Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Tajaajiluun Na Gammachiisa

Yihowaa Tajaajiluun Na Gammachiisa

Yihowaa Tajaajiluun Na Gammachiisa

Fireed Raaskiin Akka Dubbatetti

Yaada Daawit Faarfannaa 27:10⁠rratti, “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata” jedhe dhugaa taʼuusaa kanan hubadhe ijoollummaa kootti ture. Mee kun akkamitti akka narratti raawwatame isinittan hima.

KANAN guddadhe Yunaayitid Isteetis kutaa Joorjiyaa, lafa qonnaa jirbii akaakayyuu kootti bara 1930mman, yeroo Kufaatiin Dinagdee Guddaa gaʼee turettidha. Abbaankoo duʼa haadhakoofi obboleessakoo reefuu dhalateen kan kaʼe baayʼee waan gaddeef, akaakayyuukoo isa akkoonkoo jalaa duutetti na gatee hojii barbaacha fagaatee deeme. Yeroo booda, isaa wajjin akkan jiraadhu barbaadee kan ture taʼus, yaaliinsaa kun matumaa utuu hin milkaaʼin hafeera.

Maaticha kan bulchan adaadaawwankoo warra angafa abbaakoo turanidha. Akaakayyuunkoo nama amantii taʼuu baatus, adaadaawwankoo garuu amantii Saawuzarni Baaptiisti jedhamu cimsanii hordofu turan. Akka na reeban na doorsisuudhaan yeroo hunda Dilbata humnaanan mana sagadaa na geessu turan. Kanaaf ijoollummaa kootii kaasee amantiidhaaf dhimma hin qabun ture. Haataʼu malee barumsaafi ispoortii baayʼeen jaalladha ture.

Wanta Jireenyikoo Akka Jijjiiramu Godhe

Guyyaa tokko waaree booda bara 1941, yeroo umriinkoo waggaa 15 turetti maanguddoon tokko haadha manaasaa wajjin mana keenya dhufan. Ani “wasiilakee Taalmaaji Raaskiinan” jedhama naan jedhe. Kanaan dura waaʼeesaa dhagaʼee kanan hin beekne taʼus, Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaan bare. Wanti inni, kaayyoo Waaqayyo namoonni barabaraaf lafarra akka jiraatan qabu ilaalchisee dubbate, wantan mana sagadaatti dhagaʼerraa baayʼee adda ture. Harki caalaan maatichaa wanta isaan dubbatan fudhachuu dhiisuusaaniirrayyuu isaan jibban. Ergasii lammata akka hin dhufne isaan dhowwan. Haataʼu malee, adaadaankoo Meerii jedhamtuufi waggaa sadii qofa naa angaftu, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu ibsuuf gargaaran fudhatte.

Meeriin utuu hin turin dhugaa Macaafa Qulqulluu akka argatte amanuudhaan bara 1942 Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taatee cuuphamte. Wanti Yesus, “Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in taʼu” jedhes isheerratti raawwatameera. (Mat. 10:34-36) Mormiin maatiirraa isheerra gaʼu ittuma caale. Angafni Meerii biyyicha keessatti iddoo guddaa kan qabdu waan turteef bulchaa magaalichaa wajjin walii galuudhaan Wasiillikoo Taalmaaji hiisisan. Himanni isarratti dhihaate, ‘Heyyama malee barreeffamoota gurgura’ kan jedhu ture. Kanaaf akka nama balleessaa qabuutti itti murteeffame.

Gaazexaan magaalichatti maxxanfamu tokko, namni bulchaa magaalichaafi abbaa murtii taʼe kun namoota mana murtichaatti argamaniin, “Barreeffamni namichi kun raabsaa jiru . . . akka summii balaa kan geessisudha” akka jedhe gabaaseera. Wasiillikoo dhimmicha ol iyyannoodhaan kan moʼe taʼus, hamma deebii argatutti guyyaa kudhaniif hidhameera.

Akkatti Adaadaankoo Meeriin Na Gargaarte

Meeriin waaʼee amantiishee isa haaraa natti himuu malees, ollaawwan keenyaaf lallabuu jalqabde. Nama kitaaba Ze Niwuu Worlid * jedhamu fudhate tokko Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu yommuu dhaqxu ishee duukaan deeme. Haati manaasaa, abbaan manaashee halkan guutuu kitaabicha dubbisaa akka bule nutti himte. Dhimma amantii wajjin wal qabate keessa dafee galuu kanan hin barbaanne taʼus, wantan barachaa ture natti toleera. Hunda caalaa garuu Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota Waaqayyoo akka taʼan kan na amansiise, barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu qofa utuu hin taʼin ariʼatama isaanirra gaʼu ture.

