Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Isa Waaqa “Jajjabinaa Hundumaa” Taʼetti Amanamaa

Yihowaa Isa Waaqa “Jajjabinaa Hundumaa” Taʼetti Amanamaa

Yihowaa Isa Waaqa “Jajjabinaa Hundumaa” Taʼetti Amanamaa

“Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos, abbaa araara hundumaaf, Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa taʼu!”—2 QOR. 1:3.

1. Ilmaan namootaa umrii kamirrayyuu yoo jiraatan maal argachuu barbaadu?

ERGA dhalannee kaasee nama nu jajjabeessu argachuu barbaanna. Mucaan tokko sagaleesaatti fayyadamuudhaan jajjabinni akka isa barbaachisu nuu ibsa. Baatamuu barbaadee ykn beelaʼee taʼuu dandaʼa. Erga dulloomnee boodallee, yeroo baayʼee nama nu jajjabeessu argachuu barbaanna. Keessumaa yeroo haalli rakkisaan nu mudatu kun dhugaa taʼuunsaa ni mulʼata.

2. Yihowaan warra isatti amanaman akka jajjabeessu maal jedhee mirkaneesseera?

2 Yeroo baayʼee miseensonni maatiifi hiriyoonni keenya hamma tokko nu jajjabeessuu dandaʼu. Haataʼu malee, yeroo tokko tokko haalawwan nu gaddisiisan ilaalchisee namoonni nu jajjabeessuu hin dandaʼan. Waaqayyo garuu, haalli keessa jirru hammam gaddisiisaa yoo taʼeyyuu jajjabina nuu kennuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, . . . dhiʼoo dha. . . . Iyya isaaniis immoo in dhagaʼa” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Far. 145:18, 19) Eeyyee, “Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata.” (Far. 34:15) Gargaarsaafi jajjabina Waaqayyoo argachuu yoo barbaanne garuu isatti amanamuu qabna. Daawit faarfatichi, yommuu akkas jechuudhaan faarfate kana ifa godheera: “Waaqayyo, warra gad qabamaniif daʼoo ol jedhaa dha, isaan yeroo rakkinaatti daʼoo isa in godhatu. Yaa Waaqayyo, warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu, ati warra si barbaadan hin ganneʼo.”—Far. 9:9, 10.

3. Yesus jaalala Yihowaan sabasaatiif qabu kan ibse akkamitti?

3 Yihowaan, namoota isa waaqeffataniif iddoo guddaa kenna. Yesus yaada armaan gadii yommuu dubbate kana ifa godheera: “Simbirroonni shan akka saantiima lamaatti in gurguramu mitii? Garuu isaan keessaa tokko iyyuu Waaqayyo duratti kan dagatamu hin jiru. Rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaaʼamaa dha; kanaafis hin sodaatinaa, isinoo simbirroota baayʼee irra guddaa in caaltu.” (Luq. 12:6, 7) Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa sabasaa duriitiin, “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhiʼeesse” jedheera.—Er. 31:3.

4. Abdii Yihowaan kennetti amanuu kan dandeenyu maaliifi?

4 Yihowaafi abdii inni kennetti amanamuun keenya yeroo rakkinaatti nu jajjabeessuu dandaʼa. Kanaaf, akkuma Iyaasuu isa, “Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee . . . hin hafne. . . . Abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa buʼee hin hafne” jedhee, nuyis Waaqayyorratti amannaa qabaachuu dandeenya. (Iya. 23:14) Kana malees, haalawwan rakkisaa taʼaniin yeroodhaaf miirri keenya yoo caccabellee, “Waaqayyo amanamaa” akka taʼeefi tajaajiltootasaa amanamoo taʼan matummaa akka hin ganne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—1 Qorontos 10:13 dubbisi.

5. Namoota kaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Phaawulos, Yihowaan “Waaqayyo jajjabina hundumaa” akka taʼe caqaseera. ‘Jajjabeessuu’ jechuun, nama rakkina ykn gadda keessa jiru tokko urursuu jechuudha. Kunis, rakkina ykn gaddi isarra gaʼe akka isatti salphatu godhanii isa jajjabeessuudhaan raawwatama. Yihowaan kana gochuu akka dandaʼu beekamaadha. (2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.) Abbaa keenya isa samii wanti daangessu tokkoyyuu waan hin jirreef, wanta namoota isa jaallatan jajjabeessuuf barbaachisu hundumaa gochuu dandaʼa. Nuyis, namoota hidhata amantii keenya taʼaniifi “rakkina attamii keessatti iyyuu” argaman jajjabeessuu dandeenya. “Jajjabina isa Waaqayyo biraa arganne sanaan” kana gochuu dandeenya. Kun dandeettii guddaa Yihowaan warra dhiphatan jajjabeessuuf qabu akka gaariitti kan argisiisu mitiiree?

