaaffii gaaʼelaa isaaf dhihaaturratti gad fageenyaan yaaduu kan qabu maaliifi?

12 Kiristiyaana qeentee gaaʼela godhachuu barbaadu tokkoof, nama Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa hin qabnerraa ykn hidhata amantiisaa hin taanerraa gaaʼelaaf gaaffiin dhihaachuufii dandaʼa. Haalli akkasii yoo si mudate, dhiphinni filannaa dogoggoraa gochuudhaan sirra gaʼu, dhiphina qeentee taatee jiraachuudhaan sitti dhagaʼamu caalaa taʼuu akka dandaʼu yaadadhu. Gaariis taʼe gadhee, takkaa gaaʼelatti seennaan jireenyakee guutuu hiriyaa gaaʼelaa keetti kan hidhamte taʼuukee yaadadhu. (1 Qor. 7:27) Fedhii gaaʼela godhachuuf qabduun qofa kakaatee murtoo booda itti gaabbitu gochuurraa of eeggadhu.—1 Qorontos 7:39 dubbisi.

Wantoota Gaaʼela Keessatti Uumamuu Dandaʼaniif Qophaaʼuu

13-15. Namoonni gaaʼelaaf wal qoratan wantoota gaaʼela keessatti rakkina uumuu dandaʼan kamirratti mariʼachuu qabu?

13 Phaawulos qeentee taʼanii Yihowaa tajaajiluun gaarii akka taʼe gorsus, warra gaaʼela godhachuuf murteessan hin ceephaane. Kanaa mannaa, gorsi inni geggeessaa hafuuraatiin barreesse hiriyoonni gaaʼelaa rakkina isaan mudatu akka dandaʼaniifi walitti dhufeenyasaanii eeganii akka jiraatan kan isaan gargaarudha.

14 Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko wanta gaaʼelarraa eeganirratti jijjiirama gochuun isaan barbaachisa. Namoonni lama gaaʼelaaf yommuu wal qoratan, jaalalli isaan waliif qaban adda akka taʼe, akkasumas gaaʼelasaanii gammachiisaa gochuuf murteessaa akka taʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Gaaʼela kan godhatan dhugaa jiru utuu hin hubatin miiraan kakaʼanii waan taʼeef, wanti gammachuusaanii balleessuu dandaʼu tokkollee akka hin jirre godhanii yaadu. Akkasitti yaaduun dhugaa jirurraa baayʼee kan fagaatedha. Jaalalli namoota gaaʼela godhatan gidduu jiru kan nama gammachiisu taʼus, rakkina namoota gaaʼela godhatan hunda mudatu moʼuuf kun qofti gaʼaa miti.—1 Qorontos 7:28 dubbisi. *

15 Namoonni reefuu gaaʼela godhatan hedduun hiriyaa gaaʼelaasaanii wajjin dhimmoota barbaachisoo taʼanirratti ilaalcha garaagaraa akka qaban beekuunsaanii isaan ajaaʼibsiiseera; akkasumas isaan gaddisiiseera. Baasii qarshii, yeroo itti bohaaran, bakka jireenyaafi yeroo itti dhaqanii maatiisaanii gaafatan ilaalchisee yaada garaagaraa qabaachuu dandaʼu. Amalli inni tokko qabus isa kaan aarsuu dandaʼa. Yommuu gaaʼelaaf wal qoratan wantoota kana salphisanii kan ilaalan taʼuyyuu, booddee gaaʼela keessatti rakkina guddaa uumuu dandaʼu. Kanaaf lamaanuu gaaʼela godhachuusaanii dura wantoota barbaachisoo taʼaniif furmaata kennuunsaanii gaariidha.

16. Hiriyoonni gaaʼelaa rakkina isaan mudatu moʼuuf walii galtee qabaachuu kan qaban maaliifi?

16 Hiriyoonni gaaʼelaa milkaaʼinaafi gammachuu argachuuf rakkina isaan mudatu waliin hiikuu qabu. Ijoolleesaanii adabuufi warrasaanii dullooman kunuunsuurrattis walii galtee qabaachuu qabu. Hiriyoonni gaaʼelaa lamaan rakkoowwan maatii keessatti uumamaniin gargar fagaachuu hin qaban. Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan rakkina hedduutiif furmaata kennuufi kanneen furmaata argachuufii dadhaban dandaʼuudhaan gammachuudhaan waliin jiraatu.—1 Qor. 7:10, 11.