Fakkeenyaaf gaaf tokko, aniifi Meeriin timaatimiitti soqaa turree gara manaatti yommuu deebinu obboleettonnishee warri angafaa sadan barreeffamoota, foonoogiraafiifi waraabbii sagalee ergaa Macaafa Qulqulluu qabatan akka jalaa guban argine. Garmalee aaree kanan ture taʼus, adaadaankoo isheen tokko, “Wanta nuyi goone kanaaf gaaf tokko nu galateeffatta” jettee tasgabbiidhaan deebii naa kennite.

Meeriin amantiishee isa haaraafi lallabuushee dhiisuu waan diddeef bara 1943 manaa ariʼamte. Yeroo sanatti Waaqayyo maqaa Yihowaa jedhamu kan qabu taʼuusaarrayyuu, Waaqa jaalala qabeessaafi gara laafessa ibidda qilillee keessatti nama hin gubne taʼuusaa baradheen ture. Kana malees walgaʼiirratti argamee kanan hin beekne taʼullee, Yihowaan jaarmiyaa jaalala qabeessa akka qabu hubadheen ture.

Gaaf tokko okaa haamee tuulaa utuun jiruu konkolaataan tokko suuta jedhee garakootti kan adeemee siʼa taʼu, namoota achi keessa turan keessaa tokko ‘Fireed jechuun siʼii?’ jedhee na gaafate. Dhugaa Baatota taʼuusaanii yommuun baru, “Ol lixee bakka qoofnii taʼe dhaqnee waliin haa haasofnu” jedheen deebiseef. Akka dhufanii na haasofsiisan kan godhe Meerii turte. Obboloota kana keessaa tokko daawwataa olaanaa kan taʼe Shiildi Tuutijiʼaan jedhamu siʼa taʼu, yeroo haalaan na barbaachise kanatti jajjabinaafi karaa hafuuraa qajeelfama naa kenneera. Amantii Dhugaa Baatota Yihowaa cinaa dhaabachuu yeroon jalqabe kanatti maatiinkoo garmalee na mormuutti kaʼan.

Meeriin bakka itti baqatte Varjiiniyaadhaa, ‘Yihowaa tajaajiluuf murteessiteetta taanaan dhuftee na bira jiraachuu dandeessa’ jettee xalayaa naa barreessite. Anis ishee bira dhaquuf yeruma sanan murteesse. Gaaf tokko guyyaa Jimaataa waaree booda Onkoloolessa 1943, miʼa na barbaachisan saanduqa tokkotti naqee manarraa fageesseen mukarra kaaʼe. Sanbadduraa, utuu namni na hin argin dhaqee saanduqicha fuudhee karaa biraarra goreen gara magaalaatti qajeele. Magaalaa Roʼaanokee kanan dhaqe siʼa taʼu, mana Ednaa Faawulsittin Meerii argadhe.

Karaa Hafuuraa Guddachuu, Cuuphamuufi Betʼel Galuu

Ednaan Dhugaa Baatuu dibamtoota keessaa tokko taateefi jaalala kan qabdu yommuu taʼu, akkuma Liidiyaa ishee bara durii ooʼa qabeettii kan taatedha. Mana guddaa isheen kireeffatte keessa adaadaakoo Meerii malees, haadha manaa obboleessashee ijoolleeshee lamaa wajjin achi jiraatu turan. Shamarran kun, jechuunis Gilaadisiifi Girees Giriigoriin yeroo booda misiyoonota taʼaniiru. Gilaadis yeroo ammaa umriinshee waggoota 90mman keessa kan jiru yommuu taʼu waajjira damee Jaappaanitti tajaajilaa jirti.

Mana Ednaa yommuun jiraadhutti yeroo hunda walgaʼiirratti argamaafi tajaajilarratti leenjii argachuun jalqabe. Macaafa Qulqulluu dubbisuufi walgaʼii gumiirratti argamuunkoo caalaatti Yihowaa beekuuf na gargaareera. Achiis Waxabajjii 14, 1944 nan cuuphame. Meerii, Gilaadisiifi Girees qajeelchaa taʼanii tajaajiluu kan jalqaban siʼa taʼu, kaaba Varjiiniyaatti ramadaman. Lallaba isaan Leesburgitti godhaniin gumiin tokko hundeeffameera. Anis jalqaba bara 1946⁠tti biyya isaanitti dhihoo jiru tokkotti qajeelchaa taʼeen ramadame. Ganna bara kanaatti walgaʼii biyyoolessaa hin irraanfatamneefi Hagayya 4-11 Kileevlaandi, Ohaayootti geggeeffamerratti argamuuf waliin deemne.