Wantoota Gaddaaf Sababa Taʼan Moʼuu

6. Wantoota gaddaaf sababa taʼan tokko tokko caqasi.

6 Jireenya keenya keessatti kallattii hedduutiin jajjabina argachuun nu barbaachisa. Wantoota gaddaaf sababii taʼan keessaa inni tokko nama jaallatan, keessumaa hiriyaa gaaʼelaa ykn mucaa duʼaan dhabuudha. Namni jalʼinni ykn dabni irratti raawwatame tokkos jajjabina argachuun isa barbaachisuu dandaʼa. Dhibeen fayyaa, dullumni, hiyyumni, rakkinni gaaʼela keessatti uumamu ykn haalawwan biyya lafaa rakkisaa taʼan, namni tokko jajjabina akka barbaadu isa gochuu dandaʼu.

7. (a) Haalawwan baayʼee rakkisaa taʼan keessatti jajjabina akkamii argachuu barbaanna? (b) Yihowaan garaa ‘cabeefi bullaaʼe’ fayyisuuf maal gochuu dandaʼa?

7 Yeroo rakkinaatti, jajjabina garaa, sammuu ykn yaadaafi miira keenya nuu tasgabbeessu, akkasumas karaa qaamaas taʼe hafuuraa nageenya keenya nuu eegu argachuu barbaanna. Mee garaa akka fakkeenyaatti ilaalaa. Dubbiin Waaqayyoo garaan keenya, ‘cabuufi bullaaʼuu’ akka dandaʼu ibsa. (Far. 51:17) Yihowaan, “warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf” waan jedhameef haala akkasii keessatti jajjabina kennuu akka dandaʼu hin shakkisiisu. (Far. 147:3) Waaqayyo amantii guutuudhaan yoo isa kadhanneefi seerawwansaa yoo hordofne haalawwan baayʼee rakkisaa taʼan keessattillee garaa cabe tokko tasgabbeessu dandaʼa.—1 Yohannis 3:19-22; 5:14, 15 dubbisi.

8. Yommuu dhiphannu Yihowaan akkamitti nu gargaaruu dandaʼa?

8 Qorumsi garaagaraa sammuu keenya dhiphisuu waan dandaʼuuf sammuun keenya yeroo baayʼee jajjabina argachuu barbaada. Jabina keenya qofaadhaan qorumsawwan amantii kana moʼuun waan hin fakkaannedha. Haataʼu malee faarfatichi, “Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta” jedhee faarfateera. (Far. 94:19) Phaawulosis akkas jedhee barreesseera: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filp. 4:6, 7) Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluun, dhiphina sammuu moʼuuf gargaarsa guddaa gochuu dandaʼa.—2 Xim. 3:15-17.

9. Dhiphina ilaalcha dogoggoraa akka qabaannu godhu moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Yeroo tokko tokko baayʼee dhiphachuu keenyaan kan kaʼe, ilaalcha dogoggoraa qabaachuu dandeenya taʼa. Tarii itti gaafatamummaa Caaffata Qulqullaaʼoo ykn mirga tajaajilaa tokko raawwachuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama. Yeroo kanattis Yihowaan nu jajjabeessuufi nu gargaaruu dandaʼa. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Iyaasuun Israaʼeloota gara saboota diinaa humna guddaa qabaniitti akka geggeessu yommuu muudame, Museen namoota sanaan akkas jedhee ture: “Waaqayyo gooftaan keessan isinii wajjin in adeema, inni gad isin hin dhiisu, isin hin irraanfatus; kanaafis cimaa, ija jabaadhaa, isaan hin sodaatinaa, hin naʼinaas!” (Kes. 31:6) Gargaarsa Yihowaatiin, Iyaasuun saba Waaqayyoo Biyyattii Abdachiifamtetti galchuufi diinotasaanii hunda moʼuu dandaʼeera. Haaluma wal fakkaatuun, Museenis kanaan dura Galaana Diimaa biratti, gargaarsa Waaqayyoo argatee ture.—Bau. 14:13, 14, 29-31.

