Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Warra Gaddan Hundumaa Jajjabeessaa’

‘Warra Gaddan Hundumaa Jajjabeessaa’

‘Warra Gaddan Hundumaa Jajjabeessaa’

“Waaqayyo na dibeera . . . warra gaddan hundumaas akkan jajjabeessuuf.”—ISA. 61:1, 2.

1. Yesus namoota gaddaniif maal godheera? Maaliif?

YESUS KIRISTOS, “Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha” jedheera. (Yoh. 4:34) Yesus hojii Waaqayyo isaa kenne yommuu raawwatu amalawwan Abbaasaa warra dinqisiisaa taʼan argisiiseera. Isaan keessaa tokko jaalala guddaa Yihowaan namootaaf qabudha. (1 Yoh. 4:7-10) Phaawulos, Yihowaan, “Waaqayyo jajjabina hundumaa” akka taʼe yommuu ibsu, karaa jaalalli kun itti mulʼatu tokko caqaseera. (2 Qor. 1:3) Yesus wanta raajii Isaayaasirratti dubbatame yommuu raawwatu jaalala akkasii argisiiseera. (Isaayaas 61:1, 2 dubbisi.) Mana sagadaa Naazireet keessatti raajii kanarraa dubbisuudhaan, raajiin kun isarratti akka raawwatame ibseera. (Luq. 4:16-21) Yesus yeroo tajaajilaa ture hundaatti namoota gaddan jajjabeessuudhaan nagaa sammuu akka argatan godheera.

2, 3. Duuka buutonni Kiristos namoota jajjabeessuurratti fakkeenyasaa hordofuu kan qaban maaliifi?

2 Duuka buutonni Yesus hundi warra gaddan jajjabeessuudhaan fakkeenyasaa hordofuu qabu. (1 Qor. 11:1) Phaawulos, “Wal jajjabeessaa, wal cimsaas!” jedheera. (1 Tas. 5:11) Keessumaa yeroo ammaatti, ilmaan namootaa ‘yeroo sodaachisaa’ keessa waan jiraniif isaan jajjabeessuun keenya barbaachisaadha. (2 Xim. 3:1) Addunyaa maratti namoonni lakkoofsisaanii dabalaa dhufeefi garaa qajeelaa qaban, wanta namoonni tokko tokko dubbataniifi raawwataniin kan kaʼe baayʼee gaddaa jiru.

3 Akkuma Macaafni Qulqulluun dursee raajii dubbate, guyyoota gara dhumaa sirna hamaa kanatti namoonni baayʼeen akka armaan gadii taʼaniiru: “Ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaaʼaadhaan morman in taʼu. Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan taʼuuf jiru.” “Namoonni hamoon . . . isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu” waan jedhameef, amalawwan akkasii gara caalaa gadhee taʼetti dabalaa jiru.—2 Xim. 3:2-4, 13.

4. Yeroo ammaatti haalawwan biyya lafaarra jiran maal taʼaa jiru?

4 Dubbiin Waaqayyoo, “guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru” waan ibsuuf kun hundi taʼuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. (1 Yoh. 5:19) “Guutummaan biyya lafaa” siyaasa, amantii, daldalaafi karaawwan itti ololli tatamsaʼu kan dabalatudha. Seexanni ‘isa biyya lafaa kana seerratu,’ akkasumas “Waaqayyicha bara siʼanaa” jedhamuunsaa kan nama dinqisiisu miti. (Yoh. 14:30; 2 Qor. 4:4) Seexanni, Yihowaan isa balleessuuf yeroo muraasni qofti akka isa hafe beekuudhaan waan aareef, haalawwan guutummaa biyya lafaarra jiran caalaatti mancaasuusaa itti fufeera. (Mul. 12:12) Yeroo dhihoo keessatti, Waaqayyo Seexanaafi sirnasaa isaa hamaa akka balleessu, akkasumas gaaffiin Seexanni olaantummaa Yihowaarratti kaase guutummaatti deebii akka argatu beekuun baayʼee nama jajjabeessa.—Uma. boq. 3; Iyo. boq. 2.

Wangeelli Guutummaa Biyya Lafaatti Lallabamaa Jira

5. Raajiin waaʼee hojii lallabaa dubbatame, guyyoota gara dhumaa kanatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?

5 Yeroo seenaa ilmaan namootaa keessatti rakkisaa taʼe kanatti raajiin Yesus dubbate raawwatamaa jira. Yesus, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jedheera. (Mat. 24:14) Hojiin Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti labsuu kun yeroo kamiyyuu caalaa balʼinaan raawwatamaa jira. Akkuma Yesus Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi barsiisuurratti xiyyeeffate, yeroo harʼaa addunyaa maratti Dhugaa Baatonni 7,500,000 ol taʼaniifi gumiiwwan 107,000 ol keessatti argaman Mootummaa Waaqayyoo labsaa jiru. (Mat. 4:17) Hojiin lallabaa yeroo harʼaatti raawwachaa jirru, namoota gaddaniif jajjabina guddaa kennaa jira. Waggoota lamaan darbanitti dimshaashumatti namoonni 570,601 cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuunsaanii kana kan argisiisudha.