17. Hiriyoonni gaaʼelaa ‘waan biyya lafaa kamiif dhiphachuun’ akka isaanirra jiru eeguu qabu?

17 Phaawulos 1 Qorontos 7:32-34⁠rratti wanta warra gaaʼela godhatan mudachuu dandaʼu garabiraa dubbateera. (Dubbisi.) Namoonni gaaʼela godhatan wantoota jireenyaaf barbaachisan, nyaata, uffata, manaafi kanneen biroo dhimmoota hafuuraa wajjin wal hin qabanne jechuunis, ‘waan biyya lafaatiif dhiphatu.’ [NW] Kun taʼuu kan dandaʼu maaliifi? Obboleessi tokko qeentee yommuu jirutti, tajaajilarratti yeroo dheeraa dabarsa taʼa. Erga gaaʼela godhatee booda garuu, yeroofi humnasaa tajaajilaaf qofa utuu hin taʼin, hamma tokko haadha manaasaa kunuunsuufi gammachiisuuf oolchuu akka qabu hubata. Haati manaas abbaa manaasheetiif akkasuma gochuu qabdi. Yihowaan lamaansaanii kana gochuu akka qaban beeka. Hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼellisaanii milkaaʼina akka qabaatuuf, yeroofi humna kanaan dura Yihowaa tajaajiluuf oolchaa turanirraa hamma tokko hiriyaa gaaʼelaasaaniitiif kennuu akka qaban beeka.

18. Namoonni gaaʼela godhatan tokko tokko yeroo warra kaanii wajjin dabarsanirratti sirreeffama akkamii gochuun isaan barbaachisuu dandaʼa?

18 Barumsi argannu kan biraanis jira. Hiriyoonni gaaʼelaa wal gammachiisuuf, yeroofi humna kanaan dura Yihowaa tajaajiluuf oolchaa turanirraa erga hirʼisanii, yeroo namoota ennaa qeentee turan wajjin dabarsanirraa hirʼisuu hin qabaniiree? Abbaan manaa tokko hiriyootasaa wajjin ispoortii hordofuudhaan yeroo hedduu kan dabarsu yoo taʼe haadha manaasaatti maaltu dhagaʼamuu dandaʼa? Yookiin haati manaa wanta jaallattu tokkorratti hiriyootashee wajjin yeroo dheeraa kan dabarsitu yoo taʼe abbaa manaasheetti maaltu dhagaʼamuu dandaʼa? Hiriyaan gaaʼelaa dagatame sun kophummaan, gaddiifi akka hin jaallatamne itti dhagaʼamuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa tokkummaasaanii jabeessuuf waan dandaʼan hunda kan godhan taanaan rakkina akkasii hambisuun ni dandaʼama.—Efe. 5:31.

Yihowaan Ejjarraa Akka Fagaannu Barbaada

19, 20. (a) Namoonni gaaʼela godhatan qorumsa ejja akka raawwatan isaanitti dhufurraa walaba miti kan jennu maaliifi? (b) Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo dheeraadhaaf gargar fagaatanii kan jiraatan yoo taʼe balaa akkamiitiif of saaxiluu dandaʼu?

19 Tajaajiltoonni Yihowaa qulqulluu taʼanii jiraachuuf murtoo godhaniiru. Obboloonni tokko tokko rakkina kana hambisuuf jecha gaaʼela godhachuuf murteessaniiru. Haataʼu malee ejjarraa of qusachuuf gaaʼela godhachuun qofti gaʼaa miti. Bara duriitti, namoonni magaalaa dallaadhaan marfamte keessa jiraatan eegumsa argachuu kan dandaʼan, dallicha keessaa baʼuu yoo dhiisan qofadha. Namni tokko yeroo saamtonni naannoo sana jiranitti magaalicha keessaa yoo baʼe saamamuu ykn ajjeefamuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni gaaʼela godhatan ejja raawwachuurraa of eeguu kan dandaʼan, gorsa Yihowaan inni gaaʼela hundeesse kenne hojiirra yoo oolchan qofadha.