10. Qaamni keenya dhiphinaan yoo miidhame, gargaarsa akkamii argachuu dandeenya?

10 Haalawwan gaddisiisaa taʼan qaama keenyaarrattis miidhaa geessisuu dandaʼu. Sirriitti nyaachuun, boqonnaa gaʼaa argachuufi sochii qaamaa gochuun, akkasumas qulqullina keenya eeguun faayidaa qabaachuu akka dandaʼu beekamaadha. Ilaalcha gaarii Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe qabaachuunis qaama keenyarratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼa. Kanaaf, yommuu haalawwan nama dhiphisan tokko tokko nu mudatan muuxannoo Phaawulosiifi jechoota nama jajjabeessan inni dubbate yaadachuun keenya faayidaa qaba. Phaawulos, “Karaa hundumaa in rakkanna, garuu badduu hin baanu; waan goonu in wallaalla, garuu abdii hin kutannu. In ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu achumatti hin hafnu” jedheera.—2 Qor. 4:8, 9.

11. Dhukkuba karaa hafuuraa nurra gaʼurraa fagaachuun kan dandaʼamu akkamitti?

11 Qorumsawwan tokko tokko karaa hafuuraa miidhaan nurraan gaʼuu dandaʼu. Yeroo kanattis Yihowaan nu oolchuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo warra kufuuf jedhan hundumaa qabee in oolcha, warra gad deebiʼan hundumaas ol in kaasa” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Far. 145:14) Dhukkuba karaa hafuuraa nurra gaʼurraa akka nu eeganiif gargaarsa jaarsolii gaafachuu qabna. (Yaq. 5:14, 15) Abdii jireenya barabaraa Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti kenname yeroo hundaa yaadachuun keenyas, qorumsa amantii keessatti jabaannee itti fufuuf nu gargaaruu dandaʼa.—Yoh. 17:3.

Namoota Waaqayyo Jajjabeesse

12. Yihowaan Abrahaamiin akkamitti akka jajjabeesse ibsi.

12 Faarfataan tokko hafuuraan kakaʼee, “Dubbii kee isa abdiidhaan akka ani eeggadhu goote, ana garbicha keetiif yaadadhu. Wanti ati jette lubbuu anatti in deebisa, kunis yeroon gad deebiʼutti jajjabina koo ti” jedheera. (Far. 119:49, 50) Yeroo harʼaa, Dubbiin Yihowaa inni barreeffamaan jiru fakkeenya namoota Waaqayyo jajjabeesse hedduu qabateera. Fakkeenyaaf Abrahaam, Yihowaan Sodoomiifi Gomoraa balleessuuf akka jedhu yommuu beeke baayʼee dhiphatee taʼuu dandaʼa. Abbaan amantii amanamaa taʼe kun, “Dhuguma nama qajeelaa nama jalʼaa wajjin lafa irraa balleessuuf jettaa?” jedhee Waaqayyoon gaafatee ture. Yihowaan namoonni qajeeloon 50mni qoftillee yoo jiraatan Sodoomiin akka hin balleessine Abrahaamiif mirkaneessuudhaan isa jajjabeesseera. Haataʼu malee, ‘Abrahaam namoonni qajeeloon, 45, 40⁠ni, 30⁠ni, 20⁠ni, 10 yoo jiraatan ni balleessitaa?’ jedhee Yihowaa gaafatee ture. Yeroo Abrahaam gaafate hundaatti, Yihowaan Sodoomiin akka hin balleessine obsaafi gaarummaa guddaadhaan isaaf mirkaneesseera. Namoonni qajeeloon kudhan naannoo sana jiraachuu baatanillee, Yihowaan Looxiifi intalootasaa oolcheera.—Uma. 18:22-32; 19:15, 16, 26.

13. Haannaan Yihowaatti akka amanamtu kan argisiiste akkamitti?

13 Haadha manaa Elqaanaa kan taate Haannaan mucaa godhachuuf baayʼee hawwitee turte. Haataʼu malee, dhabduu taʼuunshee ishee dhiphisee ture. Dhimma kana ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa kan dhiheessite yommuu taʼu, Angafa Lubootaa kan ture Eliin, “Waaqayyo inni kan Israaʼel waan ati isa kadhatte siif haa kennu!” isheedhaan jedhe. Kunis Haannaa kan jajjabeesse siʼa taʼu, “deebitees nyaara hin guurre.” (1 Sam. 1:8, 17, 18) Haannaan waan hundumaa isatti kennachuudhaan Yihowaatti amanamteetti. Buʼaasaa beekuu baattus, keessasheetti nagaa argatteetti. Yeroo booda Yihowaanis kadhannaasheetiif deebii kenneera. Ulfooftee ilma kan deesse siʼa taʼu, maqaasaas Saamuʼel jettee moggaafte.—1 Sam. 1:20.