6. Hojiin lallabaa keenya hangam balʼinaan raawwatamaa akka jiru yommuu hubattu maaltu sitti dhagaʼama?

6 Hojiin lallabaa kun balʼinaan raawwatamaa jiraachuusaa, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan 500 olitti hiikuudhaan raabsanirraa akka gaariitti hubachuun ni dandaʼama. Seenaa ilmaan namootaa keessatti waan akkasii takkaa argamee hin beeku! Akkaataan jaarmiyaan Yihowaa, kutaan inni lafarraa itti jiraatu, hojjetuufi guddina godhu baayʼee addadha. Qajeelfamaafi gargaarsa hafuura qulqulluu isa humna guddaa qabu utuu hin argatin, addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru kana keessatti waan akkasii raawwachuun hin dandaʼamu. Wangeelichi guutummaa biyya lafaatti lallabamaa waan jiruuf, namoota hidhata amantii keenya taʼan qofa utuu hin taʼin, namoonni gaddaniifi ergaa Mootummichaa fudhatan kaanis Caaffata Qulqullaaʼoorraa jajjabina argachaa jiru.

Namoota Hidhata Amantii Keenya Taʼan Jajjabeessuu

7. (a) Yihowaan yeroo ammaa haalawwan dhiphisaa taʼan hundarraa walaba akka nu godhu eeguu kan hin qabne maaliifi? (b) Ariʼatamaafi rakkina nurra gaʼu moʼuu akka dandeenyu akkamitti beekna?

7 Biyya lafaa hamminaafi rakkinaan guutame kana keessatti haalawwan nama dhiphisaan tokko tokko nu mudachuunsaanii waan hin oolledha. Hamma sirni hamaan kun badutti, Waaqayyo wantoota gammachuu nama dhabsiisan ykn nama gaddisiisan hundarraa walaba nu godha jennee eeguu hin qabnu. Olaantummaa Yihowaa deggeruu keenyaan, ariʼatamni raajiidhaan dubbatame yommuu nurra gaʼu amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu qoramuu dandaʼa. (2 Xim. 3:12) Haataʼu malee, jajjabinaafi gargaarsa Abbaa keenya isa samiirraa argannuun, akkuma Kiristiyaanota dibamoo Tasaloniiqee durii ariʼatamaafi rakkina isaanirra gaʼe obsaafi amantiidhaan moʼanii taʼuu dandeenya.—2 Tasaloniiqee 1:3-5 dubbisi.

8. Ragaan Caaffata Qulqullaaʼaa Yihowaan tajaajiltootasaa akka jajjabeessu argisiisu isa kamidha?

8 Yihowaan jajjabina tajaajiltootasaatiif barbaachisu akka kennu hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, yommuu Iizaabel Mootittiin hamtuu taate Eliyaas raajicha akka isa ajjeestu isa doorsisetetti, sodaatee kan baqate taʼuusaarrayyuu, duʼuu akka barbaadu dubbatee ture. Yihowaan garuu Eliyaasitti dheekkamuu mannaa, isa jajjabeessuudhaan ija jabina hojii raajii taʼuudhaan qabu raawwachuuf isa gargaaru kenneeraaf. (1 Mot. 19:1-21) Yihowaan sabasaa akka jajjabeessu muuxannoo gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaarraas hubachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf yeroon, “waldaan amantootaa Yihudaa, Galiilaa, Samaariyaa hundumaa keessatti nagaa argattee, ijaaramte” akka ture dubbisna. Kana malees, “sodaa gooftaatti jiraachaa, jajjabina hafuura qulqulluutiinis baayʼachaa turte.” (HoE. 9:31) Nuyis, “jajjabina hafuura qulqulluu” argachuu keenyatti baayʼee galateeffanna!

9. Waaʼee Yesus barachuun nu jajjabeessuu kan dandaʼu maaliifi?

9 Kiristiyaanota waan taaneef, waaʼee Yesus Kiristos barachuufi faanasaa duukaa buʼuudhaan jajjabina argachaa jirra. Yesus akkas jedheera: “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, baʼaanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, baʼaan [namni anaaf jedhee baatus] salphaa dha.” (Mat. 11: 28-30) Yesus haala gaariidhaan namoota akkamitti akka qabe barachuufi fakkeenyasaa hordofuun qofti dhiphina nurra gaʼurraa boqonnaa argachuuf gargaarsa guddaa nuu godha.