Walgaʼii kanarratti Naataan Noor inni yeroo sanatti jaarmiyaa kana keessatti itti gaafatamaa ture, Betʼel Biruukiliin balʼisuuf karoorri baafamuusaa ibse. Kunimmoo bakka jireenyaa haaraa ijaaruu malees, gamoo meeshaa maxxansaa dabalataa ijaaruu kan gaafatu ture. Kanaaf dargaggoonni hedduun ni barbaachisu turan. Bakkan itti Yihowaa tajaajiluu qabu asidha jedheen murteesse. Anis foormii naaf kenname guutee kanan deebise yommuu taʼu, jiʼoota muraasa gidduutti, jechuunis Muddee 1, 1946 Betʼelittan waamame.

Waggaa tokko booda, ilaaltuu olaanaa kutaa maxxansaa kan taʼe Maaksi Laarsan Kutaa Xalayaatti utuun hojjechaa jiruu dhufee na haasofsiise. Innis Kutaa Tajaajilaatti hojjechuuf akkan ramadame natti hime. Kutaa kanatti keessumaa obboleessa keenya Toomaas J. (Buud) Suliivaan isa ilaaltuu olaanaa kutaa kanaa taʼee wajjin ennaan hojjedhu, akkamitti seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun akka dandaʼamuufi akkaataa jaarmiyaan Waaqayyoo itti hojjetu ilaalchisee wanta hedduu baradheera.

Abbaankoo Betʼel dhufee yeroo baayʼee na gaafata ture. Yeroo booda nama amantii taʼee ture. Bara 1965 yeroo xumuraaf dhufee ennaa na gaafatu, “Ati dhuftee na gaafachuu dandeessa, ani garuu kana booda matumaa as dhufee si hin gaafadhu” naan jedhee ture. Duʼuusaa dura yeroo muraasaaf dhaqee isa gaafadheera. Abbaankoo gara samiin dhaqa jedhee amana ture. Ani garuu Yihowaan duʼaa isa kaasee, bakka abbaankoo yaadetti utuu hin taʼin, lafa ishee deebitee Jannata taaturra barabaraaf akka isa jiraachisu abdiin qaba.

Walgaʼii Gurguddaafi Hojii Ijaarsaa Hin Irraanfatamne

Yeroo mara walgaʼiiwwan gurguddaan karaa hafuuraa akka guddannu gumaacha guddaa godhu. Keessumaa walgaʼiin biyyoolessaa baroota 1950⁠nitti Niiwu Yoorki Istaadiyomii Yaankiitti godhame kun dhugaa taʼuusaa argisiisa. Bara 1958 walgaʼii Istaadiyomii Yaankii, akkasumas Pooloo Giraawundis jedhamanitti godhame tokkorratti namoonni 253,922 taʼaniifi biyyoota 123 keessaa dhufan argamanii turan. Wanta walgaʼii sanarratti na mudatee ture tokko matumaa hin irraanfadhu. Walgaʼicharratti obboloota gargaaree hojjechaa utuun jiruu Obboleessi Keenya Noor sardamaa garakoo dhufee, “Fireed qajeelchitoonni hundi galma dhihoo keenya jiru kireeffanne keessatti nu eegaa jiru; animmoo obboleessa haasaa isaaniif kennu ramaduun irraanfadhe. Maaloo mataduree hamma achi geessutti sii dhufe tokkorratti hundooftee haasaa gaarii kennuufii dandeessaa?” naan jedhe. Dhaqaa utuun jiruu arganaan irra deddeebiʼee kadhannaa dhiheesse.

Baroota 1950nniifi 1960nnitti Niiwu Yoorki Siitii keessatti gumiiwwan haala ajaaʼibsiisaa taʼeen dabalaa waan deemaniif, gamoowwan Galma Mootummaatiif kireeffanne gaʼuu hin dandeenye. Kanaaf, bara 1970 hanga 1990⁠tti naannoo Maanhatenitti gamoowwan sadii bitamanii bakka walgaʼiitiif akka taʼanitti bifa haaraatiin ijaaraman. Pirojektii kana keessatti dura taaʼaa koree ijaarsaa yommuun taʼu, carraaqqii gumiiwwan hojii ijaarsaa kana qarshiidhaan deggeruufi gamoowwan kana dafanii xumuruuf godhan, Yihowaan akkamitti akka isaanii eebbise hin irraanfadhu. Gamoowwan kun yeroo harʼaa handhuura waaqeffannaa dhugaa taʼanii tajaajilaa jiru.