14. Daawit jajjabinni kan isa barbaachise maaliifi? Jajjabina argachuufoo gara eenyuutti garagale?

14 Namni Waaqayyo biraa jajjabina argate gara biraanimmoo Daawit Mootii Israaʼel duriiti. Yihowaan Daawit mootii Israaʼel akka taʼu kan filate ‘garaasaa ilaalee’ waan tureef, Daawit qajeelaafi waaqeffannaa dhugaatiif kan bule taʼuusaa hubatee ture. (1 Sam. 16:7; 2 Sam. 5:10) Haataʼu malee, Daawit yeroo booda Baati-Sheebaa wajjin ejja kan raawwate siʼa taʼu, cubbuu hojjete dhoksuufis abbaa manaashee ajjeesiseera. Daawit cubbuunsaa guddaa akka taʼe yommuu hubatu, akkas jedhee Yihowaatti kadhannaa dhiheesse: “Akka gaarummaa keetti araara anatti argisiisi! Akka ooʼa kee isa guddaatti irra-daddarbaa koo haxaaʼii balleessi! Yakka koo raawwadhuu ana irraa dhiqi, cubbuu koottiis ana qulleessi! Anoo irra-daddarbaa koo beeka, cubbuun koos gaafa hundumaa ija koo dura jira.” (Far. 51:1-3) Daawit dhugumaan yaada garaasaa waan geddarateef, Yihowaan dhiifama godheeraaf. Haataʼu malee, Daawit wanta cubbuunsaa isatti fidu fudhachuuf of qopheessuu qaba ture. (2 Sam. 12:9-12) Taʼus, araarri Yihowaa tajaajilaasaa gad of deebisu kanaaf madda jajjabinaa taʼeera.

15. Yihowaan Yesus duʼuusaa yeroo muraasa dura gargaarsa akkamii godheefii ture?

15 Yesus yommuu lafarra turetti haalawwan rakkisaa taʼan hedduun isa mudataniiru. Waaqayyo qorumsawwan amantii kun akka isarra gaʼan kan heyyame siʼa taʼu, Yesus akka nama cubbuu hin qabne tokkootti yeroo hundaa Yihowaatti amanamuufi olaantummaasaa deggeruudhaan amanamummaasaa eegeera. Yesus yommuu dabarfamee kennamuufi ajjeefamuuf jedhetti, “Akka ani jaalladhe utuu hin taʼin, akka ati jaallatte haa taʼu!” jedhee Yihowaatti kadhannaa dhiheessee ture. Achiis ergamaan tokko Yesusitti mulʼatee isa jajjabeesse. (Luq. 22:42, 43) Yeroo kanatti Waaqayyo jajjabina, humnaafi deggersa isa barbaachisu kenneeraaf.

16. Amanamummaa keenyaan kan kaʼe yoo duʼaaf saaxilamne, Waaqayyo dhiphina nurra gaʼu maal gochuu dandaʼa?

16 Ejjennoo cimaa Kiristiyaana taʼuu keenyaan qabnuun kan kaʼe duʼuun keenya kan hin oole yoo taʼellee, Yihowaan isaaf amanamoo akka taanu nu gargaaruu dandaʼa; nu gargaaras. Abdii duʼaa kaʼuutiinis jajjabina argachuu dandeenya. Kana malees abdiin, hundumaa booddee diina keenya duʼatu “golgoleeffama” jedhu yommuu raawwatamu hawwii guddaadhaan eegganna. (1 Qor. 15:26) Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon duʼaniifi namoonni kaan, yaadannoo Yihowaa isa mudaa hin qabne keessa kan jiran siʼa taʼu, duʼaas ni kaafamu. (Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15) Duʼaa kaʼuu ilaalchisee abdii amansiisaa Yihowaan kennerratti amantii qabaachuun keenya, yeroo ariʼatamni nurra gaʼutti jajjabina nuu kennuu dandaʼa.