20 Phaawulos waaʼee daangaa kanaa 1 Qorontos 7:2-5⁠rratti ibseera. Abbaa manaashee wajjin saalqunnamtii raawwachuuf mirga kan qabdu haadha manaasaa qofadha; haadha manaasaa wajjin saalqunnamtii raawwachuuf mirga kan qabu abbaa manaashee qofadha. Tokkoon tokkoonsaanii hiriyaa gaaʼelaasaanii ilaalchisee dirqama isaanirra jiru baʼuu, jechuunis fedhii saalqunnamtii hiriyaa gaaʼelaasaanii guutuu qabu. Haataʼu malee, abbootiin manaafi haadhotiin manaa tokko tokko kophaasaanii boqonnaa baʼuudhaan ykn sababa hojiitiin yeroo dheeraadhaaf fagaatanii waan deemaniif dirqama gaaʼelaa isaanirra jiru utuu hin raawwatin hafu. Namni tokko “of qabuu dhabuu” isaatiin dhiibbaa Seexanaatiin moʼamee ejja yoo raawwate hammam gaddisiisaa akka taʼu mee yaadaa! Yihowaan mataawwan maatii gaaʼellisaanii balaadhaaf utuu hin saaxilin wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessan ni eebbisa.—Far. 37:25.

Faayidaa Gorsa Macaafa Qulqulluu Hordofuun Qabu

21. (a) Qeentee taʼanii jiraachuuf ykn gaaʼela godhachuuf murtoo gochuun baayʼee ulfaataa kan taʼe maaliifi? (b) Gorsi 1 Qorontos boqonnaa 7⁠rra jiru kan nu fayyadu maaliifi?

21 Murtoowwan gurguddaa namni tokko jireenyasaa keessatti godhu keessaa tokko qeentee taʼee jiraachuu ykn gaaʼela godhachuudha. Rakkina namoota gidduutti uumamu hedduuf sababii kan taʼe namoonni hundi cubbuu kan dhaalan taʼuusaaniiti. Kanaan kan kaʼes namoonni qeentee taʼanis taʼe gaaʼela godhatan, Yihowaa duratti kan jaallatamaniifi kan eebbifaman yoo taʼeyyuu, haalli gaddisiisaan isaanirra gaʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, gorsa gaarii 1 Qorontos boqonnaa 7⁠rra jiru hojiirra kan oolchitan taanaan rakkina akkasii xiqqeessuu dandeessu. Qeentee kan taatanis taʼe gaaʼela kan godhattan Yihowaa duratti wanta “baʼeessa gochuu” ni dandeessu. (1 Qorontos 7:37, 38 dubbisi.) Waaqayyo duratti fudhatama argachuun galmawwan irra gaʼuu dandeessan hunda kan caaludha. Kunimmoo addunyaa haaraa inni qopheesse keessatti jireenya barabaraa argachuuf isin gargaara. Yeroo sanatti wantoonni yeroo ammaatti dhiiraafi dubartii gidduutti dhiphina uuman hin jiraatan.

[Miiljalee]

^ key. 14 Kitaaba Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti? jedhamu, boqonnaa 2, keeyyata 16-19 ilaali.

Deebisuu Dandeessaa?

• Eenyuyyuu warri kaan gaaʼela akka godhatan dhiibbaa irratti gochuu kan hin qabne maaliifi?

• Qeentee taʼuudhaan Yihowaa tajaajiluuf yerookee akka gaariitti itti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

• Namoonni gaaʼela godhachuuf wal qoratan haalawwan rakkisaa gaaʼela keessatti mudataniif of qopheessuu kan dandaʼan akkamitti?

• Gaaʼela godhachuun qofti ejja raawwachuurraa eegumsa gochuu kan hin dandeenye maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 14⁠rra jiru]

Kiristiyaanonni qeenteen yeroosaanii tajaajilasaanii balʼifachuuf itti fayyadaman gammachuu argatu

[Fakkii fuula 16⁠rra jiru]

Namoonni tokko tokko erga gaaʼela godhatanii booda sirreeffama akkamii gochuun isaan barbaachisuu dandaʼa?