10, 11. Gumii keessatti jajjabina kennuu kan dandaʼu eenyufaʼi?

10 Kiristiyaanota hidhata amantii keenya taʼanirraas jajjabina argachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, jaarsoliin gumii namoota haala dhiphisaa keessa jiran akkamitti akka gargaaran ilaali. Yaaqoob bartichi, “Isin keessaa namni [karaa hafuuraa] dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo . . . kadhata haa godhaniif” jechuudhaan barreesseera. Buʼaansaahoo maalidha? “Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo taʼes in dhiisaaf.” (Yaq. 5:14, 15) Miseensonni gumii kaanis jajjabina kennuu dandaʼu.

11 Yeroo baayʼee dubartoonni waaʼee rakkinasaanii addaddaa dubartoota kaanitti himuutu isaanitti salphata. Keessumaa obboleettonni maanguddoonni muuxannoo qaban, obboleettota gara ijoollee taʼaniif gorsa gaarii hedduu kennuu dandaʼu. Obboleettonni maanguddoo taʼaniifi muuxannoo qaban kun haala wal fakkaatu keessa darbanii taʼuu dandaʼa. Ooʼiifi amalli dubartii taʼuusaaniitiin qabanis gargaarsa guddaa gochuu dandaʼa. (Tiitoos 2:3-5 dubbisi.) Dhugaadha, jaarsoliinis taʼe warri kaan, namoota nu gidduu jiraniifi ‘dhiphatan jajjabeessuu, NW’ dandaʼu; akkas gochuus qabu. (1 Tas. 5:14, 15) Kana malees, Waaqayyo, ‘jajjabina isa biraa arganne sanaan, nuyimmoo rakkina attamii keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf akka nu jabeesse’ yaadachuun keenya gaariidha.—2 Qor. 1:4.

12. Walgaʼii gumiirratti argamuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

12 Karaan itti jajjabina argannu inni guddaan, gumii Kiristiyaanaa bakka mareen Macaafa Qulqulluu nama jajjabeessu itti godhamurratti argamuudha. Macaafni Qulqulluun Yihudaafi Siilaas, “Dubbii baayʼee[dhaan] amantoota gorsanii isaan cimsan” jedhee ibsa. (HoE. 15:32) Walgaʼii keenya duraafi booda miseensonni gumii waliin haasaʼuudhaan wal jajjabeessu. Kanaaf, namootarraa of qooduun keenyaa haallisaa akka fooyyaʼu waan hin gooneef, haala rakkisaa taʼe tokkoon dhiphachaa kan jirru yoo taʼellee namootarraa gargar baʼuu hin qabnu. (Fak. 18:1, hiika bara 1899) Kanaa mannaa, gorsa Phaawulos hafuuraa qulqulluudhaan kakaʼee akka armaan gadiitti dubbate hordofuun keenya barbaachisaadha: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala taʼe, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhiʼaachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.”—Ibr. 10:24, 25.

Dubbii Waaqayyoorraa Jajjabina Argadhaa

13, 14. Caaffanni Qulqullaaʼoon akkamitti nu jajjabeessuu akka dandaʼan ibsi.

13 Kiristiyaanota cuuphamnes taane namoota reefuu waaʼee Waaqayyoofi kaayyoosaa barachaa jirru, Dubbii Waaqayyoo isa barreeffamaan jirurraa jajjabina guddaa argachuu dandeenya. Phaawulos, “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaaʼoo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” jedhee barreesseera. (Rom. 15:4) Caaffanni Qulqullaaʼoon nu jajjabeessuu, akkasumas ‘waa gochuu akka dandeenyuufi hojii gaariidhaaf kan qophoofne akka taanu nu gochuu’ dandaʼu. (2 Xim. 3:16, 17) Waaʼee kaayyoo Waaqayyoo dhugaasaa beekuufi abdii dhugaa qabaachuun jajjabina guddaa akka argamsiisu hin shakkisiisu. Kanaaf, Dubbii Waaqayyoo, akkasumas barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼaniifi karaa hedduu nu jajjabeessuu malees, nu fayyaduu dandaʼanitti guutummaatti haa gargaaramnu.