17. Yommuu namni jaallannu tokko nu jalaa duʼu Yihowaan akkamitti nu jajjabeessuu dandaʼa?

17 Namoonni jaallannuufi duʼaan dhabne, yeroo ammaa iddoo ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman keessa rafanii, addunyaa haaraa dhiphina yeroo harʼaa jirurraa walaba taʼe keessatti gara jireenyaatti deebiʼuuf eeggachaa akka jiran beekuun baayʼee kan nama jajjabeessu mitii? Tajaajiltoonni Yihowaa “tuuta sonaan baayʼee” taʼaniifi badiisa sirna hamaa kanarraa oolanis, namoota lafarratti duʼaa kaʼan simatanii barsiisuuf mirga guddaa argatu.—Mul. 7:9, 10.

Waaqayyo Inni Barabaraa Iddoo Jireenyaa Keetiiti

18, 19. Tajaajiltoonni Waaqayyoo yommuu ariʼataman jajjabina kan argatan akkamitti?

18 Museen, faarfannaa humna guddaa qabuufi miira namaa kakaasutti fayyadamuudhaan, “Waaqayyo inni bara baraa kun iddoo jireenya keetii ti; irreen bara baraas isa jala jira” jedhee saba Israaʼeliif mirkaneesseera. (Kes. 33:27) Saamuʼel raajichis yeroo booda, “Garaa keessan guutuudhaan Waaqayyoof hojjedhaa malee, isa irraa gara hin galinaa! . . . Inni ulfina maqaa isaa isa guddaadhaaf jedhee isin hin dhiisu” jedhee Israaʼelootatti dubbateera. (1 Sam. 12:20-22) Waaqeffannaa dhugaa hordofuudhaan Yihowaatti maxxannee hamma jiraannetti, matumaa nu hin dhiisu. Inni yeroo hundaa gargaarsa nu barbaachisu nuu kenna.

19 Waaqayyo guyyoota gara dhumaa rakkisaa taʼan kana keessatti gargaarsaafi jajjabina sabasaatiif barbaachisu kennaa jira. Namoonni hidhata amantii keenya taʼaniifi kuma hedduutti lakkaaʼaman Yihowaa waan tajaajilaniif qofa, jaarraa tokkoo ol taʼuuf ariʼatamaa, akkasumas hidhamaa turaniiru. Muuxannoonsaanii Yihowaan yeroo qorumsi isaanirra gaʼutti tajaajiltootasaatiif jajjabina akka kennu mirkaneessa. Fakkeenyaaf obboleessi keenya tokko sababii amantiisaatiin, Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti hidhaan waggaa 23 itti murteeffamee ture. Taʼus, karaa itti nyaata hafuuraa humnaafi jajjabina isaa argamsiisu argachuu dandaʼu qaba ture. Obboleessi kun, “Waggoota kana hundaatti Yihowaatti amanamuufi isarraa jajjabina argachuu baradheera” jedheera.—1 Phexros 5:6, 7 dubbisi.

20. Yihowaan akka nu hin dhiisne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

20 Wanti gara fuulduraatti nurra gaʼu maaliyyuu yoo taʼe, jechoota “Waaqayyo saba isaa hin buusu” jedhaniifi faarfatichi dubbate yaadatti qabachuun keenya barbaachisaadha. (Far. 94:14) Dhuunfaatti jajjabinni kan nu barbaachisu taʼus, warra kaan jajjabeessuuf mirga guddaa arganneerra. Akkuma mataduree ittaanurratti ilaallu, nuyis addunyaa jeequmsaan guutame kana keessatti namoota gaddan jajjabeessuurratti gaʼee qabaachuu dandeenya.

Maal Jettee Deebista?

• Wantoonni nu gaddisiisuu dandaʼan tokko tokko maalfaʼi?

• Yihowaan tajaajiltootasaa kan jajjabeessu akkamitti?

• Duʼaaf yoo saaxilamne maaltu nu jajjabeessuu dandaʼa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa/​Fakkii fuula 25⁠rra jiru]

MIIDHAA KARAA ARMAAN GADIITIIN NURRA GAʼU MOʼUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

garaa Far. 147:3; 1 Yoh. 3:19-22; 5:14, 15

yaada ykn sammuu Far. 94:19; Filp. 4:6, 7

miira Bau. 14:13, 14; Kes. 31:6

qaamaa 2 Qor. 4:8, 9

hafuuraa Far. 145:14; Yaq. 5:14, 15