Jijjiiramawwan Jireenyakoo Keessatti Raawwataman

Gaaf tokko bara 1957 Bakka Jireenyaa Betʼeliifi kutaa maxxansaa gidduu iddoo konkolaattonni dhaabatan keessa utuun deemaa jiruu bokkaan roobuu jalqabe. Shamarree bareedduun rifeensa bifa warqee qabduufi miseensa maatii Betʼel haaraa taate tokko na dura utuu deemtuun arge. Dibaabee qabattee waan hin turreef, dibaabee koon isheerra qabe. Maarijirii wajjin kanan wal bare akkasitti yommuu taʼu, bara 1960⁠tti erga gaaʼela godhannee kaasee yeroo roobaas taʼe yeroo aduutti gammachuudhaan waliin Yihowaa tajaajilaa jirra. Gaaʼela erga godhannee waggaa 50⁠ffaa keenya Fulbaana 2010 kabajneerra.

Guyyaa cidha keenyaa bashannanaaf bakka deemnee akkuma deebineen Obboleessi Keenya Noor, Mana Barumsaa Giilʼaaditti barsiisuuf akkan ramadame natti hime. Kun mirga adda taʼedha! Kutaawwan shan bara 1961 hanga 1965 turetti irra caalaansaa obboloota miseensota waajjira damee taʼaniif, akkaataa waajjirri damee itti gurmeeffamu ilaalchisee leenjiin yeroo dheeraa fudhate kennameeraaf. Birraa bara 1965 dheerinni yeroo leenjiin kun itti kennamu akkuma isa duraa jiʼa shanitti kan gad buʼe siʼa taʼu, misiyoonota leenjisuurratti akka xiyyeeffatu godhame.

Bara 1972 Mana Barumsaa Giilʼaadii, ilaaltuu olaanaa taʼeen Kutaa Xalayaattan ramadame. Qorannaan ani gaaffiiwwan addaddaa deebisuufi rakkoowwan hiikuuf godhu, wanta Dubbiin Waaqayyoo barsiisu caalaatti akkan hubadhu, akkasumas warra kaan yommuun gargaaru seera buʼuuraa Waaqayyo isa hundarra caalu akkamitti hojiirra akka oolchan akka gaariitti hubachuuf na gargaareera.

Achiis bara 1987 dippaartimentii haaraa jechuunis, Tajaajila Odeeffannoo Hospitaalaa jedhamuttan ramadame. Jaarsoliin Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessatti hojjetan dhiiga ilaalchisee ejjennoo Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe nuyi qabnu doktoorotaaf, abbootii murtiifi hojjettoota tajaajila hawaasaatiif akkamitti akka ibsan barsiisuuf Seeminaaronni hedduun ni qophaaʼu turan. Yeroo sanatti rakkina guddaa kan ture doktooronni heyyama warraa malee ijoollee Dhugaa Baatota taʼaniif dhiiga kan kennan yommuu taʼu, kana gochuufis yeroo baayʼee manneen murtiirraa heyyama argatu turan.

Bakka dhiigaa filannaa jiru garabiraa doktoorotaaf yaada siʼa dhiheessinu, gosni yaalii fayyaa kun akka hin jirre ykn baayʼee miyaaʼaa akka taʼan nuu ibsu turan. Yeroo baayʼee doktoorri yaalii fayyaa baqassanii walʼaanuu godhu yaada kana yommuu naa dhiheessu, “Mee harkakee diriirsin!” jedhaan; gaafa inni harkasaa diriirsus, “Dhiiga ilaalchisee filannaa jiran hunda caalaa hojii guddaa kan raawwatu harka keetin” jedhaan. Yaanni dinqisiifannaa qabu akkasii, doktoorri kun meeshaa baqassanii walʼaanuu isa akka gaariitti beekuutti of eeggannoodhaan fayyadamee dhiigni baayʼeen utuu hin dhangalaʼin akka itti fayyadamu isa yaadachiisa ture.

Yihowaan, carraaqqii waggoota digdama darban keessatti doktoorotaafi abbootii murtii barsiisuuf godhame haalaan eebbiseera. Namoonni kun ejjennoo keenya caalaatti hubachaa ennaa deeman ilaalchisaaniis ammasuma jijjiirameera. Kana malees qorannaan gama yaalii fayyaatiin godhame, yaaliin fayyaa iddoo dhiigaa kennamu faayidaa guddaa akka qabu mirkaneessuusaa kan hubatan taʼuusaarrayyuu, doktooronniifi hospitaalonni hedduun dhukkubsataa isaanitti ergamuuf yaalii fayyaa akkasii gochuuf qophaaʼoo turan.