14 Yesus Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamee namoota barsiisuufi jajjabeessuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼeera. Fakkeenyaaf erga duʼaa kaʼee booda, yeroo mulʼate tokkotti bartootasaa lamaaniif ‘macaafa keessatti kan caafame’ guutummaatti isaaniif ibsee ture. Yeroo inni isaanitti dubbatu garaansaanii baayʼee tuqamee ture. (Luq. 24:32) Phaawulos fakkeenya Yesus hordofuudhaan, ‘dubbii macaafa qulqulluu dudubbachaa’ akka ture ibsameera. Beriyaatti namoonni isa dhaggeeffatan, “Dubbicha fudhachuudhaaf qophaaʼanii . . . guyyuma guyyaatti macaafota qulqulluu in qoru turan.” (HoE. 17:2, 10, 11) Kanaaf, Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuun, akkasumas barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼaniifi yeroo rakkisaa kanatti jajjabina, akkasumas abdii nuu argamsiisuuf qophaaʼanitti fayyadamuun keenya baayʼee barbaachisaadha.

Karaawwan Warra Kaan Itti Jajjabeessinu Kan Biroo

15, 16. Kiristiyaanota hidhata amantii keenya taʼan gargaaruufi jajjabeessuuf wantoonni gochuu dandeenyu tokko tokko maalfaʼi?

15 Kiristiyaanota hidhata amantii keenya taʼan karaa garagaraatiin gargaaruudhaan isaan jajjabeessuu dandeenya. Fakkeenyaaf, maanguddootaaf ykn namoota dhukkubsataniif, wantoota tokko tokko gabaadhaa isaanii bituu dandeenya. Warra kaanis hojii manaa isaan gargaaruudhaan akka isaanii yaannu argisiisuu dandeenya. (Filp. 2:4) Tarii amala gaarii kan akka jaalalaa, mala qabeeyyii taʼuu, akkasumas ija jabinaafi amantii qabaachuusaaniitiif akka isaan dinqisiifannu isaanitti himuu dandeenya.

16 Warra maanguddoota taʼan jajjabeessuuf yommuu yaallu, dhaqnee isaan gaafachuu, akkasumas yeroo isaan muuxannoofi eebbawwan tajaajila Yihowaarratti argatan dubbatan xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuu qabna. Kana gochuun keenya nuunis nu jajjabeessa. Namoota dhaqnee gaafannu sanaa wajjin Macaafa Qulqulluu ykn barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan dubbisuu dandeenya. Tarii Masaraa Eegumsaa ykn barreeffama Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gumiirratti torban sana qayyabatamu isaanii wajjin qophaaʼuu dandeenya. DVD Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe tokko isaanii wajjin ilaaluu dandeenya. Akkasumas muuxannoowwan nama jajjabeessaniifi barreeffamoota keenyarratti argaman tokko tokko dubbachuu ykn dubbisuu dandeenya.

17, 18. Tajaajiltootasaa amanamoo waan taaneef, Yihowaan akka nu deggeruufi akka nu jajjabeessu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

17 Namni hidhata amantii keenya taʼe tokko jajjabinni akka isa barbaachisu yoo hubanne, dhuunfaa keenyatti kadhannaa yommuu goonu nama sana caqasuu dandeenya. (Rom. 15:30; Qol. 4:12) Rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan yommuu moonuufi namoota kaan jajjabeessuuf dhimminee yommuu hojjennu, amantiifi amanannaa akka faarfatichaa qabaachuu dandeenya. Faarfatichi, “Wanta yaada sitti taʼu Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha” jedhee faarfateera. (Far. 55:22) Tajaajiltootasaa amanamoo waan taaneef, Yihowaan yeroo hundaa akka nu jajjabeessuufi akka nu deggeru hin shakkisiisu.

18 Waaqayyo waaqeffattootasaa warra duriitiin, “Anuma, anuma inni isin jajjabeessu” jedheera. (Isa. 51:12) Yihowaan nuunis nu jajjabeessa; wanta namoota gaddan jajjabeessuuf raawwannuufi dubbannus nuu eebbisa. Abdiin keenya samiis taʼe lafarra jiraachuu, hundi keenya jecha Phaawulos Kiristiyaanota dibamoo hidhata amantiisaa turaniif barreesserraa jajjabina argachuu dandeenya. Phaawulos, “Gooftaan keenya Yesus Kristos Waaqayyo abbaan keenyas inni nu jaallate, ayyaana isaatiinis jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuuf kenne. Innumti garaa keessan haa jajjabeessu, hojii gaarii fi dubbii gaarii hundumaattis isin haa cimsu” jedheera.—2 Tas. 2:16, 17.

Ni Yaadattaa?

• Hojiin namoota gaddan jajjabeessuuf raawwachaa jirru hangam balʼaadha?

• Namoota jajjabeessuuf wantoonni gochuu dandeenyu tokko tokko maalfaʼi?

• Ragaan Caaffata Qulqullaaʼoo Yihowaan sabasaa akka jajjabeessu argisiisu kamidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 28⁠rra jiru]

Namoota gaddan jajjabeessuurratti hirmaachaa jirtaa?

[Fakkii fuula 30⁠rra jiru]

Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni namoota jajjabeessuu dandaʼu