Bara 1996 kaasee aniifi Maarjiriin Handhuura Barumsaa Masaraa Eegumsaa Paatarsan, Niwuu Yoork ishee Biruukiliin kaabatti kiilomeetira 110 fagaattee argamtu keessatti tajaajilaa jirra. Achittis Kutaa Tajaajilaatti yeroo muraasaaf hojjechaan ture; akkasumas miseensota waajjira dameefi daawwattoota olaanaa yeroo muraasaaf barsiiseera. Waggoota 12n darbaniif ammas Kutaa Xalayaatti ilaaltuu olaanaa taʼee tajaajilaa kanan jiru yommuu taʼu, kutaan kun Biruukiliinii gara Paatarsanitti jijjiirameera.

Haala Rakkisaa Dullumni Fidu

Amma umriinkoo gara walakkeessa waggoota 80⁠niitti waan siqeef itti gaafatamummaan Betʼel keessatti qabu raawwachuun caalaatti natti ulfaachaa jira. Waggoota kudhanii oliif dhukkuba kaansarii wajjin qabsaaʼaan jira. Akka Hisqiyaas isa Yihowaan umrii isaaf dabalee akkan taʼe natti dhagaʼama. (Isa. 38:5) Haati manaakoos fayyaa dhabaa kan jirtu siʼa taʼu, dhukkuba Alzaayimarii [dhukkuba waa irraanfachuu] jedhamu ishee qabate dandeessee akka jiraattuuf hamma dandeenye gochaa jirra. Maarjiriin tajaajiltuu Yihowaa gaʼumsa qabdu, dargaggoota gorsitu, anaafimmoo gargaartuu amanamtuufi michuu gaarii taatedha. Isheen yeroo hunda barattuu Macaafa Qulqulluu cimtuu taateefi akka gaariitti Macaafa Qulqulluu barsiistu ennaa taatu, obboloota karaa hafuuraa ijoollee keenya taʼan hedduu wajjin hamma ammaattillee walitti dhufeenyi keenya cimaadha.

Adaadaankoo Meeriin umrii waggaa 87⁠tti Bitootessa 2010 duuteetti. Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti kan barsiistu taʼuushee malees warri kaan waaqeffannaa dhugaa cinaa akka dhaabatan gargaarteetti. Meeriin waggoota hedduudhaaf tajaajila yeroo guutuurratti hirmaatteetti. Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru akkan beeku, kana malees akkumashee Yihowaa Waaqa keenya isa jaalala qabeessa akkan tajaajilu waan na gargaarteef baayʼeen ishee galateeffadha. Meeriin abbaa manaashee isa kanaan dura Israaʼelitti misiyoonii taʼee tajaajilaa ture cinaatti awwaalamte. Yihowaan namoota kana lamaan duʼaa akka kaasu amanannaa guddaan qaba.

Waggoota 67 ani itti Yihowaa tajaajile gara boodaatti gaafan ilaalu, eebba guddaa argadheef baayʼeen galateeffadha. Fedha Yihowaa raawwachuun yoomiyyuu na gammachiisa! Gaarummaa Yihowaatti amanamuudhaan badhaasa Ilmisaa akka armaan gadiitti dubbate akkan argadhu amantii guddaan qaba: “Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookiis haadha yookiis ijoollee yookiis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata.”Mat. 19:29.

[Miiljalee]

^ key. 11 Bara 1942⁠tti Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfame siʼa taʼu, yeroo ammaa maxxanfamaa hin jiru.

[Fakkii fuula 19⁠rra jiru]

Bara 1928 Joorjiyaa, Ameerikaa lafa qonnaa akaakayyuukoo keessatti

[Fakkii fuula 19⁠rra jiru]

Adaadaakoo Meeriifi Wasiilakoo Taalmaaji

[Fakkii fuula 20⁠rra jiru]

Meerii, Giladiisiifi Girees

[Fakkii fuula 20⁠rra jiru]

Waxabajjii 14, 1944 yommuun cuuphamu

[Fakkii fuula 20⁠rra jiru]

Betʼel Kutaa Tajaajilaa keessatti

[Fakkii fuula 21⁠rra jiru]

Bara 1958 walgaʼii biyyoolessaa Istaadiyomii Yaankiitti godhametti Meerii wajjin

[Fakkii fuula 21⁠rra jiru]

Maarjirii wajjin guyyaa cidha keenyaa

[Fakkii fuula 21⁠rra jiru]

Anaafi Maarjirii bara 2008